Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gamtaan Afrikaa fi IGAD waa'ee filannoo Itoophiyaa maal jedhan?
Dursitoonni garee tajjabdoota IGAD fi Gamtaa Afrikaa (AU) adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa tajjabbii isaanii kan marsaa duraa ibsaniiru.
Tajjabdoonni kunneen filannoo kana irratti qajeeltoowwan filannoo idil-addunyaa fi teeknoolooojiiwwan haaraan hojiirra ooluu hubanneerra jedhan.
Hirmaannaa uummanni filannicha irratti taasises dinqisiifataniiru.
Dursituun garee taajjabdootaa IGAD Dr. Ispeesuuweesaa Waandaraa Kaazuubeen, biyyoota adda addaa keessatti filannoowwan hedduu taajjabuu eeranii, garuu cichoomina ummanni Itoophiyaa taasise adda ta'uu ibsan.
"Biyyoota hedduu keessatti filannoo hordofneerra. Garuu buufataalee filannoo hedduu keessatti namoonni sa'aatii ganamaa irraa eegalee hanga halkan walakaatti dhaabbatanii bakka bu'oota isaanii filachuun obsaa fi naamuusa dinqisiisaa ta'e agarsiisan jedhan.
"Filannoon kun uummanni adeemsa dimokraasii irratti dammaqinaan hirmaachuu agarsiiseeras," jechuun himan.
Dubartoonni qaama miidhamtoonnii fi maanguddoota dabalatee hawaasni hedduun filannicha irratti hirmaachuu taajjabuus himan.
Kana malees, hojii Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa gama hubannoo kennuu fi filannicha milkeessuuf taasises jajan.
Dhaabbileen hawaasa siiviilii 169 filannoo ilaalchisee hojii hubannoo uumurratti bobba'uun hojjetaa turuu himan.
Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaas yeroo wal falmii dhaabbilee siyaasaaaf kennuun filannoo kana irratti iftoominni guddaan akka uumamu taasisan jedhan.
Haata'uu malee, hirmaannaan dubartootaa fooyya'iinsa agarsiisus, lakkoofsi kaadhimamtoota filannoo fi hoggansaa keessatti ammallee gadi aanaa ta'uu himan.
Kanaaf, sirna dubartootaa fi dargaggootaa jajjabeessu akka diriirsan mootummaa fi paartilee siyaasaaf waamicha taasisan.
Guyyaa filannoo, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Somaalee, Kibba Itoophiyaa fi bulchiinsa magaalotaa Finfinnee fi Dirree Dawaa keessa naanna'uun buufataalee filannoo 208 daawwachuu kaasanii filannichi karaa sirri ta'een gaggeefamuu dubbatan.
Haata'u malee, rakkooleen nageenyaa naanno Tigraay keessatti fi naannoo Amaaraa bakka muraasa keessatti filannoon akka hin gaggeeffamne taasisuu isaaniis hubachuu eeraniru.
Gamtaan Afrikaa hoo maal taajjabe?
Dursaan garee Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afrikaa fi Pireezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa, hojii mootummaan Itoophiyaa dimokraasii cimsuuf hojjete nan dinqisidha jedha.
Adeemsi filannoo waliigalaa Itoophiyaa adeemsa seeraa Itoophiyaa fi sadarkaa idil-addunyaa kan hordofe ta'uu isaa tajjabbi isaaniin mirkaneessuu gabaasa taajjabbii marsaa duraa isaanii kanaan eeraniiru.
Adeemsi filannoo kun qophii isaarra kaasee milkaa'aa ta'uu isaa kan ibsan Uhuuruu Keeniyaataa, Gamtaan Afrikaa jala bultii filannootii kaasee qaamota dhimmi ilaallatu waliin mari'achaa turuu himaniiru.
Kenniinsa barnoota filattootaa ilaalchisee, uummanni akkaataa sagalee itti kennu irratti hubannoo sirrii akka argatu kan taasifame ta'uu fi qindoominni guyyaa filannoo ture filattootaaf haala mijeessuusaa taajjabneerra jedhu.
Tekinoolojiin adeemsa filannoo keessatti hojiirra oole keessumaa dargaggootaaf carraa guddaa uumus eeran.
Sa'aatiin sagalee kenninsaa dheerachuun filattootaaf carraa dabalataa akka uumee fi adeemsa sagalee kenniinsaatti qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dursa kennuun hirmaannaa lammiilee haala guddaan akka dabalu taasisuullee dubbatan
Akkasumas, hirmaannaan uummanni Itoophiyaa filannicharratti argisiisee fi itti gaafatamummaa guddaa ba'uu isaa Uhuruu Keeniyaataan jajaniiru.