WBO uggura geejjibaa filannoo gufachiisuuf labsuu hime kaase jedhe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan maqaa ABO-WBO jedhuun of waamuu fi mootummaan 'Shanee' jedhuun uggura geejjibaa fi daldalaa tibbana ' labsee' ture kaase jedhe.

Gareen hidhatee Oromiyaa keessa socho'u kun filannoo Waliigalaa Itoophiyaa Wixata darbe gaggeefame gufachiisuuf jecha Oromiyaa keessatti tajaajilli geejjibaa akka hin jiraannee 'guyyoota jahaaf 'gaggeessuu isaa eere.

Filannoon marsaa 7ffaa Itoophiyaan gaggeesite irratti uummanni miliyoona 40 ol sagalee kennuun xumuramuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksieera.

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Adde Meelaatewaq buufataalee filannoo tokko tokko keessatti rakkoo nageenyaa mudateen sagalee kennuun jalqabee kan adda cite jiraachuu himan.

''Buufataalee filannoo Makkoo Saachii rakkoon nageenyaa waan jiruuf sagalee kennuu itti fufuu hin dandeenye.

Billoo Nooppaas akkasuma garuu Boordichi boru haala mijeessee sagalee akka kennan gochuuf murteesera,'' jedhan.

ABO-WBO Ibsa Waxabajjii 02, 2026 baaseen uggurri gaggeefamaa ture 'kaayyoo isaa guutummaatti galmaan ga'uu fi xumuramuu' ibseera.

Garichi Caamsaa 29, 2026tti ibsa baasee tureen guyyaa sanarraa eegalee geejjibi fi sochiin gosa kamuu torban tokkoof dhorkamuu kan labsee ture.

Wayita uggura kaa'ame kanattis, konkolaataan kamuu akkasumas sochiin daldalaa kamuu akka dhorkamu ibse.

Kanneen hojii gargaarsa namoomaa hojjetanii fi ambuulaansiiwwan namoota dhukkubsatan deddeebisanirraa kan hafe kanneen biroo socho'uu akka hin dandeenye fi kanneen dhorkaa kana darban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu doorsisee ture.

Kana malees dippiloomaatonni magaalaa guddoo biyyattii keessa jiran wayita ugguraa kana keessa imala gara Oromiyaatti taasisan kamuu akka haqan jechuun ibsuun isaa ni yaadatama.

Akka ibsa WBO 'tti kaayyoon ugguraa kanaattii diraamaan maqaa Filannootin hojjatamu akka gufatu gochuudha.

Filannoo fakkeesssaaf raawwatamuu fi dursee xumurame ''gufachiisuu fi Oromiyaan bakki hedduU harka mootummaa akka hin jirre mul'isuun kaayyoo uggura kanaati jedhe ibsi kun

''Kaayyoon kun lammanuu guutumatti milkaa'era'' jedhe.

MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed erga Bashaashaatti sagalee isaanii kennaniin booda hirmaannaan ummanni filannoo kanarratti agarsiisaa jiru dinqisiifachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

''Adeemsa dimokiraasii biyyattiin ijaaraa jirtu gufachuusuuf yaaliin gara garaa taasifamus, ummanni Itoophiyaa hololaaf osoo gurra hin kenniin sagalee isaa kennaa jira'' jedhan.

MM Abiy Ahimad filannoon baranaa kun akka karoora warra seenaa keessatti 'diinota Itoophiyaafi bitamtoota isaaniitiif' nagaan hin gaggeeffamu ture jechuun, kutannoon ummata Itoophiyaa agarsiisaan milka'aa jiraachuus himan.

MM Abiy warra seenaa keessatti diina Itoophiyaa jedhaniifi isaaniif akka bitamaniitti kaasan adda baasanii maqaa hin dhoofne.

ABO- WBO mootummaan biyya bulchaa jiru filannoo dhugaa hin taane gaggeessuun fudhatama siyaasaa argachuuf yaalii taasisaa jira jechuun himate.

Uggurri kaa'ame garuu mootummaa irratti dhiibbaa barbaadame uumeera jechuun Roobii Waxabajjii 03, 2026 ganama irraa eegalee uggura kana kaasuuf murteessuu isaa beeksise.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo uggurri kun labsamus ta'ee kaafamu irratti hanga gabaasni kun qophaa'etti ibsa kenne hin qabu.

Haa ta'uu malee, filannoo gufachiisuuf dhaadachuu hidhattootaa hordofee, filannoo irratti rakkoon nageenyaa akka hin muudannee qophii ga'aa taasisuu isaa Humni Waraanaa ibsee ture.

Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan karaa nagaan akka milkaa'uuf raayyaa ittisaa fi qaamolee nageenyaa federaalaa kaan waliin ''qindoominaa fi kutannoon'' hojjechuu isaanii Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibsee ture.

Boordiin filannoo biyaaleessa gama isaan Naannoo Oromiyaa fi Amaaaraa keessatti buufataleen filannoo yaaddoo nageenyaan utuu hin banamin hafanii fi kanneen filannoon jalqabee adda cite akka jiru ibsee ture.

Oromiyaa bakka garaa garaatti walitti bu'iinsi taasifame suuraa fi viidiyoowwaan adda addaa miidiyaa hawaasaa irratti kan qoodamaa jiru yoo ta'u, rakkoo nageenyaa uumame jedhamu kana ilaalchisee gama mootummaatiin waanti jedhame hin jiru.