Dubartiin jalqabaa Afgaan fiixee gaara guddicha addunyaa, Everest irra baate dhaamsa qabdi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Riiver Ahimad wayita bantii gaara guddicha addunyaa kanaa, Everestirra geessu, "gammachuu addaatu" itti dhaga'ame.

Umuriin ishee waggaa 30 kan ta'e Riiver Ahimad, Caamsaa 21, 2026 imala dhumaa sa'aatii 11 itti fudhateen Gaara Everest koruun dubartii jalqabaa Afgaanistaan kana milkeessuu dandeesse taateetti.

Gaarri Everest meetira 8,848.86 dheerachuun addunyaarratti tokkoffaadha.

"Yeroon fiixee bantii addunya kanarra dhaabadhu, humna akkan qabutti natti dhaga'ame," jechuun the BBC World Service'tti dubbatte.

Riiver Ahimad osoo Gaara kana koruu hin jalqabiin "sababa kortuuf akka qabdu... innis bilisummaaf, barnootaaf ta'uu" dubbatteetti.

Milkaa'inashee kana haala rakkisaa Afgaanistaan keessa jiru, biyya Taalibaan erga bara 2021 gara aangootti deebiyee ijoollee durbaafi dubartoota umuriin isaanii waggaa 12 ol ta'e barnootarraa dhorke ittiin mul'isuuf gargaaramuu barbaaddi.

Yeroo gaara guddicha kana kortutti, lafa ol fagoo Kaampii IV jedhamu meetira 7,950 fagaatu keessa darbuun gara fiixee isaa oksijiiniin %30 qofti jiruufi meetira 8,8849 "zoonii du'aa" ["death zone"]tti ce'uu ishee gaafateera.

Kaampii gaaricha jala jirurraa Riiver Ahimad yeroo dubbattu, tulluu sana wayita koraa turte dafqi illee lamaan ishee xuruuru dadhabbiin itti dhaga'ame haleellaa Taalibaan jalaa ba'uuf boolla du'aa isheef baname keessa dabartee gara Austiraaliyaatti baqattee aadaa haaraatti barte argiteen akka wal fakkaatu dubbatti.

Riiver Ahimad kibba-baha Afgaanistaan bakka Gaaznii jedhamtu gaarreen Hinduu Kuush irraa xiqqoo gama kibbaan argamtutti dhalatte. "Guyyaa guyyaan mana barumsaa koo qaqqabuudhaaf gaara kana ba'uufi bu'uuf, akkasumas daandii cabbiin guute keessan darbuun dirqama ture.," jetti.

Yeroo Taalibaan aangoorra ture dubartoota barsiisuun dhorkaa ture keessa dhalatte. Haata'u malee, waarara US'n durfamu bara 2001 erga isaan ari'een booda ijoolleen durbaa mana barumsaatti deebiyuu danda'aniiru, dubartoonnis carraan barnoota ol aanaafi hojiif qabanis bal'atee ture.

Bara 2014 keessa, Riiver Ahimad maatiin ishee akka Kaabul keessatti yunivarsiitii galtee barattuuf hayyamaniif amansiifattee turte. Guyyaa tokko loltoonni Taalibaan baasii yunivarsiitiitti deemaa ture dhaabanii dhukaasa irratti banan dubartiin ishee qofaa ture.

Akka carraa ta'ee guyyaa sana laguu ji'aasheerra waan turteef dhiiga fuulasheetti dibattee isa du'e fakkaattee hanga hidhattoonni sun sokkanitti lafa ciisuun yeroo isaanii duuteetti jedhanii deeman akka kaate yaadatti.

Isaan booda maatiin ishee Kaabulitti galanii booda, isheenis gaazexeessummaa barattee maqaa sobaan gaazexeessituu raadiyoo taatee hojjette. Isaan booda ammoo bara 2019 gara Indiyaa akka deemte kan dubbattu Riiver, waggaa sadii booda ammoo gara Awustiraaliyaatti ce'uun Ingiliffa barattee dhaabbata farniicharii gurguru keessa hojjechuu dubbatti.

Riiver gaara koruun kun kan qalbiishee hawwate haleellaa gaddisiisaa keessa dabarteen boodadha.

Awustiraaliyaa keessa erga ji'a ja'a turtee booda obboleessi ishee umuriin isaa waggaa 20 ta'e lubbuu isaa balleessuun ammoo gadda guddaa caba onnee keessa ishee galche.

Yeroo sanatti ture maqaashee duraan Zakkiyaa jedhamu kan gara kan amma ittin waamamtu Riiver jedhutti jijjiirrachuuf kan murteessite.

Maqaa kanas kan filatteef kaggeen Awustiraaliyaa keessa jiran ilaaluun ture. Hiikni maqaa ishee Riiver jechu 'Laga' bishaanii akka jechuuti.

"Lageen qulqulluufi kan isaan dhaabu hin jirredha, waan fedhe ta'us inuma yaa'u. Anis akkuma sana ta'uun qabe jedheen yaade."

Isaan booda Riiver Ahimad garee gaara koruuf ijaarame Sydney Harbour Bridge jedhutti makamte. "Yeroon gara samiitti ol bahu keessuu gammadeen of arga ture. Kan ofirratti ergan hubadhee yaadni gaara baatuu ta'uu na keessa bule," jetti.

Achumarraan yaadni gaara guddicha addunyaa, Everest, koruus na keessatti uumamuu jalqabe.

Garee jiimii tokkotti makamuun shaakala jalqabuun bakkawwan ol ka'oo ta'an Meelbarnitti dhiyoo jiranirra bahuu jalqabde. Kana cinaatti ammoo baasii gaara koruuf ishee barbaachisu dolaara 85,000 walitti qabachuuf yaaluutti kaate.

Baasii gaara irra ba'uuf ishee barbaachisu harka afur keessaa tokko kan ofiin of dandeesse yoo ta'u, isa hafe ammoo dhaabbata tokkorraa liqaan akka argatte dubbatti.

"Maallaqa walitti qabachuun baayyee rakkisaadha. Gaara ba'uu kanaaf ispoonsara tokkollee hin arganne," jetti. Haata'u malee, gara fuula duraatti imala gaara ba'uu gochuuf jirtuuf garuu akka argattu abdatti.

Bitootessa keessa naannoo gaarri Everest argamu erga qaqqabdeen booda, gaarreen lama dheerinni isaanii meetira 6,000 ta'an koruun shaakalaa qilleensa isatti baruuf torban baayyee dabarsite.

Namoota bara kana mootummaan Neppaal akka gaara Everest koraniif hayyameef 500 keessaa isheen tokkodha.

Lakkoofsi namootaa akka gaara Everets koraniif hayyamame kan baranaa kun isa baayye guddaafi rikkardii haaraa ta'edha, haata'u maleem lakkofsi namootaa baayyachuun ammoo rakkoollee fideera.

Tokkoo tokkoon nama gaara kana ba'uu, yoo xiqqaate nama isa/ishee gargaaru tokko qabatee kora. Namoonni warra gaara koran kana gargaaruun gaggeessan ammoo yeroo baayyee lammilee Neeppaal, hawaasa Sherpaa keessaati. Kana jechuun ammoo namoota 500 akka gaara Everest koraniif barana mootummaan hayyameef warra isaan gargaaran dabalatee yoo xiqqaate namoota 1,000 ta'anitu gaara kana kore.

Kana malees, bara kana namoonni Tibeet gama Chaayinaarraa gaara kana koranis lammilee biyya alaa gaara kanan koranitti kan dhiyaate yoo ta'u, kunis dhiibbaa jiru dabaleera.

Waggaatti waqtiin mijataa itti fiixee gaara kanaarra ga'uuf nama dandeessisu gabaabaadha. Kunis, walakkeessa ji'a Caamsaan booda. Yeroo haalli qilleensaa mijataa ta'etti guyyootaaf hiriirri dheeraan uumamee mul'ateera.

Riiver Ahimad akka jettutti, isheefi namoonni ishee gaggeessan lama fiixee gaara Everestitti erga dhiyaatanii booda sababa haala qilleensaa rakkisaa qorri isaa -25C gadi ta'eef sa'aatii afuriif eeganiiru.

"Baayina namaarraan kan ka'e karaan dhiphoo sun danqamtee... baayyee fokkisaadha," jetti. "Ani baayyee sodaadheen ture."

Saatii dheeraa dhaabatanii eeguun sun imalashee fiixee gaara kanaarra qaqqabuu karaatti jalaa hambisaa laata jettee sodaachuu dubbatti. Ogeessonni akka jedhanitti, hiriirra dheeraa uumamee saatii dheeraa dhaabatanii eeguun balaa hanga lubbuu galaafatuutti mudatu hordofsiisuu mala.

Sababiin isaa ammoo, oksijiiniin namoonni gaara koran qabatanii deeman dhumaa deemuu danda'a, akkasumas turtii keessa qorraan hanga goguutti ga'uufi sababa cabbiin arguu dhabuurra gahuu danda'a.

Hojjetoota lammilee Neppaal ta'an gargaarsaan nama gaggeessan hayyamni isaan hin barbaachifne dabalatee, guyyaa sana namoota 160 turan kan fiixeerra gahan.

Kun ammoo isa dura guyyaa tokko seenaa keessatti lakkoofsa rikkardii ta'e namoota 274 koruutti aanee ture. Isatti aanee guyyaa tokkoon booda garuu namoonni Indiyaarraa ta'an gaara kana bahaa turan lama ni du'an.

Yaaddoo dabalaa dhufe hordofuun mootummaan Neppaal waggoota dhiyoo as gatii hayyamaa kan dabale yoo ta'u, namoota gaara kana koruuf hayyamaaf iyyatanittis ulaagaa barbaachisu cinmseera.

Kana malees, aanga'oonni oppereetaroota imala gara gaaraarratti bobba'an waliin hojjechuun yeroon fiixee gaarichaarra ba'an akka walirraa sisiquuf hojjecha ajiru. Haata'u malee, kun hojmaata bu'a qabeessa miti jedhu qeeqxonni.

Riiver Ahimad ogeessotaafi namoota ishee gaggeessaniifi ishee gargaaraniif "baayyee galata guddaa" akka qabdu dubbatti. Fiixaa gaara kanaarra wayita geesses gammachuu guddaa akka itti dhaga'ameefi yeroo achii gadi bu'an ammoo yeroo koran caalaa salphaa waan tureef hedduu akka itti tole ibsiti.

Gammachuu fiixee gaara Everestirra gahuu qofa miti, bantii Dacheerra dhaabatanii uumamni maal akka fakkaatu arguun muuxannoo umurii guutuu argachuudha," jetti. "Miira gammachuu akka kanaa guutummaattan dhadhamadhe."

Kun lammilee Afgaaniistaan biratti miira "ajaa'ibaa' uume. Pirezidantii duraanii Hamiid Karzaa'i dabalatee kun milkaa'ina dubartoota Afgaan akka ta'etti itti gammaduun kabajan.

"Kun waan baayyisee rakkisaafi hin danda;'amellee hojjechuun akka danda'amu biyyatti ergaa dabarse," jetti.

Haata'u malee, ergaan ishee inni guddaan gaara koruutiin gamadha. "Hanga har'aattillee ijoolleen durbaa Afgaan miliyoonaan lakkaa'aman mirga bu'uuraa barachuu dhorkamanii waan jiraniif gaara sana koruun nirra jira," jetti Riiver Ahimad.

Mootummaan Taalibaan jalqaba ijoollee durbaafi dubartoota barnoota sadarka alamaffaafi barnoota olaanaarraa sababa yaaddoo nageenyaa dhiyeessuun yeroof akka dhorke hime.

Dhiyoo kana BBC/n itti-aanaa mootummaa dhimma kanarratti gaafatee jennaan inni ammoo gara ministeera barnootaatti qajeelchus achirraas deebiin hin argamne.

Riiver Ahimad dubartoota Afgaanistaan deeggaruuf maallaqa walitti sassaabuuf karoora akka qabdu kan dubbatte yoo ta'u, ergaa "Ciminaan itti fufaa. Seenaa keenya yeroo kamirrayyu caalaa dukkanaa'aa ta'e kanarra koruu ni dandeessuu ofitti amanaa," jedhu dabarsiteef.