Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Karra eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa: Imala milkii hanga 'filatamaa addunyaatti'
Arsenaal waggaa 20 booda yeroo jalqabaaf dorgommii Chaampiyoonsi Liigii xumuraaf darbeera.
Waancaa Piriimer Liigiittis yeroo kamuu caalaa barana dhihaateera.
Kilabni waancaa lama adamsuun bira ga'aa jiru, gooli eegaa cimaa barichaafis dorgoma jedhanii yaaduun waan yeroo baayyee baratame miti.
Hoji manee hedduutu itti jira. Garuu kun Arsenaal fi Deeviid Raayaaf waan hojjetaa jirudha.
Arsenaal bara kana hanga ammaatti taphoota Piriimer Liigii 36 taphate keessaa 18 irratti gooliin itti hin galle, kanaanis kilaboota liigicha hunda dursaa jira.
Taphi Arsenaal fi West Haam Dilbata (Caamsaa 10, 2026) dirree West Haam irratti taphatan kilaboota lameenuufuu akkaan murteessaa ture.
Arsenaal imala gara waancaatti taasisu cimsachuuf, West Haam ammoo liigicha keessatti hafuuf falmii akkaan eegamu ture.
Deeviid Raayaa tapha addunyaan hundi ija irra buufate kanarratti ga'umsa guddaa argamsiiseen booda gooli eegaa cimaa bara kanaa ta'uun badhaafameera.
Raayaan taphoota waliigalaa Arsenaal bara kana taphate 49 keessaa taphoota 27 gooliin osoo itti hin galin xumureera.
Kanaanis gareen isaa ''gooli eegaa cimaa addunyaa'' jedhaniin.
Tapha murteessaa Dilbataa irratti goolii Arsenaal ittiin injifate kan galche Leyaandiroo Tiroosaard ''bara kanaa baayyee nu gargaare,'' jechuun ga'een Deeviid Raayaa guddaa ta'uu dubbate.
''Dandeettiisaa gama hundaan argita, kubbaa hedduu oolche, waan hedduu gumaache. Akka tapha keessa olaantuummaan turru isa godhe.''
Leenjisaa Mikeel Arteettaas yaada Tiroosaard kana deeggare.
''Kubbaa miillaa keessatti waa'ee taatee murteessaa yoo kaasnu, kubbaa yeroo rakkisaa keessatti oolfamte kaasuun dirqama. Kun dandeettiisaa ajaayibsiisaadha,'' jedhe.
Amma Deeviid Raayaan gooli eegaa yoo xiqqaate taphoota 100 irratti gooliin muraasi itti lakkaa'e afraffaa ta'eera.
Raayaan 0.79 yoo ta'u, Peter Chek 0.72, Edwiin Vaan dar Saar 0.76 fi Edersan 0.78.
Deeviid Raayaa eenyu?
Bara 1995 magaalaa Ispeen Baareloonaa, kaatalooniyaatti dhalate.
Hojiisaa tokko jedhee Ingilaanditti Bilaakbarn Roovers waliin eegale.
Kilabni kun wayita 2018 League one irraa guddatu waliin ture.
Bara 2019 Bireentifoord seene, garee kana waliinis bara 2021 Chaampiyoonshiippii keessa gara Piriimer Liigiitti guddate.
Bara 2023 ergisaan Arsenaal seene, waggaa booda kontiraata yeroo dheeraa mallatteesse.
Ergasii waggaa sadi walitti aansuun badhaasa goolii eegaa cimaa liigichaa fudhateera.
Bara 2012 umriisaa wagga 17tti gara Ingilaand imaluun Bilaakbarn Rooversi seenuu dura, Ispeen keessatti goolii eegaa, kubbaas taphachaa ture.
Kilaba dargaggootaa biyya Ispeen Cornella jedhamuuf taphateera.
Ingilaanditti kilaba jalqabaa- Bilaakbarn Roovers hanga Bireentifoord
Deeviid Raayaa Adoolessa 2012 carraa akkaadaamii argachuun Bilaakbarni Roovers seenullee, akka taphataa pirofeeshinaalaatti kontiraata isaa kan mallatteesseef Guraandhala 26, 2014 ture.
Bara taphaa 2014-15 ergisaan gara kilaba Saawuzpoort imaluun taphoota 24 irratti erga hirmaatee booda debi'ee bara 2015 ji'a Eblaa keessa kontiraata waggaa sadii mallatteesse.
Raayaan wayita kilabni kun Chaampiyoonshiippii keessaa gara League One gadi bu'u gooli eegaa flannoo jalqabaa ture.
Isa booda kilabni kun akka gara Chaampiyoonshiippiitti deebi'uuf ga'ee olaanaa gumaache.
Rooversiif taphoota 108 irratti erga hirmaatee booda bara 2019 Hagayya 6 kilabuma Chaampoiyoonshiippii keessa ture Bireentifoord seene.
Gatiin inni ittiin seene hin ibsamne, paawondii miiliyoona sadi gabaasi jedhu garuu tureera.
Raayyaan Bireentifoord keessatti bara taphaa jalqabaa 2019-20 badhaasa kubbaa miillaa London Football Awards jedhamurratti gooli eegaa cimaa ta'ee kaadhimamee ture.
Taphoota 16 osoo gooliin itti hin galin waan xumureef bara sana gooli eegaa cimaa ta'uun badhaasa Golden Glove argateera.
Onkoloolessa 2, 2020 kontiraata waggaa afurii dabalataan Bireentifoordiif kan mallatteesse Raayaan, baruma sana taphoota 48 irratti hirmaatee taphoota 17 osoo gooliin itti hin galin xumuruun meedaaliyaan xumure.
Bara taphaa sana Raayaan osoo kubbaan itti hin galin xumuruudhaan gooli eegdota kaan caaluun alatti, kubbaa yeroo 300 tuquun (dabarsuun) Chaampiyoonshiippii keessatti kan ittiin gitu hin turre.
Raayaan bara 2021-22 Piriimer Liigii keessatti Bireentifoordiif jalqabarraa hiriiruun eegale.
Garuu erga Onkoloolessa 2021 miidhamee Amajjii 2022 leenjiitti deebi'e.
Guraandhala keessa ammoo tapha kilabni isaa Evartaniin 4-1n injifatamerratti hirmaate.
Yeroo sanarraa eegalee hanga xumuraatti taphateera, taphoota 25 irratti hirmaachuun xumure.
Raayaan bara taphaa 2022-23 keessallee jalqabarraa hiriiree taphate.
Bara 2023 ji'a Amajjii keessa wayita Bireentifoord osoo hin mo'amin xumure, Piriimer Liigii keessatti gooli eegaa cimaa ji'a sanaa ta'uun kaadhimamee ture.
Ji'uma sana keessa kontiraata haaraa mallatteessuu dide.
Raayaan bara 2022-23 miseensa bulchiinsa kilabichaa ture.
Ragaan Opta Sports akka mul'isutti bara taphaa 2022-23 kubbaa 154 oolchuun akkasumas bara sana keessatti kubbaa baraarame dhibbeentaa 77 qabaachuun taphataa gita hin qabne ta'eera.
Erga bara 2003-04 ragaan kun hordofamuu eegalee gooli eegaa jalqabaa ulaagaa lamaanuu (lakkoofsa kubbaa oolchee fi dhibbeentaa bara taphaa tokko keessa galmeesseen) durse ta'eera.
Imala gara Arsenaal
Deeviid Raayaa Hagayya 15, 2023 waliigaltee waggaa tokkoon ergisaan Arsenaal seene.
Arsenaal ergisaaf paawondii miiliyoona 3 kaffale, bittaaf ammoo paawondii miiliyoona 27 aka kaffalu filannoon tureera.
Raayaan yeroo sana Bireentifoord waliin kontiraata isaa waggaa lamaan dheeresseera, kun qaama waliigaltee Arsenaal waliinii ta'uusaati.
Inumaa Bireentifoord ji'a 12 itti dabaluuf filannoo qaba ture akka waliigaltee kanaatti.
Yeroo Deeviid Raayaa Arsenaal seenu filannoon jalqabaa Arsenaal gooli eegaa Aaroon Raamsideel ture.
Yeroo jalqabaaf Raamsideeliin jijjiiree kan seene Fulbaana 2023 ture.
Ji'uma sana keessa dorgommii Chaampiyoonsi Liigii PSV waliin dirree fi dirreen ala hirmaachuun osoo gooliin itti hin galin xumure.
Raayaan tapha Piriimer Liigii jalqabarraa kan hiriire Fulbaana 24, 2023 tapha Tootanhaam waliin taphatan irratti ture.
Tapha sanarratti ga'umsi Raayaa walmakaa ture. Murtee Arteettaas kan qore ture.
Dhimma kanarratti gaazexeessaan BBC Fiil MaakNaaltii leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan ''wan hin cabne cabsuun jijjiirama hojiirra oolchuu isaaf qormaati isa mudachuun waan hin oolle,'' jedhee ture.
Bitootessa 12, 2024 tapha dorgommii Chaampiyoonsi Liigii 16 keessaa gara nuusa xumuraatti darbuuf Poortoo waliin taphatan irratti peenaalitii lama oolchuun Arsenaal erga 2010 as yeroo jalqabaaf akka saddeet keessa galu gumaacheera.
Kun Arteettaan ''gooli eegaa kana filannoosaa jalqabaa godhachuurratti gumgummii ka'utti furmaata godha,'' jedhe MaakNaaltiin.
Hanga Bitootessa 20, bara 2024tti Raayyaan dirreen ala taphoota ja'arratti osoo gooliin irratti hin lakkaa'imin tureera.
Erga 2008-2009 Edwiin Vaan der Saar milkaa'ina kana galmeessee goolii eegaan ga'umsa Raayaa kana argamsiise hin jiru.
Raayyaan baruma jalqaba Arsenaal seene, 2023-24 goolii eegaa cimaa jedhamuun badhaasa Golden Glove mo'achuunsaa Caamsaa 4, 2024 barame.
Bara sana taphoota 16 irratti gooliin itti hin galle, gooli eegaan ga'umsa akkanaa galmeesses hin turre.
Deeviid Raayaa akka Arsenaalittis akka garee biyyaalessaa Ispeenittis badhaasa kana argachuun nama sadaffaadha.
Raayaan garee taphattoota Piriimer Liigii ciccimoo bara sanaa keessas galeera.
Arsenaal waliin erga Adoolessa 4, 2024 kontiraata yeroo dheeraa mallatteessees ga'umsi Raayaa, gumaachi inni kilabichaaf taasisu daran dabaleera.
Jalqabuma bara taphaa (2024-25) sanarratti kubbaa jifataan Aston Viilaa dhiheenyarraa itti rukute harka tokkoon oolchuun ji'a sana keessa filatameera.
Baruma sana Fulbaana keessa dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti peenaalitii gareen Atlaantaa argate oolchuun goolii eegaa afraffaa dorgommii kanarratti peenaalitii oolche ta'eera.
Mudde 27, 2024 tapha Ipswich Town waliin taphatan dabalatee Deeviid Raayaa taphoota 50 Arsenaaliif taphateen taphoota osoo gooliin irratti hin lakkaa'amin xumure 23 irraan ga'eera.
Kanaanis rikardii bara 1993 gooli eegaa Deeviid Siiman jedhamuun qabamee ture cabseera.
Bara sana Deeviid Siiman taphoota 50 keessaa 22 osoo gooliin irratti hin galin xumure.
Deeviid Raayaa bara taphaa 2024/25 gooli eegaa cimaa ta'ee filatamuun badhaasa Golden Glove yeroo lammaffaaf argateera.
Fulbaana 13, 2025 tapha Nootiingihaan Foorast waliin taphachuun goolii 3 fi 0 dhaan injifatan dabalatee Raayaan taphoota Arsenaaliif taphate 100n ga'e, wayita kana taphoota gooliin itti hin lakkaa'amin xumure 42n ga'ate.
Bara taphaa 2025/26 kanattis yeroo sadaffaaf gooli eegaa cimaa liigichaa ta'uun badhaasa Golden Glove injifateera.
Deeviid Raayaa baroota taphaa sadi walitti aansuun badhaasa gooli eegaa cimaa injifachuun Piriimer Liigii keessatti taphataa afraffaa ta'eera.
Kanaan dura gooli eegdonni haala kanaan injifatan peep Reeyinaa (Liiverpuul), Jooy Haart (Maanchistar Siitii) fi Edersan (Manchistar Siitii) turan.
Deeviid Raayaa taphoota Chaampiyoonsi Liigii 13 keessaa sagal osoo gooliin itti galin xumuruudhaanis goolii eegaa cimaa dorgommii kanaa ta'uun badhaafameera.
Deeviid Raayaa goolii eeguu qofa osoo hin taane tapha keessattis hirmaachuun beekama.
Kubbaa lukaan taphachuudhaanis ga'umsa goolii eegdota ammayyaaf fakkeenya ta'u qaba.
Sararaa ala ba'uun ittistoota gargaaruu, gidduu seenee garee faallaa harkaa kubbaa baasuu fi gareesaaf mijeessee dabarsuun beekama.
Muuxannoo kana yeroo Chaampiyoonshiippii keessatti Bireentifoordiif taphataa ture argate, bara taphaa tokkotti gooli eegdota kaan caalaa kubbaa 300 dabarsuun rikardii qabateera.
Muuxannoon inni achitti gabbifate kun Arsenaal keessattis goolii eeguun alatti tapha keessattis akka gumaachu ga'ee taphateera.