Arteettaan Timber deebiyuufi dhiisuu isaa, akkasumas qophii taasisaa jiranirratti dubbate
Tapha waancaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa bor galgala Budapestitti Arsenaal fi PSG gidduutti gaggeeffamu ilaalchisee leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa ibsa kenneera.
Tapha murteessaa kanarratti taphataan sarara ittisaa Juuriyaan Timber miidhamarra waan tureef deebiyamoo hin deebiyu kan jedhu gaaffii deeggartootaati.
Arteettaan Timber tapha kanaaf fayyee deebiyee qophaa’aa akka ture ibseera. Noonii Maaduweekeenis miidhama isa mudaterraa fayyee kan deebiye yoo ta’u Been Waayit garuu tapha Sambata borii kanarraa hafeera.
Kan asirra geenye Sababa hiree ittiin as geenyu filannee irratti hojjenneef kan jedhe Arteettaan, shaampiyoonaa bara darbeerraa waancaa fudhachuuf qophaa’uu dubbate.
Taphataan sarara fuula duraa Arsenaal Bukaayoo Saakaa, waancaa Shaampiyoons Liigii borii kana mo’annee ammas carraa irra deebiin gammaduu qabnda jedha.