Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhimma Finfinnee fi afaan hojii dabalatee qabxiilee 8 adda baase maal fa'i?

Koree Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EBC

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo dheeraaf ajandaa uummata irraa walitti qabaa turuun qabxiilee saddet dhumaa jedhe adda baasuu ibse.

Ajandaaleen kunneen saddet ajandaalee hedduu dhiyaatan keessaa cuunfamuun kan adda bahanidha jedhe komishinichi.

Qabxii jalqabaa dhimma ijaarsa biyyaa yoo tahu qabxiilee hedduu as jalatti tarreefamaniiru.

Mirga abbaa biyyummaa, seenaa fi eenyummaa uummata biyyattii, aadaa fi afaan uummata biyyattii ajandaa kana jalatti akka ilaalaman kaaseera.

Qabxii lammaffaadha jedhee kan kaase ammoo dhimma ijaarsa mootummaa fi caasaa isaati.

Qabxiilee 10 ol as jalatti tarreesse keessaa:

-Dhimmi ijaarsa mootummaa

-Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu

-Hiika sabaa fi sablammii [keewata heera mootummaa 39]

-Yeroo aangoo mootummaa federaalaa fi naannoo

-Hariiroo mootummaa federaalaa fi naannolee

-Qooddaa aangoo mootummaa federaalaa fi naannoo

Qoodinsa qabeenya mootummaa federaalaa fi naannoo

-Bulchiinsa naannolee fi daangaa isaanii

-Ijaarsa naannolee haaraa kanneen jedhan qabxii kana jalatti tarreeffamaniiru.

Dabalataan gahee paarlaamaa fi ijaarsa isaa

-Aangoo heera mootummaa hiikuu

-Sirna heera mootummaa fooyyessuu [keewwata 104 fi 105] kanneen jedhan adda bahuu ibse.

Filannoo fi hirmaannaa paartilee siyaasaa ilaalchisees as jalatti akka ilaalamuuf komishinichi adda baasuu ibse.

Gahee paartilee siyaasaa, sirna paartii sab-daneessaa

Gahee mootummaa fi paartii biyya bulchuu adda baasuu

Paartiileen siyaasaa akkamiin qabeenya mootummaatti fayyadamu kan jedhu ajandaa kana jalatti adda baheera.

Qabxii 3- Magaalota Federaala

Akka heera Itoophiyaatti magaalota Federaalaa jedhamuun kan beekaman Finfinnee fi Dirree Dhawaadha.

Komishiniin Marii Biyyaalessaas dhimma magaalota kanneennii ajandaa sadaffaa jechuun adda baaseera.

Magaalaa Finfinnee:- Dhimma magaalaa Finfinnee

-Seera bulchiinsa Finfinnee

-Hariiroo Finfinnee fi Oromiyaa

-Qooda baajata Finfinnee

-Daangaa Finfinnee fi moggaasa maqaalee bakkeewan Finfinnee keessaa

-Afaan hojii magaalaa Finfinnee

-Teessoo mootummaa federaalaa kanneen jedhan marii kanaana kka ilaalamaniif adda bahuu ibse.

Magaalaa Dirree Dhawaa: Komishinichi haalli bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa fuulduratti akkam taha kan jedhuu fi bakka bu'insa federeeshinii keessaa qaban irratti akka mari'atamu adda baasuu ibse.

Dabalataan hariiroo magaalli Dirree Dhawaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee waliin qabus qaama ajandaa kanaati.

4- Walabummaa amantii

Komishiniin Marii Biyyaalessaa kun dhimmi amantii as keessatti akka ilaalamuuf adda baasuu ibse.

Kunis daangaa amantaa fi walabummaa gidduu jiru wal simsiisuu

Amantaa fi gochaalee duudhaa biyyaa cabsan, dhaabbilee mootummaa keessatti gahee amantaa kan jedhu qabxiilee ilaalamanidha.

Kan biraa itti fayyadama sagalee guddistuu manneen amanataa fi mirga uummataa kan jedhus marichaaf dhiyaateera.

5- Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirgoota namoomaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qabxiin mariif filatame kan biraan dhimma Ijaarsa jaarmiyaalee, Olaantummaa Seeraa fi Mirgoota Namoomaati.

Kana jalattii dhimmoonni mirgoota namoomaa, heera mootummaa fi seera mirgoonni namoomaa ittiin eegamu, mirga namoota biyya keessatti buqqa'anii, mirgoota qaama miidhamtootaa fi namoota moggaatti baafamanii, walitti bu'iinsaa fi rakkoo nageenyaa keessatti eegumsa mirgoota namoomaaf taasifamu, eegumsa mirgoota namoomaaf jaarmiyaalee hojjetan jabeessuu, lammiilee biyya alaa jiraatan (daayasporaa) ilaalchisee mirga lammummaa lama kennuutu ilaalama.

Akkasumas dhimmi olaantummaa seeraa fi seera qabeessummaa, seera duratti walqixa ilaalamuu, itti gaafatamummaa, dhaqqabummaa haqaa, ijaarsa jaarmiyaalee, walabummaa dhaabbilee dimokiraasii, walabummaa fi gaafatamummaa dhaabbilee haqaa, walabummaa jaarmiyaalee tikaa fi nageenyaas qabxii kana jalatti irratti mri'atama.

Madaala, walabummaa fi gaafatamummaan qaamolee mootummaa sadeenii, Al-loogummaan dhaabbilee miidiyaa, bilisummaan dhaabbilee siiviliis as jalatti ilaalama.

6- Diinagdee, hawaasummaa, qonnaan bultoota, horsiisee bultoota

Qabxii ja'affaan waa'ee dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa akkasumas qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa ilaallata.

Kana jalatti dhimma diinagdee, dhimmi dubartootaa, bulchiinsaa fi qoodiinsa qabeenyaa haqa qabeessa ta'e, dhimmi qabiyyee lafaa fi abbaa qabeenyummaa dhimmoota ijoo irratti mari'atamaniidha.

Akkasumas waa'een lakkoofsa uummataa, sadarkaa fi faayidaa barnootaa, mirgoota hojjettootaa fi haala hojii haqa qabeessa ta'e, guddina itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo as jalatti ilaalama.

Dhimmi qabeenya uumaa, faayidaa irraa argamuu fi akkaataan qoodiinsa qabeenyaas as jalatti ka'a.

Diinagdee, investimantii fi bu'aan misoomarraa argamu kan hunda hirmaachise ta'uun, akkasumas dhimmoonni carraa hojii fi nageenya hawaasummaais qabxii kana jalatti ilaalamu.

Fayyadummaa fi walqixxummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa mirkaneessuu fi guddisuun, dhimmi gibiraa fi galteewwan adda addaa, yeroon tajaajila kennuu fi kanaan kan walqabatan qabxii kana jalatti eeraman.

Horsiisee bultootaa fi tikfattoota waliin walqabatee jecha beekamu, kan heera mootummaa keewwata 40, lakkoofsa 1 fi 8 jalatti kan eerame, ''Zallaan'' kan jedhu sirreessuunis as jalatti eerameera.

7- Malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii

Ijaarsa jaarmiyaalee farra malaammaltummaa, sirna bulchiinsa gaarii, paablikii sarvisii haqa qabeessa ta'e, ramaddii humna namaa fi qacarrii ogummaa fi bilchina bu'uureffate kanneen jedhan as jalatti eeramaniiru.

8- Ijaarsa nageenyaa

Komishinichi rakkoo nageenyaa Itoophiyaan keessa jirtu ilaalchisee qabxiilee barbaachisoodha jedhu adda baasuu ibseera.

Isaan keessaa sababa walitti bu'insaa fi furmaata isaa

Walitti bu'insaa fi qaamolee meeshaa hidhannoon socho'an

Nageenya waaraa fiduu fi tooftaalee aadaa walitti bu'insa itti hiikaniif beekkamtii kennuu kan jedhan jiru.

Dhimma araaraa fi dhiifama

Dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee nageenyaa

Haqa yeroo ce'umsaa

Shoora dhaabbilee amantaa ijaarsa nageenyaa keessattikan jedhu ajandaawan kumaatama dhiyaatan keessaa kan adda bahan tahuu himan.