Raashiyaan meeshaa waraanaa kamiyyuu fayyadamuuf qophiidha jechuun Puutin biyyoota Lixaa akeekkachiisan

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan naannooshee Kaaliningiraad jedhamurratti haleellaan kallattii kan raawwatamu yoo ta'e meeshaa waraanaa qabdu kamiyyuu akka fayyadamtu beeksifte.
Kaaliningiraad naannoo Raashiyaa Galaana Baaltik daangessufi kutaa Raashiyaa biroorraa qofaatti adda bahee biyyoota lama: Poolaandfi Lituyeeniyaan daangeffamee jirudha.
"Eenyuyyuu doorsisaa hinjirru" kan jedhan pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimir Puutin, waan kana kan dubbatan hoggantoonni biyyoota Lixaa Raashiyaan bara 2029 yookiin 2030 keessa waraana eegaluuf qophiitti jiraachuu hin ooltu kan jedhaniif deebii kennuuf akka ta'e himaniiru.
Raashiyaan, NATO'n naannookoo Kaaliningraad jedhamu ugguruuf qophaa'aa jira jechuun torbee kana keessa irra deddeebiin himachaa turteerti.
Kanaafis warri Lixaa, Kaaliningiraad kutaa Raashiyaa isa biraarraa adda kutuuf kan Yaalan yoo ta'e meeshaa waraanaa niwukilaraa fayyadamuuf qophii ta'uu Raashiyaan beeksifteerti.
NATO'n gama isaatiin dhimmicha tasgabbeessuuf yaaluun Raashiyaan "doorsisa niwukilaraashee" akka dhaabdu gaafateera.
Biyyoonni michuuwwan warra Lixaa yeroo dhiyootii as qoccollaawwan Raashiyaan raawwatamaniiru jedhan dabalaa jiraachuu kan himatan yemmuu ta'u, Pooland, helikooptarri Raashiyaa dhiyeenya Kaaliningiraadiin daangaashee sarbuun akka seene himatteerti.
Lituyeeniyaanis sababa dirooniiwwan Raashiyaa daangaashee cabsanii seenaniin ummannishee miira "bifa dhaabbataa ta'een sodaachifamaa jirra" jedhu keessa akka jiran himteerti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Chaansilarri Jarman Fireedirik Meerz gama isaaniitiin biyyisaanii haleellaawwan garagaraaf ofqopheessaa jiraachuu himaniiru.
Gama biraatiin fooramii immaammata alaa Vaaldaayi irratti dhimmoota garagaraaratti haasaa kan taasisan Putiin, walitti bu'iinsawwan idil addunyaa itti fufuu akka danda'an, garuummoo hanguma "olaantummaan warra Lixaa" dadhabaa deemu haalli jiru akka fooyya'u dubbataniiru.
Guraandhala 2022 Yukireen keessatti waraana kan eegalan Putin mataa isaaniitin ta'anis, waraanicha warri Lixaa kakaasuu himan. Raashiyaanis of eeguuf jecha meeshaa kaasuuf akka dirqamte dubbatan.
Kana malees haleellaan Raashiyaan bu'uraalee diinagdee Yukireen irratti taasiftu haleellaa Yukireen dhaabbilee Raashiyaa boba'a qulqulleessanfi dooniiwwanshee Galaana Gurraacharra turanirratti raawwatteef deebii ta'uu himaniiru.
"Amma kallattii maraan waamichawwan '(waraanicha) yaa dhaabnu' jedhutu nuqaqqabaa jira. Garuu isaantu jalqabe" jedhan.
Haleellaa dhaabbilee qulqulleessa boba'aa Raashiyaarratti raawwatteen Yukireen "bu'aawwan muraasa" argachuushee kan himan Putin, Raashiyaan omisha waliigalaashee keessaa (GDP) dhibbeentaa tokko ta'u dhabuushee himan.
Yukireen gama isheetiin sababni dhaabbilee kunneen haleeluu itti jalqabdeef Raashiyaan maallaqa gama dhaabbilee kanaan argattuun waraanicha deemsisaa jirti jechuun akka ta'e himti.
Raashiyaanis yeroo garagaraatti bu'uraalee misoomaa anniisaa Yukireen haleelaa turteerti. Kana malees bu'uraaleen misoomaa siiviiliis bifa dhaabbataa ta'een kan haleelaman yemmuu ta'u, Kamisa darbe kanallee riiqichichawwan ijoo Kiyiv keessaa tokko kan ta'e diroonii Raashiyaatiin haleelameera.
Gama biraatiin leenjiiwwan waraanaa NATO'n Galaana Baaltikirratti taasisu kan qeeqan Putin, taatichi Kaaliningiraadif yaaddoo cimaa uumuu himan. Kanaafis Kaaliningiraad warra Lixaatiin yoo uggurame, Raashiyaan niwukilara dabalatee meeshaafi humna qabdu hunda fayyadamuuf qophii ta'uu himaniiru.
"Eenyuyyuu doorsisaa hinjirru. Nuyi bara 2029, 2030 akkasumas 2020 keessa eenyuyyuu haleeluuf karoora hinqabnu. Garuummoo yoo haleellaan nurratti raawwatame deebii kennuu qabna. Lammiileen biyyoota Awurooppaa waan kana beekuu qabu" jedhan.
Dabaluunis biyyoonni akka Yunaayitid Kingidam fi Faransaay biyyoota meeshaa waraanaa niwukilaraa hidhatan ta'uu kan kaasan Putin, garuummoo hidhannoon niwukilaraa Raashiyaan qabdu gita kan hinqabne ta'uu dubbatan.
Barreessaa Olaanaa NATO kan ta'an Maark Rutte gama isaaniin, "leenjiiwwanfi sochiiwwan" tumsichaa kamiyyuu Raashiyaarratti yaaddoo kan uuman akka hintaane Roobii darbe dubbataniiru. Ergaan Raashiyaas, "gonkumaa kan hinbarbaachifnefi faayidaa-maleessadha" jedhan.
Gama biraatiin biyyoonni gurguddoon addunyaa meeshaalee waraanaa "lubbuu lafarraa balleessuu danda'u yookiin yoo xiqqaate dachii gara miidhaa badaatti geessuu danda'an" hidhachuunsaanii yaaddessaa ta'uu Putin himaniiru.
Dabalataan yaaddoo hubannoon namtolchee dhala namaarratti danqe kaasuunis, seeronni waraanaa idiladdunyaa irra deebiin barreeffamuu akka qaban yaada dhiyeessaniiru.


























