Tiraamp gaaffii biyyoota Galoo-galaanaan haleellaa Iraan haaraa yeroof haquu hime

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pireezidantiin Amerikaa Donaaldi Tiraamp haleellaa marsaa haaraa Kibxata har'aa Iraan irratti geggeessuuf ture gaaffii biyyooti Galoo-galaanaa dhiyeessaniin haquu himee ''mariin jabaan amma adeemsifamaa jira,'' jedhe.

Ergaa miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa Truth Social irratti maxxanseen hogganooti Kataar, Saa'udii Arabiyaa fi UAE'n gaafachuun hime.

Waliigalteen Ameerikaaf ''fudhatama akka qabu'' kan qabaatu ''IRAAN MEESHAA WARAANAA NIWKILAARA AKKA HIN QABAANNE GODHU ,'' ni taasifama jedhamuun itti himamuu dubbate.

Haa tahu malee ''yoo waliigalteen fudhatama hin qabne mul'ate Ameerikaan haleellaa bal'aa adeemsisuudhaaf qophii dha,'' jedhe.

Koomaandarri olaanaa waraanaa Iraan Ameerikaan ''dogoggora tarsiimawaa fi shallaga sirrii hin taane akka hin raawwanne,'' jechuun dubbate.

Tiraamp dhimma kana yeroo labsutti biyyasaatti fudhatamummaa akka pireezidantiitti qabu akkaan hir'ateera. Yaadni uummatarraa funaaname akka agarsiisutti waraanni Iraan kuni akkaan fudhatama dhabaa jira.

Sagalee uummataa Niiw Yoork Taayims gaafateen kanneen %64 tahan waraanni Iraan murtoo sirrii hin taane dha jedhanii yaadu.

Sagaleen %37 tahan ammoo hojiin Tiraamp akka pireezidantiitti hojjechaa jiru sirrii dha jedha. Akkaataa Tiraamp dhimma diinagdeefi godaansaa itti qabachaa jiruun warri Rippaablikaanaa filannoo marsaa walakkaa Sadaasa dhufu adeemsifamuuf yaadda'aa waan jiran fakkaata.

Guraandhala 28 ture Ameerikaa fi Iraan haleellaa jabaa Iraan irratti kan jalqaban. Iraan deebiidhaan dirooniifi misaayela Israa'eliifi buuftaalee waraanaa US biyyota Galoo-galaanaatti haleeluu jalqabde.

Yaaddoon guddaan amma jiru Iraan irra deebiin yoo Ameerikaan haleelamte biyyooti Galoo-galaaanaa Iraan deebistee isaaniin haleeluu dha.

Iraan diroonii fi misaayela biyyoota ollaa irratti haleellaa guutuu banuu ishee dandeessisu qabdi.

Tiraamp gaazexeessitootatti yeroo dubbatu ''haala gaarii jedhamutu jira, garuu waan qabatamaatti jijjiirama yoo taheef ni ilaalla,'' jedhe

''Yeroon akka waliigalteerra gahaa jirru yaadaa turre jira. Inni hin hojjenne. Kuni garuu xiqqoo adda dha,'' jedhe

Iraan waliin waliigaluudhaaf ''carraa gaariitu jira. Otoo isaan hin haleeliin kana gochuun danda'ama taanaan, baayyee na gammachiisa,'' jedhe.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Ebla raawwate walitti dhukaasuu darbee,darbee mul'atuun alatti hamma ammaa eegamaati jira.

Iraan Ulaa Hormuuz boba'aan addunyaa harka 20 tahu keessa darbu akkuma to'atteen itti fuftee jirti.

Tarkaanfiin Iraan deebii Ameerikaafi US'f jettee fudhatte gatii boba'aa addunyaa akkaan dabaleera.

Ameerikaan gamasheen Teeharaan ulaagaasheetti akka waliigaltuuf jecha buufataalee doonii Iraan irratti dhiibbaa taasisaa jirti.

Miidiyaan Iraan mootummaatti hidhata qabu Tasniim Hogganaan Olaanaa Mojtaabaa Kaameeniin dirree waraanaa haaraa banamuun diinni saaxilamaa akka tahu akeekkachiisaniiru.

Tasnim appeared to have reposted Khamenei's quotes from 12 March. Some Iranian news outlets have taken to republishing his previous written messages.

Haa tahu malee miidiyaan kuni yaada hogganaa olaanaa biyyatti Guraandhala 12 jedhanidha deebisee maxxanse.

Gaafa Wiixataa Iraan yaada Ameerikaa boodanaaf karaa Paakistaan Waashingitan deebii kennaa akka jirtu beeksifte.

Midiyaan Iraan Ameerikaan Teeharaan waliiin waliigaltee qabatamaa raawwachuu hin dandeenye jedhe.

Dilbata darbe Tiraamp ''Iraaniif sa'atiin itti gahaa jira, yoo socho'an isaanii wayya, SAFFISAAN kanaachi waanti isaanii hafu hin jiru,'' jechuun barreessee ture.

Kanaan dura ammoo gaaffii waliigaltee Iraan dhiyeessite ''guutummaatti fudhatama kan hin qabne,'' jechuun ''lubbuu oolfachaa jiru,'' jedhe.

Haa tahu malee dubbii-himaan Ministeera Hajaa Alaa Iraan Ismaa'eel Baahaa'ii ulaagaan waliigalteef dhiyeessine ''kana itti gaafatamummaa qabuufi arjaa dha,'' jedhan.

Akka miidiyaan Iraan Tasniim jedhutti ulaagaan waliigaltee Iraan- kallattii maraan waraanni irratti baname akka dhaabbatu, kunis haleellaa Israa'el Libaanositti Hezboollaa irratti raaawwattu dabalata- uggura Ameerikaan buufataalee doonii Iraan irra keesse kaasuufi, kanaan booda Iraan irratti haleellaan akka hin raawwanne wabii kenuu fa'i dabalata.

Kana malees beenyaa miidhaa waraanaa akkasumas Ulaa Hormuuz irratti walabummaa qabaachuu itti dabalaniiru.

Miidiyaan Iraan Faars Niiwus jedhamu Waashingitan yaada Iraan dhiyeessiteef Waashingitan ulaagaa shan dhiyeessiteetti jedhe.

Isa Ameerikaan Iraan oppireeshinii niwkilaaraa tokko qofa hambifachuun isa hafe Ameerikaaf dabarsitee akka kennitu kan jedhu fa'i kaa'aniiru.

Tiraamp Jimaata darbe Iraan yoo sagantaa niwkilaaraa ishee waggaa 20f dhaabde akka fudhatu akeekeera. Kunis isa Ameerikaan kanaan dura Iraan sagantaa niwkilaaraa guutummaatti dhaabuu qabdi jedhurraa kan maqe dha.

Ameerikaa fi micootishee Awurooppaa Iraan yuraaniyemii gabbisuun meeshaalee waraanaa tolchuu barbaaddi jedhu. Teehraan irra deddeebiin sagantaan yuraaniyeemiishee kaayyoo nagaa qabuuf akka tahe himti.