Hiriyyooti waggoota dheeraa obbollaa tahuusaanii qorannoo DNAdhaan baran

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Seenaan isaanii waan fiilmii Booliwuud keessaa bahe fakkaata.

Dubartoonni Hindii keessatti dhalatan lama, amma umuriin isaanii waggaa 40 keessa jiru, yeroo daa'imummaa isaanii maatii garagaraan guddifachaan Nezerlaanditti fudhataman.

Achitti naannoo walitti dhiyoo jirutti guddatan; amma garuu obbolaa dhiigaa ta'uu isaanii baraniiru.

Meena Geltink fi Minal Tijssen, jalqaba bara 1980moota keessa dhalatan, dhalatanii ji'oota muraasa keessatti dhaabbata tursiisa daa'immanii Mumbaayi jiru irraa, guddaifachaan fudhataman.

Yeroo jalqabaaf dardarummaa isaaniitti, dhaabbanni guddifachaa maatii isaan guddisaniifi ijoollee kana walquunnamsiise sagantaa qopheesse irratti wal argan.

Yeroo sana bifti isaanii fi amalli isaanii haala ajaa'iba taheen akka walfakkaatu hubatan.

Meenan, amma nama ganna 43 yoo taatu, guyyaa sana sirriitti yaadatti.

"Daa'imman guddifachaan fudhataman hundi kan walitti qabaman waliin yeroo akka dabarsaniifi, hariiroo akka uuman akkasumas irbaata akka waliin qooddatanidha."

Meenaa fi Minal hiriyyoota isaanii waliin turan; hiriyoonni isaaniis akka isaan baay'ee wal fakkaatan hubatan.

"Daawwitii keessatti of ilaalaatii achii wal ilaalaa,'' jedhaniin.

"Anis, Yaa Rabbi, funyaanishee kanuma kooti! Kolfi keenyallee wal fakkaata''

"Yeroo irbaataa isheedhuman ilaalaa ture," jechuun Meenan maatii Neezarlaanditti ishee guddisanitti himuushee BBC'tti himte.

Guyyaa itti aanu, shamarran lamaan lakkoofsa bilbilaa fi teessoo isaanii walii kennanii waljalaa akka hin badne walii kakatanii adda bahan.

Yeroos dhiigaan walitti dhufeenya akka qaban mallattoon tokkollee jiraachuu baatus, walitti nahuun isaanii garuu dhuguma ture.

Waggoota hedduudhaaf xalayaa walitti barreessaa turan; yeroo baay'ee obbolee jechuun wal waamu ture. Sababiin ammoo ''obbolaa akka turre waan nutti dhagahamuufi,'' jedhu.

Waa'ee mana barumsaa, hiriyootaa, ijoollee dhiiraa, bashannanaa fi shubbisaa walitti barreessaa turan.

Akkasumas waa'ee ispoortii taphatan fa'a walitti himaa, waa'ee muuziqaa marii'atu ture, lamaan isaaniiyyuu garee muuziqaa Backstreet Boys baay'ee akka jaallatan hubatan.

Waggaa 15 dura garuu hariiroon isaanii addaan cite. Minal Faransaayitti galte. Meena immoo yeroo dhihoo kana daa'imaishee jalqabaa deessee waan turteef, hojii fi kunuunsa daa'imaan qabamtee ko'omte.

Bara 2017 keessa, Meena walga'ii namoota Hindii guddifachaan fuudhamanii irratti hirmaatte. Achittis waa'ee qorannoo DNA dhageessee, qorannoo kana ofiif fudhachuu murteessite.

Garuu achitti nama ishee waliin firooma qabu qorannoo kanaan hin arganne.

Appii qorannoon kuni irratti beekamus bilbilasheerraa haqxe. Sana booda, Caamsaa 20, Meena'n Facebook irratti Minal irraa ergaa argatte.

"'Na yaadattaa?' jettee gaafatteen."

Minal immoo Ebla keessa, yeroo maatii ishee Nezerlaanditti iyyaafataa turte, qorannoo DNA taasiftee ture, bu'aa qorannoo ishees suuraa ergaa qabu waliin maxxansite

Miinaan gama biraan ''appicha irra deebiin buufadhee, paaswordii dogoggoraa jedhee al kudhan caala na dhamaase,'' jechuun himatti.

Bu'aan qorannoo kanaa waan garaan dubartoota kanaa walitti naheef mirkaneesse— dubartoonni lamaan %100 akka walfakkaatan agarsiisa.'

"Dhibbeentaa 100 walfakkaannaan obboleettii haadhaanis abbaanis dhiiga koo taate qaba jechuu dha," jechuun Meena'n ibsiti.

"Akka dawaa humna namaa saffisaan dabalu fudhadhetti natti dhaga'ame. Nan boo'e. Minal cittuu qaama koo na jalaa baddee, yeroo dheeraaf eegaa ture sana dha. Durumaa 'obbolee' jennee wal waamaa turre,''' jetti.

"Qorannoon kuni waan walitti nahaa turre mara mirkaneesse,'' jette.

Adoolessa darbe guyyaa ifaa tokko hiriyoonni duraanii kun erga obbolaa ta'uu isaanii baranii booda yeroo jalqabaatiif wal argan.

"Waan ajaa'ibaa ture. Akka qe'eetti deebinetti nutti dhaga'ame," jechuun, haati ijoollee sadii Meenan, dubbatti.

"Waggoota hedduudhaaf, anaaf fi Minal onneen keenya qaawwa guddaa akka qabu nutti dhaga'amaa ture. Amma garuu qaawwi suni duuchameera. Waan hundi akka akkasaatti jira.

Rooyitars walargaa isaanii ''miiraan kan guutame'' jechuun gabaase. Yeroo walargan isaanii imimmaan, walhammachuufi kolfaan kan guutame yoo tahu suura selfii jalqabaas waliin ka'an.

Minal nama ganna 44 yoo taatu jaalalleesheefi ilmaan dhiiraa lama waliin Faransaay keessa jiraatti. Jalqaba bu'aan qorannoo DNA namni ishee waliin walfakkeenya qabu hiriyyaa waggaa 30 dura otoo hin beekiin itti maxxante akka taate hin barre.

Yeroo suuraawwan obboleettiishee miidiyaa hawaasaa irratti ilaaltu dhugaan sun ifatti isheetti mul'ate. ''Meena oboobleettiikoo, amanuu hin dandeenye. Obboleettii ta'uu keenya dura hiriyoota turre.

"Yeroo kana hunda otoo hin beekiin obbolaa turre,'' jetti.

Meena fi Minal dhaabbata tursiisa daa'imman haadhaafi abbaa hin qabne garagaraa irraa lammiilee Daachii adda addaan guddifachaan fudhataman.

Meenan, ganda xiqqoo Nezerlaand keessatti, maatii mana barumsaa dhuunfaa keessatti barsiisan waliin guddachuu ishee dubbatti.

"Maatiin na guddisan barsiisota koos turan," jette. "Namoota baay'ee jaalala qabaniifi nama amanani dha.''

Abbaan ishee waggoota muraasa dura du'e, haati ishee garuu ammallee ganda sana keessa jiraatti. "Guyyaa guyyaan walii bilbillee haasofna. Ammallee isheen anaaf bakka baqaa nagaa qabu dha," jetti Meenan.

Bara 2003 keessa, yeroo waggaa 19 turte, Meena maatii ishee fi obboleessa ishee, kan naannoo Goa jedhamurraa guddifachaan fudhame, waliin dhaabbata tursiisa daa'immanii Mubaayi jiru daawwatteetti.

Waa'ee maatii ishee dhiigaa odeeffannoo argachuuf galmee gagalagalchaa torban lama dabarsan.

"Sababiinsaas ani iddootiin dhufe baruun murteessaa ture. Garuu tursiisni daa'immanii waa'ee maatiishee odeeffannoo arguufi hin dandeenye.

Caamsaa darbe erga walarganii qabee, Meena fi Minal guyya guyyaan haasa'aa jiru. Maatii waliis wal baranii jiru.

"Namni hundi akkaataa jecha tokko ergan takkaa dubbannu, akkaataa mataa keenya sochoosnu, adeemsi keenya fa'a akka walfakkatu namni hundi hubateera," jetti Meenan.

Tahus obbolaa tahuu keenya namuu suuta amanaa jira.

"Yeroo tokko tokko sa'aatii lamaaf haasofna; yeroon akkatti darbe hin hubannu. Turreeti ijoollee akka qabnu, hojii guyyuu akka qabnu yaadannee ijoolee keenya mana barumsaarraa fiduutti dachaana

Waan obbolaan kuni gochuu barbaadan tokko, gara qe'eesaanitti deebi'uun iddoo seenaa isaanii jalqabe baruu dha.

"Gaafa tokko Hindiitti deebinee, daandiiwwan Mumbaayi keessa waliin deemuu baay'ee hawwina,'' jetti Meenan.

"Yeroo tokko tokko lamaan keenyayyuu baay'ee kophaa akka taane nutti dhaga'ama ture, fakkeenyaaf yeroo ani abbaan koo du'e fa'a, yeroo caba onnee qabu fa'a" jette.

"Wal bira jiraachuu dhabuu keenyaan nan gaabba — gammachuu waliin qooddachuu fi yeroo rakkoo wal gargaaruu dandeenya turre,'' jetti.