Waliigaltee waraanaa Sa'udi, Turkiifi Paakistaanirraa eenyutu fayyadama?

Madda suuraa, Reuters
Sa'udii Arabiyaa, Turkiifi Paakistaan waliigaltee waraanaa yeroo rakkinaa waliif mallatteessan.
Waliigaltee kana waliif mallatteessuunsaanii kan dhagahame Ilmi mootii Sa'udii Mohaammad biin Saalmaan, Pirezidaaniin Turkii Raasip Xaayib Erdogaanifi Ministiirri Muummee Paakistaan Shebaaz Shaariif magaalaa Makkaatti wal-arguun erga maritanii boodadha.
Akkaataa waliigaltee waraanaa biyyoonni kun waliif mallatteessaniitti, haleellaan biyya tokkorratti yoo gaggeeffame akka waan sadan isaanirrattuu gaggeeffameetti fudhachuun waliif duulu.
Waraanni Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Saawudiis harkisuu danda'a yeroo jedhamuuttiidha biyyoonni kun sadan waliigaltee tumsa waraanaa kan waliif mallatteessan.
Saawudii Arabiyaafi Paakistaan duraanuu waliigaltee waraanaa waliif mallatteessanii turan.
Amma immoo Turkii dabalachuun waliigaltee tumsa waraanaa waliif mallatteessuu ifatti beeksisan.
Erga US fi Israa'el Iraan haleelan booda, Iraaniifi michuuwwan ishee Sa'udi Arabiyaafi biyyoota Galfii kaan irratti haleellaa raawwataniiru.
Kanaanis, karaa boba'aan gabaa addunyaatti dhihaatu, Ulaa Hormuuz, fi Galaana Diimaa irratti imala geejibaa danqeera.
Waliigalteen Makkaatti taasifame Teehiraan irraa deebii gaarii hin taane argate. Miseensi parlaamaa buleessi tokko kuni Sa'udi Arabiyaa hin gargaaru jedhan.
''Warri Sa'udi akkuma waggootaaf Ameerikaarraa deeggarsa argachuun nageenya hin finneef waliigalteen waraqaarraa Turkiifi Paakistaan waliin taasisan nageenya akka hin finneef baruu qabu,'' jechuun miseensi komishinii Nageenya Biyyaalessaa Iraan, Ibraahim Rezaayi X gubbaa barreessan.
Waliigalteen kuni akka wal deeggaran ibsuus qaami tokkoon tokkoon dirqama qabuurratti waan himu hin qabu.
Qondaalli Turkii Rooyitars dubbise waliigalteen kuni ''guututti dhimma waraanaati'' jedhan.
Paakistaan, Sa'udi Arabiyaafi Turkiin tokkoon tokkoon isaanii cimina qaban walitti fidu, tokkoon tokkoon isaaniimmoo waligaltee kanarraa waan biraa barbaadu.
Eenyu maal barbaada?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen kuni Sa'udi Arabiyaa kan waraana US fi Iraaniin nageenyishee rakkoo seene nageenyashee cimsaaf.
Baatii Adoolessa keessa hidhattoonni Huutii Yaman keessaa Sa'uudii Arabiyaa irratti "uggura geejjiba galaanaarraa" labsuu isaa beeksiseera.
Garichi mormii kanarratti taasifamu kamiifuu deebii akka kennu dhaadateera.
Buufata xiyyaaraa Sa'udi, buufataalee boba'aafi dooniiwwan ishee boba'aa Galaana Diimaa gubbaa imalan irratti qiyyaafate.
Haleellaa Israa'el Dohaa, Kataaritti qondaala olaanaa Hamaas irratti qiyyaafachuun kana dura raawwattes ni yaadatu warri Sa'udi.
Taateewwan akkanaa biyyoonni ittisa isaanii akka cimsan dammaqseera.
Paakistaaniifis waliigalteen kuni bu'aa qaba. Caamsaa bara 2025 muddamni Hindii waliin qabdu dhohee ifatti walitti bu'anii turan.
Waraanni guutuu hambifamus, deeggarsa dinagdee cimaa Sa'udi Arabiyaafi ga'umsaafi indastirii Turkii qabaachuun faayidaa isaaniif qaba.
Waliigalteen kuni yeroo Paakistaan dippilomasii idil-addunyaa irratti qoodi ishee cimaa jirutti mudate.
Paakistaan US fi Iraan akka mari'ataniifi waliigaltee dhukaasa dhaabu irratti akka wal ta'an biyya simattee haala mijeessaa turtedha.
Kunis, naannichatti fudhatama qabdu kan cimsudha. Waliigalteen kuni ittuu ni cimsa.
Turkiif immoo faayidaan isaa kan biraadha.
Waliigalteen kuni indastirii waraanaa biyyattiif akka gumaatu himu Inistitiyutii Royaal Yunaayitd Sarvisiis irraa Burkuu Ozeliik.
Kunis, waliin oomishu, tekinolojii irratti waliin dalaguufi akkasumas gurgurtaa eeran.
Waliigalteen kuni ifa fakkaatus qoodi biyyi kuni qabuu wal xaxaa ta'uu mala.
Fakkeenyaaf, Yoo Sa'udi Arabiyaan Huutii waliin lola seente Turkiin waliin loltii?
Osoo Paakistaan Hindii waliin lola seente Sa'udi Arabiyaan bira dhaabattii?
Murtiin kamuu keessumaa dubbii hammeessuu dhabuuf jecha sochii dippilomasii si'ataafi sirriitti shallaguu gaafata.
Biyyi tokko deeggarsa biyyoota lamaa qabaachuun weerara hambisuu dhabuu danda'a, miidhaa isaa garuu haalaan guddisa.



















