Namoota US hanqina meeshaa waraanaa qabdi jechuun odeessa baasan adamsaa jirra- Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Prezidant Donaald Tiraamp gabaasa US hanqinni hidhannoo waraanaa mudate jedhu waakkate, kanneen miidiyaa hawaasaarratti odeessa akkasii tamsaasan akka adamsanii fi "adabbii hidhaa yeroo dheeraa" adabsiisuuf dhaadate.
"US hidhannoo baay'ee qabdi, addatti immoo akaakuuwwan murtaa'an," jedhe Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaa ofiirratti maxxanseen.
"Dabalataan immoo, hidhannoon hammisaa guddaa ta'e oomishamaa jira, akkaataa barbaachisaa ta'een gara US dooniin ni fe'ama" jedhan.
Sadarkaa meeshaan waraanaa biyyattii irra jiru ilaalchisee gaaffii guddaan Tiraampii fi Peentaagonirratti ka'aa kan jiru yoo ta'u, waraanni amma erga eegalee ji'a jahaffaa cufeera. Adeemsi marii nagaa immoo gaaffii keessa jira.
Iraan haphachuu dhiyeessii meeshaa waraanaa US yaada kenniteen, ofiishee meeshaa waraanaa biyya keessatti oomishachuunshee ''balaa kamuu'' qolachuu akka ishee dandeesise himti.
"Guyyaa guyyaan mallattooleen dandeettiin diinaa gadi bu'uu agarsiisan mul'achaa jiru" jedhan Ministirri Ittisaa biyyattii Majid Ibn-e-Reza ergaa karaa fuula X irratti dabarsaniin.
"Garuu waraanni keenya indaastirii waraanaa keenyaan deeggaramu, balaa kamiifuu deebii kennuuf qophii dha."
"Kanneen olaantummaa nageenyaa fi waraanaaa alaa bitachuu barbaadan dhiyoottuu olaantummaa dandeettiin teknolojii waraanaa biyya keessaa Iraan sirna naannichaa kamirrattuu qabu arguuf jiru" jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
US duula oppireeshinii Epic Fury fi wal haleellaa Iraan faana tureen meeshaalee waraanaa oomishuuf ulfaatoo ta'an hedduu fayyadamuu hordofee bulchiinsi Tiraamp kuusaan misaayeloota biyyattii gahaa ta'uu lammiilee biyyattiif ibsuun irraa eegama.
CBS akka gabaasetti, US waraana kana keessatti misaayeloota fageenyaa dheeraa qiyyaafannoorraa hin maqne qabdu hedduu fayyadamuu maddi itti dhiyeenyaan beekan lama himan.
The Washington Post Roobii Tiraamp hanqina meeshaa waraanaa mudachuu malu ilaalchisee torbee darbe Ministira Ittisaa Piit Heegseet waliin wal falmuu maddi eenyummaan isaa hin eeramne himeera jechuun gabaasee ture. BBC'n gabaasa kana ofii hin mirkaneeffanne.
"Kanneen odeessa biyya ganuu akkasii raabsan adamfamaa jiru," jedhe Tiraamp miidiyaa hawaasaa ofii Truth Social irratti ibse. "Adabbiin hidhaa yeroo dheeraa isaan eeggata!" jedhe.
Tiraamp kallattiidhaan gabaasa The Washington Post'f deebii kenne. "Gabaasni sobaa isaanii gantummaa biyyaa akka ta'en amana" jedhe.
"Hojii Piit Heegseet dalagaa jiruun baay'een gammadas"jedhe.
"Odeeffannoo sirriin kuusaa meeshaa waraanaa US ammallee iccitiidhaan qabamee jira. Piit Heegseet erga gara aangootti dhufee kaasee odeeffannoo Pentaagon rippoortaroonni irratti to'annoo cimaa gochuuttu irraa eegama" jedhe.
Ragaan ifatti beekamu, kan dhaabbileen US baasan akka agarsiisutti US dhuma ji'a Adoolesssaatti baay'inni misaayeloota Paatroot jedhaman hafeef 759 fi 827 gidduu dha. Kun kan waraanan dura ture 2,330 keessaa 1/3ffaa ta'a jechuu dha.
Akkasumas US yeroo ammaa ittisa haleellaa qilleensaa misaayeloota olka'iinsa olaanaa (THAAD) 60% fayyadamteerti jedhamee amanama.
US Waraana Iraaniin alattuu hanqinni meeshaa waraanaa ishee mudateera, kun dhiyeesssii meeshaa waraanaarratti muddama uumaa jira.
Bara 2022 Raashiyaan Yukireen weeraruu hordofee US misaayelota Paatiroot hedduu kenniteef.
Sababa kuusaan US haphateef akka gorsaa dhimmoota nageenyaa US cancian akka tilmaamutti US Yukireeniif kennuu ni dhaabdi.
Marii kaabinee Jimaata taa'amerratti, Tiraamp rippoortarootatti akka himetti gaaffiin Yukireen misaayeloota Paatirootii irratti dhiyeessite "tarkaanfii guddaa dha", garuu biyyoonni lamaan waayee waan kanaa "ammallee wal dubbataa jiru."
Meeshaalee waraanaa ammayyaa baay'ee oomishuun maallaqa guddaa gaafata, ajajanii eeguu, oomishuu, yeroodhaan dhaqqabsiisuu barbaada, meeshaa waraanaa takka faayidaaf oole immoo deebisanii haaromsuun baay'ee ulfaata dha.
Bulchiinsi Tiraamp irra deddeebiin US kuufama meeshaa waraanaa gahaa qabdi jedha.
Tiraamp ji'a dabre Wall Street Journal irratti akka dubbatetti, "Addunyaa kam caalallee meeshaa waraanaa hedduu qabna, kan barbaadnuu ol hedduu qabna" jedhe.
Hegseet hanqinni meeshaa waraanaa US mudate gabaasa jedhu " gabaasa sobaa ti" jechuun Waxabajjjii 14 CBS irratti dubbate.
Bulchiinsi Tiraamp oomisha meeshaa waraaanaas dabaluu fi US meeshaa waraanaa hedduu saffisaan oomishuuf hojjechaa akka jirtu ibse Heegseet.
Ji'a darbe, Hegseet Seeneetiin US maallaqa hatattamaa dolaara biliyoona 87 ta'u kan loltootaaf kaffalamuu fi "meeshaa waraanaa fi hidhannoo irra haaromsuuf oola" jedhu akka heyyamuuf gaafatee ture.



















