Jarmaniin US loltoota ishee baasuun waan eegamu ture jette, Tiraamp ammas loltoonni akka ba'an ibse

US yeroo ammaa loltoota kuma 36 Jarmanii keessaa qabdi

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, US yeroo ammaa loltoota kuma 36 Jarmanii keessaa qabdi
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri ittisaa Jarmanii Boris Pistooriyas US loltoota ishee 5,000 baasuun ''waanuma eegamaa ture,'' yoo jedhan, NATOn ammoo tarkaanfii fudhatame ilaalchisee Waashingitan irraa ibsa gaafateera.

Aanga'aan Jarmanii kun ''loltoonni US ardii Awurooppaa, keessattuu Jarmanii, keessa jiraachuun faayidaansaa biyyoota lameeniif- Jarmanii fi US,'' jedhan.

Dubbi himaan NATO Alisan Hart jaarmiyaan isaanii ''tarkaanfii fudhatame gadi fageenyaan hubachuuf US waliin hojjetaa jira,'' jedhan.

Tiraamp waa'ee loltoota Jarmanii keessaa baasuurratti wayita gaafatamu ''ammallee daballee baasna, kuma 5 caalaa baasuuf jenna,'' jedhe.

Tarkaanfiin US kun erga Tiraamp fi Chaansilarri Jarmanii Fireedirik Merz dhimma waraana Iraan irratti wal qeeqanii booda fudhatame.

Chaansilarri Jarmanii waraana Iraan irratti tooftaa fi tarsimoo Tiraamp qeeqanii turan.

Adeemsi US uummata biyyattii ''qaaniif'' saaxile jedhan. Kana hordofee Tiraamp Chaansilara Jarmanii akkaan qeequun boodarra loltoota achii qabu akka baasu ibse.

US yeroo ammaa US loltoota hojiirra jiran kuma 36 Jarmanii keessaa qabdi. Kun kan Xaaliyaanii keessa jiran kuma 12 fi kan UK jiran kuma 10 akkaan caala.

Tiraamp loltoota US Xaaliyaanii fi Ispeen keessaas baasuuf akka jiru ibseera.

Bara darbe US loltootashee Roomaaniyaa keessaa akka baastu murteessitee turte.

Kun karoora Tiraamp gama humna waraanaatiin biyyoota Awurooppaa caalaa naannawa Indoo Paasifik irratti xiyyeeffachuuf qabate keessaa isa ijoodha.

Biyyoonni miseensa NATO 32 tarkaanfiin Tiraamp jaarmiyaa kana dadhabsiisa yaaddoo jedhu qabu.

Ministirri Muummee Poolaand Doonaald Taask ''sodaa guddaan NATO diina alaa osoo hin taane daddaaqamuu fi walqoqqooduu keessaa isaatti mudataa jiruudha,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seera baastonni paartii Tiraamp kan ta'e Rippaabilikaan irraa ta'an lamas ''US loltoota ishee Jarmanii keessaa baasuutti akka yaadda'an'' ibsan.

Seera baastonni tarkaanfii Tiraampitti hin amanne kunneen miseensa Seenetii Roojer Wiiker fi miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa Maayik Roojers jedhamu.

Lameenuu bakka itti miseensa ta'anitti koree tajaajila humna waraanaa hogganu.

Rippaabilikaanonni kunneen inumaa lakoofsa loltootaa hir'isuurra Awurooppaa keessatti humna waraanaa cimsuutu barbaachisa jedhan.

Ministirri ittisaa Jarmanii Pistooriyes gamasaaniin biyyoonni Awurooppaa ofumaan nageenyaasaanii eegsisuurratti xiyyeeffachuu qabu jedhan.

Biyyisaanii Jarmaniin biyyoota Awurooppaa kaan waliin qindoomuun nageenya Awurrooppaa eegisuurratti gumaacha taasisuuf qophii ta'uu ibsan.

Jarmaniin gama humna waraanaan daandii sirriirra jiraachuu fi baajata guddaa damee kanaaf ramaduun utubaa jiraachuu eeran qondaalli kun.

Tiraamp Jarmaniin NATO'f maallaqa xiqqaa (%2 gadi) gumaachiti jechuun qeeqaa ture.

Garuu Jarmaniin bara bulchiinsa Merz keessa kana guutummaatti fooyyessiteetti.

Hanga bara 2027tti doolaara biiliyoona 91 damee kanaaf oolchuuf karoorfachuu ibsite.

Tiraamp komii haa dhiheessuyyuu Jarmaniin galii waliigalaa waggaatti argattu (GDP) ishee keessaa harka 3.1 NATO'f gumaachiti.

Kun tumsa Yukireeniif taasifamus ilaalcha keessa galchuuni.

Fireedirik Merz (bitaa) fi Doonaald Tiraamp Bitootessa keessa Waayit Haawusitti walarganii turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Fireedirik Merz (bitaa) fi Doonaald Tiraamp Bitootessa keessa Waayit Haawusitti walarganii turan

Tiraamp fi Merz gidduutti qoccolloon kan hammaate yaada Chaansilarri Jarmanii Wiixata darbe waraana Iraan ilaalchisuun kennan booda.

Merz ''Ameerikaan tarsimoo fi tooftaa ifa ta'e hin qabdu,'' jedhan.

''Warri Iraan akkatti mari'atan beeku, yeroo hin feenettis akkatti marii keessaa ba'anirratti ogummaa qabu. Warra Ameerikaa hanga Islaamaabaad imalchiisanii maricha bu'aa malee xumuran,'' jedhan Merz wayita barattoota yuniversitiitti dubbatan.

Gocha Iraan kanaan sabni hunduu ''tuffatameera, qaana'eera'' jechuun adeemsa bulchiinsa Tiraamp qeeqan.

Tiraamp yaada qondaala Jarmanii kanaaf wayita deebii kennu Merz ''Iraan meeshaa nukilaraa hidhachuun sirriidha jedhee amana, waan dubbatu hin beeku,'' jedhe.

Walqoccolloo kana hordofeeti loltoota US Jarmanii keessaa baasuun kan labsame.

Dubbi himaan Ministeera Ittisaa US Siyaan Parnel ajaji kun humna ittisaarraa darbe jedhe.

''Ji'a ja'aa hanga waggaa tokkootti guutummaatti baasnee xumurra,'' jedhe.

Tiraamp wayita waraana Iraanitti seenurraa eegalee hanga Ulaan Hormuuz cufamutti miseensonni NATO akka isa cinaa dhaabbatan gaafataa ture.

Deebii barbaadu wayita irraa dhabu tarkaanfiiwwan akkanaa fudhachuutti seene.