Kanneen godaantota irratti mormii dhageessisan ofeeggannoo akka godhan hogganaan Afrikaa Kibbaa dhaaman

Afrikaa Kibbaatti godaantonni akka bahaniif mormiin jabaatee itti fufe

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Lammiileen godaantota irratti mormii kaasan mormii isaanii karaa 'Doorsisa, sodhaachisuu fi haleellaa' hin dabalanneen akka gochuu qaban pirezedaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa dhaaman.

Ergaa kana kan dabarsan jala bultii guyyaa godaantonni dokumantii hin qabne biyyattii gadhiisanii akka bahaniif murtaa'e dursaniiti.

Lammiileen biyyoota Afrikaa adda addaa sodaa hokkora biyyattii keessatti isaan mudachuu maluutiin torbeewwan darban kana keessa biyyattii gadhiisanii bahaa jiru.

Lammiin Maalaawwii dookumantii osoo hin qabaanne biyyattii keessa turee fi amma gara biyya isaatti deebi'e akkas jedha,."Biyyyakootti deebi'ukootiin gammachuun qaba. Ijoolleekoo afran dhiisee dhufuun garuu onneekoo nacabseera" jedhe.

Kanneen lammiilee biyyoota biroo irratti mormii kaasan ji'oota darban keessa sochii isaanii hammeessaa dhufuu isaaniitiin Pirezedantiin biyyattii mormitoonni mormii isaanii karaa nagaa fi itti gaafatamumma qabuun akka taasisan irra deddeebiin dhaamaa turan.

Dhimma godaantotaa irratti rifoormii taasisuun murteessaa ta'uus kaasan hoggantichi.

"Lammiileen biyyoota biroo muraasni karaa seera qabeessa ta'een asjiru. Ni hojjetu, nibaratu, maatii guddisu, dinagdee keenya keessatti investimantii qabu. Gumaacha gaarii qaban."

"isaan seeraa fi heera mootummaa keenyaatiin eegumsi godhamuufii qaba. Mirgi mormuu fi yaada ofii bilisaan ibsachuu namoota sodaachisuu, hokkora kaasuu fi miidhaa geessisuu hin dabalatu " jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ragaan mootummaa biyyattii akka agarsiisutti lammiileen biyyoota biroo miliyoona sadii ta'an karaa seera qabeessa ta'een biyyattii keessa jiraatu.

Guyyaan godaantota baasuu osoo hin gahin duratti namootni hedduun sodaa haleellaa isaanirra gahuu maluutiin dursanii gara Kaampiiwwaniitti walitti qabamaa jiru.

Bakka mormiin guddaan itti Mudate magaala Darbaan keessatti lammiileen alaa keessumaa Malaawwii ta'an buqqaafamaa jiru.

Dubartoonni hedduun qabeenya isaanii walitti qabatanii otobisii gara Malaawwii deemu eeggachuurratti argamu.

Lammiin Malaawwii Nelson Mbewe jedhamu, gara Afrikaa Kibbaa kanan dhufe carraa hojii argachuu fi maatiikoo gargaaruuf ture jedha.

"Asitti qorumsatu numudate. Dokumantii seera qabeessa waan hin qabneef gara biyya keessaniitti deebi'aa nuun jechaa jiru. Isin Makuwerere dha nuun jedhu. Maqaa jibbiinsaa lammiilee biyyoota Afrikaa biroo irraa dhufan ittiin waamani "

"Kuni biyya isaaniiti maal gochuu dandeenyaree? Kanaafi fedhii keenya malee gara biyya keenyaatti deebi'uuf kan dirqamne" jedha Mbewen.

Lammiin Malaawwii biroo kan gara biyyaatti deebifamuuf adeemsarra jiru ammoo akkas jedha,

"Warra Afrikaa Kibbaa Kanaan waanin jedhu yoo jiraate nuti tokko. Waan fedhe ta'ulleen Afrikaan Afrikaa ta'uu qabdi. Afrikaan Afrikaa Kibbaa, malaawwii fi kaan malee Afrikaa hin taatu"

"Kanaaf wanti fedhe uumamulleen waljaalachuu qabna. Akka Afrikaatti walqabachuu qabna" jedha.

Mormiin farra godaantotaa magaalota Darbaan, Johaansbargi fi kaan keessatti hiriira bahuuf kibxatatti heeyyama argataniiru.

Angaa'onni biyyattii mormitoonni yeroo mormii dhageessisan hokkorri akka hin kaane qindeessitoota kan akeekkachiisan yoo ta'u, hokkorri yoo uumame too'achuuf qophii ta'uus himan.

Meeshaalee aadaa miidhaa geessisuu danda'an qabatanii bahuun hin danda'amu jedheera poolisiin. Kuni ammoo warra Gosa Zuuluu waliin hin deemu. Gosti kuni akka aadaa isaaniitti ulee fi wantoota qara qaban qabatanii deemu. Bakka mormii kanatti Sababa Kanaan poolisiidhaan walitti bu'u jedhamee sodaatameera.

Erga mormiin farra godaantotaa bara kana egalee hanga ammaatti godaantonni kuma 12 ta'an gara biyya isaaniitti deebifamaniiru.

Biyyootni akka Gaanaa, Malaawwii, Mozaambiik, Nayijeeriyaa fi Zimbaabuwee torbeewwan darban keessa lammiileesaanii karaa xiyyaaraa fi Otobisiin baasaa jiru.

Angaa'onni Afrikaa kIbbaa lammiilee Naayijeeriyaa 500 caalan kanneen biyyatti akka deebi'an ta'an waraqaa sirrii ta'e akka hin qabne himu. Naayijeeriyaan garuu dhimma kanarratti mormii kaasti.

Jibbiinsi lammiilee biyyoota alaa (Zenofoobiyaan) Afrikaa kibbaa keessatti erga waggoota dhihootii ajandaa ijoo ta'eera. Yeroo hedduus gara hokkoraa fi mormiitti ceha.

Braa 2008, hokkora mormii lammiilee Afrikaa kibbaa hin taane irratti ka'een namootni 60 ajjeefamuun niyaadatama.