Itoophiyaan dippilomaatonni Ertiraa sa'aatii 48 keessatti akka bahan ajajuu hordofee Ertiraan deebii kennite

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii gocha diinummaa fi tuttuqqaa Ertiraan kallattii fi al-kallattiin Itoophiyaa irratti raawwachaa jirti jedheef embaasii biyyattii Asmaraatii qabdu cufuuf murteessuu beeksise.
Kana malees, dippilomaatonni Ertiraa 10 Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyattii kallattiin balaarra geessisan keessatti waan hirmaataniif sa'aatii 48 keessatti Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen ifa godheera.
Ertiraan gamasheetiin 'gocha diinummaa gaddisiisaa ta'edha' jechuun tarkaanfii Itoophiyaa fudhatteef deebii kenniteetti.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee G/Masqal ibsa fuula X isaarratti baaseen, "'Ulaa galaanaa argachuun dirqama' jechuun ulaawwaniifi qarqara galaanaa Ertiraa walabaa weeraruu fedhuun qabatamatti kan waggoota sadan darban Ertiraa irratti jibbinsa walirraa hin cinne labsaafi ifatti waraana labsaa turte," jechuun himateera.
Haala amma jiru kanaanis Ertiraan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu guutummaatti addaan kutuu malee filannoo hin qabdu jedhe Yamaanee G/Masqal.
Ministeerrri Dhimma Alaa Itoophiyaa hariiroo dippilomaasii ilaalchisee seera idil-addunyaa [Vienna Convention] cabsuun dippilomaatonni Ertiraa Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa yaaddessu keessatti waan hirmaataniif bu'uura Vienna Convention on Diplomatic Relations irratti hundaa'uun Itoophiyaa keessatti hin barbaadaman jedheera.
Itoophiyaan mootummaan Ertiraa gochawwan faallaa sirnaafi naamuusa ittiin bulmaata hariiroo biyyootaa walabaa gidduu ta'e akka dhaabduufis cimsee gaafachuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa kun cimsee gaafateera.
Itoophiyaan walitti dhufeenya seenaa, aadaa, akkasumas ummataa cimaa Ertiraa waliin qabduuf bakka guddaa qabdi kan jedhe ibsi kun, nagaan waliin jiraachuu, tasgabbii naannichaa, akkasumas walitti dhufeenya gaariin akka jiraatuuf dursa kennitee ejjennoo dhaabbataan hojjetaa turtuu ibseera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Itoophiyaan nagaa fi tasgabbiin, akkasumas walitti dhufeenyi waaraa akka cimuuf wal dhibdeewwan karaa nagaa furuu fi hawaasa Gaanfa Afrikaa keessa jiran waliin hojjechuurratti dhimmitee hojjechuu itti fufti," jedha ibsi kun.
Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun TPLF waliin ta'uun lola banan jechuun Mootummaan Naannoo Affaar ibse.
Itti gaafatamaa Kominikeeshinii Naannoo Affaar kan ta'an Obbo Mohaammad Alii BBCtti akka himanitti, loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun lola bananiiru.
Loltoonni Ertiraa kun Naannoo Affaar keessatti TPLF waliin ta'uun humnoota mootummarratti lola banuu kan himan Obbo Mohaammad, loltoonnifi meeshaaleen waraanaa Ertiraa booja'amuus dubbatu.
Loltoonni Ertiraa daangaa seenuun kallattiin lola gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuufi dhiisuu mootummaa federaalaa irraa ifatti hanga ammaa waanti ibsame hin jiru.
Ministiira Beeksisaa Ertiraa kan ta'an Yamaanaa Gabramasqal waa'ee loltoonnisaanii daangaa Itoophiyaa seenuun lola banuufi dhiisuu gaafatamanii "himannaa sobaa" ta'uu BBCtti himana.
"Mootummaan Badhaadhinaa walitti bu'iinsawwan heddu biyya keessatti gaggeeffamaa jiran gara dabarsuuf jecha mootummoota ollaa himachuun waanuma barameedha," jedhan qondaalli Ertiraa kun.
Ertiraan hidhattoota Itoophiyaa deeggarti kan jedhu irra deddeebiin qondaalota Itoophiyaarraa dhagahamee ture.
Haa ta'u garuu, Ministiirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanaa Gabramasqal himannaa Itoophiyaarraa dhiyaatu balaaleffataniiru.
Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa torban kana turtii Aljazeera waliin taasisaniin, waraanni Ertiraa naannoo Affaarirratti kallattiin haleellaa gaggeessaa akka jiru ibsan.
Itaamaajoorshuumiin Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa torbee darbe miidiyaa Raayyaa Ittisaa waliin turtii taasisaniin, "lolaa kan jirru kanneen fedhii humnoota alaa raawwaachuuf gurmaa'an waliini" jedhanii turan.
Dabaluunis, "Shaabiyaan [Ertiraa] fi TPLF deeggarsa Sudaan, Masiriifi humnoota biroon ala of danda'anii yoo gurmaa'aniyyuu gatii hin qaban. Gaafa qopha qophaatti gargar bahan ammoo tasumaa hiika hin qaban," jdhan.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni irra deebiin kan ka'e, humnoonni hidhatan torba mootummaa Itoophiyaa aangoo irraa buusuuf wal-ta'iinsa tolfachuu ibsuun isaanii dhagahamee guyyoota muraasa boodadha.
Waraanni kaaba Itoophiyaatti bara 2020-2022 gaggeeffamerratti mootummaa federaalaa, Ertiraafi hidhattoota Amaaraa waliin ta'uun TPLF lolan.
Waliigaltee Piritooriyaa booda garuu hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru laaffachuun gara wal-gaarreffachuutti cehame. Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee heddu osoo hin turin TPLF ammoo Ertiraa waliin hariiroo tolfachuun dhagahame.
MM Abiy Itoophiyaan Ulaa Galaana Diimatti bahuu akka qabdu erga ibsanii booda ammoo hariiroon biyyoota lamaanii caalmatti hammaataa deemuutu himama.



























