Gamtaan Afrikaa dhimma Itoophiyaa irratti walga'ii ariifachiisaa akka waamuuf Aministiin gaafate

Asxaa Aministii Internaashinaal
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Walitti bu'iinsi Itoophiyaatti deemaa jiru babal'ataa dhufuu hordofee, Gamtaan Afrikaa (AU) dhimma Itoophiyaa irratti walga'ii ariifachiisaa akka waamu Aministii Internaashinaal gaafate.

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf falmu kun ibsa Jimaata, Onkoloolessa 2, 2026 baaseen, erga waraanni haaraan jalqabamee kaasee dhukaasaa fi haleellaa qilleensaa raawwatamuun qabeenyi namoota nagaa manca'uu ibseera.

Akkasumas, namoonni dirqamaan loltummaaf ramaduu fi gochoonni mirgoota namoomaa idil-addunyaa cabsan jedhamuu danda'an raawwatamaa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen qabatamaan isa ga'uu ibseera.

Akka Aministii Internaashinaal jedhutti, Manni Maree Nagaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa hanga ajjeechaan jumlaan raawwatamutti ykn lakkoofsi namoota nagaa du'anii dabalamutti eeguu hin qabu.

Waamichi kun kan dhiyaate TPLF dabalatee gareewwan hidhatan torba "Tibibbir Le Hilliwuna" jedhuun tumsa uumuu hordofee, kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi irra deebiin erga ka'een booda.

Itoophiyaan gareewwan hidhatan kana deeggaru jechuun Ertiraa fi Masrii himachaa jirti. Hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Ertiraa gidduus yeroo ammaa gaaga'ama keessa jira. Biyyoonni lamaan tokko isa kaan yakkamaa taasisuun hariiroo dippilomaasii isaanii addaan kutuu beeksisaniiru.

Walitti bu'iinsi kun gara biyyoota biroottis babal'achuu danda'a jedhamee yaaddoon jira.

Komishiniin Gamtaa Afrikaas muddamni Itoophiyaa, Ertiraa fi Masrii gidduutti uumame akka isa yaaddessee fi haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru ibseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Komishinichi biyyoonni sadan, "gochootaa fi ibsaawwan muddama kana daran hammeessanii fi nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqan irraa akka of qusatan," akkasumas garaagarummaa isaanii "karaa dippilomaasii fi marii nagaatiin" akka furan waamicha dhiyeesseera.

Daarektarri Aministii Internaashinaal Afrikaa Bahaa fi Kibbaa, Tiigeerii Chaagutaah, Gamtaan Afrikaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Tigraay diigameef wabii warra kennan keessaa tokko ta'uu yaadachiisteetti.

"Dogoggorawwan darban irraa barachuun, osoo hin barfatiin deebii hatattamaa itti kennamu uumuu fi biyyoota miseensa ta'an qindeessuu qaba," jetteetti.

Walitti bu'iinsi kun naannicha keessatti yaaddoo dabalaa waan jiruuf, Manni Maree Nagaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa haala Itoophiyaa keessa jirurratti walga'ii ariifachiisaa waamuun murteessaa ta'uu isheen ibsite.

Gamtaa Afrikaa fi IGAD dabalatee, hawaasni idil-addunyaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii rakkoo Itoophiyaa keessatti uumame furuuf tarkaanfiiwwan hatattamaa fudhachuu qabuus jetteetti.

Aministii Internaashinaal akka ibsetti, walitti bu'iinsa kaaba Itoophiyaatti dhalate hordofee lolli kibba Tigraay, kaaba Amaaraa fi lixa Affaar keessatti deemaa jiru cimee itti fufeera.

Kanaan alattis, haleellaawwan qilleensaa Tigraay keessatti, magaalota Maqalee fi Aksum dabalatee, bakka gara garaatti raawwatamaa jiraachuu fi meeshaaleen gurguddoon itti fayyadamaa jiraachuu ibseera.

Waraanni kaaba Itoophiyaa torbee lama dura yeroo ka'etti, Dura Taa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuf lolli "hatattamaan akka dhaabbatu" waamicha dhiyeessanii turan.

Waloomni humnoota hidhatanii uumame "tasgabbii dhabuu kana hammeessa," jechuunis ibsaniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin mallattaa'e ilaalchisee, Mahaammad Alii Yuusuf, waliigaltichi "lola dhaabuun nagaa waaraa fiduuf" shoora guddaa qabaachuu eeraniiru.

Waraanni Tigraay waggaa shan dura erga jalqabee dhiiga hedduu dhangalaasee booda, Waliigaltee Piriitooriyaa mallattaa'een goolabame. Haa ta'u malee, erga waliigalteen kun mallattaa'ee as qondaalonni Tigraay hojiirra oolmaa isaa irratti gaaffii kaasaa turaniiru; qaawwa uumameefis gareewwan lamaan tokko isa kaaniin komachaa turan.

Dura Taa'aan Gamtaa Afrikaa gama isaaniin, waliigaltichi "nagaa waaraa fi tasgabbii Itoophiyaaf dhakaa bu'uuraati," jedhan.