Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Birriin dogongoraan herreega baankii nama biraa irratti galchitan siniif deebi'amoo hin deebiyu?
Dargaggoo Dabalaa Kabbadaa Yunvarsiitii Mattuutti barataa digirii lammaffaa yoo ta'u, yeroo inni eebbaaf qoqophaa'aa jiruti waan inni hin eegne ergaa gabaabaan bilbila isaarratti seeneef.
Ergaan kunis Herreega baankii isaa irratti qarshiin 92,444 galuu kan himu. Dargaggoon kuni ganama akka hirriibaa ka'een ergaa kana yoo argu rifatee hin gammanne.
"Ani barataadha. Nama birrii naaf erga jedhee eegus, kan naaf ergus waan hin jirreef maallaqni kuni dogogoraan akka herreega kiyyarratti seene nan bare" jedha.
Hiriyaa isaa baankii hojjetu waan ta'e kana akka mariisisee fi gara baankii deemuun maallaqni namaa dogogoraan herreega kiyyarra seeneera jedhee gabaasuuf yoo jedhu abbaa maallaqichaa irraa ergaan isa qaqqabe.
"Maallaqni kuni kan intala biyya Araba jirtuuti. Isheen maallaqicha maatii isheetiif erguuf karaa bakka bu'aa ergitee namichi ammoo dogogoraan herreega kiyyarratti galche".
"Facebook kiyya yeroon banu intalli biyya arabaa jirtu tokko kan kanaan dura walbeeknu birriin dogogoraan herreega keetirratti najalaa ergameera kan jedhu ergaa naaf keesseen arge. Maaloo maatii kiyyaaf naaf deebisi jette," jedha.
Dabalaan durumaa maallaqa herreega isaarratti dogogoraan gale kana gabaasuuf yaadaa ture herreega irratti ergamuuf gaafatee maallaqicha abbaaf galche.
"Ani barataa eebbaaf qophaa'aa jiru. Yeroo maallaqni nabarbaachisu. Garuu ani nama boru guddatu waanan ta'eef dafqa namaa nyaachuu hin barbaadu. Waan sammuukoo gammachiisun godhe," jedha.
Dargaggoon kuni hojii amanamummaa hojjete kanaan dubartii biyya arabaa jirtu kanarraa, hawaasa yunvarsiitii Mattuu fi namoota naannoo isaa irraa galataa fi hamilee argachuun daran murtiisaatti akka gammadu gochuus BBCtti hime.
Birriin dogogoraan nama biraa irratti galchite akka siifdeebi'u kan murteessuu mana murtii qofa
Dhimmi maallaqa dogogoraan herreega nama biraa irratti ergamee akka namootni hedduun yaadan 'namni herreega isaarratti seenef deebisuuf dirqama akka qabu yookan ammoo namni erge gaafachuu mirga akka hin qabne miti.
BBCn dhimma kanarratti Baankii Itoophiyaa keessaa tokko keessatti nama ogeessa seera faayinaansii ta'uun tajaajilaa jiran dubbiseera.
Ogeessi kuni adeemsa odeeffannoo kennuu sirna baankii keessaa sodaaf eenyummaa isaanii BBCtti himanilleen akka hin ibsamne gaafatan.
Akka isaan jedhanitti, dhimma falmisiisaa maallaqa dogogoraan herreega nama biraa irratti ergame ilaalu dhaddacha ijibbaataa Sadaasa 25, bara 2012 taa'ameen hiikoon seeraa itti kenname.
Hiikoo seeraa kanaaf ka'umsa kan ta'e abbaan dhimmaa tokko birrii 42,800 herreega nama biraa irratti dogogoraan erga erganiin booda maallaqni kuni akka deebi'uuf abbaa herreegichaa mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaatti erga himataniin booda.
Falmii kanaanis himatamtuun maallaqichi herreega baankii isaanii irratti seenuun dhugaa ta'us dogogoraan osoo hin taane maqaa fi lakkoofsa Herreegaa ilaalanii itti yaadanii liqiin irraa qabu naaf deebisan jechuun falman.
Manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa falmii bitaa fi mirgaa erga ilaaleen booda himatamtuun maallaqa dogogoraan herreega isaanii irratti seene dhalaa fi baasiiwwan biroo waliin akka himattuuf deebisan murteesse.
Himatamtuun murtii mana murtii sadarkaa jalqabaa Federaalaa kana ol iyyannoon gara mana Murtii Olaanaa Federaalaatti iyyatanis manni murtichaas murtiima manni murtii gara gadii murteesse kana cimse.
Murtii manneen murtii lamaanii kanaan booda dhadhachi ijibbaataa sadaasa 25, bara 2012 hanqina hiikoo seeraa dhimma kanarratti jiru furuuf abbootii seeraa shaniin murtii haaraa dabarse.
Himata abbootii dhimmaa lamaanii irrattis murtii manneen murtii lamaan dabarsan kufaa gochuun Himatamtuun herreega baankii isheerratti maallaqni galeef maallaqicha deebisuuf dirqama akka hin qabnee murteesse.
"Dhimmootni dhadhacha ijibbaataa irratti abbootiin seeraa dabarsan dhimmoota walfakkaatoo akkanaa irratti akka seeraatti kan ilaalamuu fi murtii dhimmoota akkasii kennuu keessatti akka 'Reference'tti ilaalamu," jedhan Ogeessi seeraa BBCn dubbise.
Bu'uura hiikaa seeraa dhadhachi ijibbaataa kenne kanaatiinis maallaqni dogogoraan herreega baankii nama biraa irratti ergame salphumatti baankiin duubatti deebisee sirreessuu kan danda'u osoo hin taane mana murtiitiin kan murtaa'u.
Murtiin kuni namni maallaqa yeroo herreega nama biraa irratti dabarsuuf jedhu of eeggannoo gochuun dirqama isaatii jedha.
"Nama maallaqa dabarsuuf sana lakkoofsa isaas, maqaa isaas sirritti mirkaneeffachuu qaba jedha. Nama baankii keessa isaaf dabarsu sanaanillee maqaan nama inni erguufii sirrii ta'uu gaafate mirkaneeffachuu qaba jedha."
"Karaa dijitaalaatiin yoo kan dabarsu ta'es akkuma kana maqaa isaaf dhufu sana qulqulleeffatee dabarsuun dirqama nama sanaati jedha" jedhan.
Of eeggannoo kana gochuu utuu qabuu dogogoree maallaqni nama biraa irratti yoo jalaa seene garuu itti gaafatamummaa kan fudhatu abbichuma ta'a.
"Takkaa maallaqichi nama sana biraa bahee herreega nama biraa keessa erga seenee maallaqichi kan abbaa herreega sanaati jedhamee yaadama. Kanaaf, akkasumatti lafaa ka'amee daddabarsi suni duubatti deebisuun hin danda'amu," jedhan.
Kanas ta'ee garuu namni dogogoraan herreega baankii nama biraa irratti maallaqa galche kuni mana murtii aangoo qabutti deemuun maallaqa dogogoraan galche kana mana murtiitti himachuuf mirga ni qaba.
Mana murtiitti erga himatee nama herreega isaarratti maallaqni seene sana himachuun ragaa dhiheeffatuurratti hundaa'uun deebifachuu danda'a.
Namni himatu kuni garuu maallaqni kuni deebi'uu fi dhiisuun kan mana murtiitiin murtaa'u adeemsa seeraa keessatti ragaa dhiheeffatan irratti hundaa'a.
"Namni maallaqni herreega isaarratti seenef kuni 'Lakkii maallaqa kana dogogoraan miti kan galche, itti yaadee maqaa fi lakkoofsa herreega baankii kiyyaa ilaalee galche. Kanaafuu, maallaqichi kiyyuma jedhee falmuu danda'a" jedhan.
Adeemsa seeraa kana keessatti himatamaan maallaqicha liqiin irraa qabu naaf deebise jedhee ragaa qabu dhiheeffatee jennaan carraan abbichi maallaqa kana argachuu dhiphaa ta'a jedhan Ogeessi seera Faayinaasii kun.
Maallaqni erga herreega nama biraa irratti seeneen booda filannoon jalqabaa namni herreega isaarratti seeneef kuni fedhii isaatiin deebisuu akka ta'ee fi kara seeraatiin yoo deeman ammoo carraan deebisiifachuu fi dhiisuu 50/50 jedhan.
Akka seerri jedhutti maallaqa dogogoraan herreega nama biraa irratti seene waan abbaan dhimmaa itti iyyateef baankiin daddabarsicha duubatti deebisee maallaqicha abbaaf deebisuuf aangoo hin qabu.
Maallaqni suni akka abbaaf deebi'u yookan hin deebine kan murteessu mana murtii qofa akka ta'e himu ogeessi seeraa.
Hawaasnis daddabarsa maallaqaa yeroo taasisu ofeeggannoo guddaa gochuun dhibdee dogogoraan booda dhufurraa ofbaraaruu akka qabus dhaaman.