Gabaasi HRW baqattoota Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataniif birmannaa gaafatu maal qabateera?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Jaarmiyaan idiladdunyaa mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) baqattoonni Itoophiyaa 65 Sa'uudii Arabiyaa keessatti balaa ajjeefamuu jala jiru jechuun birmannaan akka barbaachisuuf gaafate.

Gabaasi kun aanga'oonni Sa'uudii Ebla 21, 2026 baqattoota biroo sadi ajjeesuu ibse.

Dhaabbatichatti qorattuu mirga baqattootaa fi godaantotaa kan taate Naadiyaa Hardmaan ''michuuwwan Sa'uudii dhimma kana dafanii gidduu seenuun fala kaa'uu qabu,'' jette.

''Sa'uudii Arabiyaan yakka balaafamaa hin taaneen erga godaantota himattee booda murtee ajjeechaa irratti raawwachuuf fedhii olaanaa agarsiisuun, dhiittaa mirga namoomaa hamaa fi gaaga'ama lubbuu dhala namaa raawwachaa jirti,'' jette qorattuu gameettiin HRW kun.

Dhaabbati kun dhimma godaantota dhiirota ta'an sadii, kan mana hidhaa Khamis Mushait keessatti argamii, irratti maddeen sadi waliin gaaffii fi deebii taasiseera.

Manni hidhaa kun Sa'uudii Arabiyaa naannawa Asir jedhamu keessatti argama.

Maddeen kunneen godaantonni sadanuu bara 2020-2022 waraana Tigraay dheessuun kanneen gara Sa'uudiitti baqatan ta'uu himan.

Akka ragaa kanaatti baqattoonni kunneen daandii balaafamaa qaxxaamuruun karaa Yaman wayita gara Sa'uudiitti ce'an Jimaa qabatanii turan.

Baqattoonni kunneen jimaata qabatanii kan deemaniif dirqamsiifamaniiti kan jedhe maddi HRW, dallaalonni dirqamaan baachisaa akka turan ragaa bahan.

Jimaan Itoophiyaa fi Yaman keessatti seeraan dhorkaa miti, Sa'uudii keessatti dhorkaadha.

Maddeen akka jedhanitti godaantonni kunneen Sa'uudiitti jimaan seeraan ala ta'uu hin beekan.

Aanga'oonni Sa'uudii baqattoota kunneen karaatti arguun to'achuu kan ibsan maddeen kunneen, erga to'atanii booda mana hidhaa Khamis Mushait jedhamutti dabarsan jedhan.

Baqattoonni sadeen bara 2023 fi 2024 gidduutti bakka Abaha jedhamutti osoo dalagataa jiranii qabaman.

Baqattoonni kunneen yeroo gabaabduuf dhimmasaanii karaa mana murtii dhagahanis adeemsa seeraa gahaa ta'e hordofuuf garuu carraa hin arganne.

Nama seeraa bakka isaan bu'u ykn nama afaan hiikuuf hin arganne, yakka ittiin himatamaniillee hin dhageenye.

Yeroo dhimmisaanii mana murtiitti ilaalamaa turetti humnoonni nageenyaa Sa'uudii dokumantii baqattoonni kunneen dubbisanii hubachuu hin dandeenye dirqamaan mallatteessisaa turan jedhan maddeen HRW.

Namni afaan hiiku dhaddacha xumuraa kan murtiin irratti darberratti qofa dhihaatee murteesaanii itti hime. Kanarra kan darbe nama afaan hiikuufillee hin arganne.

Qoricha sammuu namaa hadoochu waan daddabarsaniif adabbiin du'aa akka itti murtaa'e qofa itti hime afaan hiikeen.

Abbaan seeraa wayita murtii dabarsu ''warra kaaniif fakkeenya taatu,'' jechuu ibsan maddeen.

Baqattoonni Itoophiyaa kunneen waggaa lamaaf mana hidhaa Khamis Mushait keessatti hidhaman, mirga ol iyyannoos hin arganne.

Baqattoota Itoophiyaa yakka daddabarsa qoricha sammuu hadoochaniin adabbiin du'aa itti murtaa'ee ajjeechaa eeggatan 65 keessaati, garuu yoom akka adabbiinsaanii kun raawwatamu hin beekan.

Maddeen HRW kunneen akka ibsanitti baqattoonni kunneen sadan, baqattoonni Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman biroon manneen hidhaa garagaraa Sa'uudii keessatti ukkaamfamanii jiraachuu amanu.

Mana hidhaa Khamis Mushait keessatti qofa baqayyoonni Itoophiyaa 200 caalan adabbii du'aa eeggachaa jiraachuu miidiyaan gabaasaniiru.

HRW gavaasa kana ofiisaatii qoratee hin mirkaneeffanne.

Maddeen HRW akka jedhanitti qondaalonni nageenyaa Sa'uudii Ebla 21,2026 mana murtiitti dhihaattu jechuun baqattoota sadeen mana hidhaatii baasan.

Booda eegdonni mana hidhaa namoonni sadeen ajjeefamuu fi maatiisaaniitti akka himan hidhamtoota kaanitti himan jedhan maddeen kunneen.

Haalli kun hidhamtoota kaan baayyee jeeqe, naasuu fi roorrifama hamaa miira jeequ keessa akka jiraatan dirqamsiise.

Hidhamtoonni erga qabamanii qaamni deemee isaan gaafate hin turre, dhimmisaanii aanga'oota qonsilaa fi imbasii bira ga'ee hin beeku.

Maddeen HRW wabeeffate hidhamtoota keessaa tokko ''torbee hiriyoota keenya sadi ajjeesan, har'a ykn bor ammoo nu ajjeesuu danda'u,'' yeroo jedhu dhagahuu himan.

Kan isaan ajjeesan qondaalota nageenyaa Sa'uudii Arabiyaati.

Ebla 21 guyyaa baqattoonni Itoophiyaa sadeen mana hidhaatii baafamanii osoo hin deebi'in hafan sana, Ministeerri dhimma biyya keessaa Sa'uudii, lammiileen Itoophiyaa sadii ''osoo hashiishii daddabarsanii qabaman,'' ajjeefamuu ibse.

Sa'uudii Arabiyaan adabbii du'aa raawwachuun bara 2024 fi 2025 rikardii haaraa qabatteetti. Bara 2024 namoota 345, bara 2025 ammoo namoota 356 ajjeefte jedha gabaasi HRW.

Biyyattiin erga mootii Salmaan bin Abdulaziiz Amajjii 23, 2015 aangoo qabatee namoota 2,000 caalan irratti adabbii du'aa raawwatteetti.

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman imala balaafamaa imaluun Sa'uudii Arabiyaa erga seenanii booda rakkoolee adda addaaf saaxilamu.

Sababoota garagaraan kanneen manneen hidhaatti darban hedduudha. Ammoo kanneen maqaa daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun qabaman du'atu isaan eeggata.

Akkasumas baqattoonni Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman waggaa waggaan daangaarratti ajjeefamu jedha HRW.

Haalli amma jiru daran yaaddessaa ta'uu kan hubate jaarmiyaan kun, mootummaan Sa'uudii dhimma kana keessa deebi'ee sirriitti sakatta'uun akka sirreessu gaafateera.

Mootummaan Sa'uudii Jaarmiyaalee idiladdunyaa kanneen akka Konvenshinii Mirgoota Daa'immanii UN, jaarmiyaa mirga siivilii fi siyaasaa idiladdunyaa- International Covenant on Civiland Political Rights fi jaarmiyaa farra dararaa dhala namaa- UN Convention against Torture jedhaman waliin ta'uun murtee dabarse keessa deebi'ee akka sakatta'u dhaame HRW.

Akkasumas Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa fi bakka buutonni isaa Sa'uudii jiran gitoota isaanii kan Sa'uudii waliin ta'uun lammiilee kunneeniif birmachuu akka qaban dhaame.

Mootummoonni dhimma ilaallatu hundi Sa'uudiin murtii du'aa dabarsuurraa akka of qusattu dhiibbaa uumuu akka qabanis gaafateera HRW.