Baqattoonni Afrikaa Kibbaa yeroo hiriirri mormii gaggeeffamu suuqii akka cufan itti himame

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baqattoonni magaalaa guddoo Afrikaa Kibbaa Piritooriyaa keessa jiraatan yeroo hiriirri mormii farra baqattootaa taasifamu miidhaan akka irra hin geenye ''of eeggannoo olaanaa'' akka taasisan itti himame.

Namoonni Afrikaa Kibbaatti keessummaa jibban haleellaa dhaqqabsiisaniin lammiileen biyyoota garagaraa ajjeefamuu gabaafameera.

Komishiniin Olaanaa Gaanaa lammiileen isaanii Afrikaa Kibbaa jiraatan suuqiiwwan isaanii akka cufaniifi ''ija namaa keessa akka hin seenne'' akeekkachiiseera.

Waldaan lammiilee Naayijeeriyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan immoo ergaa miseensonni isaanii manaa akka hin baane ibsu ergeera.

Magaalaa Johaanisbarg keessatti hiriirri mormii baqattoota biyya isaanii jiraatan mormu akka taasifamu ni eegama.

Afrikaa Kibbaa keessatti erga yeroo dhihootii dhimmi baqattoota seeraan alaa meeshaa siyaasaa ta'a dhufeera.

Mormitoonni muraasni lammiileen biyya alaa hojii nu dhabsiisaa jira akkasumas karaa haqa hin taaneen tajaajila ummataarraa fayyadamaa jiru jechuun himatu.

Haa ta'u malee, Pirezidant Siriil Ramaafosaa lammiileen ''sodaafi dhiphinni isaanii obboloota isaanii Afrikaa biroo jibbuutti akka hin guddanne,'' akeekkachiisaniiru.

Raamaafosaan guyyaa bilisummaa biyyattii irratti haasaa taasisaniin haleellaa dhihoo lammiilee alaa irratti dhaqqabe balaaleeffachuun lammiileen Afrikaa biroo yeroo qabsoo Appaartaayidii deeggarsa nuuf taasisan dagachuu hin qabnu jedhan.

Gaafa Kibxataa baqattoonni dhibbaan lakkaa'aman addabaabayii Piritooriyaarratti bahuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Kanneen hiriira bahan muraasni uffata ejjennoo ibsu kan uffatan yoo ta'u kaan immoo harka isaaniin dhaadannoo qabatanii mormii isaanii ibsaniiru.

Namni mormiif hiriira bahe tokko ''[lakkoofsi] baqattoota seeraan alaa dabaluu'' akka addabaabayii bahu akka isa godhe ibsee namoonni siyaasaa waan kana ilaallatuun homaa gochaa hin jirani jedheera.

''Amma yeroo hundaa baqattoonni seeraan alaa hawaasa keenya keessatti rakkoo guddaadha jennee wanta irraa dubbataa turre hiriirri deeggaru waan jiraateef ni galateeffanna,'' jechuun kan hiriira kana qopheessite, Maarch End Maarch galateeffateera.

Kana dura hiriirri baqattoota seeraan alaa mormuun taasifaman gara hookkaratti qajeelanii baqattoonni baay'ee miidhamaniiru.

Sababa kanarraa kan ka'e kanneen hiriira bahan hawaasa balaaf saaxilaman akka ittisaniifi nagaa akka qabaatan gaafatameera.

Afrikaan Kibbaa lakkoofsa ummataa waggaa lama dura gaggeessiteen ummata biyyattii keessaa yoo xiqqaate baqattoonni biyyoota biraarraa dhufan miiliyoona 2.4 ni ta'u.

Kanneen keessaas lakkoofsa guddaa kan qabatan biyya ollaa Zimbaabuwee irraa kan dhufanidha.

Itoophiyaa, Dimookiraatik Kongoo, Somaaliyaa, Baangilaadesh fi baqattoonni Leseetootii dhufanis baay'eedha.

Baqattoonni jireenya wayyoo qabu barbaacha biyyoota Afrikaa garagaraa irraa gara Afrikaa Kibbaa deeman ummata biyyattii miliyoona 62 keessaa yeroo ilaalaman 3% qofadha.

Haa ta'u malee, baqattoonni Afrikaa Kibbaa jiraatan baay'ee namoota hojiifi carraa biraa nu jalaa qooddataniiru jedhamaniin haleellaan irra gaha.

Namoonni orma jibban kuni zenofobiik jedhamu.

Keessumaa baqattoota Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biraa dhufan ajjeechaa, saamichaafi manca'insi qabeenyaa isaan mudata.

Komishiniin dippilomaatikii Gaanaa yeroo hiriirri mormii taasifamu lammiileen isaa ''nageenya isaaniif eegumsa olaanaa akka kennaniifi tarkaanfii eegumsaa'' akka fudhatan gorseera.

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez sochii orma jibbu Afrikaa Kibbaatti mudate balaaleeffataniiru.

Gabaasota namoota keessummaa jibban bahanis akka isaan yaaddesse dubbataniiru.

''Hookkara, haleellaafi sochiin jibbinsaa hunduu hawaasa dimookiraasii hunda hammate jalatti bakka hin qabani'' jechuunis dubbataniiru.

Biyya Afrikaa Kibbaa lakkoofsi namoota hojii hin qabne 33% gahe keessatti waggoota kurnan oliif sochiin orma jibbuu adeemaa jira.

Waggoota muraasa dhihoo gareewwan Maarch End Maarch fi Oppireeshinii Duduulaa jedhaman baqattoota Afrikaa Kibbaa mormuun hiriira gaggeessaniiru.