Ameerikaan loltoota kumaatamaan lakkaa'aman Jarmanii keessaa qabdu hir'isuuf akka jettu Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaarratti beeksise.
Kun erga Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi dhimma waraana Iraan irratti Tiraampiin qeeqanii guyyoota booda dhagahame.
Bulchaan Jarmanii kun akkaataa Ameerikaan waraana Iraan itti keessummeessitee fi tooftaa fi tarsimoo Tiraamp qeequun ''waraana kanaan Iraan Ameerikaa qaanessiteetti,'' jedhanii turan.
Tiraamp maxxansa isaa keessatti ''waa'ee loltoota US Jarmanii jiran hir'isuu itti yaadaa jiraachuu,'' ibse.
Hanga Muddee darbeetti loltoonni US waraanaaf qophii ta'an kanneen buufataalee Jarmanii adda addaa keessa jiran kuma 36 ta'uun barameera.
Dhimma kanarratti BBCn Waayit Haawus irraa yaada argachuuf quunnameera.
Chaansilarri Jarman Fireedirik Merzi waraana Iraan irratti adeemsa US kan qeeqan Wiixata darbe wayita Marsberg keessatti barattoota yuniversitiif haasaa taasisan ture.
''Ameerikaan walumaagalatti tarsimoo ifa ta'e hin qabdu,'' jedhan.
''Warri Iraan mari'achuurratti qaroodha, ammoo waan mariif dhihaachuu hin qabne irratti mari'achuu diduudhaanis baayyee gameeyyiidha. Warri Ameerikaa hanga Islaamaabaad imalanii bu'aa malee akka deebi'an sababa ta'aniiru,'' jedhan Aab Merz.
Hoggansi Iraan ''saba guutuu qaanesse'' jechuun tooftaa fi tarsimoo waraanaa bulchiinsa Tiraamp qeeqan.
Booda Tiraamp yaada qondaala Jarmanii kanaaf deebii kenneen ''Merz Iraan Meeshaa Waraanaa Nukilaraa qabaachuun sirriidha jedhee yaada,'' jedhe.
Yaada miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesseen bulchaan Jarmanii kun ''waan dubbataa jiru hin beeku,'' jedhe.
''Jarmaniin gama diinagdee fi waan kaaniin gadi bu'uun waan nama ajaayibu miti,'' jedha maxxansi Tiraamp.
Haata'u malee Chaansilarri Jarman kun loltoota US hir'isuu irratti yaada Tiraamp dhiheesse ilaalchisuun hanga ammaatti yaada hin kennine.
Ameerikaan loltoota ishee biyyoota miseensota NATO ta'an keessaa baasuuf wayita dhaadattu kun kan jalqabaa miti.
Bulchiinsi Tiraamp qindoominni humna waraanaa kun Ameerikaarraa fayyadamuu malee waan buusuuf hin qabu yaada jedhuun miseensota 32 hunda keessaa loltoota isaa baasuuf akka yaada qabu dhiheenya kana ibsaa ture.