Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal kilaba guddaa Ingilizii waancaa Shaampiyoons Liigii tokkollee hin mo'anne- Maaliif?
Arsenaal gonkumaa waancaa Shaampiyoonsi Liigiis tahe Awurooppaa Liigii mo'atee hin beeku.
Kileboota Ingilizii gurguddoo keessaa Liiverpuul yeroo jaha, Maanchister Yuunaayitid yeroo sadii, Cheelsiin yeroo lama, Maanchister Siitiin ammoo yeroo tokko mo'ataniiru.
Tootenhaam illee waancaa Awurooppaa Liigii tokko qaba. Arsenaal kanas mo'atee hin beeku.
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii keessatti rikardii guddaa tokko qaba. Bara 2005-06 taphoota 10 irratti osoo galchiin tokkollee irratti hin lakkaa'amiin xumure.
Maal godha waancaa garuu hin mo'anne.
Kileba guddaan kun akkamiin seenaa kana galmeessuu danda'e?
Arsenaal yeroo jalqabaaf dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti kan hirmaate bara 1971 ture.
Kan baranaa waliin yeroo 23 hirmaachuu isaaniiti. Taphataan Shaampiyoonsi Liigii keessatti galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii qabu ammoo Teerii Heeneriidha. Galchii 35 lakkoofsise.
Itti aanee kan jiru Arsenaal waliin waancaa Piriimer Liigii injifachuu dadhabuun kilebicha gadhiisee gara Maan Yuunaayitid deemuun kan mo'ate Roobin Vaan Peersiidha.
Galchii 20 Shaampiyoonsi Liigii irratti lakkoofsiseera. Garuu waancaa Shaampiyoonsi Liigii tokkoyyuu mo'atee hin beeku.
Kileboota gurguddoo Awurooppaa waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atanii hin beekne keessaa Arsenaal isa jalqabaati.
Kileboonni sadarkaa Arsenaalitti miti isaan gadiyyuu amma dorgomaa tahan hedduun kana dura mo'ataniiru.
Teerii Henerii, Roobert Piirees, Deenis Beerkaampi, Sool Kaambel fa'aa qabatee Arsenaal akkamiin waancaa guddaa Awurooppaa kana tokkollee milkeessuu dadhabe?
Bara 1999 yeroo tapha tokkollee osoo hin mo'amiin waancaa Piriimer Liigii mo'atan, akkamiin Shaampiyoonsi Liigii irratti kufan?
Akka xiinxaltoonni kubba miilaa jedhanitti xiyyeeffannoon isaanii guddaan osoo hin mo'amiin Piriimer Liigii xumuruudha jedhu.
Inumaa nuusa xumuraa irratti Cheelsiidhaan 3-2'n mo'amuun dorgommicha keessaa bahan.
Joosee Moorinihoon kanaafi Arsen Weengeriin leenjisaa ''mo'amuudhaan muuxannoo guddaa qabu'' jedhe.
''Kufaatiidhaan leenjisaa ispeeshaaliitii isaa hojjetedha'' jechuun dubbiin kan tuqe Moorinihoon waancicha malee waggaa haga kanaa akkamiin leenjise jedhee gaafate.
Arsen Weenger leenjisaa Arsenaaliin lafaa kaasuun maqaa itti horan, guddisan tahanis karaa Shaampiyoonsi Liigii garuu hin milkoofne.
Kileboota amma dorgomaa cimaa tahan keessaa PSG'n waancicha yeroo jalqabaaf bara darbe mo'ate.
Barana ammoo Arsenaal kan waancicha injifachuuf kutannoo qaban fakkaatu. Taphattoonni Arsenaal hedduunis ofitti amanamummaa kana qabu.
Duubatti deebinee mee qabxiilee tokko tokko haa kaasnu.
Arsenaal yeroo tokko xumura waancaaf dhaqabe. Guyyaa seena qabeessaa fi gaddisiisaa bara 2006.
Yeroo sadii jechuun bara 2009, 2025 fi 26 ammoo walakkaa xumuraaf dhaqabeera.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti kufaatii Arsenaal kanaaf sababa guddaan akkaataa injifannoo Shaampiyoonsi Liigii irratti muuxannoo dhabuudha.
Keessumaa bara leenjisummaa Arseen Weenger taaktika tapha isaa jijjiiruu dhabuu fi mata jabina isaatu gatii isaan baasise.
Injifachuu dhabuun ammoo xiin-sammuu taphattootaa irrattis dhiibbaa qaba jedhu. Kana ammoo kan cabsuuf humna isaa qabu leenjisaadha.
Taphoota murteessoo irratti Arsene Weenger tooftaa taphaa adda tahe kileboota gurguddaa ittiin mo'atu qabatee dhiyaatee hin beeku jedhu.
Fakkeenyaaf Joosee Moorinihoo yoo fudhatte guyyaa waancaaf dhaqabe, ykn walakkaa xumuraaf gahu akkaataa kamiin kileboota isa caalaan akka mo'atu beeka.
Akka tapha Arsenaal bareedaa taphatanii mo'amanii bahuu tahuu dhiisuu mala. Kubbi miilaa waancaa hin mo'attu taanaan madaalliin dhumarratti siif kennamu kufaatiidha jedhu xiinxaltonni kubba miilaa.
Arsenaalis taphaan caalamee qofa osoo hin taane waancaa kana mo'atee waan hin beekneef qofa akka kufaatiitti ibsama.
Mikeel Arteettaan amma xiin-sammuu taphattoota Arsenaal jijjiiruu irratti hedduu hojjeteera. Taphattoonni kunneen ammoo dheebuu waancaa Piriimer Liigis tahe Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu qabu.
Magalesh, Odeegaard, Eezzee fi Haavert waancaa gurguddaa barana akka mo'atan dubbataniiru.
Yoo xumuraaf darbanillee Baayern Muunik ykn PSGtu isaan eeggata. Arsenaal barana Muunikiin mo'ateera.
PSG'n ammoo bara darbe Arsenaal mo'ateera. Arsenaal garuu cimina bara darbee olirra jira.
2005-06 Bara onnee deeggartoota Arsenaal cabsite
Osoo deeggartoota Arsenaal gaafattee mo'amuu isa kamtu onneekee akka malee cabse? Isa bara kamii yaadatta osoo jettee, gaaffii tokko malee bara 2006 sii waamu. Kanneen bara sana deeggaraa turan jechuudha.
Arsen Weenger Paatirik Viyeeraa gurguruun taphattoota ciccimoo sarara giduu haaraa ijaare. Akka Awurooppaatti sarara giduun Arsenaal yeroo sanaa yoo Baarseloonaa tahe malee dorgomaa hin qabu ture.
Teerii Henerii taphataa sarara duraa Arsenaal irratti hirkatu ture. Ittisni isaa akkuma bara kanaa jabaa ture.
Kanaaf kileboota yeroo sana jaboo jedhaman akka Riyaal maadrid, Juuvantasii fi Vilaariyaal mo'achuun darban.
Yeroo sana karra eegaa Arsenaal kan ture Jeensi Leehmaan osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin yeroo dheeraa turuun rikardii cabse,
Arsenaal bara kanas akka bara sanaa fakkaata. Shaampiyonsi Liigii keessatti marsaa duraa sadarkaa tokkoffaan yeroo xumuran galchii hedduun irratti hin lakkaa'amne.
Akkuma bara sanaa xumuraaf gahuu? Walakkaa xumuraa waan gahaniif tapha Atileetiikoo booda kan ilaallu taha.
Bara 2006tti yoo deebinu Arsenaal waancaaf Baarseloonaa waliin morkate. Paaristti ture kan gaggeeffame.
Taphni jalqabee osoo hin turiin karra eegaan Arsenaal Leehmaan Saamu'eel Eettoo kuffiise.
Daanyaan galchii galte kennuu dhiisee Baarseloonaaf rukuttaa peenaaliitii kennuun Leehmaaniin kaardii diimaan baase. Kun daqiiqaa 18 irratti ture.
Murtoon kun haga ammaa akka dogogora tahetti xiinxaltoota kubba miilaa biratti ka'a.
Arsenaal daqiiqaa 70 ol taphattoota 10niin taphachuuf dirqame. Akkasis tahee Arsenaaliif Sool Kaambeel galchii lakkoofsisuun dursuu jalqaban.
Saamu'eel Eettoon daqiiqaa 76 irratti, Juuliyaanoo Belettii daqiiqaa 81 irratti galchii lakkoofsisuun Baarseloonaan waancaa harka galfate. Heeneriin carraa guddaa argatee dhabe. Andiresh Ineshtaan taphicha guutummaan jijjiireera.
Arsenaal bara sana garee akka malee jabaa qaba ture. Deeggartoonni Arsenaal hedduun waancicha ni 'saamamne' jedhanii amanu.
Waggaa 15 booda bara 2024/25 Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii walakkaa xumuraaf gahe.
Garuu PSG'n waliigalaan 3-1 mo'achuun keessaa baase.
Kana qofa osoo hin taane Piriimer Liigii walitti aansee sadarkaa lammaffaan waggoota sadiif haa xumuru iyyuu malee Shaampiyoonsi Liigiis walitti aansee walakkaa xumuraaf gahaa jira.
Gareen Arteettaa ijaaramaa ture bilchinaa fi taphattoota ciccimoo garee keessaa qabaachuun sadarkaa ammaa kana irra hin geenye.
Garuu Riyaal Maadridiin injifataniiru. Waancaa kan mo'ates kilebuma isaan kuffiisee darbe PSG dha.
Taphattoota Arsenaal ama jiran keessaa muuxannoo waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu kan qabu Kaayi Haavert qofaadha.
Haavert galchii lakkoofsisuun bara 2021 Cheelsii waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera.
Arsenaal waancaa Piriimer Liigii isa yeroo kamiyyuu caalaa injifachuu barbaada.
Taphoota afurtu isa hafe. Maanchister Siitiin ammoo kokkee qabeera. Dadhabbiin as gidduutti taphattoota mudatu tarii Arsenaaliin gatii baasisuu mala.
Arsenaal waggoota lamaan darban hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii fi tokkoon tokkoo taphoota mo'atan irraas galii guddaa argateera.
Taphattoota barbaades gatii barbaadeen mallattesisuuf humna qaba. Arteettaan kilebicha haalaan jijjiireera.
Akka waancaa hin mo'anne kan gaara guddaa itti tahe hogganaa isaa duraanii Peep Gaardiyoolaadha. Barana garuu waancaa lama Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun Arsenaal seenaa haaraa barreessaa?