Biyyi boba'aan beekamtu UAEn jaarmiyaa boba'aa addunyaa-OPEC keessaa ba'uun dhiibbaa akkamii qaba?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Biyyi oomisha boba'aan beekamtu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) jaarmiyaa boba'aa addunyaa- OPEC keessaa akka baatu ibsuun addunyaaf akkka salphaatti waan ilaalamu miti.

Emireetonni bara 1971 biyya ta'anii (UAE) hundaa'uu durayyuu miseensa biyyoota boba'aa oomishuun gara alaa erganii Organisation of Petroleum Exporting Countries (OPEC) turan.

OPEC irra jireessaan kan biyyoota Galoo Galaanaa boba'aa alatti erganiiti.

Oomisha boba'aa jikitaa dabaluu ykn hir'isuun waggoota kurna hedduuf gatii boba'aa kan murteessaa turan biyyoota miseensota jaarmiyaa kanaati.

Jaarmiyaan kun rakkoo boba'aan walqabatee bara 1970 keessa mudatee ture keessatti qooda olaanaa gumaache.

Ga'een jaarmiyaan kun bara sana keessa gumaachaa ture imaammata anniisaa addunyaa irratti jijjiirama guddaa uume.

Biyyoota OPEC keessatti olaantummaa kan qabdu Sa'uudii Arabiyaa yoo taatu UAEn itti aanti.

Kana jechuun biyyi kun oomisha boba'aa fi gatii boba'aa addunyaarratti mudatu keessatti qooda olaanaa gumaachiti jechuudha.

Boba'aan walqabatee tarkaanfiin UAEn fudhattu gatii boba'aa addunyaarratti dhiibbaa kallattii qabaata.

Oomisha dabaluun gatii boba'aa hir'isuu keessatti ga'ee olanaa gumaachiti.

Haalli kun UAEn boba'aa ilaalchisuun iddoo qabdu akka keessa deebitee ilaaltu ishee taasisa.

Gabaabumatti UAEn qabeenya yeroo dheeraaf irratti dadhabdee hojjetteen humna argatte duguugdee itti fayyadamuu barbaaddi.

OPEC biyyoonni miseensa ta'an boba'aa hangam oomishuu akka qaban ni murteessa.

Haala kanaan UAEn guyyaatti boba'aa baarmeelii miiliyoona 3-3.5 qofa akka oomishtu ga'een kennameef.

Kun ammoo biyyoota kaan waliin yoo dorgomtu galii argattuun walqabatee akka gatii kaffaltu ishee taasiseera.

Osoo humna qabduu kisaaraa keessa ishee galcha jechuudha.

Haata'u malee tarkaanfiin ammaa kun miidhaa waraana Iraaniin walqabata.

Muddamni Galoo Galaanaatti mudate hariiroo Iraan fi UAE rakkoo keessa galcheera.

Haalli kun hariiroo Sa'uudii Arabiyaa waliin duraanuu laafee jiru miidhuu danda'a.

Tarkaanfii Yunaayitid Arab Emireetis kanaan OPEC guddoo miidhama.

Tarkaanfiin UAE kun wayita OPEC yeroo dheeraaf tokkummaasaa cimsee, bu'a qabeessa ta'ee itti fufuunsaa gaaffii keessa galetti dhagahame.

UAEn boba'aa guyyaatti oomishtu baarmeelii miiliyoona 5 irraan akka geessu eegamaa ture.

Kun garuu boba'aashee galaana irraan ykn karaa daddabarsa boba'aa cufamee turee gara gabaa addunyaatti erguu yoo dandeesse qofa ta'uu danda'a.

Sa'uudii Arabiyaan oomisha boba'aa dabaltee gatii hir'isuun jeequmsa kaasuu dandeessi.

Wanti baayyeen deebii Sa'uudiin kennitu irratti hundaa'uun murtaa'a.

Aanga'oonni Emireetotaa bebbeekamoon akka jedhanitti, ujummoowwan oomsiha boba'aa Abuu Daabiitti argamurraa ka'an haaraan, bakka amma rakkoon jiru, Ulaa Hormuz, bira darbuun buufata yeroo ammaa guutummaatti hojiirra hin oolin jiru, Fujayiraa jedhamu quunnamu.

Yeroo ammaa guutummaatti tajaajila kennaa kan jiru sarara boba'aa tokko.

Haata'u malee oomisha dabalaa jiruu fi Galoo Galaanaa keessatti daddabarsa boba'aa fi gatii boba'aa irratti jijjiirama fiduun humna dabalataa gaafata.

Yeroof Ulaan Hormuuz Iraan fi Ameerikaadhaan cufamuun gatii boba'aa, gaazii, peetiroolii, pilaastikii fi soorataa dabaluu danda'a, garuu kun hanguma ulaan kun cufamutti waan ta'eef hangas mara yaaddoo guddaa miti.

Yeroo ammaa sababa Hormuuz irratti rakkoon dhalateef gatiin boba'aa baarmeeliin tokko doolaara 110 caaleera.

Haata'u malee ulaan kun banamnaan gatiin boba'aa baarmeelii tokkoo doolaara 50tti hir'achuu danda'a.

Yeroo ammaa ga'een OPEC daldala boba'aa addunyaa keessatti qabu akka bara 1970oota keessaa sana miti.

Yeroo sana oomisha boba'aa gabaaf dhihaatu keessaa harka 85 qooddata, amma dhibbeentaa 50 qofa.

Amma qabeenyi boba'aa diinagdee addunyaa keessatti murteessummaansaa akka bara 1970ootaa miti.

OPEC ammas hanga tokko humna qaba, garuu gabaa boba'aa addunyaa guutummaatti to'achuu hin danda'u.

Ministirri Boba'aa duraanii Sa'uudii kan OPEC hogganaa turan Sheek Yamaanii ''Barri dhagaa kan xumurame waan addunyaan dhagaa dhabdeef miti. Barri Boba'aas waan hanqinni boba'aa addunyaa mudateef hin xumuramu,'' yaada jedhu kennanii turan.

Tarkaanfii UAEn fudhatte kana haalota nu hubachiisan keessaa tokko addunyaan hirkattummaa boba'aa jalaa ba'aa jiraachuu isheeti.

Maddeen elektikikii irratti hojiin Chaayinaan hojjetaa jirtus diinagdeen addunyaa sababa gatii boba'aa fi gaazii akka hin miidhamne baraareera.

Biyyi addunyaarratti diinagdee guddaa qabdu Chaayinaan, konkolaattota elektirikii irratti xiyyeeffachuunshee fedhiin boba'aa guyyaatti baarmeelii miiyoona tokkoon akka hir'isu taasiseera.

Kallattii kanaan yoo ilaallu osoo fedhiin hin dhabamin dura kuufama boba'aa irraa maallaqa hamma danda'ametti saffisaan walitti qabuun akka nama baasu hubanna.

UAEn diinagdee cimaa madda tuurizimii fi faayinaansii irratti utubame qabdi.

Kun garuu goolamni Galoo Galaanaa keessatti mudate wayita tasgabbaa'u, filannoon diinagdee haaraa maal ta'uu akka danda'u irratti hundaa'a.

UAE'n OPEC keessaa bahuun ishee biyyoonni kaanis adeemsa ishee kana akka hordofan kakaasuu danda'a.

Kun ammoo Sa'udii Arabiyaa irratti dhiibbaa guddaa uumuu danda'a.

Yaaddoo tokko malee Ulaa Hormuuz irra yabaluun yoo danda'ame ykn UAEn ujummoowwan boba'aa ittiin gabaa addunyaaf dhiheessitu yoo qabaatte OPEC osoo ishee hin daangeessin kan kanaan duraa caalaa boba'aa gabaaf dhiheessuu ni dandeessi.