Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbootii Afgaanistaan lubbuun turuuf jecha ijoolleesaanii hanga gurguruutti gahan
Barii akka biiftuun akkuma baateen Afgaanistaan magaalaa guddoo kutaa bulchiinsa Goor, Chagchaaraan keessatti dhiironni dhibbootaan lakkaa'aman addabaabaayii awwaara uffatetti walitti qabamu.
Namoonni dhufanii hojii kamittiyyu nu qacaru abdii jedhuun karaa cinaatti hiriiranii dhaabbatu. Kun ammoo guyyaa sana maatiin isaanii nyaata argachuufi dhiisuu murteessa.
Haata'u malee, carraan kun ta'uu baayyisee xiqqaadha.
Ga'eessa waggaa 45 kan ta'e Jumaa Kaan Kaab keessatti torbanoota ja'a keessatti hojii guyyaatti maallaqa Afgaanii 150 hanga 200 (dolaara 2.35 hanga 3.13) kaffalamuuf guyyaa sadii qofa argate.
"Ijoolleen koo guyyoota sadii walitti aansuun. akka beela'anitti bulaniiru. Haati warraakoo boo'aa turte, ijoolleen koos akkasuma. Kanaaf, daakuu bitachuudhaf ollaan koo maallaqa akka naaf liqeessun kadhadhe," jedha.
"Ijoolleen koo beelaan duuti jedhee sodaa keessan jira."
Seenaan akkasii kan nama tokkoo miti.
Akeekkachiisa: Barreffamni kun qabiyyee miira keessan jequ qaba
Akka ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii agarsiisutti, yeroo ammaa Afgaanistaan keessatti namoota afur keessaa sadii fedhiiwwan bu'uuraa guuttachuu hin danda'an.
Hoji-dhabdummaan baayyee bal'ateera, tajaajilli fayyaa yaaddoodha, gargaarsi kanaan dura miliyoonoyaaf wantota bu'uuraa ittiin jiraatan dhiyeessaa ture amma harcaatuushee qofatu dhiyaata.
Biyyattiin seenaa keessatti beela argamee hin beekneen kan dhahamte yoo ta'u, uummata waliigalaa keessaa dhibbentaa 10 kan ta'u, jechuunis namoonni miliyoonni 4.7 deega keessa galaa akka jiran tilmaamama.
Goor kutaa bulchiinsaa akka malee miidhaman keessaa tokkodha.
Naannoo kana keessatti dhiironni abdii kutataniiru.
Raabiinii Saag imimmaan isa hudhaa, "ijoolleen koo guyyaa lama midhaan akka hin ciniinne bilbilamee natti himameera," jedhe.
"Akkan of ajjeesuu qabutti natti dhaga'ama. Isaan booda maatiin kun akkamiin gargaaramuu danda'a jedheen yaade. Kanaafidha hojii barbaachaaf kanan asitti argameef," jedha.
Kiwaajaa Ahimad osoo imimmaan isa hin hudhiin jecha muraasallee afaan isaa keessaa hin ba'u.
"Beela'aa jirra. Ijoolleen koo angafaa du'aniiru. Amma maatiin koo hafan nyaata argatanii lubbuun akka jiraataniif hojjechuun qaba. Garuu dulloomeera waanan ta'eef eenyuyyu hojii naaf kennuu hin danda'u," jedha.
Manni daabboo addabaabiycha cinaa jiru tokko yeroo banamutti namoota walitti qabamanii jiraniif daabboo yarateeru qoodaaf.
Sekondoota muraasa keessatti daabbicha wal saamanii fudhatu. Walakkaa kanneen ta'an harkatti daabboo baadhatanii mul'atu.
Battalumatti haalli biraan uumame. Namni doqdoqee oofu tokko hojjetaa guyyaa dhakaa baatu qacaruuf dhufe. Dhiironni baayyeen hojii kanatti qacaramuudhaaf atakaaroo uuman.
Sa'aatii lamaaf bakka sana turree, namoota sadii qofatu hojii argate.
Hawaasa naannoo sana keessa jiraataniif hojii-dhabdummaan dhiibbaa hamaa uumuun isaa ifatti mul'ata.
Abdul Rashiid Aziimii ijoollee isaa lakkuu lama Rooqiyaa fi Roohilaa murtee cimaa mudate ibsuudhaaf dhiyaatee miiraan dubbata.
"Ijoollee koo dubaraa gurguruufillee qophiidha," jechuun boo'aa dubbata. Ani iyyeessadha, liqiin kan narra jiruufi nama isa gargaaru kan dhabedha.
"Harka koo qullaa, beelaafi dheebuun, yaaddoofi waliin godhu wallaalaa gara manaan dhufa. Ijoolleen koo 'abbaa, maaloo daabboo nuuf kenni' jedhanii dhufu. Garuu maalan kennaaf? Hojiin eessa jiraa?"
Rohilaan hammatee, dhungataa boo'a. "laphee koo na cabsa, ijoollee koo kaan nyaachisuuf kun filannoon qabu tokkichadha."
"Nyaachuuf wanti qabnu daabboofi bishaan ho'aa qofa, sha'eenillee hin jiru," jetti haati isaanii Kaayihaan.
Ijoolleen koo lama hojiin isaanii kophee qulqulleessuudha. Mucaan biraa kosii sassaaba, balfa sana Kaayihaan akka qoraaniitti nyaata ittiin bilcheeffachuuf fayyadamti.
Sayid Ahimad mucaan intalaa isaa Shaayiqaan erga marrummaaniifi tiruun dhukkubee booda gurguruuf akka dirqame dubbata.
"Baasii wallaansa fayyaa kaffaluuf mallaqa hin qabu. Kanaaf, mucaa koo firattan gurgure," jedha.
Walaansi baqaqsanii yaaluu Shaayiqaa milkaa'aa ture. Baasiin wallaansa fayyaashee maallqa ishee gurguruun dhufedha. Shaayiqaan harka ishee xixiqqaan morma isaa tuttuqxi. Hariiroon gidduu isaanii jiru dhiyoo ta'uun isaa ifadha. Haata'u malee, waggoota shanii booda gara maatii itti gurguramtee deemti.
"Osoon maallaqa qabaadhee gonkumaa murtee kana hin murteessun ture," jedha.
"Haata'u malee, wallaansa baqaqsanii yaaluu sana malee yoo duute maalan godha? jedheen yaade. Karaa kanaan yoo xiqqaate lubbuun ni turti."
Sayid Ahmad akkuma lammiilee Afgaanistaan miliyoonaan lakkaawaman kaanii waggaa lama dura gargaarsa argata ture. Daakuu, zayitii, missiraa fi nyaata daa'immanii kennamaafii ture.
Waggootab darban garuu gargaarsi sadarkaa olaanaan hir'achuun hedduu gargaarsa lubbuu baraaru kanarraa kute.
Afgaanistaaniif gargaarsa olaanaa dhiyeessaa kan turte Ameerikaan bara darbe gargaarsa addaan kutte.
UK dabalatee biyyoonni ijoon gargaarsa dhiyeessan akkanuma gargaarsa dhaaban.
Akka ragaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaarsi bara kana jiru kan bara 2025 irraa harka 70% gadi bu'e.
Bulchiinsa biyyattii walakkaa ol ta'an keessatti gogiinsi mul'ate rakkinicha hammeesseera.
"Mootummaa irraas ta'ee dhaabbilee miti-mootummaa irraa gargaarsi arganne tokkollee hin jiru" jedha Abdulmaalik.
Bara 2021 kaasee biyyattii to'atee kan ture mootummaan Taalibaan gaaga'ama mul'ate humnootni alaa yeroo gadhiisanii bahan dirqamee kan bahe sirna duraannii sababeeffata.
"Weerarri waggoota 20 wayita turetti diinagdeen sobaa uumameera" jedhu dubbii himaa itti aanaan mootummaa Hamdullaah Fiixrat.
"Weerara booda hiyyummaa, hoji-dhabdummaa fi rakkooleen kuun nu dhuunfatan."
Haa ta'uu malee, imaammatoonni Taalibaan keessumaa uggurri dubartoota irratti raawwatu dhaabbileen garaagaarsaa akka fuula biyyattii irraa garagalfatan sababa ijoo dha.
Taalibaan garuu kana hin fudhatu. "Gargaarsi namoomaa dhimma polotikaa ta'uu hin qabu" jedha.
Mootummaan hiyyummaa hir'isuu fi hojii uumuuf bu'uuraalee misoomaa fi albuuda dabalatee projektoota diinagdee karoorfachuu hima.
Karoorri yeroo dheeraa kunneen gaaf tokko bu'aa buusanis, har'a gargaarsa yoo hin arganne lubbuun turuun isaanii gaaffii keessa kan galu lammiilee miliyoonaan lakkaawaman immoo jiru.
Namoota kanneen keessa torbanoota dura intalli dubraa isaa ganna 14 kan jalaa duute Mohammad Hashim nama tokko.
"Intalli tiyya beelaa fi qoricha dhabuudhaani kan na jalaa duute. …Daa'imni dhukkubsattee fi beelofnaan duuti ishee hin oolu" jedha.
Manguddoon jiraataa naannichaa tokko waggoota lamaan darban addatti hanqina nyaataan duuti daa'immanii "baay'ee dabale" jedhu.
Haa ta'uu malee, duuti naannoo kanatti baay'ee hin gabaafamu. Duuti daa'immanii dabaluu isaatiif ragaan tokkichi iddoo awwaalchaa qofa. Awwaalcha nama guguddaa fi kan daa'immanii wal bira qabnee yoo ilaalle kan daa'immanii dachaa ta'ee agarree jirra. Kana jechuun duuti daa'immanii kan namoota guguddaa dachaan caala jechuudha.
Hospitaala olaanaa Chaagchaaraan ragaan dabalataa ni argama.
Kutaan daa'imman kichuu baay'ee dhiphateera. Sireewwan hunduu qabamanii jiru, sireewwan tokko tokkorra daa'imman lama lamatu ciisa. Daa'imman hedduun ulfaatinni isaanii hir'ateera. Kuun isaanii ofiisaanii harganuuf ni rakkatu. Narsiin takka daa'imman lama sochoofti. Daa'imman ji'a lama dura dhalatanidha. Takka 2kg taati. Takka immoo 1kg qofa.
Daa'imman haala yaaddessaa keessa jira. Yoosuu oksijiniin kennameef.
Haati isaanii ganna 22 Shaakilaan kutaa haawwanii keessa damdamachaa jirti.
"Yeroo ulfaa nyaata gahaa waan hin argatiniif baay'ee dadhabdeerti. Daabboo fi shaayii qofa argachaa turte" jetti akkawoon daa'imman lakkoolee tanaa Gulbaadaan.
"Kanaafi dha daa'imman kunneen haala akkasii keessa kan jiran."
Hospitaalaa baanee sa'aatii muraasa keessatti daa'imman lamaan keessaa ulfaatinaan kan kaanirra wayyoo qabdu osoo maqaanilee hin bahiniif lubbuun ishee darbe.
"Qaama ishee xiqqoo mareen gara manaa fudhadhe. Haati ishee akka isheen duute bartee of wallaaltee kufte" jetti Gulbaadaan. "Yoo xiqqaate ishee [haati] lubbuu ni hafti jedheen hawwa."
Faatimaa Huseen Narsii dha. Guyyatti daa'imman sadi guyyaan du'an jira jetti.
"Yeroo duraa daa'imman yoo du'an arguun baay'ee ulfaataa ture. Amma garuu akkuma waan idilee tokkootti barameera" jetti.
Kutaa waldhaansa daa'immanii kan hogganu Dr Mohaammad Musaa duuti daa'immanii hanga 10%tti ol guddachuu dubbata. Kunumtuu "fudhatama waan hin qabne" ta'uu ibsa.
"Sababa hiyyummaatiin kanneen waldhaansaaf dhufan guyyaa guyyatti dabalaa jiru" jedha. "Asis [hospitaalatti] meeshaaleen waldhaansa daa'immaniif barbaachisan hin qabnu."
Hanqinni maallaqaa maatii hedduun murtoo jajjabaa akka murteessan dirqisiise.
Daa'imti intala Gulbaadaan taate amma ulfaatinni ishee xiqqoo dabaleera. Haalli hargansuu ishees fooyya'eera. Garuu hanqina maallaqaatifuu maatiin ishee hospitaala tursiisuu waan hin dandeenyeef gara manaa fudhataniiru. Daa'ima biraa Zaamir jedhamus akkanuma maatiin gara manaatti deebisanii jiru.
Qaamni isaanii hin jajjabaatiniif gargaarsa malee turuuf waldhaansoo gochuu qaba.