Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maqaan Tiraamp gamoo Wiirtuu Keneedii irraa akka ka'uu dhaddachi ajaje
Maqaan Pireezidantii Ameerikaa gamoo Wiirtuu Keneedii Waashingitan Diisii jiru irraa ajaja mana murtiin kaafame.
Iddoo agarsiisni aartii itti adeemsifamu kuni himannaa mana murtiitti banee murtoo argateen maqaan Tiraamp gamoo, marsariitiifi meeshaalee wiirtuu kanaa biroo irraa kafameera.
Maqaan pireezidantichaa seeraan ala iddoo kanatti dabalame jedhe daanyaan federaalaa baatii darbe murtoo kenne. Waxabajjii 12,tti akka kaafamus murtoo dabarseera.
Jimaata darbe iddoo namoonni ilaaluuf walitti qabamanitti maqaa Tiraamp gamoo kanarratti rarra'ee jiru buusuuf yeroo hojjetamaa ture roobni dhufee hojiin kuni hanga Sambataattii ture. Tattaaffii bulchiinsa Tiraamp murtoo kana hambisuuf taasise daanyaan kuffiseera.
Dhimmi kuni waldhibdee wiirtuulee aadaa akka haaraatti maqaa kennuu ilaallata, wiirtuun kunis seeraan yaadannoo pireezidantii duraanii Ameerikaa Joon F Keneediidhaaf kenname.
Gareen himata aartii irraa harka kaasaa Hands Off the Arts jechuun artii to'annoo mootummaa jalaa bilisa gochuu barbaadu gaafa Jimaataa gamoo kana fuulduratti walitti qabamee ture.
Namoonni walitti qabaman kanneen masalaalii yaabuun maqaa Tiraamp fannifamee jiru buusaniif harka walitti rukutaa turan ''gadi buusaa'' jechuun hogganaan isaanii tokko sagalee guddistuun dubbataa ture.
Qindeessaan garee kanaa biraa ammoo iyyatni bulchiinsi Tiraamp yeroo lammaffaaf taasise yeroo mana murtiin kuffifamu hawaasni akkaan akka gammade ibsa.
Sambata ganama pilaastikiii maqaan Tiraamp irratti barreefame kaasaa turan.
Pilaastikiin kuni hamma kaleessatti maqaa Joon F Keneedii akka hin mul'anneef dhorkaa ture.
Daanyaan dhaddacha bulchiinsa US Kiristoofar Kuupar otoo kongireesiin hin raggaasiin wiirtuun kuni maqaansaa geeddaramuu hin danda'u jedhe.
Kana malees wiirtuun kuni akka haaromsamuuf karoora bulchiinsa Tiraampiin qabameeru dhaddachi dhorkeera.
Ol iyyannaa bulchiinsichaan dhiyaatee tures gidduugaluun maqaan Tiraamp akka ka'u ajajaeera.
Bulchiinsi Tiraamp maqaa kana geeddaruun yoo booda murtoon kuni duubatti deebi'e burjaajii uumuu mala jedhe.
Pireezidantiin Ameerikaa bara darbe ture wiirtuu kanatti maqaansaa akka dabalamu gochuun tarkaanfii maqaa haaromsuu kan fudhataa ture.
Guraandhala 2015 dhaabota baayyee keessatti boordiif otoo hin filamiin maqaasaa galchaa ture.