Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qe'een kiyya manca'us harka kennee Gadaa hin lakkifne'- Bu'aa ba'ii Abbaa Gadaa Goobana Hoola
Baalliin/Alangeen Gadaa Tuulamaa marsaa 70ffaa waggoota saddeet darbaniif Gadaa Meelbaa harka ture gara Muudanaatti darbuuf jilli gaggeeffamaa jira.
Abbaan Gadaa baallii dabarsaa jiran Goobana Hoola jila alangee dabarsuu eegalamee fi bu'aa bayii waggoota saddeet dabarsan irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
''Jila ce'umsa Gadaa marsaa 70ffaa muudama Abbaa Gadaa afraffaa irraa gara Gadaa Muudanaa marsaa 71ffaa muudama Abbaa Gadaa shanaffaatti akangee dabarsuuf taasifamutu gaggeeffamutti jirra,'' jedhan.
Akka Abbaan Gadaa jedhanitti Tuulamni sadeen ALI Waxabajjii 1, 2018 irraa eegaluun godaansarra jiru.
''Tuulamni Daaccii Qarree Golbeetti, Tuulamni Bachoo Warab Bal'ootti fi Tuulamni Michillee Gafarsa Kormaatti godaansa eegalee jilarra jira,'' jedhan.
Tuulamni sadeen dhumarratti gara ardaa jilaa alangeen itti darbu- Dhaka Kora kan seenu yoo ta'u achittis dhimmoonni ijoon sadi akka raawwataman himan.
''Jilli kun Dhaka Koratti wixinee ittiin bulmaata Gadaa itti aanuu kan bara darbe Caffee Tumaatti qophaa'e ni mirkaneessa, Abbaan Gadaa Muudanaa ni muudama, akkasumas Abbaan Gadaa muudame yaa'ii isaa waliin seera kana ni lallaba.''
''Akkaataan itti baallii fudhe duudhaa fi safuu kan eege hin turre''
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa gadaasaanii- Gadaa Meelbaa, qormaanni hamtuun mudachuu himan.
Garuu qormaataaf osoo harka kennin dirqama alangeen gaafattu ba'achuun amma dabarsaa jiraachuu BBCtti himan.
Bara gadaa isaanii keessa qofa osoo hin taane sana dura irraa eegalee akka qormaati isaan mudate himan.
''Akkin itti alangee fudhe akkaataa duudhaa fi safuu Oromoon Tuulamaa kalee irra dhufeen miti,'' jedhan.
Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa waggaa saddeet dura wayita Abbaa Gadaa isaan dura turan Bayyanaa Sambatoo irraa alangee fudhatan hariiroo mishaan gidduusaanii akka hin turre himan.
''Baallii an bakka araddaa jilaatti hin fudhanne. 'Mandara' keessattan fudhe. Tuulamni bakka bokkuu itti walii dabarsu, Araddaa Dhaka Kormaa, irratti baallii hin fudhanne,'' jechuun qormaati achumarraa isaan jalqabuu himan.
''Akkaataan an itti baallii fuudhe akka Gadaa Oromoo ijaarutti osoo hin taane akka diigutti ture.''
Yeroo sanatti hariiroon Gadaa Birmajii [kan isaan dura ture] fi Gadaa Meelbaa gidduu ture ''hariiroo yartuu fi hamtuudha,'' kan jedhan Abbaan Gadaa kun, ''yeroo ammaa rakkoo sana soroorsuun miseensonni Meelbaa fi Muudanaa wal dubbisuun hojjetaa jiru,'' jedhan.
Bakka kalee Oromoon Tuulamaa itti alangee walii dabarsaa ture- Dhaka Kormaatti baalliin ni kennama jedhan.
Abbaan Gadaa Goobana Hoola wayita baallii fudhatan araddaan jilaa akka bakka hin turree fi sana sirreessuurratti ifaajaa akka turan himan.
''Waggaa saddeet guutuu bu'aa bayii kana sirreessuurran ture. Araddaa jilaa deebisuu, Gadaan Tuulamaa kun qo'annoo fi qorannoon akka deeggaramu gochuu, ardaaleen jilaa seenaa qofaan himamuurraa gara seera qabeessaatti akka geeddaraman hojjedheera.''
Abbaan Gadaa Goobana Hoola qormaati hedduun isaan mudatus dandamachuun sirna kana tiksanii tursiisuu keessatti waan gumaachan dubataniiru.
''Gadaa Oromoo bakka hundaa sirriitti dammaqseen jira. Gadaa Gujii, Booranaa, Sikkoo Mandoo, Ituu Humbannaa, Gadaa Karrayyuu, Gadaa Walloo warraaqseera, cimseera. Gadaan Walloo bara gadaa kiyyaa deebi'e,'' jedhan.
Keessattuu Tuulama keessatti adeemsi bulchiinsa Sirna Gadaa akka lubbuu horatuu fi qabatamaan mul'atu hojjechuu dubbatan.
''Bakka kaleessa gadaan dadhabde sirriitti dammaqseen jira. Bakka Bokkuun shanan taa'ullee bara gadaa koo keessa galma shan ijaarsiseera.''
Bara gadaa isaanii keessa malkaan cufamee ture (Malkaan Finfinnee) banamu akka milkaa'ina gadaa isaaniitti kan eeran Abbaan Gadaa Goobana Hoola, Oromoon ''yaaddoo malee irreeffachuu danda'eera,'' jedhan.
''Oromoon yeroo hundaa yeroo irreechaa ni yaadda'a. Bara gadaa kiyyaa yaaddoo tokko malee, badiin tokko osoo hin mudatin kunoo alangee kennaan jira.''
Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa bara gadaasaanii kana keessa wantoota akkaan isaan qoranii fi osoo hin milkeessin darban keessaa tokko waa'ee nageenya Oromiyaa ta'uu dubbatan.
''Oromoo keessatti, Tuulama keessatti, wanti naaf hin milkaa'in...Tuulamarraa roorroo dhorkuu hin dandeenye. Oromoon yeroo ammaa wal ha'aa jira, wal mancaasaa jira. Kana gidduutti araara buusuu hin dandeenye.''
Akkasaan jedhanitti abbootiin gadaa Oromoo gamtoomanii rakkoo Oromiyaa kana furuu keessatti irree tokko ta'uu dhabuunis tureera.
Keessattuu Gamtaan Abbootii Gadaa laafaa deemee, booddana kanammoo inumaa akka hin jirre ta'uu himan.
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo hanqina gadaan qabu guutuuf akka hundaa'e kan himan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, garuu kaayyoo hundaa'eef dhiisee ''faallaa deeme'' jedhan.
Abbaan Gadaa kun barreessaa gamtaa kanaa turan, garuu ''gaafan aangoo barreessaa kanarraa ka'ee itti aanaa ta'erraa kaasee Gamtaan Abbootii Gadaa kun ni dadhabe, amma hin jiruyyuu jechuun ni danda'ama,'' jedhan.
''Gadadoo hamaa keessan jira, maatiin kiyya bittinnaa'eera''
''Jiruu tanuma keessa jiran jajatani, du'an sanuu dhabani, hin duune nan jira,'' jechuun eegalan rakkoo akka dhuunfaatti isaan mudate wayita dubbatan.
Abbaan Gadaa Goobana Hoola bara gadaasaanii kana keessa dhiibbaan siyaasaa hedduun irra ga'uu himatan.
''Ana jilbeenfachiisuuf dhiibbaa siyaasaa hedduu narraan ga'an. Qabeenyi kiyya saamameera. Qe'ee kiyyarraa buqqaafameera. Bakka kalee hin jiru,'' jedhan.
Haata'u malee rakkoo irra ga'e hunda dandamatanii alangee eeganii asiin ga'uun dabarsuuf akka qopheessan himan.
Bara gadaa (waggaa saddeet) darban kana ''jireenya kiyya keessatti waan hamtuutu na quunname,'' kan jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoola, ''amma gadadoo hamaa keessan jira. Maatiin koo bittinnaa'ee jira. Hiyyummaa walakkaan jira. Garuu kanaaf jedhee hin jilbeenfanne,'' jedhan.
Ammas ta'u hanga umriin jiranitti rakkoo Oromoo gidduutti mudatu karaa duudhaa sabichaan, adeemsa Sirna Gadaan, furuuf akka hojjetan himan.
''Keessattuu Oromoon wal loluun badaadha, biyyattiifis hamaadha. Qe'ee Oromoorratti Oromoon akka wal hin lolle irratti xiyyeeffadheen hojjedha.''
Abbaan Gadaa Goobana Hoola kanaan duras yeroo adda addaatti rakkoon irra ga'uu ibsaa turaniiru.
Bara 2024 Bitootessa keessa qaamni nageenyaa ''bakka ani hin jirretti manakoo eeyyama mana murtii malee sakkatta'an'' jechuun yaaddo nageenyaa qabaachuu BBCtti himanii turan.
Bara 2025 ji'a Caamsaa keessas turtii BBC waliin taasisaniin bara gadaasaanii keessa yeroo lama yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu himatanii turan.
"Si'a lama yaaliin ajjeechaa narratti taasifamee waaqni na oolche. Tokko miseensuma Gadaa kiyyaatiini. Miseensuma kiyyatu Magaala Bishooftuutti yaalii ajjeechaa narratti taasise. Kan lammataa mana jireenyaa kiyya keessatti narratti yaalame," jedhanii turan.
Ji'a Eeblaa bara 2024, Ilmi Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, Foollee Goobanaa jedhamuu fi miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta'e tarkaanfii qaamoleen nageenyaa mootummaa fudhataniin ajjeefamuun gabaafamee ture.
Yeroo sanatti BBCn Abbaa Gadaa Goobana Hoola waa'ee ilma isaanii gaafatee ture.
"Ilma kiyyaan erga adda baanee waggaa jaha ta'eera. Ergasii suurumasaan miidiyaa hawaasummaa irratti arga malee eessa akka jiru hin beeku. Hariiroos hin qabnu. WBO keessa jiraachuusaa nan beeka. Ajjeefamuu isaa warruma ajjeesne jedhan gaafadhaa," jedhanii turan.
BBCn gaabasni ajjeefamuu ilma Abbaa Gadaa ilaalchisee ba'e kun dogoggora ta'uu waan mul'isu maddeen isaarraa argateera.
Dabalataanis, ilmi Abbaa Gadaa Goobana Hoola erga tarkaanfin irratti fudhatame jedhameen booda miidiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hidhata qabu, Arraata Biyyaalessa Oromiyaa, jedhamurratti dhiyaachuun waa'ee ajjeefameera jedhamuusaa gaafatamee, lubbuun jiraachuusaa mirkaneesseera.
Sababa ilmi isaanii WBO keessa jiruuf jechas Bitootessa 2024 manni abbaa Gadaa Goobana Hoolaa magaalaa Maqiitti argamu poolisootaan sakatta'amuun ibsamee ture.
''Yaalii ajjeechaa lama narratti yaalamee ture,'' jedhan keessaa tokkos guyyaa poolisootni qe'ee isaanii heeyyama mana murtii malee sakatta'an kana ta'uu eeran Abbaan Gadaa Goobana Hoola.
Dhaamsa: ''Abbootiin Gadaa siyaasaa fi Gadaa walitti laaquurraa of qusachuu qabu''
Abbaan Gadaa Goobana Hoola erga baallii dabarsanii booda Yuuba Lammaffaa akka ta'an kan himan yoo ta'u, akka hayyuuttis bulchiinsa Sirna Gadaa kanaaf gumaachuu akka itti fufan himan.
Gamtaan Abbootii Gadaa akka jabaatu ammoo dhaaman.
''Yoo kun qindaa'ee jabaate malee Gadaan Oromoo kun fuulduratti hin deemu. Dhaabbatee hafa. Bakka addunyaan itti nu eegdutti hin argamnu. Qindoominni hayyuus jiraachuun dirqama,'' jedhan.
Namni abbaa gadaa ta'aa jiru nama bulchiinsa gadaa kana hin madaalledha jechuun akkaataa bulchiinsi Gadaa itti adeemaa jiru irratti yaaddoo qabaachuu ibsan.
''Gadaatu bakka jira malee abbootiin gadaa bakka hin jirtu. Abbootii gadaa siyaasaa fi gadaa walitti laaqantu jiru. Kan mirgaa fi dirqama gadaa akkasumas gadaa fi siyaasa addaan baafannee hin beeknetu jira abbootiin gadaa,'' jechuun kun fuulduratti akka sirratu dhaaman.