Biyyoota shan bara 2026 nagaafi tasagabbii qaban keessa jiraachuun maal fakkaata?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waraana Addunyaa Lammaffaan booda yeroo ammaa addunyaa irratti yeroo lolli iddoo garagaraatti dabalee dha. Jiraattonni Ayislaand, Niiwziilaandiifi kaan garuu biyyisaanii akka nagaa qabu himu.

Addunyaan isa bara darbe caalaa barana nagaa dhabdee jirti jedhe dhaabbanni nageenya biyyootaa xiinxalu Global Peace Index. Walumaagala biyyoota 99 keessatti nagaan dhibeera. Kunis akka addunyaatti waggaa 12f itti fufinsaan mul'ate. Biyyooti muraasi garuu nagaasaanii eeggatanii itti fufaa jiru.

''Waraanni hammaatus biyyoota kunneen garuu hin tuqne,'' jedha Istiiv Kileelaa hogganaan dhaabbata Institute for Economics & Peace dhimma kana gabaasu.

Dhaabbatichi akeekatuuwwan 23 fayyadamuun biyyoota 163 gamaaggama. Kunis baasii isaan waraana irratti qabaniifi lola biyya isaaniitti adeemuun hamma namoota du'anii akkasumas ilaalcha uummati nageenyaaf qabu dabalata.

Biyyooti madaala kanaan qabxii gaarii argatan kunneen dhaabota hawaasa gahumsaan tajaajilan qabaniifi hokkorri gadi aanaa keessatti mula'tu dha.

Kana malees hawaasa gidduutti wal-amantaa jabaa, ollaa waliin nagaan jiraachuufi haala jireenyaa hiika qabu keessa kan jiraatan dabalata.

Jiraattota biyyoota nagaafi tasgabbii qaban shan keessa jiraatan gaafannee nagaan jiraachuun maal fakkaata, akkamiin itti fufsiisu, imaltootaaf hangam mijataaa dha kan jedhu fa'a iyyaafanneerra.

1. Ayiislaand

Ayislaand bara 2008 irraa qabe biyya addunyaa nagaafi tasgabbii qabaachuun tokkoffaarra taa'uun waggaa 19f itti fuftee jirti.

Bara 2026tti %2 fooyyeessiteetti. Kunis hiriira nagaa hokkora hin qabne, lola akkaan xiqqoo, sochii waraanaa muraasaafi nagaan bahanii galuu irratti mul'ateera.

Biyyoota nagaafi tasgabbii qabaachuun tarree tokkoo hanga 10 keessa jiran

1. Ayiislaand

2. Niiw Ziiland

3. Siwiizarlaand

4. Islooveeniyaa

5. Ayarlaand

6. Ostiriyaa

7. Poorchugaal

8. Siingaapoor

9. Fiinlaand

10. Jaappaan

''Ayiislaanditti nagaan nu marsee jira, uumama naannoo keenyaa dabalatee jechuu dha. Garuu ammoo hawaasi keenya nagaa filachuu irratti bartee hundee gad jabeeffate qaba,'' jette Oddiiny Arnaarsdootiir hoggantuun Visit Ayiislaand.

Wal-qixxummaa koorniyaa kan Ayislaand yeroo garagaraatti tokkoffaa itti baatu kaasti. Kana malees tajaajila hawaasaa jabaafi aannisaa haaromu bal'inaan fayyadamti.

Cichoomi nagaaf qaban imaammatarra waan caalu dha. Jiraattonni hawaasa wal-dhagahuufi itti gaafatamummaa qooddachuu fa'i kaasu. ''Nagaa akkasii qabaachuu keenyatti akka carroomnetti yaadna,'' jetti Arnaarsdootiir. Biyyattiin hawaasa ''yaada haaraa fudhatuufi hunda hammataa tahe,'' jajjabeessiti.

Biyyattiin biyyoota addunyaa kaanirraa fagaattee argamuunis shoora qaba. ''Ayislaand iddoo fagoo jiraachuun carraan muddama addunyaan qabamuushee xiqqataa dha,'' jedha hogganaan gurgurtaa Hoteela Raangaa Iyuuruun Aniittaa Gaayilaafaadootiir. ''Lafa bal'aa, gaarreen, qilleensa qulqulluufi bishaan qulqulluun jireenya biyya kanaa nagaa qabeessa godheera,'' jedha.

Warri biyya kanaa jireenyaa suutaan akka cilalluutti guyyaa isaanii dabarsu, ala jaalatu. Biyyattiin bishaan ho'aa uumamaa 120, iddoo daakaa qananii waan qabduuf kanneen daawwachuu barbaadaniifis mijattuu dha.

Namni addunyaa kaaniraa baqatee sammuu boqochiisuu fedhu Ayiislaand deema.Kana malees muziyeemoota 220 kan aadaafi seenaa biyyattii agarsiisan qabdi.

2. Niiw Ziilaand

Niiw Ziilaand bara darbe sadarakaa sadaffaarra kan turte yoo tahu bara kana garuu tokko fooyyessuun lammatarra jirti. Biyyattiitti lolli jiraachuu dhaabuu, meeshaa waraanaa alaa galchuu dhiisuutiin biyya addunyaa nagaa qabduufi sochii waraanaa xiqqoo qabaachuun sadarkaanishee akka fooyya'u gargaareera.

Nagaan kuni baay'inaan ji'oogiraafii biyyattiin kan murtaa'u dha. ''Niiw Ziilaand biyyoota addunyaarraa fagaattee jirti jechuun laaqama lolaaa adeemaa jirurraa ni eegamti,'' jechuu dha jedha lammiin Niiw Ziilaand fi hundeessaan Golden Visa.

Tahus aadaa lammiilee biyyattii keessa waan jiru hima. ''Namoonni biyya kanaa kallattiin dubbatu, jeequmsa hin jaalatan, ofirraa bu'anii jiraatu,'' jedha.

Biyya kanatti nageenya waanuma idilee gatii taheef namni galmeessu hin jiru. ''Namoonni baayyeen waa'eesaa hin yaadan, kunis yaaddoon nageenyaa akka hin jirre akeektuu tahuu mala,' jedha jiraataan biraa Wuudilii jedhamu.

''Qawween waan namoonni guyyuu itti fayyadaman miti, keesumaa haleellaa bataskaana Christchurch booda. Namoonni wal tiksu, ollaan, ollaa waliin nagaan jiraata,'' jedha. Ittigaafatamummaa hunda bira jira jedha.

Namoonni uumama walii hariiroo gaarii qabu. Gaarreen, handaara galaanaa fa'i deemuun bahsannanu akka biyyoota kaanii jireenya magaalaa ko'ome hin dabarsan jedha Wuudiin.

3. Siwiizarlaand

Siwiizarlaand bara darbe sadarkaa shanaffaa isa turterraa bara 2026 sadarkaa sadaffaatti fooyyessiteetti. Yakka gadaanaafi imaammata michooma waraanaa keessatti hirmaachuu irraa of qusachuun biyya nagaafi tasgabbii qabdu akka taatuuf dhimmoota gumaachan keessaati.

''Biyya kanatti namoonni nama kaaniif ni hilu,'' jetti Koornlii Kooyi barreessituun Jiniivaa jiraattu. ''Suni ammoo miira wal amantaa namoonni walumaagalatti waan sirrii hojjetu jedhu uumuuf jiruun guyyuu namaa rakkoo malee darba jechuu dha,''jetti.

Nagaanis kanuma. Garaagarummaan qabnu waliin jiraachuuf cichooma qooddanuutu nagaan akka jiraannu godha jetti.

Amantiin kuni jiruu guyyuu keessatti mul'ata. Kiloowiin Siwiizalaand keessatti waaleetishee al lama gatuu yaadatti. Isa jalqabaa namni isheen hin beekne fuudhee poostaadhaan qarshiisaa waliin ergeefi.

Waggootaan boodas kaardii 'ATM' ishee buufata baaburaatti gatte, namni kaardii kana argate baankisheef bilbilee waliin dhahuun akka hin raawwatamneef kaardiishee cufsiseef. ''Taateewwan xixiqqoo akkasii nageenyi qarshiin hin bitamne akka sitti dhagahamu godhu,'' jetti.

Asitti namoonni daawwiif dhufan nageenyi akka itti dhagahamuuf aadaa Siwiiz jireenyaafi hojii madaalchisu kabajuu qabu. Daldalli baayyee guyyaa walakkaa sa'atii lamaaf cufamu. Kana malees biyyattiin afaan biyyaalesaa afuriifi naannoodhaa naannootti adda tahe qabdi.

''Hawaasni tokko jabaa tahuudhaaf dhimma hundarratti waliigaluun irraa hin eegamu,'' jetti Kornliin.

''Asitti aadaa waliidhiisuufi furmaata qabatamaa fiduun gara fuulduraatti tarakaanfachuun arge. Nagaanis garaagarummaa waliin jiraachuuf karaa barbaaduuun itti cichuu dha,'' jetti.

4. Islooveeniyaa

Islooveeniyaan tarree tokko hanga shanii keessa galuun kan jalqabaati. Kanaafis sababani baasii waraanaa gadaanaafi nagaafi tasgabbii olaanaa tahe dha.

Islooveeniyaatti waan fedheyyuu hojjedhu simannaa isaan keessummaafa qabanitti ni dinqamta jetti Jeerneejaa Zaaver.

''Warri Islooveeniyaa jireenya hawaasummaaf iddoo guddaa kennuun dabalataan uumama wajjin yeroo yeroo dabarsu.

Kunimmoo tasagabbiifi jabina nuu kenneera,'' jette Jeerneejaan.Magaalaa guddoo Islooveeniyaa Liyuubiliyaanaa keessa kan jiraattu Jeerjeenaan Sambbattanirra adeemsa lafoo, bishkiliitii oofuu, akkasumas maatiifi hiriyyoota waliin walitti qabamuun dabarsuu himti.

Hojiifi jireenya walmadaalchisuun hariiroo namootaa wajjin akka jabeessan himti.

''Yeroo waraanni iddoowwan addunyaa baayyee yeroo miidhaa jirutti Islooveeniyaa mana kooti jedhee waamuun carroomu dha,'' jechuun,''amma isa dur waantota xixqqoo akka hin geeddaramnetti ilaalu dinqisiifachuu jalqabeera,'' jetti.

''Islooveeniyaatti namoonni simannaa keessummaafi qabaniin, teessuma lafaafi uumamaan, akkasumas dhangaa dhama gaarii qabuu dinqamtee galta,'' jetti.

5. Ayarlaand

Biyya seenaa raafamaa qabduuf nagaan dhimma akka laayyootti ilaalamu miti. ''Seenaan Ayarlaand lammiileenshee mallattoo nagaa booressuu akka ilaallataniifi namoota kaan kan simataniifi arjaa isaan taasis,'' jetti hundeessituun hoteela Native in West Cork, Roonaan

Roonaan aadaa keessummaa simachuu seera Bireehoon waliin wal qabsiisa. Kunis aadaa waggaa 1000 o jiraateefi manaafi nyaata keessummaaf kennuu dirqama godha. ''DNA keenya keessa jira,'' jetti.

Biyyattiin humnoota alaa wajjiin michooma waraanaa qabaachuu dhabuun miirrii nagaa biyyattii keessa akka jiraatu dhimmoota taasisan keessaati.

''Yeroo addunyaan jeeqamaafi raafamaa jirtutti kattaa Atlaantiik keessa jiru dhqaxee muuziqaa dhaggeeffachaa, miilaan adeemaa fi kitaaba dubbisuun tasgabbii namaa kenna,'' jedha Roonaan.

''Gidiraafi haqa dhabuun addunyaan amma keessa darbaa jirtu seenaa biyyaalessaa keenya waan nu yaadachiisuuf nagaa qabnu ni tiksina, akka carroomnettis ilaalla,'' jetti.