Jiraattonni magaalota Tigraay walitti bu'iinsa mudate hordofee waan jechaa jiran

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni naannoo Tigraay A L I Fulbaana 13, 2019 naannolee Amaaraa fi Affaar waliin wal daangessurratti yeroo banametti, jiraattonni madaa waraana duraan waggaa lamaaf gaggeefamee fi lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'amu galaafaterraa hin dandamanne ture.
Guyyoota kudhaniin boodas aanga'oonni TPLF fi loltoonni isaanii maagaala gudduu keessa abahuu hordofee, waraanni Itoophiyaa fi humnoonni nagaa Tigraay magaalota waan to'ataniif haala nageenyaa fi tasgabbii fooyyeessuudhaaf yaalaa jirachuu dubbataniiru.
Jiraattonni magaalota Tigraay BBCn dubbise nagaa fi tasgabbii ilaalchisee fooyya'insi jiraatullee waa'ee dinagdee fi hawaasummaa ilaalchisee garuu yaaddoo akka qaban dubbataniiru.
Haalli nageenyaa maal fakkaata?
Yeroo walitti bu'iinsaa qabeenyi dhuunfaa fi kan dhaabbilee mootummaa saamamuu fi manca'uu dubbatu jiraattonni.
Saamichi kun addatti magaalaa guddoo keessatti kan hammaate yoo ta'u, magaalota biroottis babal'atee ture. Waajiraaleen mootummaa baayyees manca'aniiru.
Haata'u malee, jiraattonni kunneen humnoonni nageenyaa magaalota gurguddoo Tigraay deebiyanii akkuma galaniin, akkasumas poolisiin gara hojiitti deebiyuu dubbatu.
"Humnoonni nagaa Tigraay fi waraanni Itoophiyaa erga galanii booda tasgabbiin jiru fooyyaa'eera," jedhu.
Jiraattuu magaalaa Maqalee kan taate Firuut Mahaarii, saamichii fi sodaan akka hir'atee fi haalli jiru amma tassgabbaa'aa akka ta'e dubbatti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Osoo walitti bu'iinsi kun hin dhalatin dura dubartoota lamaa fi dhiirota lama qacartee hojjechiisaa turte.
Dhiironni lamaan amma hojii malee ta'aniiru. Dubartoonni lamaan ammoo ammallee ishee waliin hojjechaa jiru.
"Yeroo walitti bu'iinsi turerra amma fooyyee qaba, haata'u malee namoonni baayyeen maallaqa hin qaban, hamilees hin qaban. Kanaaf, hojiin hin jiru jechuun ni danda'ama."
Akkas ta'ees magaalaa Maqalee keessa sochii foyyaa'aa ta'etu jira jetti Firuut.
"Haala amma jiruun ummanni miira wal makaa ta'e keessa jira. Namni gammadaa ta'e jira. Kan yaadda'us jira.
Turee maaltu uumama laata , nagaan jiraannamoo maaltu ta'uu danda'a jedhee kan yaadda'u jira."
Firuut itti dabaluun, gara ba'a magaalattiirra shiftoonni waan jiraniif yaaddoo akka uuman ibsiti.
Jiraataa Shiree Indaasillaasee kan ta'e Hawwot gamasaatiin, tajaajilawwan mootummaarraa kan hafe sochiiwwan hawaasummaa biroo akka jalqabameeru dubbate.
"Namoonni baayyeen gara hojiisaaniitti deebiyaa jiru, gabaan bira qabaan tasgabbaa'aa fakkaata, baankiiwwan banaadha, maallaqa [callaa] hin jiru malee tajaajilawwan kaan kennaa jiru.
Daldaltoonni nageenya isaaniif sodaachuun miya isaanii gara manasaaniitti galchanii kan turan yoo ta'u, amma gara suuqiitti deebisaa jiraachuu isaanii dubbata.
Tajaajilawwan interneetii fi bilbilaas hojjechaa jiraachuu itti dabaluun ibsaaera.
Naanoo Tigraay bakkeewwan hedduu keessatti walitti bu'iinsi waraanaa erga uumameen booda tajaajilawwan baankii, bilbilaa fi intereneetii addaan citee akka ture ni yaadatama.

Madda suuraa, Getty Images
Qaala'uu gabaa fi gatii shaqaxaa
Jiraataa magalaa Maqalee kan ta'e Obbo Zeenaawwiin daldalaa simintoodha. Namni kun haalli nageenya naannichaa gara idileetti deebiyaa jira yaada jedhurratti waliigala garuu hanqinni maallaqa callaa jiraachuu BBCf ibseera.
Jiraattonni biroo magaalota Wuqiroo, Addigiraat, Maqalee fi Shiree garuu waraanaan booda gatii meeshaalee bu'uuraa irratti hir'achuun akka hin mul'atiin dubbatu.
Namoonni tokko tokko ongeen naannicha keessatti mudatee fi iyyummaa babal'achaa dhufe akka sababa ijootti eeru. Kanneen biroo ammoo, rakkooleen geejjibaa sabab ta'a jechuun yaada isaanii kennaniiru.
Omishootti fuduraalee galmawwan magaalaan ala jiran irratti hattoonni akka jiranii fi qonnaan bultoonni baadiyyaarraa gara magaalaa konkolaataan fe'anii yeroo seenanitti saamamuu malla jedhanii akka sodaatan dubbatti firuut.
Sababa kanaaf, gatiin gabaa hangas mara tasgabbii akka hin agarsiisiin ibsiti.
Akka ibsa jiraattotaatti, zayitiin abbaa liitira shanii birrii 2,000tti gurgurmaa kan jiru yoo ta'u, xaafiin kunaalli tokko birrii 14,000tti gurguramaa jira.
Gatii geejjibaa fi boba'aa
Jiraattonni BBCn dubbise hunduu erga humnoonni federaalaa magaalota Tigraay to'ateen booda gatiin boba'aa hir'ina agarsiisuu dubbatu.
Jiraataan magaalaa Shiree Hawwoot, gatiin boba'aa liitirii tokkotti birrii 1,000 irraa gara birrii 400 gadi bu'eera jedha.
Keessumaa nananoowwan magaalaatti gaajjibni ummataa hojii jalqabeera jedhaa Hawwot.
Haata'u malee, sochii geejjibaa magaalaarrraa gara magaalaatti ykn ammoo aanaarraa gara aanaatti taasifamurratti rakkoon mul'atu guutummaan guutuutti hin hiikamne jedheera.
Walitti bu'iinsi bakka guutummaan guutuutti hin dhaabbatanii fi naannoo daangaa Ertiraatti dhiyootti magaalonni argaman sochiiwwan amansiisaa akka hin jirre jiraattonni dubbisne eeraniiru.
Sababa kanarraa kan ka'een sochiiwwan bakka tokkorraa gara bakka biraatti taasifaman murtaa'oo ta'uu dubbatu.
Jiraataa Shiree kan ta'e Hawwoot, geejjiba irratti rakkoon guddaan akka jiru dabalee ibseera.
"Ammallee geejjiba irratti rakkootu jira. Addatti bakkeewwan tokko tokkotti, aanaarraa gara aanaatti bakkeewwan geejjibaaf banaa hin ta'iin jiru," kan jedhu Awwoot sagaleen dhukaasaa fi lolaa tokko tokko akka dhaga'aman dubbata.
Onkoloolessa 21, 2026 madfiiwwan saddet magaalaa irra agara baadiyyaatti yeroo dhukaafaman dhageenyeerra. Baadiyya abakkeewwan tokko tokko keessatti [hidhattoonni] akka jiran shakkiin jira,"jechuun ibsa.
Naannoowwan Addeet fi Zaanaa, akkasumas naannoo daangaa Ertiraatti dhiyootti kan argamu bekkwwaan Samamaatti dhukaasa madfii dhageenyeerra jedha.
Jiraataan magaalaa addigiraat maqaan isaa akka hin dha'amne barbaadu tokko Iraabii fi bakkeewwan daangaatti dhiyoo jiranitti namoonni gara magaalaa dhufan akka hin jirre dubbata.
Kun ammoo yaaddoo nageenyaa waliin kan wal qabatedha jedhee amana.
"Gatiin boba'aahir'ateera, haata'u malee sababa tajaajila geejjibaa ummataaf tilmaamni gatii waan hin ba'iin jiruuf sochiin sirnaan hin jalqabamne. Sochiin jirus waliigaltee shofeerotaa fi imaltootaa taasifamu waan ta'eef fayyadamtoota baayyeetiif rakkisaadha.
Caasaaleen mootumma deebiyuu

Madda suuraa, Getty Images
Manni maree ministeerotaa Itoophiyaa A L I Onkoloolessa 6, 2029 'Bulchiinsa Abbaa Imaanaa' naannoo Tigraay ji'oota ja'an itti aananiif bulchu hundeessuu beeksiseera.
Tarkaanfiin kun qaawwa buclhiinsaa fi nageenyaa ilaalchisee jiru furuuf kan kaayyeeffate akka ta'e ibsameera.
Kun osoo kanaan jiruu, naannoo Tigraay bakka tokko tokkotti bulchitoota naannawwa adeemsi filachuu jalqabameera.
Gaafa Onkoloolessa 21, 2026 jiraattonni Addigiraat bulchitoota filataa jiru jedhe namni BBCn dubbise.
Magaalattii akka bulchaniif namoonni shan filatamuu isaanii fi filannoon kan gaggeeffamu eeruu ummataa kallattiin kennamu fudhachuun akka ta'es dubbateera.
Jiraattonni adeemsa filannichaa irratti komiin tokko tokko jiraachuu dubbatanillee, kun garuu qaawwan bulchiinsaa naannicha keessa jiru gara duraan turetti deebisuudhaaf faayidaa kan qabu ta'uu abdachaa jiru.
Magaalota akka Shiree fi Adwaatti filannoon bulchiinsa magaalaa ammallee hin jalqabamiin jira.
Haata'u malee, Shiree keessatti jaarsoliin biyyaa humnoota ngaa Tigraay waliin ta'uun waliin hojjechaa akka jiranii fi haalli nageenyaa tasgabbaa'aa ta'uu BBCn dhaga'eera.
Jiraattonni maal abdii godhatan?
Magaalaa guddoo godina Lixa Kaaba Tigraay kan taate Shiree haalli jiru tasgabbaa'adha jedhu jiraattonni. Haata'u malee, walitti bu'iinsi kun itti fufuu danda'a jechuun yaaddoo qabu.
"Abdiin keenya wanti hunduu gara duraan turetti akka deebiyudha. Hawaasa keessa haala nuffiitu jira," jechuun waraana waggaa afur dura ture waliin wal bira qabuun dubbateera.
"Amma akka isa kanaan duraa miti, haalli jiru baayyee jijjiirameera, namoonni amma gara hojiitti ariifataa jiru. Kanaan dura maallaqa, qoricha baasnee [hidhattoonni] jiran deemuun carraaqqiin deeggaruu tureera. Amma wanti akkas jedhamu hin jiru."
Sabab kanaan amma humni magaalota bulchuuf fudhataa jiru tasgabbaa'ee hojii isaa itti fufuu danda'a abdii jedhu qabu.
Jiraattuu magaalaa Maqalee kan taate Firuut walitti bu'iinsi dheerate jiraachuu mala yaaddoo jedhu qabdi.
"Nagaan hawwinu turuu danda'a jedheen yaada; sababiin isaas isaan[loltoota TPLF] callisanii hin teenye, sochii taasisaa jiru. Hawaasni siyaasni isa nuffisiiseera.
"Eenyuyyu dhufe hojjechuu fi jiraachuu barbaadna; Badhaadhina ykn kan biraan yoo dhufes, hojjennee galuuf nagaa barbaadna' ijoollee keeny guddifachuu fi kiraa manaa kaffalachuudhaaf nagaa barbaadna."

























