Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggoota 30 darban walta'iinsi ijoon dhaabbileen siyaasaa hundeessan maalirra gahan?
Itoophiyaa keessatti WBO, TPLFfi Faannoo dabalatee hidhattoonni torba mootummaa MM Abiy Ahmad humnaan aangorraa buusuuf tokkummaa tolfachuusaanii ibsaniiru.
Hidhattoonni kunneen ilaalcha siyaasaa garaa garaa kan qaban ta'anis, tokkummaa tolfanne jedhan kanaan kaayyoonsaanii ijoon mootummaa Itoophiyaa humnaan aangorraa buusuun "mootummaa cehuumsaa hunda galeessa ta'e ijaaruu" akka ta'e ibsan.
Walta'iinsa humnoonni kun uummatan ilaalchisee mootummaan federaalaa hanga ammaa ifatti ibsa kennuu baatus, miseensota walta'iinsichaa kan ta'an TPLF, WBOfi Faannoon fa'aa "Ertiraafi Masirii" waliin ta'uun nagaafi tasgabbii biyyaa booressuuf hojjataa jiru jechuun himannaa irraatti dhiyeessaa ture.
Siyaasa keessatti 'diinni bara baraas ta'ee firri bara baraa hin jiru' akkuma jedhamu, Itoophiyaa keessatti yeroo garaa garaatti dhaabonni ijjannoo faallaa fa'aa qaban 'kaayyoo waloof' jechuun walitti dhufanii tokkummaa tolfataniiru.
Yeroo baay'ee walta'iinsiwwan kunneen "diinni diina kootii fira kooti" isa jedhurratti waliigaluun boodarra hedduunsaanii gargar galaniiru.
Yeroo waraana Tigraay, humnoonni hidhataniifi paartileen hedduun walta'iinsa tolfatanii turan.
Yeroo waraanaa qofa osoo hin taane, yeroo filannoon biyyaalessaa dhiyaatus, paartileen walitti dhufanii walta'iinsa tolfachuun Itoophiyaa keessatti baramaadha.
Mootummaan Dargii kufuu boodaa kaasee hanga ammaa waggoota 30 darbaniif walta'iinsa humnoonni siyaasaa taasisan keessaa warra ijoo ta'an mee kaasnee haa ilaallu.
1. Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa (ADWUI)
Addi Dimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa akka gurmii siyaasaatti kan hundeeffame A.L.I caamsaa bara 1981 bakka Tambeen Addi Gaza'ittii jedhamutti.
Dhaabbileen siyaasaa afur walitti dhufuun kan hundeessan ADWUI'n, seenaa siyaasa biyyattii keessatti kallattii siyaasaa bocuudhaan akka adda dureetti eeramuu kan danda'uudha.
Addichi miseensota miliyoona ja'a ta'u akka qbau kan himamaa ture yoo ta'u, ilaalcha siyaasaa warraaqsa Dimokiraasii kan hordofu ture.
Miseensa Ijoo Addichaa kan ta'e TPLF, mootummaa Dargii mormuun qawweedhaan qabsoo kan jalqabe yoo ta'u, boodarra dhaabbilee ofiisaa hundeessee fi kaayyoo isaa waliin waliigalan walitti fiduun ADWUI hundeesse.
Haaluma Kanaan Warraaqsi Dimokiraatawaa uummattoota Itoophiyaa, Dhaabbanni Dimokiraatawaa Uummata Oromoo, sosochiin dimokiraatawaa uummattoota Kibba Itoophiyaa TPLF waliin ta'uun ADWUtti makaman.
Waggoota 27 aangoo siyaasaa biyyattii hogganaa kan ture ADWUI'n paartilee ijoo kunneenin alatti dhaabbilee Naannolee akka Hararii, Affaar, Gaambeellaa, Somaalee fi Beenishaangul Gumuuz ammoo dhaabbilee obbolaa jechuun hamate.
ADWUI'n ilaalcha gidddugaleessummaa cimaadhaan kan hundeeffame waan ta'eef miseensonni dhaabichaa maqaadhaan addatti qabatamaan hanga tokko ta'uutti dhihaatanii ture. Boodarra garaagarteen ilaalchaa dhaabicha keessatti dhufe jijjiirraa aangoo fiduun dhuma dhaabichaa ta'e.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti erga dhufaniin booda ADWUI diiguudhaan dhaaba siyaasaa tokkicha hunda hammata jedhan 'Paartii Badhaadhinaa' hundeessan.
2. Qindoomina (Qinijjit)
ADWUI'n erga aangoo qabatee booda Filannoo biyyaalessaa marsaa 3ffaan kan bara 1997 filannoo addaa fi irra hin deebi'amne akk ta'etti ka'a.
Kanaafis sababni ADWUI'n waltajjii siyaasaa banaa gochuun filannoo bilisaa gaggeessuuf qophaa'ee turuu isaati. Kanaaf jecha hayyootni beekamoonii fi namootni siyaasaa hedduun sochii filannoo barasii keessatti hirmaachuuf murteesan.
Filannoo bara 1997 keessatti paartilee siyaasaa gurra guddaa horatan keessaa tokko paartii 'Qinijiit Tokkummaa fi Dimokiraasiif' jedhamuu adda dureen eerama.
Qinijiit dhaabilee siyaasaa mormituu bakka tokkotti gurmuu uumuun dhaaba biyya bulchu akka malee dorgomee Finfinnee keessatti ammoo sagalee olaanaadhaan Filannoo injifatee ture.
Duula nafiladhaa Finfinnee keessatti guyyaa filannootiin dura gaggeeffamaa tureen namootni hedduun dhaadannoo paartichaa qabachuun hiriira deeggarsaa bahaa turan.
ADWUI wajjiin filannoorratti dorgommii cimaa kan geggeesse Qinijiit, mana marii bulchiinsa magaala Finfinnee tessoo jiran guutumaan guutuutti moo'ate.
Garuu hokkora Filannoo sana hordofee dhalateen walqabatee hoggantoonni paartichaa hidhaaf saaxilaman.
Dhiibbaa gama mootummaatiin irra gaheen Qinijiit dadhabaa kan dhufe yoo ta'u, miseensonnisaa yeroo filannootti gurmuu uuman tokkummaa isaanii ittifufsiisuu dadhabuun bittinnaa'an.
Sababuma Kanaan gaggeesitoonni dhaaba Qinijiit irra hedduun siyaasarraa kan fagaatan yoo ta'u, kaan dhaaba siyaasaa haaraa hundeessan, kaan gara qabsoo hidhannootti kaan ammoo biyyaa baqatan.
3. Hibret
Filannoo bara 1997 irratti Qinijiitin alatti dhaabni siyaasaa sochii cimaa taasisuun yaadatamu tokko Gurmuu tokkummaa humnoota Federaalistii Itoophiyaa, Hibreti.
Ministira Barnootaa ammaa Prof. Birhaanuu Naggaa, Prof. Masfin Waldamaariyaam, Lidatuu Ayaalew, Hayiluus Shaawulii fi Yaaqoob Hayilemaariyaam Qinijiit jalatti yoo walgahan, Prof. Bayyanaa Pheexiroosii fi Pirof. Mararaa Guddinaa ammoo Hibret hundeessuun filannootti seenan.
Gartuun siyaasaa Hibret jalatti gurmaa'an irra hedduun sabummaa kan bu'uureffatan yoo ta'u, deegarsa cimaa naannoo Oromiyaa fi uummattoota kibbaa biraa qabu ture.
Yeroo sana teessoo isaanii biyyoota alaa kan godhatan dhaabbileen siyaasaa akka ma'isoon, Ihaappaa fi Madihin fa'as miseensa Hibret ta'an.
Filannoorratti kan hirmaatan garuu miseensota Hibret kanneen biyya keessa jiran qofa ture.
Hibret Gurmuu dhaabbilee siyasaa biyya keessaa fi biyya alaatiin hundaa'e ta'uusaan alatti dhaabbileen ADWUI'n akka diinaatti ilaalu akka Ihaappaa fi Ma'isoon miseensa Hibret ta'uun mootummaa biratti akka ija jibbaan ilaaalamu isa godhe.
4. Gurmuu Humnoota Federaalistii
Waggoota 30tti dhihaatuuf siyaasa Itoophiyaa adda durummaan hogganaa kan ture TPLF erga maddiitti baheen booda dhaabbilee siyaasaa muffii qaban walitti fuduudhaan bara 2011 Humnoota Federaalistii Itoophiyaa kan jedhmau Maqalee keessatti hundaa'e.
Miseensota 25 caalan akka ofkeessaa qabu kan ibsame gurmuun kuni, 'Biyya baraaruu' maqaa jedhuun sirna Federaalizimii tiksuuf waardiyyaa akka dhaabatan dhaadatanii ture.
Boodarrammoo miseensota isaa keessaa TPLF fi Tokkummaan Dimokiraatawaa Itoophiyaa tumaa seera bulchiinsaa kaa'ameen ala bahaniiru sababa jedhuun miseensummaa keessaa haqamuun isaanii ibsamee ture.
Filannoo irratti mallattoo tokkoon dorgomna jedhanii kan ture gurmuun kuni, boodarra wal himannaa fi qofa qofaatti ibsa baasaa turan. paartilee lamaniin alatti paartileen siyaasaa naannolee hedduunis gurmuu Kanaan ala ta'an.
Gurmuu kana keessatti qoodamni yeroo mudatetti gareen tokko 'TPLF Gurmuu kana maxxantuu godhachuun itti fayyadamuufi' himata jedhu irratti dhiheessaa turan.
TPLF fi Mootummaa Federaalaa gidduutti muddamni cimaa dhufee gara waraanaatti erga seenameen booda humnootni Tigraayi gara Finfinnee wayita dhihaatanii turanitti dursummaa TPLF'n gurmaa'insi tokko Ameerikaatti hundaa'ees ture.
Gurmuun suni Mootummaan federaalaa erga kufeen booda mootummaa ce'umsaa humdeessuu irratti kan fuulleffate akka ta'e kan himame yoo ta'u, Waraana Bilisummaa Oromootiin alatti miseensonni kaan hagas mara warra beekaman hin turre.
Haa ta'u malee imalli hidhattoota TPLF duubatti erga deebifamee waraanichi waliigaltee Piriitooriyaatiin erga xumurameen booda gareen Waashingitanitti mootummaa ce'umsaa hundeessuuf walgahee ture eessa akka bu'e hin beekamu.
5. Tumsa Tokkummaa Itoophiyaaf
Filannoo marsaa 7ffaa bara darbe adeemsifamee ture bu'uureffachuun kan hundaa'e paartiin Tumsa Tokkummaa Itoophiyaa gurmuu paartilee shaniiti.
Ihaappaa, Ma'I'aad, paartii Innaat fa'atu keessatti argama. Gurmuun siyasaa kuni Filannoo marsaa 7ffaa irratti teessoowwan torba injifate akka hin fudhanne ifoomsee ture.
Gurmuun kuni filannoodhaan duratti haaldureewwan teechise akka hin gutamneef ibsuun filannoo keessa akka bahu ibsaa turus, filannoo guyyaa lamaan dura ammoo filannoo kana osoo moo'ateelleen mana marii akka hin seenne ibsa baase.
Bu'aan Filannoo boordiin filannoo ifoomse akka mul'isutti, paartiin Tumsa Tokkummaa Itoophiyaa teessoo mana marii bakka bu'oota Uummata lamaa fi teessoowwan mana marii naannoo shan injifateera.
Filanoo darbe irrattis kaadhimamtoota 1,032 filannoof dhiheessuun paartii badhaaninaa fi Izeemaatti aansuun paartii miseensa hedduu filannoof kaadhime 3ffaa ta'eera.
Paartichi teessoowwan torban moo'ate Finfinnee, Naannoo Amaaraa fi Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti. Filannichas 'Filannoo Fakkeessaati' jechuun ibsee ture.
Gurmuun siyaasaa kuni filannoon bara darbee kuni 'Rakkoo biyyattii rakkinarraa gara rakkina walxaxaatti geessuun alatti dimokiraasii hin fidu" jechuun balaaleffate.
Gurmiin siyaasaa filannoo bu'uureffatee hundaa'e kuni filannoon erga darbeen booda sochii mul'atu yoo taasisu hin argamne. Kaayyoo hundaa'eef xumuree diigamuus ta'ee gara dhaaba siyaasa biraatti ce'uusaa wanti hanga ammaa ibsame hin jiru.