Dandeettii waa murteessuu keessan fooyyessuu feetuu? Goondaa irraa baradhaa

Suuraa goondaa diimaa baala magariisa irratti kaafame

Madda suuraa, Pawich Sattalerd via Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Nuti namoonni dandeetti waa yaaduutiin akka fiixee guddaa ta'e irra geenyetti yaanna. Gaaruu yaadamni kuni yeroo baayyee nun fullaasu.

Gama kaaniin ilbiisotni xixiqqoon hammeentaan sammuu isaanii hamma ija xaafii gahu qabanimmoo dandeettii waa murteessuu irratti ogummaa ajaa'ibsiisaa ta'e qabu.

Dandeettiin rakkoo hiikuu irratti isaan qaban algoorizimii isaa addunyaa namootaa keessattuu kaka'umsa guddaa uuma.

Wantootni shan dhalli namaa dandeettii murtii kennuu ilbiisotaa irraa barachuu danda'u kunooti.

Qixeeffannaa Goondotaa

Waan tokko hojjechuudhaaf sammuu keenya qixa barbaadamurraan gahuun qopheessuun waan salphaa miti. Keessumaa addunyaa nuti amma keessa jirru keessatti.

Goondaawwanis dhimma murtii itti aanee raawwatan irratti yeroo gareedhaan murteessan rakkoon akkanaa isaan mudata. Garuu toftaa adda ta'e fayyadamu.

Jalqabarratti goondaan hedduun bakka jiruuf mijate sana gadhiisanii bahu. Gadi bahanii daandii filannoo ta'uuf hunduu seecca'a.

Daandii irra deeman sanarra yeroo deebi'an ammoo mallattoo kaa'aa deebi'u. kuni mallattoo booda gondaan kaan daandicha ittiin adda baafatan jechuudha.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Garuu mallattoon isaan kaa'an kuni adeemsa keessa hurkaan bakkichaa manca'a. yeroo kuni ta'u goondaan daandii isa qorumsa qaburra akka imalan godha.

Garuu Gondaan mallattoon kaa'ame kuni osoo hin manca'in dafee soorata qabatee deebi'e daandii kanarra nagaan deebi'uu danda'a. Gondaan daandii kanarra milkaa'inaan deemu lakkofsi hanga dabalu carraan goondaan hedduun milkaa'ina kanatti dhimma bahu danda'anis faana dabala.

Karaan isaan hojiif irra bahan dheeran jalqaba adda bahe tajaajilaan ala ta'aa daandii gabaabaa fi qaxxaamuraa ammoo filatamaa fi irra deddeebiin kan dhimma itti bahamu ta'a jechuudha.

"Barnootni kanarraa argannu, ajaja giddugaleessaa malee murtiin waloo milkaa'aa ta'e murtaa'uu akka danda'udha" jedhu Yunvarsiitii Biyya Beeljiyeem irraa Markoo Dorigo.

Gondaan Ilbiisota xixiqqoo,dandeettii murtaa'aa fi odeeffannoo haala naannoo xiqqaa qaban ta'ulleen waloodhaan dandeettii rakkoo walxaxaa ta'e furuu qabu jedhan.

Sirni gondaan ittiin rakkoo furan kuni algoorizimiin isaa gara dhala namaatti dhufee akka hojiirra ooluu danda'uufis yaalamaa jira. keessumaa Karoota Telekominikeeshinii, geejjiba fi loojistikii keessatti.

suuraa goondaa mataa diimaa dhagaa irra tarree galee deemu

Madda suuraa, Muhammad Owais Khan via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Foraging ants leave a pheromone trail for others to follow

Kanniisota Dimokoraatawoo

Karaa daandii haaraa soquutii fi murtii kennuutiin yoo ilaalle kannisoniis mala Goondaan walfakkaataa ta'e fayyadamu.

Akkuma Gondaa kanniisonni hedduun karaa adda addaatti bittinanii filannoowwan jiran adda baasu. Isaan garuu akka goondaa daandii irra dhufan mallattoo kaa'uurra kallattiidhaan gara gaaguraa deebi'anii filannoo jiru mari'atu.

Filannoon isaanii dansaa, naga qabeessa, dhihoo fi filatamaa ta'uusaa miiltoowwan isaaniitti toftaan ittiin himuuf fayyadaman ammoo shubbisa rukuttaa eeggate agarsiisuudhaan ibsu.

Daansiin kuni qabatamaadhaan bakkichi eessa akka ta'e, hammam akka fagaatuu fi kallattii kamiin balali'uu akka qaban hunda akeeka.

Kanniisonni kaan daandii kannisni suni filate sanarra erga imalanii deebi'aniin booda waa'ee karaa filatame sanaa bareeda ta'uu deeggaruuf yookan ammoo daandii isarra fooyyee qabaa jedhan akeekuuf ammas shubbisaan agarsiisu.

Adeemsa keessa waliigalteerra gahamee kaniisonni hedduun daandii filatame kanarra imalanii soorata funaanu. Akkuma dimokiraasii addunyaa kana kannisonni hunduu dhumarratti daandii filatame kanatti waliigaluun waliigalteen shubbisaan ibsama.

suuraa kaannisa daraaraa biratti mul'atu

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Honeybees take a democratic approach to important decisions

Warra Loogiirraa walaba ta'an, Awannisoota

Namoota yaada jijjiirsisuun waan ulfaataadha. Keessumaa yaadni garee lamatti hirame bakka jirutti. Mormiin garee lamaa kuni daranuu cimee lachuu karaa isaaniitiin akka deemaniif carraa uumuus mala.

Qorannoon dhiheenya Awaanisa irratti taasifame garuu rakkoo akkanaa keessaa bahuun akka danda'amu akeeke.

Piroofeesarri Yunvarsiitii Baat, Kiristiyaan Yates, dhimma kanarratti qorannoo taasisan. Mi'a boca geengoo qabu keessa erga isaan kaa'aniin booda gareedhaan kallattii kamitti imaluu akka qaban akkaataa itti murteessan ilaalan.

Awaannisoonni yeroo muraasaaf warra kaanirraa erga adda citaniin booda daandii isaanii akka jijjiiran hubate. Hayyuun kuni qorannoo walfakkaataa dhala namaa irrattis gaggeessan.

Namoota 19 qorannoo kana keessati hirmaachisan. Namootni kunneen X fi Y keessaa tokko akka filatan yookan ammoo sagalee kennuu irraa ofqusachuu akka filatan taasisan.

Akkuma awwaanisootaa filannoo keessa hireen 'Sagalee kennuu dhiisuu;' yeroo jiraatu naamootni X fi Y keessaa filachuuf hin rakkatan.

Amalli Awanisootaa kuni waan tokko nama barsiisa. Innis filannoo kennaman keessaa filachuun dura xiqqoo dhaabbatanii yaaduu.

Amala Korophiisota

Mormii gareedhaan taasifamu keessatti namootni ciccimoon yeroo jiraatan waliigalteerra gahuun waan salphaa miti. Namootni yaada bilchaataa qaban garee amansiisanii gara kallatii ofii yaadan sanaatti hoofuu danda'u.

Garuu qorannoon Korophiisota irratti taasifame namootni ciccimoon garee keessa jiraachuun inumaa gara waliigaltee walootti dhufuuf saffisa dabala.

Yunvarsiitii metiroopoolitaani Tookiyoo irraa Isaak Plaanaa, amala korophiisotaa kanarratti qorannoo taasisan. Bu'aan qorannoo isaaniis Korophiisonni hundi murtii irra gahuuf caalmaan isaanii yaada walfakkaataa qabacahuun inumaa waliigalteerra gahuuf yeroo akka fudhatu godha.

Gareen Korophiisaa amala adda addaa qabu faallaa kanaatiin murtii waloo irra gahuuf saffisoodha.

"Baayyeen raajame. Tarkaanfii isaanii tokko tokkoon ilaalaan ture. garuu mala walfakkaataa irra deddeebiin godhan hin qabani" jedhu.

Gareen Korophiisaa ciccimoo ofkeessaa qabu dahoo waloon irrattii waliigalan argachuuf yeroo dheeraa itti fudhata. Garuu kanneen garee isaanii keessa korophiisota laafoo fi qaana'oo ta'an qaban dafanii dahoo qabatu.

suuraa korophisa

Madda suuraa, Soumyabrata Roy/NurPhoto via Getty Images

Titiisota

suuraa titiisa ija halluu kelloo qabuu

Madda suuraa, Joao Paulo Burini via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Studies suggest fruit flies integrate different types of information to make choices

Yeroo tokko tokko murtiiwwan sababa gahaa qabu jennu murteessuuf waan keessi keenya nuun jedhu cinaatti dhiisna. Keessi keenya garuu miira dogogoruu keenya nutti hima.

Yeroo biraa ammoo dogogora keenya irraa barachuu dhabuudhaan beekumsa gadi fagoo dhimma tokkorratti qabnu hordofnee deemna.

Titiisonni wantoota murteessinu irratti yaadaa fi beekumsa dhuunfaa keenyaa waliin akkaataa walsimsiisnu irratti beekumsa gaarii nuuf kennu.

Qorannoon akka akeekutti Titiisonni murtii tokko murteessuuf ragaalee keessoon keenya nutti himuu fi ragaalee alarraa argannu akkamiin walfudhachiisnee akka fayyadamnu irratti dandeettii jabaa qabu.

Fakkeenyaaf foolii badaa lama keessaa tokko filachuudhaaf Titiisonni yeroo dheeraa fudhatanii miidhaa fi faayidaa isaa xiinxalu.

Filannoon kuni filannoo miidhaa fi bu'aa waliin deemani. Fakkeenyaaf waan dhandhama gaarii qabu garuummoo soorataaf mijataa hin taane, yookan dhandhama gaarii kan hin qabnee fi soorataaf kan oolu gidduudhaa filachuu. Yeroo akkasii Titiisonni bu'aa fi miidhaa isaa madaalanii filatu.

Kana malees filannoo bakka nageenya qaburraa waan xiqqaa argachuu fi bakka balaa qaburraa bu'aa guddaa argachuu yeroo isaan muudatu yoo akka malee beela'aniin ala isa nagaa qabaatee bu'aa xiqaa qabu filatu.

Akkuma Titiisotaa kana dhala namaa irrattis miirri keessoo keenyaa murtii keenyarratti dhiibbaa uuma.