Gimbiin bu'aa bayii akkamii keessa darbee chaampiyoonaa Itoophiyaa ta'e?

Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Gimbii chaampiyoonaa kilaboota naannolee Itoophiyaa ta'e

Madda suuraa, SM

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Injifannoo booda simannaan taphattootaa fi garee Kilaba Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbiif taasifame milkaa'ina guddaaf akka isaan onnachiise gareen leenjistootaa kilabichaa himan.

Garee leenjistootaa kilabichaa bakka bu'uun BBCf yaada kan kennan leenjisaa itti aanaan kilabichaa Geetaachoo Galaaw iccitiin milkaa'inasaanii deeggarsa uummatarraa argatan ta'uu dubbatan.

Gimbiin dorgommii Adoolessarraa eegalee hanga jalqaba ji'a Hagayyaatti kilaboota naannolee Itoophiyaa 44 ta'an gidduutti magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffame kanarratti chaampiyoonaa ta'e.

Jalqabuma Ramaddii F jalatti kilaboota ciccimoo kanneen akka Poolisii Tigraay, Poolisii Finfinnee, Warra Iluu waliin ramadamuu kan ibsan Obbo Geetaachoon, tapha gulantaarraa eegalee dorgommiin ture cimaa ta'uu ibsan.

Akkasis ta'ee garuu ramaddii keenyarraa olaantummaan xumuruu ibsan.

Kilaboonni waliin taphachuun injifatanii bira darban kanneen leenjii ga'aa qabanii fi muuxannoo waancaa nyaachuu qaban akka ta'an ibsuun garuu ''irra caalaa kilaboota ciccimoo waliin taphannee milkoofne,'' jedhan.

Gimbiin tapha tapha kuffisanii darbuus kilaba Laga Harree, kan dorgommii kanaan dura Dirree Dhawaatti gaggeeffameen waancaa injifate, mo'atee gara 16tti makame.

''Gara nuusa xumuraatti darbuuf ammoo Kilabii Affaar waliin taphanne. Isaanis akka Affaaritti dorgommii gaggeeffameen waancaa nyaatanii warra dhufaniidha. Kana kuffisnee saddeetitti makamne,'' jedhan Obbo Geetaachoon.

''Carraa Liigii Tokkoffaa Itoophiya erga mirkaneeffannee booda imala waancaa keenya mijeeffachuuf Kilaba Qaanyaaw (Finfinnee) waliin taphachuun injifannee gara afuriitti dabarre.''

Kilabi Qaanyaaw dorgommii akka Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame irratti waancaa injifachuun gara dorgommii kilaboota naannolee kan dhufe yoo ta'u, Gimbiin kilaba kana goolii 1 fi 0 dhaan injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbe.

''Afur keessaa ammoo dorgommii cimaa kilaba Sirxii waliin gaggeessuun xumuraaf dabarre. Kilabi kunis kan Oromiyaati. Darbii Oromiyaa ture.''

Tapha xumuraa Hagayya 2, 2026 kilabuma ramaddii keessa waliin turan fi goolii 2 fi 0 dhaan , Poolisii Tigraay, waliin morkachuun waancaa nyaatan.

Uummata kubba jaallatuuf waan malu argamsiisuu qabna jennee xiiqeffanne

Uummanni kuma dhibbaan lakkaa'amu kilabichaaf simannaa taasiseera

Madda suuraa, sm

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kilabi Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii haala shaakalaaf akkasumas dorgommiif mijataa hin taane keessatti akkamiin kilaboota haala mijataa (faasilitii guutuu) qaban irratti injifannoo argate kan jedhurratti leenjisaa Geetaachoo Galaaw dubbataniiru.

Gimbiin dorgommii Piriimer Liigii Oromiyaa marsaa lamaan Magaalaa Asallaa fi Naqamteetti gaggeeffame sadaffaa ba'uun tapha waancaa kilaboota naannolee Itoophiyaa irratti hirmaate.

''Dorgommii kanarratti yeroo sadaffaaf hirmaanne. kanarraa muuxannoon arganne akka xumura irratti milkoofnu nu gargaareera,'' jedhan.

''Uummanni kubbaa miillaa akka lubbuusaatti jaallatu, uummanni Wallaggaa, Liigii Tokkoffaa Itoophiyaa keessaa bakka bu'aa tokkollee dhabuun nama gaddisiisa. Kanaaf nuti barana kana milkeessuu qabna jennee waadaa gallee Gimbiidhaa kaane.''

Kilaboonni waliin dorgoman birqabaan yoo ilaalaman haala mijataa qabaachuu kan himan Obbo Geetaachoon, ''nuti dirree mijataallee hin qabnu, hanqina baajataa qabna. Rakkoon nageenyaa jira. Kanaaf tapha michoomaallee hin gaggeessine,'' jedhan.

''Garuu waanuma harkaa qabnu, kubbaama qabnu, sirriitti fayyadamnee dorgommii kanarratti hirmaannee injifachuu dandeenyeerra. Kun ijoollee (taphattoota) keenyattillee xiiqii itti hore. ''

Wallaggi rakkoo nageenyaan osoo hin taane injifannoon akka beekamu mul'isne

Taphattoota Kilaba Bulchiinsa Magaalaa Gimbii

Madda suuraa, sm

Kilabni Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii haalli mijateefii osoo hin taane xiiqii fi kutannootu akka injifatu taasise kan jedhan leenjisaa Geetaachoo Galaaw, ''keessattuu deeggarsi, jaalalli fi kabaji uummanni nutti agarsiise baayyee nu onnachiise,'' jedhan.

''Simannaama nuuf taasifame yoo ilaalte uummanni kuma dhibbaan lakkaa'amu hanga magaalaa Finfinneetti nutti dhufanii miira gammachuu ibsataa turan. Kun hiika guddaa qaba.''

Godinni Wallaggaa Lixaa giddugala biyyaarraa fagaachuu fi haala mijataa dhabuun rakkoo ta'us, garuu iddoon kun bakka dandeettiin (potential) guddaan jiruudha. Namni itti hojjetee jennaan taphataa dandeettii ajaayibaatu ba'uu danda'a,'' jedhan.

Maqaa godinichaa rakkoo nageenyaa waliin ka'u jijjiiruudhaaf kutannoon taphattootaa fi garee kubbaa miillaa maraa salphaa hin turre jedhan leenjisaa Geetaachoon.

''Gama kanaan yoo ilaallu injifannoo lama arganneerra jennee yaadna. Waancaa nyaachuu qofa osoo hin taane seenessa badaa gama rakkoo nageenyaan godina keenyaan walqabatee ka'u gama kubbaa miillaan jijjiirreerra.''

Leenjisaan kun Dirree Dhawaatti guyyaa waancaa injifatan yaada kennameef akka injifannoo guddaatti akka ilaalan ibsan.

''Gaafa nuti injifanne namoonni sagantaa qopheessan Wallagga akkasitti hin beeknu turre. Amma biyya jaalalaa fi nagaa ta'uu hubanneerra nuun jedhan. Kun milkaa'ina guddaadha.''

Itti aanee carraa akkamii qabu?

Chaampiyoonaa kilaboota naannolee Itoophiyaa kan ta'e Kilabni magaalaa Gimbii Liigii Tokkoffaa biyyattii keessa galuuf carraa argateera.

''Kana booda Piriimer Liigii Oromiyaa irraa gara Liigii Tokkoffaa Itoophiyaatti ce'ee achitti dorgoma. Kun seenaa Kilaba Magaalaa Gimbii keessatti isa jalqabaati,'' jedhan leenjisaa Geetaachoo Galaaw.

Dorgommii tapha kubbaa miillaa Itoophiyaa keessatti Liigii Tokkoffaan sadarkaa Piriimer Liigii duuba jiru yoo ta'u, gara Piriimer Liigiitti guddachuuf ammoo ka'umsa ta'a.

Leenjisaa Geetaachoon injifannoon Gimbii kun guddina isaa qofa osoo hin taane, kilaboota gara Lixa Oromiyaa jiran hundaaf carraa fidu qaba jedhan.

''Miirri deeggarsaa uummata keenyaa dabaleera. Dhalattoonni naannochaa walgurmeessuun kilaba kana tumsuuf fedhii agarsiisaa jiru. Kanaaf kana booda kilabi kun hirkattummaa mootummaa jalaa ba'ee of danda'ee rakkoo malee dorgommii gaggeessuu danda'a.''

''Sagantaa Finfinneetti ture irratti dhalattoonni godinaalee wallaggaa kilaba kana tumsuuf waan hedduu waadaa galan. Namoonni biyya alaa jiranillee sababa kanaan wal ijaaranii kilaba kana cina dhaabbachuuf hojii baayyee hojjechaa jiru,'' jedhan.