Sanadi dhiifamaa namoonni shororkeessummaan himataman akka mallatteessan dhiyaate maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, Social Media
Namoonni siyaasaa, gaazexeessitoonnfi namoonni biroon lakkoofsaan dhibba sadii ol ta'anfi rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee shororkeessummaan himataman dhiifamaan akka gadhiifamaniif adeemsarra jiru.
Sanadni dhiifamaa namoota shororkeessummaan himataman kunneeniif dhiyaates ajjeechaawwaniifi miidhaawwan naannicha keessatti raawwatamaniif himatamtoonni itti gaafatamummaa akka fudhatan kan gaafatu akka ta'e sanadni BBCn ilaale hima.
Miseensota mana mareefi ogeeyyii miidiyaa dabalatee namoonni biroon galmeewwan garagaraa jalatti shororkeessummaan himataman kunneen dhiifama gaafatanii himanni isaanii adda akka citufi hidhaadhaa akka gadhiifamanif gaafii gama mootummaan dhiyaateef deebii garagaraa laachusaanii BBCn maddootarraa mirkaneeffateera.
Sanadni (gucni) himatamtoonni waggoota sadifi isaa oliif hidhaarra jiran kun dhiifama gaafatanii akka gadhiifaman gaafatu kun gama Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin himatamtoota akka qaqqabe maddeen dhimmichaaf dhiyoo ta'an BBC'tti himaniiru.
Komishinarri Olaanaan komishinichaa Obbo Birhaanuu Adeelloo Waxabajjii 1, 2018 eegalee yeroo ji'a tokko ta'uuf hojii himatamtootafi mootummaa mariisisuu hojjechaa erga turanii booda sanadni dhiifama itti gaafatanfi haldureewwan ofkeessatti qabate himatamtootaaf dhuunfaa dhuunfaan kennamuunsaa barameera.
Lakkoofsi himatamtootaa maricha hordofee sanadni dhiifamaa dhiyaateef 300 ol akka ta'es maddoonni keenya himaniiru.
Himatamtoota manneen sirreessaa garagaraa keessa jiran keessaa harki caalmaan sanada dhiyaateef kan mallatteessan yemmuu ta'u, himatamtoonni sanadicha hinmallatteessine akka jiranis odeeffannoon BBC'n argate mul'isa.
Haalduree dhiyaate 'hinfudhannu' jechuun kunneen sanadicha mallatteessuuf heeyyamamoo hintaane keessaa namoota siyaasaafi ogeeyyii miidiyaa dabalatee himtamtoonni 30 ni argamu.
Himanni Abbaan Alangaa himatamtootarratti bane ajjeechaawwan, miidhaa qaamaafi mancaatii qabeenyaa boora'uu nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jirun walqabatee raawwataman akkasumas yakkoota shororkaa biroorratti hirmaannaa akka qaban kan eerudha.
Sanadni dhiifamaa dhiyaates himatamtoonni himata yakka shororkeessummaa irratti baname amananii ittigaafatamummaa akka fudhatan kan gaafatu akka ta'e BBC'n sanadicha akkasumas xalayaa himatamtoonni 30 irratti mallatteessan irraa ilaalera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sanadichi qabxiilee "Gaaga'ama naannoo Amaaraa keessatti uumameef, kunneen gaga'amichaan du'anfi madaa'aniif namoota kumaan lakka'amaniif (lakkoofsichi galmeedhaa galmeetti garaagarummaa qaba) itti gaafatamummaa fudhadhaa, mancaatii qabeenyaa biliyoonotaan tilmaamame raawwanneerra jedhaatii amanaa" jedhan ofkeessatti kan qabate aka ta'e himatamtoonni xayaasaaniirratti eeraniiru.
Dabalataan ejjennoo "biyyattiin aadaafi yaadama Amaaraatiin hogganamuu qabdi" jedhu tarkaanfachiisuunsaanii eeramee kunis yakka ta'uusaa akka amanan gaafatamuusaanii kaa'aniiru.
Dabalataan "qabiyyeewwan Amaaraa seeraan ala fudhataman deebi'uu qabu" jechuusaaniifi kunis yakka ta'uusaa akka amanan sanadicha keessatti hammatamuusaa ibsaniiru.
Sanadicharratti "humnootii finxaalessa" jedhamanii kan eeraman hidhattoota naannoo Amaaraa keessa socho'an akka balaaleeffatanis haaldureen kaa'amuusaa eeraniiru.
Himatamtoonni yakkoota eeraman raawwachuusaanii amananii, lammata gochaa akkanaarratti akka hin hirmaanne waadaa akka seenanfi kan hirmaatan yoo ta'emmoo "mootummaan tarkaanfii barbaachisu akka irratti fudhatu" akka waliigalanis sanadichi gaafata.
Haa ta'u malee haalduree kana fudhachuuf heeyyamamoo waan hintaaneef sanadicharratti akka hinmallatteessine xalayaasaaniirratti eeraniiru.
"Yakkamtoota jennee hinmallatteessinu. (Kuni) gama seeraanis, hamileenis, siyaasaanis fudhatama hinqabu" kan jedhan himatamtoonni 30 kunneen, "gaafileen ummata Amaaraa seera-qabeessa jennee amanna" jedhaniiru.
Himata irratti dhiyaate "hinfudhannu" jechuun mana murtiitti falmaa osoo jiranuu "nuti yakkamtoota" jedhanii mallatteessuuf heeyyamamoo akka hintaane ibsuusaanii maddoonni dhimmicha hordofan sadi BBC'tti himaniiru.
Gama biraatiin waggoota sadii ol haqa malee turuusaaniifi "maatiinsaanis rakkoolee garagaraaf saaxilamuusaanii" kan himan himatamtoonni kun, ejjennoo mootummaan 'himaticha adda kutuun karaa siyaasaan araaraan nu yaa hiiku" jedhu qabu.
Dhimmicha ilaalchisee BBC'n qaama himatamtootafi mootummaa mariisisaa ture jedhame yaada Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafatee ture.
Haa ta'u malee dubbi himaan komishinichaa waa'ee dhimmichaa odeeffannoo akka hinqabaanne himaniiru. Osoo ta'eeyyuu komishinichi dhimmoota akkanaarratti ibsa adeemsa mataasaatiin kennuun ala odeeffannoo kennuuf akka rakkatanis himaniiru.
Komishinarri Olaanaan komishinichaa hoggantoota dhaabbatichaa biroo waliin ta'uun ji'a Mudde darbe Komishinii Mana Sirreessaa Federaalaatti giddugala buufata beellama yeroo Qilinxoo daawwatanii turan. Daawwannaa kanaanis qabiinsa mirgoota namoomaafi dhimmoota biroo ilaalchisee himatamtoota walin mari'achuunsaanii yerichatti gabaafamee ture.

Madda suuraa, Getty Images, BD COM.
Maddoonni keenya akka jedhanittis komishinarri olaanaan Birhaanuu Adeelloo himatamtoota kunneen walin erga mari'atanii turtii ji'oota jahaa booda irra deebi'anii isaan arguun adeemsa marii eegalan.
Dhimma dhiifamaa kana ilaalchisee yaada abukaatoowwan himatamtootaa argachuuf yaalii taasisnus yeroof heeyyamamoo ta'uu dhabuusaaniitin hinmilkoofne.
Haa ta'u malee adeemsi dhiifama gaafachuufi dhiifama gochuu ija seeraan akkamiin ilaalama jechuun ogeessa seeraa gaafanneerra.
Isaanis himatamaan tokko yakkamaadha jedhamee yoo irratti murtaa'en ala adeemsa dhiifamaa keessa darbuun akka hindanda'amne himaniiru.
Ogeessi seeraa hojii abukaatummaa hojjetan Obbo Ermiyaas Xilaahun, akka Seera Yakkaa Itoophiyaa keewwata 229'tti, dhiifama gochuuf "murteen adabbii ifatti murtaa'e jiraachuu qaba" jedhu.
Haala walfakkaatuun dhiifama gaafachuun kan danda'amu dhimma murtee argaterratti akka ta'e hubachiisaniiru.
Labsii dhiifamaa 840/2006 keewwata 15 irratti namni yakkaan balleessaa ta'ee murteen xummuraa irratti murtaa'e kamiyyuu gaafii dhiifamaa ofuma isaatiin yookiin gama fira dhiyoo yookiin gama abukaatoo bakka isa bu'uun dhiyeeffachuu akka danda'u hima. Kanaafis murteen osoo hinkennamin dhimma dhiifamaa kaasuun akka hindanda'amne Obbo Ermiyaas himu.
Haala filannoo bara 1997 hordofee tureen hidhamanii kan turan Pirofeesar Birhaanuu Naggaafi Birtukaan Miidhaksaa dabalatee hidhamtoonni biroon erga irratti murtaa'ee booda dhiifamaan gadi lakkifamuusaanii, akkasumas "jijjiirama mootummaa" bara 2010 ture booda namoonni haala walfakkaataan hiikaman jiraachuusaanii akka agarsiistuutti kaasaniiru.
Ogeeyyiin seeraa akka jedhanitti himatamaan irratti murtaa'ee adeemsa oliyyannoorra jirullee dhiifama gaafachuu hindanda'u.
Himatamtoonni amma haaldureewwan kaayaman fudhachuun dhiifama akka gaafatan sanadni dhiyaateef kunneen murtee kan hinargannefi adeemsi himataa isaaniis sadarkaa garagaraarratti kan argamudha.
Kanaafis akka seeraatti hidhaarraa gadhiifamuu kan danda'an himatasaanii adda kutuunfi araaraan akka ta'u ogeeyyiin seeraa himaniiru.
















