Waancaa mo'achuun nuuf mala- Deklaan Raayis

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Arsenaal akka baranaa Arteettaa jalatti waancaatti siqee hin beeku. Barnilee 1-0 kan mo'ate Arsenaal waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii kaasuuf xiqqumatu isaan hafa.

Arsenaal tapha isa hafe yoomo'uu baates Barnimooz Maanchister Siitii yoo mo'ate ykn qixa bahe Arsenaal shaampiyoonaa tahuu isaa mirkaneeffata.

Waggoota sadii walitti aansun lammaffaan kan xumure Arsenaal barana sadarkaa tokkoffaa qabatee akka tureen waancaa kaasuuf jedha.

Yoo har'a Maanchister Siitiin mo'ate garuu Arsenaal waancaa kaasuuf Kiristaal Paalaasin guyyaa xumura dorgommichaa torban dhufu mo'achuu qaba.

Seenaa Piriimer Liigii keessatti guyyaa xumura dorgommicha akilebni tokkoffaa irra osoo jiruu waancaa dhabee beeku hin jiru. Kanaaf Arsenaaliin kan dhaabsisu hin jiru.

Tahus haga ammaa waan beekame hin jiru.

Isa irratti ammoo Peep Gaardiyoolaan Maan Siitii gadhiisuuf waan jedhuuf deeggartoonni Arsenaal barri nuuf dhufe jechaa jiru.

Arsenaal akka waancaa hin mo'amme kan godhe cimina Gaardiyoolaa fi garee isaa ture.

Kaayi Haavert kubba koornaa irraa Bukaayoo Saakaa dabarseef lakkoofsisuun qabxii sadii argatan.

Haavert garuu balleessaa taphataa Barnilee irratti hojjeteen irra caalaan xiinxaltoota kubba miilaa kaardii diimaa argachuu qaba jedhan.

Arsenaal barana taphoota saddet galchii 1-0 xumuran. Inni guddaan qabxii sadii guutuu argachuu isaaniiti.

Deklaan Raayis ''akkan yaadutti shaampiyoonaa tahuun nuuf mala. Dhugaa dubbachuuf 100% shaampiyoona atahuu qabna,'' jedhe.

''Barri kun kan keenya garuu maanchister Siitiinis garee ajaa'ibaati'' jedhe Raayis.

''Peep jalatti hin mo'atan jechuu hin dandeessu. Garee sirraa hin gorredha,'' jedhee cimina morkataa isaaniis hime.

Garuu amam sadarkaa gaariirra jirra. waan ani jechuu danda'u yoo jiraate itti fufnee injifannoon haa xumurrudha'' jedhe.

''Tapha tokko nu hafa. Taphoonni 38 dhumuuf jedhu. Dhumarratti shaampiyoonaa taaneerra jetta. Garuu Dilbata dhufu Kiristaal Paalaas salphaa waan hin taaneef jabaannee mo'achuu qabna'' jedhe.

Arsenaal taphoota jaha darban keessaa goolii tokko qofatu itti gale. Kan mo'atanis goolii 1-0 qofa lakkoofsisuun ture.

Bara kana gooliin isaan irratti gale 26 qofa. Kun ammoo liigicha keessaa isa baay'ee xiqqaadha. Tapha banaa irraa gooliin irratti gale Ebla 19 gaafa Maan Siitiin mo'atedha.

Bara kana waliigalaan taphoota 32 irratti galchiin irratti hin galle. ''Rifeensi ani qabu ni dhuma jedhee yaadee hin beeku. Hojiin amma itti jiru garuu narraa fixuun isaa hin hafu jedhe Arteettaan.

Ittisuuf fedhii fi kutannoo taphattoonni keenya qaban, akkatti tokko isa tokkoof hojjetu ajaa'ibadha jedhe.

Bara dorgommii kana waliigalaan taphoota 13 galchii 1-0'dhaan mo'atan.

Tapha banaa irraa galchii lakkoofsisuu dadhabuu, haala tapha isaanii yoo ilaalan garee sodaachisaa tahuu dhabuu fi irra caalaa koornaa irratti hirkachuun isaanii akka qeeqaman isaan taasiseera.

Maanchister Siitiin galchii fooyyee Arsenaalirra qaba. Arsenaal carraan qabu tapha dhumaa mo'achuu qofadha. Kunis yoo Maanchister Siitiin taphoota lamaan mo'ata tahe baay'ina galchiidhaan waan caaluufidha.

Arsenaal as gahee waancaa dhabnaan garuu deeggartootaafis tahe taphattootaaf gadda guddaa taha.