Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan aangoo murteessaa biyyattii harka galfataa jiru - gabaasa

Gaggeessaa Olaanan duraanii Iraan Ayaatolaa Alii Kameenii erga ajjeefamanii as Eegdonni Warraaqsaa Islaamaa aangoo ijoo biyyattii to'ataa akka jiran gabaasaalen ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ameerikaan Iraanitti dhaadahachuu fi uggura dheeressu hordofee gatiin boba'aa dabale

    Ameerikaan dooniwwaan buufata boba'aa Iraan irraa homaa baasuu fi galchuus akka hin dandeenyeef uggura keesse dheeressuuf karoorfachuu ishee oduun erga bahee booda gatiin boba’aa addunyaa haalaan dabaleera.

    Gatiin jikataa boba’aa Kibxata kaleessaa doolaara 110'n gurguramaa ture Roobii kana gara doolaara 115'tti gadi bu’eera.

    Gatiin boba’aa kan dabale erga Wall Street Journal Doonaald Tiraamp uggura buufata doonii Tehran irratti kaa’ame dheeressuun diinagdee Iraan akka laaffisu gargaartota isaaniitti himee booda.

    Iraan hanga uggurri Ameerikaa kaafamutti dooniiwwan ulaa Hormuz keessa akka hin darbine ibsiteetti.

    Erga Israa’elii fi Ameerikaan Iraan irratti waraana jalqabanii as sababa ulaa Hormuz cufamuun gatiin boba’aa addunyaa akka malee akka dabalu yeroo tokko tokkommoo gadi bu'aa ture.

  2. 'Waraana Iraan irratti dolaara bil.25 baafne'- Pentaagon

    Pirezdantiin US bajata waraanaa dolaara tiriliyoona 1.5 gaafachuun ''haalli jiru hagam akka muddaa ta'e mul'isa'' jedhe Ministirri Ittisaa US Piit Heegseet.

    Kun boqonnaa seena-qabeessa fi bajata lola waraanaati jedhe Heegseet, Koree Dhaabbii Tajaajila Waraanaa Ameerikaa duratti yaada dhiheesseen.

    Bulchiinsi pirezdantii duraanii US Joo Baayideen humna ittisaa Ameerikaaf bajata gahaa ramaduu dhabuu isaatti qeeqeera Heegseet.

    "Kufaatii sirnaa sana jijjiiruuf" dandeettii waraanaa keenya kan "yeroo waraanaa gituun (wartime footing)" dhaqqabsiisuu qabna jedhe.

    Pirezdantiin Ameerikaa "onnee Iraan akka niwukilarii hin hidhanne gochuu qaba" jechuun Tiraamp leellise.

    Qondaalli maallaqaa Pentaagon Ameerikaan waraana Iraanitti dolaara biliyoona 25 baasuu hime. Baasiin kun immoo garri caalaan isaa hidhannoo waraanaatti kan bahe jedhe.

    Dura taa'aan Humnoota Waloo Daan Keen, waraanni Ameerikaa invastimantii "waytaawaa, timaamamuu danda'uu fi fulla'aa barbaada" jedhan.

  3. Utuu ulaan Hormuuz hin banamne Itoophiyaan akkamiin gatii boba'aa hir'iste

    Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee, dhiyeessii boba’aa Naafxaa guutummaatti gara sadarkaa waraana duraatti akka deebi’u murtaa’uu beeksisan.

    Ahimad akka jedhanitti, murteen kun kandarbe erga dhiyeessi boba’aa biyyattii dhiibbaa guddaa keessa turee booda yoo ta'u dinagdeen biyyaatti sababa waraana Iraanin akka hin miidhamnef akkasumallee dinagdeen ishee akka itti fufiinsan dandamatuuf murtee kanarra ga'uu ibsan.

    “Diinagdeen keenya sadarkaa dhiibbaawwan garaagaraa dandamachuun guddina ariifataa fiduu danda’urra gaheera,” kan jedhan Ministarichi, kunis fooyya’iinsa dinagdee biyyatti irraa kan ka'e ta'uu eeran.

    Haa ta’u malee, Obbo Ahimad osoo Ulaan Hormuz cufamee jiruu, boba’aan akkamitti akka biyya seenuu danda’e irratti ibsa hin kennine.

    Hanqinni dhiyeessii boba'aas guutuu biyyattii keessatti mul’achaa jira. Hiriirri konkolaattoota ammallee magaalota Itoophiyaa keessatti ni mul'ata.

    Jalqaba baatii Eeblaa Ministeerri Daldalaa fi Walitti-hidhamiinsa Naannawaa akka beeksisetti, boba’aa metiriik toonii 180,000 (diizila toonii 120,000 fi boba’aa xiyyaaraa toonii 60,000) fe’anii dooniiwwan sadii sababa cufamuu ulaa Hormuziin galaana Arabiyaa keessa dhaabbatanii akka turan himee ture.

    Ahimad ibsa har’a miidiyaalee mootummaaf kennanirratti, “baatii darbe keessa waraanni kun dhiyeessii boba’aa irratti sodaa guddaa uume turee,” jedhan. Itoophiyaan boba’aa hunda alaa waan galchituuf, karaaleen dhiyeessii yoo addaan citan miidhaan isaa guddaa akka ta’e himan.

    Gatiin bittaa boba’aa gabaa addunyaa irratti dabalus, mootummaan dhiibbaa kana gara uummataatti akka hin dabarsine Ahimed Shidee kan himan.

  4. Ilmi Pirezdantii duraanii Zimbaabuwee Roobert Mugaabee Afrikaa Kibbaatii ari'amuuf

    Ilmi dhumaa pirezdantii duraanii Zimbaabuwee Roobert Mugaabee Afrikaa Kibbaatii akka ari'amu manni murtii Johaannisbarg murteesse.

    Beelaarmaayin Mugaabee jalqaba ji'a kanaatti mana isaatti dargaggoo ganna 23tti dhukaasuu isaatiin himatamee balleessaa kanas amane.

    Dargaggeessi ganna 23 ilmi Roobert Mugaabee qawwee namatti qabuu fi heyyama malee Afrikaa Kibbaa keessa jiraachuun badii raawwachuun himatame.

    Manni murtii himannaa kanaan badii raawwachuu isaa mirkaneessee dolaara 36,000 akka kaffalu itti murteesse.

    Namni isa waliin himatame ilmi eessuma isaa Toobiyaas Maatonhoodizee yakkoota yaalii ajjeechaa, godaansa seeran alaa fi meeshaa waraanaa qabachuu fi adeemsa haqaa jidduu seenuun hidhaan waggaa sadii itti murtaa'eera.

    Namoonni lamaan kan to'annoo jala oolan guyyoota kudhan dura poolisiin mana ilma Roobert Mugaabee Johaannisbargitti argamutti waamamee erga bahee akka ta'e gabaafame.

    Mooraa isaanii keessa kan ture namni tokko rasaasaan rukutamee akka malee miidhamuun hospitaala seene.

    Abbootiin alangaa namicha irratti kan dhukaase wal dhibdee namoota sadi gidduu tureen akka ta'e mana murtiif ibse.

    Namni kun miliquuf yoo yaalu duubaan al lama itti dhukaafamee rukutamuu hime.

    Poolisiin mana isaa sakatta'us meeshaa waraanaa hin arganne.

  5. Tiraamp Iraan waliigaltee akka mallatteessitu akeekkachiise

    Tiraamp Iraan waliigaltee akka mallatteessitu akeekkachiiseera.

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp Roobii Iraaniin 'abshaala ta'aa' waliigaltee mallatteessaa jedhe. US uggura buufataalee Iraan irra kaaye dheeressuuf akka jirtu miidiyaaleen gabaasuu booda kana miidiyaa hawaasaa isaa ''Truth'' irratti barreesse Tiraamp.

    Guyyoota dhiyoo Iraan mariyachuuf yoo murteessite bilbiluu dandeessi kan jedhe Tiraamp, irra deddeebiin Iraan niwukilarii hidhachuu hin dandeessu, ofiifuu tokkummaa hin qabani jedhe.

    'The Wall Street Journal' qondaalota U.S wabeeffachuun akka gabaasetti, pirezdaantichi gargaartota isaa akka uggura dheeressan ajajeera.

    Kun tapha Iraan humnaan harka kennachiisuuti jedhameera.

    Qondaalonni akka jedhanitti Tiraamp, diinagdee Iraan irratti dhiibbaa jabeessuu fi boba'aa akka hin gurguranne itti cufuu akka filannootti qabateera. Filannoo kan biraatiin haleellaa itti fufuu ykn lola dhaabuu tokko keessaa filadhaa jedheen jedhu qondaalonni WSJ eere.

    "Waliigaltee niwukilarii-maleessa ta'e mallatteessuu hin beekan. Dafanii abshaala ta'uu qabu!" jedhe Tiraamp ergaa Roobii dabarseen. Waliigalteen kun maal akka hammatu garuu hin eerre. Iraan yuraaniyemii nagaa fi dhimma siviilii biroof gabbisuu beekkamtii US ni feeti.

    Iraan yuraaniyemii 60% gabbate 440 ​kg qabdi. Kun immoo sadarkaa caalutti gabbifame waraanaaf ooluu kan danda'udha.

    Qondaalonni ishee Kibxata Iraan ugguraaf hin jilbiiffattu jedhan, filannoo ulaa biraa akka fayyadamaa turte ibsuun.

    Biyyattiin waraanni xumurame jettee akka hin yaadne ibsiteerti.

    Waraanni kun kumaatama lubbuu galaafate, qabeenya hedduus mancaase, sirna daldalaa addunyaa, keessumaa gabaa boba'aa, danqaa jira.

  6. 'Haleellaan jalqaba waraana Iraan irratti mana barnootatti rawwatame callifamuu hin qabu'

    Qondaaltonni olaanoon duraanii Ameerikaa shan jalqaba waraana Iraan irratti haleellaa mana barnoota shamarranii tokko irratti waraanni Ameerikaa raawwate irratti himanni banamuu dhabuu isaan Peentaagoon qeeqaniiru.

    Qondaaltonni Ameerikaa fi miseensonni seera baastonni duraanii kunneen tokko tokkoon haleellaa kanaa qoratamee ummataaf ifa ta'uu dhabuun waan hin baratamnedha jedhan.

    Kanneen haleellaa kana raawwatan illee utuu hin himatamin callisaan bira darbamuu itti gaafatamummaa jalaa kan baasu ta'uu akka hin qabne ibsaniiru.

    Aanga'oonni Iraan akka jedhanitti, haleellaa misaa'elaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa Minaab irratti raawwatameen daa'imman 110 dabalatee namoonni 168 ajjeefamaniiru.

    Ergasii ji'oota lamaan keessatti Peentaagoon taateen kun qoratamaa akka jiru qofa beeksise.

    Humni Waraanaa Ameerikaa akka jedhutti, taateen kun ammallee qoratamaa akka jiruu fi eenyu akka haleellaa kana raawwate hin mirkaneessine.

    Miidiyaaleen Ameerikaa jalqaba baatii bitootessa keessa akka gabaasanitti qorattoonni waraanni Ameerikaa osoo hin beekin mana barumsaa haleeluu isaaf itti gaafatamuu qaba jedhanii akka amanan ibsan.

    Garuu waanti kun ammayyuu waanti beekame waan hin jirreef gaafii kaasera.

    Abukaatoon waraana duraanii Ameerikaa Raachel E Vaan Laandihaam ji’a lama boodallee ibsi qabatamaan tokko kennamu dhabuun ishee waan hin baratamne ta’uu ibsuun deebiin kennames iftoominaa fi itti gaafatamummaa akka hin qabne eeran.

    BBC'n waa'ee haleellaa kanaa fi himannaa iftoomina dhabuu qondaalota Peentaagoon gaafatee, deebii ''yeroo ammaa taatee kun qoratamaa jira'' jedhu qofa kennaniiru.

    Qondaalli kun itti dabaluudhaanis ibsi bal’aan akkuma qorannoon xumurameen kan ifoomu ta’uu eeran

  7. Ameerikatti fudhatamummaan Tiraamp haala ta'ee hin beeknen gadi bu'e - gabaasa

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp erga aangoo qabatanii as jaalatamummaa fi fudhatamni inni lammilee Ameerikaa biratti qabu sadarkaa gadi aanaan gadi bu'eera.

    Dhimmi kun qorannoo haaraa Rooyitars fi Ipsosiin gaggeeffameen kan ifoome yoo ta’u, gaazexaa Biriteen 'The Guardian' jedhamu irratti maxxanfame.

    Akka gabaasni kun kun jedhutti sababni guddaan Ameerikaanoonni Tiraamp jibbaa dhufaniif qaala’iinsa jireenyaa dabalaa jiru to’achuu dadhabuu isaatti gammachuu hin qabani.

    Akkasumas lammileen Ameerikaa waraana Ameerikaan Iraan waliin taasisifte kan hin deggerre yoo ta’u, kunis Ameerikaatti gatiin boba’aa akka ol ka’u sababa guddaa akka ta'etti yaadu.

    Qorannoo guyyoota afuriif gaggeeffame kanaan lammiileen Ameerikaa dhibbeentaa 34 qofatu hojiin Tiraampi hojjataa jiru gaarii ta’uu fi akka deeggaran kan dubbatan.

    Qorannoo kanaan dura baatii Ebla 15 hanga 20 gidduutti gaggeeffame irratti dhibbeentaa 36 ture.

    Tiraamp qaala'iinsa jireenyaa to'achuu irratti hojii hojjataniif harka dhibbarraa deeggarsa dhibbeentaa 22 qofa kan argatan yoo ta'u, qorannoo kanaan duraan dhibbeentaa 25 argatani ture.

    Filannoo walakkeessaa bara kana gaggeeffamu irrattis mo’amuu danda’u jechuun deeggartoota Rippabilikaanotaa birattis yaaddoon guddachaa jira.

    Tiraamp mataan isaa yoo Reppaablikootni laafan Demookiraatootni na buqqisuuf duubatti hin jedhan jechuun dubbateera.

    Kanaafis paartii isaanii Rippabilikaanotni filannoo walakkaa bara 2026 irratti baay'inaan injifachuua kka qaban akeekkachiisaniiru.

    Rippabilikaanonni dhibbeentaan 78 ammallee Tiraamp kan deeggaran ta’us, miseensonni Paartichaa dhibbeentaan 41 qaala’iinsa jireenyaa furuu irratti hanqinni akka jiru mufataniiru. Murtee waraana Iraan keessattis miseensotni Rippaablikaa hedduun gara Demokiraatotaa goruun Tiraampin mormaa turaniiru.

  8. Faransaay lammiileen ishee Maalii gadhiisanii akka bahan hubachiifte

    Faransaay lammiileen ishee saffisaan Maalii gadhiisanii akka bahan ajajje. Kun kan ta'e haleellaa riphee loltootaa fi gara finxaaleyyii Islaamaarraa sanbattan darbe raawwate booda.

    Roobii Faransaay lammiileen ishee gara biyya Afrikaa Lixaa tanas akka hin imalle hubachiifte. Haalli jiru " baay'ee jeeqamaa dha" jette.

    Sanbat-duraa darbe, dho'iinsi fi dhukaasi qawwee walirraa hin cinnee magaalaa guddoo biyyattii Baamaakoo dabalatee guutuu biyyattii keessatti itti fufee oole.

    Kaatii keessatti ministirri ittisaa Saadiyoo Kamaaraa dhukaasa of wareegdonni hidhattootaa kiyyeessaniin ajjeefamee ture. Kaabatti immoo, riphee loltoonni magaalaa Kidaal to'atanii turan.

    Hogganaan waraanaa Maalii Jeneraal Asiimii Gooyitaa nageenyi biyyattii bakkatti deebi'uu ibsan.

    Kibxata galgala Gooyitaan akka jedhetti waraanni "balaa jeequmsaa" hidhattootaan aggaamame kana to'achaa jiraachuu himan, oppireeshiniin gaggeeffamaa jiraachuu eere.

    Ministeerri dhimma alaa Faransaay, lammiileen Faransaay yeroof saffisaan biyyattii gadhiisanii akka bahan ajaje.

    Kanaafis balalliiwwan xiyyaaraa jiraachuu hubachiise. Kanneen garas imalanis akka hin deemne beeksise.

    Maaliin biyyoota Afrikaa lixaa kolonii Faransaay ta'an keessayi.

  9. Kiim Joong Uun loltoota Kooriyaa Kaabaa Yukireenin booji'amuurra jedhanii of-ajjeesan "gootota" jechuun jaje

    Gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun loltoota biyyattii Raashiyaa gargaaruuf waraana Yukireenirratti booji'amuurra jedhanii of ajjeesaniif "kabajatu malaaf" jechuun jaje.

    Kiim kana kan dubbate loltota biyyattii Raashiyaa gargaaruun waraana Yukireenirratti du'aniif siidaa hojjatame yeroo eebbisutti.

    Haasaa sirna eebba siidaa loltoota du'aniirratti taasise kanaan, loltoonni Kooriyaa Kaabaa harka kennachuurraa "[kabaja biyyasaaniif jecha] boombii ofirratti dhoosuun warri of ajjeesan isaan gootota" jechuun isaan jaje Kiim.

    Waraana Yukireen irratti Kooriyaan Kaabaa loltoota kumaan lakkaa'aman Raashiyaa akka gargaaraniif erguun waraanarratti hirmaataa turan.

    Kooriyaan Kibbaa akka beeksiftetti, Kooriyaan Kaabaa yoo xiqqaate loltoota 15,000 Raashiyaatti ergiteetti.

    Keessumaa lola daangaa Raashiyaa Kursk jedhamu deebisuuf godhame keessatti loltoonni Kooriyaa Kaabaa heddu kan hirmaatan yoo ta'u, isaan keessaa 6,000 kan ta'an ajjeefamaniiru.

    Lakkoofsa loltoota Kooriyaa Kaabaa du'anii kana Mooskoos ta'ee Piyoongyaang hin mirkaneessine.

    Ragaaleen tikaa akka agarsiisanitti, loltoonni Kooriyaa Kaabaa Yukireen keessatti booji'amuurra kan of ajjeesaniif "akka hin booji'amne" kan jedhu ajaja Piyoongiyaang irraa itti kennameeni.

  10. Qondaalonni waraanaa Iraan waraana kanatti fayyadamuun aangoo biyyattii dhuunfataa jiru- gabaasa

    USfi Israa'el wal-ta'anii erga waraana irratti bananii gaggeessaa olaanaa Ayatolaa Kameeniifi qondaalota kaan ajjeesanii ji'a lamaa as Iraan akka durii gaggeessaa olaanaa gubbaa hanga gadiitti ajaja tokkoon taliigu akka hin qabne ibsa gabaasi Rooyitars.

    Iraan erga bara 1979tti warraaqsaan mootummaa haaraa hundeessitee as aangoon ijoon biyyattii harka Ayaatolaa jira. Dhimmoota ijoo biyyattiirratti murtee dhumaa kan dabarsu Gaggeessaa Olaanadha.

    Haa ta'u garuu, guyyaa jalqabaa waraana kanaatti Ayaatolaa Alii Kameenii ajjeefamuufi Ayaatolaa haaraa kan ta'an ilmisaanii, Mojtaabaa Kameenii madaa'uu hordofee, qondaalonni waraanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa aangoo silaa Ayatolaan qaban dhuunfataa jiraachuutu ibsame.

    Mojtaabaa Kameenii Gaggeessaa Olaanaa biyyattii ta'anis, aangoon isaanii waan qondaalonni waraanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa dabarsan mirkaneessuu qofa ta'aa akka jiru keessa beektota sadi dubbiseera jechuun Rooyitars gabaase.

    Ajaja jeneraalonni waraanaa dabarsan mirkaneessun alatti ajaja ofiisaanii dabarsaa akka hin jire ibsa gabaasi kun.

    Sababa dhiibbaa yeroo waraanaa mudateen, jeneraalonni waraanaafi beektonni amantii muraasni ejjannoo leellistummaa qaban dandeettii murteessuu biyyattii qabatanii jiru.

    Qondaalota Iraan keessaa sadi dubbiseera jechuun Rooyitars akka gabaasetti, qondaalonni waraanaafi namoonni siyaasaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa, Waajjira Gaggeessaa Olaanaafi Eegdota Warraaqsa Islaamaa keessa jiran muraasni aangowwan akka tarsiimoo waraanaafi murtee siyaasaa dhuunfatanii jiru.

    Kuni ammoo namoota biyyattii bakka bu'uun marii irratti hirmaatanirratti dhiibbaa gochaa akka jiru qondaalli Paakistaan tokko itti himuu Rooyitars gabaasa isaa kana keessatti ibse.

    "Warri Iraan deebii kennaa jiran irratti baay'ee duubatti harkifataa jiru. Caasaa kenniinsa ajajaa keessatti namni ijoon murtoo dhumaa kennu hin jiru. Yeroo tokko tokko deebii kennuuf guyyaa 2 hanga 3 isaanitti fudhata," jedhan qondaalli mootummaa Paakistaan marii USfi Iraan gaggeessan keessa beekan.

  11. Biyyoonni Galoo Galaanaa Iraaniif deebii kennuuf Saa'uditti mari’achuufi

    Hoggantoonni Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa (GCC) erga waraanni Iraan fi Ameerikaa jalqabee yeroo jalqabaaf Sa’udii Arabiyaatti walga’uuf akka jiran Rooyitars gabaaseera.

    Walgahiin hoggantootaa kun haleellaa misaa’elaa fi diroonii Iraan kumaatamaan lakkaa’aman waraana baatii lamaaf gaggeefame keessatti akkataa deebii itti kennan qopheessuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu dhaabbati oduu kun maddeen wabeeffachuun gabaaseera.

    Ameerikaa fi Israa’el waliin waraana keessa kan turte Iraan biyyoota miseensa Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa ta'an keessumaa kanneen buufataleen waraanaa Ameerikaa keessatti argaman akkasumas bu’uuraalee oomisha bob'aa isaanii irratti haleellaa raawwatteetti.

    Akka gabaasni kun jedhutti Iraan dhaabbilee Ameerikaa waliin hidhata qaban qofaa utuu hin taane bu’uuraalee misoomaa siiviilii biroo, akkasumas dhaabbilee waraanaa irrattis haleellaa raawwatterti.

    Hoggantoonni Qaxar, Kuweet fi Baahireen, akkasumas ministirri dhimma alaa UAE walgahii kana irratti hirmaachuuf Jiddah seenuu isaanii gabaasni miidiyaa mootummaa Sa’uud Arabiyaa Rooyitars wabeeffate ni mul’isa.

    Miseensa mana marichaa kan taate Omaan ni hirmaatti moo hin hirmaattu kan jedhu hanga ammaatti hin baramne.

  12. Yukireen Israa'el irratti himannaa cimaa dhiheessite

    Yukireen midhaan hannaa gara Israa'elitti fe'amaa akka jiru bira geenyerra jette.

    Oomisha midhaanii lafa Yukireen Raashiyaan weerarte irraa walitti qabametu dhoksaan Israa'eliif dhiyaate jette.

    Himannaa dhiyaate kana hordofuun waldhabdeen dippilomaasii biyyoota lamaan gidduutti mudateera.

    Pirezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelenskii akka jedhanitti,ammallee ''doonii biraa'' midhaan ''Raashiyaan hatame'' fe'attee deemtu buufata doonii Israa'el seentee fe'umsa ishee buusuuf qophaa'aa jirti jedhan.

    Zelenskiin akka jedhanitti, aanga'oonni Israa'el fe'umsi akkamii buufata doonii isaanii akka gahe'' hin beekan jechuun hin danda'amu, midhaan hannaa ta'uu utuu beekanuu dhorkuu dhabuun'' hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru kan miidhu ta'uu dubbataniiru.

    Kanaan dura Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Gideyon Saar Yukireen himannaa akkanaa ifatti dhiheessuu isheef qeeqaniiru. Himannaan kun ''ragaan kan hin deeggaramnedha'' ta'uus dhimmichi akka qoratamu dubbataniiru.

    Dubbi himaan Kiremlin Dimitiri Peeskov gaazexeessitootatti akka himanitti ''dhimma kana irratti tasumaa deebii kennuu filannaa '' jedhan.

    Raashiyaan midhaan Yukireen hataa jirti jechuun himannaa dhiyaate haalaa turte.

    Gaazexaan Israa’el tokko dooniiwwan afur midhaan lafa Yukireen Raashiyaan qabame irraa fe’aman bara kana qofa Israa’eliin qaqqabuu erga gabaasee booda waldhabdeen Yukireen fi Israa’el gidduutti uumame akka malee cimaa jira

  13. UAE'n garee biyyoota boba'aa oomishaniifi gurguranii OPEC keessaa bahuufi

    Yunaayitid Arab Emireetsi (UAE) waggaa 60 booda garee biyyoota boba'aa oomishanii fi gurguranii [OPEC fi OPEC+] keessaa bahuufi.

    UAE akka jettetti murtoon kun "tarsiimoo yeroo dheeraa fi mul'ata diinagdee fi jijjiirama haala inarjii" hordofee murteessite dha.

    Murtoon kun damee inarjii keessatti isa ulfaataa ta'uu xiinxalaan tokko "jalqabbii xumura OPEC" jechuun ibseera.

    Ministirri Inarjii biyya Galoo galaanaa tanaa, garee kana keessaa bahuu akka bilisummaa guutuutti ibsan. Marii fi waliigalteewwan gareetiin utuu hin hidhamin, tarkaanfii mataa ishee addatti fudhachuu akka dandeessu ibsuu isaaniti.

    UAE'n bara 1967 miseensa OPEC taate. Isheen keessaa bahuun biyyoota miseensa garichaa 11tti gadi buusa. Biyyoonni biroo kan miseensa hin taane [non-opec members] 10 ta'u. Isaan waliin gareen kun opec+ jedhama.

    Qorataan inarjii MST Financial Saa'ol Kaavonich, tarkaanfii kana ''jalqabbii dhuma OPEC'' jedheen.

    "UAE'n garee kana keessaa bahuu isheetiin, dandeettii OPEC 15%'n hir'isa,miseensa ijoo garee kanaa turte.''

    Ragaaleen yeroo dhiyoo akka mul'isanitti, UAE'n waggaatti barmeelii miliyoona 2.9 oomisha. Saa'udi Arabiyaan akka OPEC dursituutti (de facto leader of Opec) hubatama. Saa'udiin waggaatti boba'aa barmeelii miliyoona 9 oomishti.

    Saa'udin kana booda gaafatamummaa garee kana waliin tursiisuu fi dirqama gabaa boba'aa bulchuu qabdi'' jedha Kaavonik. Miseensonni kuun faana ishee hordofu.

    ''Dhimmi kun haala ji'oopolitikaa Baha Jiddu-galeessaa fi gabaa boba'aarratti dhiibbaa qaba,'' jedha.

    Opec bara 1960 biyyoota shaniin hundaaye: Iraan, Iraaq, Kuweet, Sa'udi Arabiyaa fi Venzu'eelaa dha. Kaayyoon garee kanaa gabaa boba'aa qindeessuu fi galii amansiisaa miseensotaa mirkaneessuu dha.

    Baay'inni miseensota OPEC yeroo yeroon jijijjiiramaa dhufe. hundeessitoota malees, biyyoonni kaan Aljeeriyaa, Ikuwwatooriyaal Giinii, Gaabon, Liibiyaa, Naayijeeriyaa fi DRC'n miseensota ta'aniiru.

  14. Tiraamp Iraan ulaan Hormuz dafee akka banamu nu gaafattee jedhu

    Doonaald Tiraamp akka jedhanitti Iraan biyyattiin “kufaatii hamaa” keessa jirti jechuun Ameerikaatti himteetti jedhan.

    Kanaaf hanga danda'ametti Ameerikaan ulaa Hormuz daftee akka bantu gaafachuu ishee dubbatu.

    Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa isaanii 'Truth' irratti akka qoodaniitti Iraan hanga danda'ametti Ameerikaan ulaa Hormuz daftee akka bantu gaafachuu ibsan.

    Dubbiin kun dhugaa ta'uu fi dhiisuu garuu Iraan hin mirkaneessine.

    Gabaasni The New York Times irraa ba’e akka jedhutti, Tiraamp karoora Iraan waraana kana xumuruuf dhiyeessitetti hin gammanne.

    Karoorri kunnen, US buufata doonii Iraan ugguruu dhaabuu akka qabdu,dhukaasa dhaabuun yeroo dheeraaf akka itti fufu fi mariin niwukilaraa erga uggurri galaanaa kaafame booda eegaluu akka qabu fa'i.

  15. Meeksikootti dursaan garee qoricha sammuu hadoochu daddabarsanii bo'oo lolaa keessaa qabame

    Humni nageenyaa Meeksikoo hogganaa olaanaa fi ijoo garee qoricha sammuu hadoochuu Jalisco New Generation Cartel (CJNG) jedhamuu to'achuu beeksise.

    Namni kun maqaa Audias Flores Silva, akkasumas "El Jardinero" yookin "The Gardener", jedhamuun beekama.

    Hogganaan garee wanbadee kanaa Wixata kutaa bulchiinsa Naayariit keessatti miseensonni humna nageenyaa itti marsanii bo'oo lolaa keessa dhokatee argame.

    Namni ganna 45, Filoores, harka mirgaa nama baay'ee barbaadamaa turee, Nemesio "El Mencho" Oseguera, ture jedhu aangawoonni.

    El-Manchoon ji'a lama dura dhukaasa loltootni isa adamsuuf bobbaafaman dhukaasaniin madaa'ee du'e.

    Filoores, garee CJNG keessatti nama beekamaa fi Eel-Manchoon akka daldala qoricha sammuu namaa hadoochuu kanaan dursaa ta'u kan haala mijeessefi.

    Hogganaan nageenyaa Meeksikoo Omar Gaarshiyaa Harfuuch qabamuu Filooreez miidiyaa hawaasaa ofiirratti ibsanii, humna galaanaa Meeksikoo gootummaa, naamusaa fi kutannoo oppireeshinii kana keessatti mul'iseef jajan.

    Viidiyoon humni galaanarraa Meeksikoo baase Helikoptaroonni bo'oo lolaa simintoo inni keessa dhokate yoo marsan mul'isa, Filoorez dhokatee miilli isaa alaa mul'ata ture.

    Akka waahila isaa El-Manchoo, humnoota nageenyaa waliin dhukaasa banee osoo hin lolle to'atame.

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, nama bakka Filooreez jiru eereef dolaara miliyoona shan badhaasuuf waadaa galee ture.

    Meeksikootti ambaasaaddarri US qabamuu hogganaa maafiyaa kanaa ''tarkaanfii murteessaa'' jechuun ibsan.

  16. Dhukaasa dhaabuu booda haala Tehran itti jirtu

    Erga dhukaasa dhaabuun Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru itti fufee halli jiruuf jireenya jirattootaa guyyaa guyyatti fooyya'aa jira.

    Haa ta'uu malee ammallee jireenya idilee kan guyyoota waraana dura ture irraa fagoodha.

    Manneen daldalaa hedduun ammallee cufamanii jiru. Sababa maamiltootni akka duratti hin jirreefis gabaa fi daldallii akka dura turetti hin deebine.

    Lammiileen Iraan qaala'iinsa jireenyaa dabalaa jiraacjhuu dubbatu.

    Suuraalee armaan gadiin haala Tehran amma keessa jirtu ilaalaa.

  17. UN ulaan Hormuz akka banamu irra deebiin gaafate

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii rakkoo ulaa Hormuz keessatti mudate furuuf maal gochuu akka danda'an irratti walii galuu hin dandeenye .

    Manni Marichaa walgahii hatattamaa gaggeessuus, biyyoonni karoora haala kana sirreessuuf qophaa’e irratti walii galuu hin dandeenye. Sababa kanaanis tarkaanfiin fudhatame hin jiru jedhame.

    Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guterees biyyoonni waldhabdee kana keessatti hirmaatan hundi dooniiwwan ammayyuu ulaa Hormuz keessatti danqamanii jiran akka gadi dhiisanii fi ulaa kanas banan waamicha taasisan.

    Gutaareez diinagdeen addunyaa akka dandamatu daldalli akka deebi'ee jalqabuuf ulaa kana irratti kaffaltii fi loogiin jiraachuu hin qabu jedhan.

    Yeroo ammaa dooniiwwan fe’umsaa kumaatamaan lakkaa’amaniifi namoonni doonii galaanarra hojjatan hedduun galaana keessatti ugguramanii jiru. Rakkoon kun addunyaa guutuutti gatiin boba’aa akka ol ka’u kan taasisu yoo ta’u, biyyoota hiyyeeyyii waan heddu alaa galchaniif ammoo yaaddoo jiraachuu guddaa uumaara.

    Gutaarez biyyoonni seera addunyaa kabajuu fi humna galaanaa irratti fayyadamuu irraa of qusachuu qabu jedhan.

    Galaanni bakka tasgabbii, marii fi tumsaa malee bakka waldhabdee ta’uu hin qabu jechuunis dhaamaniiru.

  18. Daandiin Qilleensaa Jaappaan buufata xiyyaaraa keessaa roobootii hojjachiisufi

    Daandiin Qilleensaa Jaappaan baatii Caamsaa dhufu irraa kaasee roobootiiwwan nama fakkaatan (Humanoid robots) hojii lafarraa buufata xiyyaaraa Tookiyoo Haanedaa keessatti hojjechiisuufi.

    Daandiin qilleensaa kun kana kan yaadeef 'dhiibbaa hojii hojjettoota irraa salphisuuf' ta'uu hime.

    Jalqabbiidhaaf Roobootiiwwan Chaayinaan oomishte fe'iisa xiyyaararratti fe'uu fi buusuuf kan bobbaafaman ta'uu beeksise. Daandiin Qilleensaa Jaappaan JAL fi kaampaaniin GMO AI & Robotics waliin akka dalagan agarsiisa Wiixata miidiyaaf qopheessanirratti himan..

    Indaastiriin aviyeeshinii Jaappaan sababoota yaa'insi tuuristootaa gara biyyattii dabalee fi umrin namootaa dabalaa deemeef qormaanni humna namaa isa qunnamaa jira. Buufata xiyyaaraa kanatti namootni hojii lafarraa hojjetan 4,000tu qacaramee jira.

    Hojii buufata xiyyaaraa qulqulleessuu fi tumsa hojiiwwan lafarraa kaan hojjechuuf roobootiiwwan dhimma bahuuf akka jiru beeksise JAL.

    Kana durallee buufataalee xiyyaaraa Jaappaan kan biroo keessatti roobootiiwwan nageenya to'achuuf fi gurgurtaaf hojiirraa oolaa turan.

    Ji'oota lamaan jalqabaa bara kanaatti qofa tuuristoota miliyoona torbatu Jaappaanitti imale jedha ragaan JTB Group.

    Roobootiiwwan dhimma bahuun ''hojiiwwan humnaa keessatti hojjettoota gargaaruuf faayidaa akka qabu'' Pirezdantiin tajaajila lafarraa Daandii Qilleensaa Jaappaan Yoshiteru Skuzu madda oduu Kyodo news agency'tti himan.

  19. Kooriyaan Kaabaa waggaa 13 keessatti namoota 358 irratti adabbii du'aa raawwatte

    Kooriyaa Kaabaatti adabbii du'aa raawwachuun yeroo weerara Covid-19 akkaan dabalee akka ture dhaabbata miti-mootummaa magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa, Sewul jiru ibse.

    2020 hanga 2024 yoo xiqqaate namoonni 153 ajjeefamaniiru ykn duuti itti murtaa'eera jedha gabaasi jaarmiyaa Transitional Justice Working Group (TJWG) jedhamuu.

    Kun waggoota shan weerara dura turaniin yoo walbira qabamu 44n caaluu agarsiisa.

    Kanneen adabbii kanaaf saaxilaman hedduun sababa amantii, dhugeeffannaa saayinsiin hin mirkanoofnee fi qabiyyeewwan alaa fayyadamuun walqabatu.

    Diraamaawwan Kooriyaa Kibbaa (K-dramas) fi walleewwan Kooriyaa Kibbaa (K-pop) kanneen adabbii du'aaf sababa ta'an keessaati.

    Jaarmiyaan kun akka gabaasetti adabbiin du'aa fi ajjeechaan bara aangoo Kim gara jalqabaarraa ka'ee hammaachuu eegale.

    Bara 2013 namoota 80 caalantu ajjeefaman.

    Bara 2020 namoota 54, bara itti aanu namoota 45 ta'antu ajjeefaman.

    Waliigalatti bara 2011 hanga 2024 gidduutti namoota 358 irratti adabbiin du'aa raawwachuu gabaase TJWG.

    Ajjeechaawwan kunneen keessaa dhibbeentaa 70 kan caalu hawaasa fuulduratti raawwatame.

    Hedduun rasaasaan rukutamuun ajjeefaman. Bara bulchiinsa Kim kana keessa iddoowwan ajjeechaawwan haala kanaan itti raawwataman 46tu jiru.

  20. ''Akkatti Ameerikaa injifatan biyyoota kaaniif muuxannoo qooduu barbaanna''- Iraan

    Ministira ittisaa itti aanaa Iraan kan ta'an Reezaa Taalaaye-Nik biyyisaanii akkaataa Ameerikaa injifachuun danda'amurratti biyyoota walaba ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii akka qabdu dubbatan.

    Miidiyaan mootummaa Iraan yaada qondaala kanaa wabeeffachuun akka gabaasetti ''Iraan biyyoota miseensa jaarmiyaa Shanghai Cooperation Organisation (SCO) jedhamuu ta'aniif muuxannoo qooduuf fedhii fi qophii guutuu qabdi.''

    Iraan waraana xumura ji'a Guraandhalaa irraa hanga jalqaba ji'a Eblaatti gaggeessiteen dirooniiwwan fi misaa'eloota ishee hedduu gara biyyoota ollaa fi Israa'elitti dhukaasteetti.

    Diroonii ishee fayyadamuun xiyyaarota waraanaa daangaashee seenan rukuttee buusteetti.

    Kun ofitti amanamummaa humna waraanaa Iraaniif dabaleera.

    ''Akkaataa itti Ameerikaa injifachuun danda'amu biyyoota walabaaf ibsuu barbaanna. Kanaaf qophii guutuu qabna,'' jedhan Aab Taalaaye-Nik kora ministiroota ittisaa SCO magaalaa Kirigistaan keessatti qophaa'erratti.

    Tibba kana aanga'oonni Iraan ministiroota ittisaa Raashiyaa fi Beelaaruus waliin dubbataniiru.

    Raashiyaa fi Beelaaruus gamasaaniin hariiroo Iraan waliin akka cimsan ibsaniiru.

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyoota 40f erga gaggeeffamee booda jalqaba ji'a kanaa dhukaasi dhaabbateera, garuu mariin dippiloomaasii adda citeera.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan: