Yunaayitid Arab Emireetsi (UAE) waggaa 60 booda garee biyyoota boba'aa oomishanii fi gurguranii [OPEC fi OPEC+] keessaa bahuufi.
UAE akka jettetti murtoon kun "tarsiimoo yeroo dheeraa fi mul'ata diinagdee fi jijjiirama haala inarjii" hordofee murteessite dha.
Murtoon kun damee inarjii keessatti isa ulfaataa ta'uu xiinxalaan tokko "jalqabbii xumura OPEC" jechuun ibseera.
Ministirri Inarjii biyya Galoo galaanaa tanaa, garee kana keessaa bahuu akka bilisummaa guutuutti ibsan. Marii fi waliigalteewwan gareetiin utuu hin hidhamin, tarkaanfii mataa ishee addatti fudhachuu akka dandeessu ibsuu isaaniti.
UAE'n bara 1967 miseensa OPEC taate. Isheen keessaa bahuun biyyoota miseensa garichaa 11tti gadi buusa. Biyyoonni biroo kan miseensa hin taane [non-opec members] 10 ta'u. Isaan waliin gareen kun opec+ jedhama.
Qorataan inarjii MST Financial Saa'ol Kaavonich, tarkaanfii kana ''jalqabbii dhuma OPEC'' jedheen.
"UAE'n garee kana keessaa bahuu isheetiin, dandeettii OPEC 15%'n hir'isa,miseensa ijoo garee kanaa turte.''
Ragaaleen yeroo dhiyoo akka mul'isanitti, UAE'n waggaatti barmeelii miliyoona 2.9 oomisha. Saa'udi Arabiyaan akka OPEC dursituutti (de facto leader of Opec) hubatama. Saa'udiin waggaatti boba'aa barmeelii miliyoona 9 oomishti.
Saa'udin kana booda gaafatamummaa garee kana waliin tursiisuu fi dirqama gabaa boba'aa bulchuu qabdi'' jedha Kaavonik. Miseensonni kuun faana ishee hordofu.
''Dhimmi kun haala ji'oopolitikaa Baha Jiddu-galeessaa fi gabaa boba'aarratti dhiibbaa qaba,'' jedha.
Opec bara 1960 biyyoota shaniin hundaaye: Iraan, Iraaq, Kuweet, Sa'udi Arabiyaa fi Venzu'eelaa dha. Kaayyoon garee kanaa gabaa boba'aa qindeessuu fi galii amansiisaa miseensotaa mirkaneessuu dha.
Baay'inni miseensota OPEC yeroo yeroon jijijjiiramaa dhufe. hundeessitoota malees, biyyoonni kaan Aljeeriyaa, Ikuwwatooriyaal Giinii, Gaabon, Liibiyaa, Naayijeeriyaa fi DRC'n miseensota ta'aniiru.