Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaan Tigist fi Yoomiif injifannoof gahan, Gammadoo Daddafoo eenyu?
Leenjisaa Gammadoo Daddafoo gammachuu guddaa keessa jiru. Sababnimmoo ifa jira, dhimma addunyaan irraa haasa'aa jirudha.
Atileetonni isaan leenjisan lamaan Maaraatoonii Landan irratti mirgaan galuu qofa osoo hin taane riikardii cabsaniiru.
Atileetota isaan leenjisan keessaa tokko Tigist Asaffaa maaraatooniin riikardii addunyaa atileetota dubartootaaf qofa qabame irra deebiin cabsuun seenaa galmeessiteetti.
Tigist Maaraatoonii Landan barana si'a lammataaf mo'atte. Fageenyicha 2:15.41'n xumuruun rikardii waggaa dura itti seentees deebistee foyyeessiteetti.
Tigist fiiguu hindandeessu osoo jedhamtuuti Rikardii Addunyaa kan cabsuu eegalte.
Gama kaaniin, Maaraatoonii Landan kanarratti atileet Yoomiif Qajeelchaa yeroo jalqabaaf maaraatoonii fiigee seenaa addaa galmesseera.
Atileetii Keeniyaa Sebaastiyaan Saaweetti aanuun atileetii lammataa maaraatoonii sa'aatii 2:00 gadi xumure ta'e.
Yeroon Yoomiif itti xumure, 1:59:40 Itoophiyaafis fageenyichaan riikardii biyyaalessaati.
Sababa atileetota kanaan waa'een leenjisaa isaanii Gammadoo Daddafoo ka'aa jira. Leenjisaan kuni eenyudha? Dur fiiganii beekuu?
Seenaa isaanii iyyaafanneerra.
'Barsiisaan ture'
Atileetota Itoophiyaa keessumaa maaraatooniidhaan booda kana mirga argataa, maqaa horataa jiran duuba leenjisoota muraasa maqaan isaanii dhahamu keessaa ijoodha.
Waltajjiiwwan idil-addunyaarratti atileetonni isaan leenjisan rikordii cabsaa, alaabaa biyyaas mirmirsaa ummata jaalala atileetiksii qabuu dheebuu baasaa jiru.
Bara fageenya 5000m fi 10,000m'n warqiin irra deddeebiin dhibe atileetonni isaan leenjisan atileetota Keeniyaa mufachiisaa warqii kudhaammataa jiru.
Atileetonni isaan leenjisan maaraatonii bebbeekamoofi shaampiyoonaa addunyaarra injifachuurra darbanii barana Olompikiirratti injifataniiru.
Leenjisaan kuni Gammadoo Daddafoodha. Hiree jireenyaatu leenjisummaatti isaan fide malee hojiin isaan jaalatan kan biraa ture.
Leenjisaan dhiibamaa jira, gatii dadhabbii isaa argataa hin jiru jechuun hanga pirezidantii Itoophiyaa harkaa badhaasa diduutti gahaniiru.
Akka seenaa isaanii BBC'tti himanitti, isaan atileetii hin turre.
Gammadoon akka namoota kaanii Tv gubbaa daawwachuu yoo ta'e malee dorgomaa ta'anii hin beekan yookiin fiiganii keessa hin dabarre.
''Ani atileetii hin turre. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessatti ispoortiifi baayolojii, kemistirii fa'i barsiisaan ture. Naannoo Holataan ture.''
''Akka carraa ta'ee haati warraa kiyya ni fiigdi turte. Leeyilaa Amaan jedhamti. Ilmi adaadaa kiyya Haji Adiloos atileetota maneeji gochuu keessatti hojjeta ture.
''Ani atileetii maaneji gochuurraan eegale,'' jedhan akkaataa atileetiksii seenan yoo BBC'tti dubbatan.
Eegasii booda garuu barumsas baratan, of guddisanis.
''Barnoota saayinsii ispoortii hanga digiriitti baradheera. Maastarsii isaas eegalee hanqina yerootu na qabe.''
''Atileetota baay'ee maaraatooniidhaan, 5000m, fi 10,000m dorgoman waggaa dheeraaf maanej gochaan dabarse,'' jedhan.
Erga atileetiksii keessa seenanii umrii dargaggeessa tokko, waggaa 18, darbeera.
Barsiisummaa baay'ee jaalatanis, atileetiksiin garuu isaan haambifate.
'Atileetota baay'ee horeera'
Leenjisaan kuni yeroo ammaa sadarkaa addunyaatti atileetota 'naaf milkaa'an' jedhan danuu qabu.
Milkaa'inni isaanii waggoota kudhan dura eegale. Booda kanammoo tekinolojiin, keessumaa kopheen, itti dabaalamee milkii isaanii guddiseera.
Amaanee Bariisoon fakkeenyaaf Shaampiyoonaa Addunyaa Budaapestitti warqii injifatte.
Tigist Asaffaa immoo osoo lammata hin fiigdu jedhamtuu leenjii isaanii jalatti ittuu riikardii addunyaa cabsite.
Isaan alatti atileetiin naaf milkaa'e jettan eenyudha?
''Taammiraat Tolaa, Sisaay Lammaa, Yoomif Qajeelchaa, atileetii baay'eedha.''
Taammiraat immoo Shaampiyoonaa Addunyaa Yuujinitti riikardii shaampiyoonichaa cabsuun mo'ate.
Taammiraat Olompikii Paarisitti rikardii Olompikiis cabsee shaampiyoonaa Olompikii ta'eera.
''Akka maanajaraatittis, akka leenjisaattis nan hojjedha. Manajimantii keenya keessa atileetota baay'etu jira. Xilaahunis,'' jechuun dubbatu.
Kanaan ala Maaraatoonii Duubay si'a lama kan injifate Lammii Birhaanu, kana dura maaraatoonii Vaalensiyaafi Boostan kan injifate Sisaay Lammaas isaan jalatti leenji'a.
Sisaay yeroon itti Vaalensiyaatti injifate, 2:01:48, atileetii yeroo saffisaa addunyaa isa 4ffaa galmeesse taasiseera.
Atileet Guyyee Adoolaa, Hirphaasaa Nagaasaa, Taaddasa Takkala fi kaanis jiru.
''Kana durammoo Tirfii Tsaggaaye, Assalafach Margaa addunyaarratti baay'ee beekaman ana jalatti leenji'aa turan.
''Atileetota baay'ee horeera jedhee osoon dubbachuu baadhes yaalera jechuu nan danda'a,'' jechuun deebisan.
Assalafach waggoota kudhan dura irra deddeebiin maaraatoonii Dubaay mo'achuun beekamti.
Icciitiin kanaa maali? ''Hojii keetiif iddoo kennuudha,'' jedhu. ''Leenjii cimaa hojjenna.''
Olompikii Paaris irratti atileetonni isaan leenjisan, Taammiraatiifi Tigist warqiifi meetii injifataniiru.
Kunis, medaaliyaa Itoophiyaan argatte afur keessaa walakkaa jechuudha.
'Gammadeera'
Maaraatoonii Landan irratti atileetonni isaan leenjisan milkaa'un immoo maqaa guddaa horeeraaf.
Kana dura deeggarsa isaaniin sadarkaa kana gahuu kan dubbatte Atileet Tigist dorgommii Maaraatoonii Landan booda BBC'tti akkana jettee dubbatte.
''Yeroo shaakalaa rikoordii addunyaa yaadaa leenjisaakoo waliin hojjechaa ture. Riikardii addunyaa keessaa akka hin baaneef sa'aatii ilaallachaa fiigaa ture.
''Dhumarratti argachuukoonis baay'ee gammadeera. Landanitti haalli qilleensaa gaarii taanaan saffisaan fiiguun ni danda'ama.
''Yoomiif fa'alle akka danda'amu nutti agarsiisaniiru. Kopheen itti fiignees gaarii ture. Miilarratti salphata.
''Miilli keenya ol ka'ee gaafa lafa ejjetu mijuu qaba ture. Anaan natti toleera,'' jechuun BBC'tti himte.
Leenjisaa Gammadoo Daddafoonis injifannoo argameen gammachuu isaanii ibsaniiru.
''Dorgommiin baay'ee gaarii ture. Qilleensiis baay'ee gaarii ture.
''Ispiidiin [saffisa] isaa baay'ee guddaadha. Kanaaf hojiilee haala gaariidhaan haala cimaa ta'en qophaa'aa turani. Kanaafuu, qabxii gaarii fiduu danda'aniiru jedha.
''Qilleensi Landan kan duriiraa wayya ture.
''Qabxiin baay'ee shaggaadha. Of fuulduraaf kana caalaa hojjennee wanta gaarii kana galmeessuudhaaf hin yaalla,'' jedhan.
Leenjisaan kunis ta'e Tigist wanti yaadan tokko ammas jira. Kunis, dubartoonni maaraatoonii sa'aatii 2:10 gadi akka xumuran gochuudha.
''Kana duras baay'ee waan hin mijanneef, dubartootarratti dhiibbaan waan jiruuf malee haalli yoo mijateef dubartoonni cimoodha, cichoomina qabu.''
Ga'umsi dubartoonni maaraatoonii 2:10 gadi xumuruu ''olaanaadha'' jechuun himu.
Yoo milkeessan raajii guddaatu ta'uf deema.
Dubbii ijoo dubbii isaan taasise
Leenjisaa Gammadoon booda kana keessumaa leenjistonni 'dhiibamaa jiru' jechuun falmaa jiru.
Olompikii Paarisiitii akkuma deebi'aniin wantoota ijoo dubbii isaan taasises tokko kanadha.
''Amma ijoollee baay'eetu bade. Baruma kana keessa. Awustiraaliyaatti qofa leenjisaa shanitu bade. Kuni hundi kan dhalate dhiibbaa kanarraati.''
''Gatiin leenjistootaaf kennamu xiqqaachuu,'' jechuun BBC'tti himan.
Olompikii Paarisitti warqii kan mo'ate birrii miiliyoona torbaafi warqiin nishaanii badhaafameera.
Isaaniif birriin miiliyoona lama kennamuus ''dhamaatii keenya hin madaalu'' jechuun Pirezidant Saahilawarq Zawudee harkaa fudhachuu didan.
''Anaaf miiliyoonni lama hamma arrabsoo waan ta'ef yoo isin mufachiisuu baadhe badhaasakoo kana deebisuu nan barbaada,'' jechuun deebisan.
Rakkoon kuni hidda jabeeffachuufi waltajjii Masaraaa Biyyaalessaatti qophaa'erratti dubbachuuf isaan dirqes akka ta'e himan.
''Garuu nuti yeroo baay'ee [iyyannee] iddoo waan dhabneef har'a haala kanaan dubbachuu dandeenye.''
Sababa kanaan birrii caalsifachuun kanneen isaan qeeqan jiru.
Isaan garuu ''takkaahuu biyyakoorraa maallaqa dursee hin beeku,'' jechuun miidiyaa biyyaalessaatti dubbatan.
''Biyyi koo sakandii tokkoof miindaa naa kaffaltee hin beektu'' jechuunis dubbii masaraa biyyaalessaatti taasisaniin gaabbuun dhiifama gaafataniiru.