Ogeessonni UN, Ameerikaan Iraan keessatti yakka waraanaa raawwatte jedhe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ogeeyyiin mirga namoomaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN), haleellaa Ameerikaan Iraan keessatti marsaa lamaan keessatti yoo xiqqaate namoonni nagaa 177 ajjeefaman irratti biyyattiin yakka waraanaa raawwachuu ishee kan agarsiisu ragaan gahaan jira jedhan.

Gabaasni haaraan Garee Walabaa Idil-addunyaa Iraan keessatti Dhugaa Barbaaduu [Independent International Fact-Finding Mission on Iran] haleellaa misaa'eelaa ji'a Guraandhala keessa mana barumsaa Minab fi gidduugala ispoortii Lamerd keessatti raawwatameen namoota nagaa hedduun du'anii miidhaa bu'uuraalee misoomaa guddaas geessiseera jedhe.

Kanaan dura mootummaan Ameerikaa mana barumsaa Lamerd irratti haleellaa raawwachuu isaa haalee ture.

Booda ammoo haleellaa Minab keessatti mudate kana qorachaa jiraachaa jirra jechuun ibse.

Qondaalli Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa tokko immoo argannoo gabaasa kana keessatti dhiyaate amanamummaa hin qabu jedhe.

Ogeeyyiin kunneen mootummaan Iraanis mormiiwwan uummanni mootummaa irratti gaggeesse irratti ji'a Amajjii keessa mootummaan Iraan tarkaanfii fudhateen yakka namoomaa raawwateera jedhe.

Kutaalee bulchiinsa 31 hunda keessatti ajjeechaan namoota nagaa ''haala hin eegamnee fi lakkoofsaan hedduu taheen raawwate'' jedhan.

Iraanis argannoo qorannichaa irratti haga ammaa deebii hin kennine.

Kana dura garuu sarbama mirga namoomaa karaa dhoksaa taheen raawwachuu mootummaan Iraan haaleera.

"Namoonni nagaa Iraan sarbama mirga namoomaa hamaa mootummaa isaaniin isaan irratti raawwatuufi waraana Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessan gidduutti miidhamaa jiru.''

Akka gabaasa kaawonsilii Mirga Namoomaa UNtti, ogeessonni ergamichaa sadii haleellaa hamaa dhaqabe lama irratti qorannoo gaggeessan.

Guraandhala 28 bara 2026 Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti waraana banan.

Misaa'eloonni Tomahawak mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Shaajaree Tayebii haleele. Yoo xiqqaate ijoollee 120 dabalatee waliigalaan namoota 156 ajjeese.

Gareen Ergama Dhugaa Barbaaduu walaba tahuun akka qorataniif bobbaafaman manni barumsichaa Waajjira Humna Galaanarraa Eegumsa Warraaqsa Iraan IRGC cinatti argama.

Garuu manni barumsaa sun ifatti kan adda baheefi humna waraanaan fayyadamuu waan agarsiisu homtuu irra hin jiru.

Ogeessonni kunneen akka ragaa walitti qabanitti, haleellicha kan raawwate Ameerikaadha. Misaa'ela Tomahawk kan qabus Ameerikaa qofaadha. Kanaaf haleellaa mana barumsaa irratti kan raawwate Ameerikaa tahuuf ragaaleen agarsiisu jedhan.

Akkasumas manni barumsichaa haleellaa waajjira IRGC irratti raawwateen waan isa cinatti argamuuf miidhamuu waan akeeku hin jiru. Miidhaan irra gahe kallattiin manni barumsichaa haleelamuu isaati jedhan.

Waraanni Ameerikaa qorannoo gaggeessaa jira jedhe ammayyuu argannoo isaa hin ifoomsine.

Ministirri Ittisaa biyyattii Pete Heegiz garuu namoota nagaa irratti haleellaa hin raawwannu jedhe.

Dabalataan haleellaa Guraandhala 28 magaalaa Lamered keessatti Ameerikaan raawwatte namoota nagaa 21 galaafate. isaan keessaa torba ijoolleedha akka qondaalonni naannichaa jedhanitti.

Haleellaan misaa'elaa kun gidduugala ispoortii irratti raawwate. Mallattoo homaatuu gidduugalichi humna waraanaan fayyadamaa jiraachuu hin agarsiisu jedhe gareen UN qorannoo gaggeessaa ture.

Misaa'eloota prSM jedhaman kan qabus Ameerikaa qofadha. Kanaaf ragaaleen Ameerikaan yakka namoomaa hamaa raawwachuu agarsiisan gahaan jira jedhan ogeessonni walaba tahuun qorannicha irratti hirmaatan.

Akkasumas yeroo fincila mootummaa irratti gaggeeffame keessa Mudde 2025 haga Amajji 2026 mootummaan tarkaanfii hamaa fudhachuu adda baasan.

Humna fayyadamuun namoota nagaa hedduu irratti ajjeechaa mootummaan raawwachuu isaa ragaa gahaa qabna jedhe gareen kun.

Qaamoleen nageenyaa gamoowwan irra taa'uun namoota mormii bahan irratti dhukaasaa turan jedhe.

Buufata fayyaa irratti haleellaa raawwachuun namoota mormiif bahanii madaa'anii fi hojjettoota buufata fayyaa to'annoo jala oolchaniiru jedhe.

Namoonni kumaatama hidhamanii haala suukaneessaan dararamaniiru, kaan tajaajila seeraa hin arganne, kaan ammoo qofaatti hidhamanii ture jedhe.

Mootummaan Iraan namoota 29 fincilicha keessaa harka qabu jedhe irratti murtoo du'aa dabarsuun ajjeeseera.

Mirga Namoomaaf kan falmu 'Human Rights Activists News Agency' jedhamu finciltoonni 7,000 ajjeefamuu mirkaneesseera. Hundi isaanii warra mootummaa mormuuf bahanidha jedhe.

Mootummaan Iraan biyya jeequu fi waraana banuun ajjeechaa namoota nagaaf sababa kan tahe Ameerikaa fi Israa'elidha jedhe.

Isaaniin ammoo ''shororkeessitootaa'' fi ''hookkara'' kanneen kaasan jedhee ibse.