Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraana baqannee Tigraayi baanus herreegni baankii keenyaa cufamee rakkataa jirra'
Waraanni Naannoo Tigraayitti adeemaa jiru eegalee osoo torban hin guutiin tajaajilli geejibaafi telekoomii adda citeera.
Dabalataan ammoo herregni baankii naannoo Tigraay keessatti banaman cufamaniiru. Namoonni hedduunis rakkoof saaxilamaniiru.
Humnoota Tigraayiifi mootummaa federaalaa gidduutti adda waraanaa sadiin lolli erga eegalamee torban tokko guuteera.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman Human Rights Watch fa'a uummatni nagaan waraana kana keessa miidhama hamaaf akka hin saaxilamne ammumaa akeekkachiisaa jiru.
Waraanichi eegalee borumtaasaa ALI Fulbaana 15-16 Jimaataa hanga Sambata galgalaatti ture tajaajilli baankii kan cufame.
Naannicha keessa waggaa tokkoof sochiin maallaqa callaa kan hin turre ta'uusaarraa kan ka'e sirni daddabarsa maallaqaa moobaayil baankiingin adda cituun rakkoo guddaa akka qabaatu jiraattotni BBCtti himaniiru.
Murrteen kun irra jireessaan murtee baankiiwwan sadiiti. Kan miidhamu ammoo jiraattota naannoo Tigraay jiran qofa osoo hin taane kan herrega achitti banatan maradha.
BBCn gabaasa kana wayita qopheessu herreegonni baankii daldala Itoophiyaa cufamanii turan kan murtaahan deebisanii banuuf tattaaffiin godhamaa akka jiru hubateera.
Qaama mootummaa fi baankiiwwanirraa yaada argachuuf yaaliin godhame garuu ammatti deebii hin arganne.
Waraanni Tigraayi jalqabuun guyyaa tokko dura magaalaa Adwaa irraa Finfinnee akka dhaqe kan dubbatu Fireezar Sisaay herreegni baankii isaa akka cufame kan bare ayyaana Masqalaaf maatii isaaf maallaqa eguuf yeroo yaalu akka tahe himeera.
Fireezar maatiisaa Tigraayi jiran kan gargaaru isa akka tahe hima. Herreegni baankii isaas yeroo cufamu Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa deemuun sababasaa gaafachuuf yaaluu dubbateera.
Baankichatti qaamni komii maamilaa dhaggeeffatu ''nageenya maamilootaa eeguuf jecha tahe,'' deebii jedhu isaaf kennuu dubbata.
Fireezar herreega baankii dursanii otoo hin beeksisiin cufuun sirrii miti jedha.
Rakkoon kuni isa qofaa osoo hin taane namoonni damee Tigraayitti herreega banatan sababa kanaan waan nyaatanillee bitachuuf rakkachuu isaanii hubachiisa.
Herreega baankii daldalaa bansiisuuf dameeleen sadii banaa tahanii akka tureefi namoonni herreega isaanii bansiisuudhaaf hiriira dheeraan eeggachaa turan jedhe.
Boodarras dameeleen kudha lama biroo irratti herreega isaanii akka bansiisan taasisuu Fireezar ni hubachiisa.
Gabramadihiin ammoo ji'a lamaafi torban lama dura haala naannichaan yaaddahee Maqaleerraa gara Finfinnee imale. Ammoo rakkoon biraan isa mudateera.
Hojiidhaaf Finfinneerraa gara magaala biraa yeroo imalu mobaayil baankiing fayyadamee kaffaluuf yoo jedhu tasa hojjechuufi dide. Wanti ta'e hin galleef.
''Finfinneerraa gara Adaamaa geejiba uummataan osoon imaluu mallaqa dabarsuuf yoon yaalu naa hojjechuu dide. Odeeffannoo sababa hin qabneef nan rifadhe'' jedha.
Namootni hedduun tarkaanfichi akeekkachiisa malee kan fudhatame akka ta'eefi geejibaafi manneen nyaataa keessatti kaffaltii raawwachuu dhabuun rakkoo keessa galuu dubbataniiru.
Gabramadihiin hiriyyootnisaa restoraantiiwwan keessatti tajaajila argataniif kaffaltii raawwachuu sababa hin dandeenyeef maatiin dhufanii akka kaffalaniif gaafachuu dhagahuusaa himeera.
''Tajaajilli moobaayil baankiingii tasa cufame. Akeekkachiifni kenname kamiyyuu hin turre. Akkumakoo haala sodaachisaa naannoo Tigraay baqatanii dhufan gaddisiiseera. Amma sababa kanaatti dhalattootni Tigraay hedduun rakkoo keessa jiru.''
Filannoo tokko qofa qabna ture innis amma hojjechuu dhiiseera jedha.
''Filannoon tokkichi ATM dhaan maallaqa baafachuun ni dand'ama ture. Guyyaatti hanga birrii 10,000 karaa ATM baasuun danda'ama ture. Haata'u malee tajaajilli kun erga ji'a saddeetii Tigraay keessa hojjetaa hin turre. Amma irraanfanneerra ykn kaardichi nu harka hin jiru.''
Gabramadihiin sababa neetwoorkiin adda citeef maatiifi hiriyootarraa gargar bahuun cinaatti dhimmi maallaqaas bitaa itti galeera.
Maatiinsaa guyyoota lama dura Maqaleerraa fageenya km 20 irraa achi bahanii tabbarraa sababa bilbilaaniif waan tureef haala qe'ee jiru hanga ta'e odeeffannoo qabaachuu dubbateera.
''Maqaleerraa km 23 fagaatee kan argamu ashagodaarraa naa bilbilan. Sararri bilbilaa idileen hin hojjetu. Karaa intarneetaa qofa hojjeta. Xiqqo haasofneerra. Haala keessa jiran dubbachuuf garuu ni rakkisa'' jedheera.
Akka maatiinsaa jedhanitti tajaajilli geejibaa, bilbilaafi sochii maallaqaa guutummaa Tigraay keessa hin jiru. Waayee walitti bu'insichaas ta'e haala yeroorratti odeeffannoo hin qaban jedheera.
Gabaabumatti, akka waraana kanaan duraa akka hin taane sodaatu. Waraana Tigraay darbe keessatti uggura odeeffannoo, tajaajila bilbilaa, fi hojii baankii irratti hin labsamneen namoonni hedduun rakkoo diinagdee fi hawaasummaa keessa kufaniiru.
Mariisisaa Olaanaan Gamtaa Afrikaa sababa kanaa fi wantoota waraana kanaan walqabatan birootiin lubbuun namoota walakkaa miliyoonaa ol akka dhaban ibsuun isaa ni yaadatama.
Gabruu GabraYohaannis Tasfaaye miseensa waraanaa Tigraay ture. Waraanni karaa nagaa xumuramuu hordofee hojiif yeroo baayyee gara Finfinnee akka imalu ibsa.
Haa ta'u malee, keessumaa Bitootessa darberraa eegalee ibsa kennuudhaaf irra deddeebiin gara waajjira poolisiitti waamamuu isaa gabaaseera.
Yeroo waldhabdeen kun torban darbe ka'etti, guyyaa sadii sadiin waajjira poolisiitti akka dhiyaatu ajajamuu isaa ibseera.
Gabruun haala hin eegamne isa mudachaa ture irraa kan ka'e biyya alaa deemuuf akka murteesse ibsa. Haa ta'u malee, yeroo achi gahu maallaqa isaa biyya jiru karaa interneet baankiing sochoosuuf yaalee hin milkoofne.
"Maallaqa koo gara biyya alaatti dabarsee itti fayyadamuuf yaadeen ture, amma garuu sababa ani dhalataa Tigraay ta'eef qofa maallaqa koo argachuu hin danda'u-sababni isaas herregni baankiikoo Tigraay keessatti kan baname waan ta'eef qofa. Sababa kanaan jireenyi koo balaadhaaf saaxilameera," jedha.
Tsedey ji'a lama dura Maqaleerraa irraa gara Finfinnee deemte. Duraan dhaabbata tokko keessatti kan hojjettu yoo ta'u, daldala dhuunfaas hojjetti turte.
Yeroo dheeraa turuuf yaaddee hin turre, garuu tajaajilli geejjibaa fi bilbilaa akka tasaa addaan cituun keessa ishee galche.
"Jalqaba yaala fayyaafin dhufe, garuu haala jiru argee maatii koo as fiduuf murteesse. Balaliin isaanii Jimaataaf ture, garuu balaliin waan addaan citeef sun hin taane."
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa humnootni Tigraay Buufata Xiyyaaraa Maqalee to'achuusaanii hordofuun balalii gara naannichaatti taasifamu addaan kuteera.
"Jalqaba of tasgabbeessuuf yaalaa turre. dubbii kana caalatti kan hammeesse ammoo herregni baankii keenya akka cufame guyyaa itti aanutti nutti himame."
Tsedey akka jettutti herregni Baankii Daldalaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane baankota Anbessaa fi Weegagen naannicha keessa jiran cufameera.
Baankii Daldalaa Itoophiyaatti aanee baankonni dhuunfaa lamaan kun naannichatti maamiltoota guddaa qabu.
"Dhiibbaan kun cimaadha-garmalee cimaadha-sababni isaas namoonni as [Finfinnee] waan ta'aa jiru waan hin hubanneef," jetti fakkeenya kaasuun.
"Fakkeenyaaf, ollaa guyyaa sana kiraa manaa kaffaluu qabu tokkon qaba. Haalli jiru waan hin hubatamneef, abbaa manaa isaatiif homaa ibsuu hin danda'u. Kanaafuu, kaffaluu qaba-karaa kamiinuu-yoo kana hin taane mana gadhiisuu qaba bakka dhiphina keessa jira."
Haala mataa ishees ni dubbatti.
"Yeroo ammaa kana Telebirr [appii daldala faayinaansii mobaayilaa] irratti maallaqa xiqqaa qaba, guyyaa lamaa fi sadiif na jiraachisa, garuu sana booda maaltu akka ta'u hin beeku."
Paaswoordiin isaanii yookaan waan badeef yookaan yeroon isaanii waan darbeef ATM fayyadamuu akka hin dandeenye dubbatti.
Kunis tajaajilli kun ji'oota saddeet darbaniif ykn sanaa oliif Tigraay keessatti hojiirra hin oolle waan tureef.
Waldhabdee TPLF fi Mootummaa Federaalaa naannichatti uumame hordofuun sochii maallaqaa fi boba'aa irratti uggura kaa'amuun isaas ni yaadatama.
"Ani akka dhuunfaatti kaardii lama qaba ture; paaswoordii tokko [Baankii Weegaagen] dagadheen, kaardii lammaffaa [Baankii Daldalaa Itoophiyaa] maleen dhufe," jetti.
Wiixata wayita gaaffifi deebii kana wayita goonu maamiltoota kanneen yeroo gaafanne, namoonni dhuunfaa herregni isaanii cufamee ture dameeleen Baankii Daldalaa Itoophiyaa Finfinnee murtaa'anitti maamiltootni akka iyyatan gaafatamaniiru.
Gariin akkaawuntii isaanii banuun itti fayyadamuu akka danda'an gabaafameera. Haa ta'u malee, maamila milkaa'inaan raawwachuu nuuf mirkaneessu hanga ammaatti hin qunnamne.
Ogeessi baankii maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate yaada BBC'f kenneen hoji gaggeessitoonni baankii Anbessaa fi Wegaagen kaleessa walga'uun murtee walfakkaatu fudhachuu irratti mari'ataniiru.
Haa ta'u malee, rakkoon kun kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti kan itti fufe yoo ta'u, naannoo Tigraay keessatti ammoo ummanni guutuun maallaqa isaa argachuus ta'e sochoosuu dadhabuun hafeera.
'Miidhaa nurra gahe irraa osoo hin bayyanatiin'
Tsedey yeroo waraanaa Tigraay isa jalqabaa achi turte. Maatii ishee cinatti rakkina guddaa dabarsiteetti.
Murteen amma baankotaa kun haala dhiphisaa sana ishee yaadachiisa.
Tsedey sababa waldhabdee uumameen ummata waliin adabuun haqa hin qabu jechuun falmiti.
"Maal goone? Namni tokko Tigiraay waan ta'eef qofa wanti akkanaa uumamuun isaa garaa nama nyaata," jetti.
Ishee dabalatee namootni hedduun yeroo waraana Tigraayitti warri naannichaan ala jiraatan haala gaarii akka qaban tilmaamanii akka turan ni hubatti haa taʼu malee, kun akka hin turre hubatteetti.
Amma waa'ee maatii ishee yaadda'uu eegalteetti, yeroo dhumaaf erga isaanitti dubbattee yeroo dheeraa ta'eera, haala isaan keessa jiran karaa itti beektu hin qabdu.
"Jireenya kee gara fuulduraa dukkaneessa. Anaa akka abjuu natti dhagahama. Boru maal akka ta'u hin beeku," jetti.
"Kun deebi'ee ni ta'a jennee hin eegne. Dhalattootni Tigraay lubbuu isaanii baraaruuf as yaa'aa jiru; waraana baqachaa jiru. Namni diina injifachuuf barbaadu kamiyyuu ummata iofitti qabachuu qaba ture. Waldhabdee uumame keessatti gaheen uummataa maali?"
Qondaalli baankii kun qajeelfamni barreeffamaa mootummaan baase tokkollee akka hin beekne ibseera.
Haa ta'u malee mootummaan haala akkanaa keessatti herrega baankii cufuuf sababoonni akka jiran ni eerama.
Kun daddabarsa maallaqaa olaanaa ta'e to'achuuf ykn qaamoleen waldhabdee kana keessatti hirmaatan maallaqa akka hin arganne gochuuf kan fudhatamu ta'uu akka danda'u tilmaamama.
Akkasumas namoota mootummaa lolan adabuuf, ummata sodaachisuuf, akkasumas ergaa: "Ani kan hayyamuu fi dhorkudha" jedhu dabarsuudhaaf akka oolu tilmaama.
Haa ta'u malee, kun ummata jumlaan adabuudhaan ta'uu akka hin qabne ni himama.