Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneefi naannawaasheetti diroonii balaliisuun dhorkame
Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa (NISS) yeroo hin murtoofneeef Finfinneefi naannawaasheetti diroonii kamuu balaliisuuf hayyamni akka hin kennamne beeksise.
Dhaabbatichi ibsa Fulbaana 30, 2026 baaseen, guyyaa kanarraa eegalee yeroo hin murtoofneef dirooniiifi wantoota akka diroonii balaliisuun dhorkamuu hubachiisuu fuula miidiyaa hawaasaasa gubbaatti ibse.
''Hayyamni diroonii balaliisuu kamuu yeroof hin kennamu'' jedha ibsi bahe.
NISS ammatti ibsa fayyadama diroonii dhorkuu ilaalchisuun baase kanaaf sababiin kaa'umsa ta'e maal akka ta'e adda baasee hin ibsine.
Ammoo ibsi kun kan bahe lolli humnoota TPLF fi Mootummaa Federaalaa gidduutti deebi'ee erga eegalee torban tokkoo booda.
Tajaajilli Odeeffannoofi Nageenya Biyyaalessaa ''akkuma yeroo kaanii Finfinnee fi naannawasheetti sochii dirooniifi wantoota balali'an biroo hordofuuf teeknoolojiin farra diroonii fayyadamuun hordoffiifi to'annoon gaggeefamaa jira'' jedheera ibsa isaa keessatti.
Waajirichi akeekkachiisa kenneen qaama kamuu diroonii fi wanta biraa balaliisu hordofuun bakka jiruu to'achuun seera dura akka dhaabu beeksiseera.
Dirooniiwwan osoo balali'anii argaman butuun bakka barbaachisutti qubachiisuun akka qoratu hime.
Hubachiifni kun, kanaan dura qaamoleen diroonii hojiif fayyadamuu barbaadan kaayyoo balalii, bakka balalii fi gosaa diroonii akkasumas lakkoofsa moodeela diroonii ibsuudhaan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa irraa hayyama dursanii argachaa akka turan yaadachiiseera.
Waajirichi mirga labsii 1276/2014 baheen kennameef fayyadamuun Bu'ura misoomaa ijoo to'achuufi taateewwan nageenya biyyaalessaa eegsisuuf dhorkaa kana kaahuu hime.
Kanaan alatti sababni dhorkaan kun itti kaahame biraan ibsa kana keessatti hin hammatamne.
Ammoo yaaddoo dirooniiwwaniifi teeknoolojiiwwan kanaan walfakkaatan nageenya biyyaalessaarratti uuman ilaalacha keessa galchuun to'achuuf teeknoolojii ammayyaa hidhachuu beeksiseera.
Ogeeyyii kanarratti hojjetan gahaa horachuus hime.
Akeekkachiisa bahe raawwachiisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qophii gahaa gochuus beeksise.