Waraana Allaamaaxaafi naannichatti gaggeeffameen waayee miidha qaqqabee waan beeknu

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Guyyoota sadan darban keessa dhukaasa cimaa magaalaa Allaamaaxaa fi naannoo isheetti gaggeefame jedhameen lubbuun namoota 50 ta'anii darbuu jiraattonni naannoo fi maddi hospitaalaa tokko BBC'tti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti Fulbaana 26 hanga 29, 2026tti Allaamaaxaa fi naannoo ishee keessatti lola cimaan gaggeeffameera.

Haleellaa kana eenyu akka raawwate adda baasuu akka hin dandeenye kan dubbatan jiraattonni kunneen, haleellaa magaalattii fi naannoo ishee keessatti raawwatameen lakkoofsi namoota ajjeefaman 50 ol ta'uu akka danda'u himaniiru.

BBCn miidhaa magaalattii keessatti gabaafame of danda'ee mirkaneessuu hin dandeenye.

"Lola guyyoota afur ykn shanan [Jimaata hanga Wiixataa] geggeeffame kana keessatti, namoonni nagaan gara 65 ta'an ajjeefamaniiru, garuu meeqa akka miidhaman hin beeku," jechuun jiraataan magaalaa Allaamaaxaa BBC'tti himeera.

Lolli waraana mootummaa Federaalaa fi humnoota Tigraay naannoo sanatti gaggeeffame naannicha gara ''qaxanaa waraanaatti'' akka jijjiire kan himan jiraataan kun ''haleellaa diroonii kanaan namoonni nagaa miidhaan irra hin geenye'' jedhan.

Jiraataan kun ''miidhaan kun haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan raawwatameen akka ta'e ibsuun, naannoo gabaa, daandii Allaamaaxaa irraa gara Koram geessu irratti fi naannoo hoteela Warqinash jedhamuun beekamutti akka mudate himaniiru.

Waraanni haaraan mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti ka'e, humnoonni TPLF buufata xiyyaaraa naannichaa sadii to'achuu isaanii erga gabaafamee booda.

Lolli kun naannoo daangaa Amaaraa fi Affaaritti kan adeemsifamaa jiru yoo ta'u, TPLF haleellaa "humnoota federaalaan raawwatamu" ofirraa ittisuuf lolatti galuu beeksisee ture.

Mootummaan Federaalaas haleellaa TPLF irraa banameef deebii kennuuf tarkaanfii ittisaa fudhachuu beeksise.

Waraanni kun ifatti kan eegale, Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF), Sochii Biyyoolessaa Faannoo Amaaraa fi Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee gareewwan hidhatan torba "mootummaa federaalaa kuffisuuf" tumsa uumuu isaanii beeksisuu guyyoota muraasa booda.

Gareen hakiimotaa Daangaa Maleeyyii, Doctors Without Boarders, (MSF) ibsa Wiixata baaseen, Fulbaana 22 hanga Adoolessa 25, sa'aatii 48 keessatti lakkoofsi dhukkubsattoota hospitaalota Koramii fi Allaamaaxaa seenan 180 irraa gara 420tti ol dabaluu ibseera. Bulees lakkoofsi kun gara 720 guddachuu gabaaseera.

Jiraattonni magaalaa Allaamaaxa BBC waliin dubbatan akka jedhanitti haleellaan kun naannoolee daandii guddaa irraa fagaatanittis kan raawwatame yoo ta'u, "Meeshaan waraanaa guddaan naannoo mishinii Kaatolikii, naannoo riqicha seensa Allaamaaxaa, fi naannoo masjiidaatti kufee namoota madeesse" jedhan.

Itti dabaluunis, dhukaasa kallattii Giraakaasoorraa dhukaafameen miseensonni maatii miidhamuu, akkasumas baadiyyaa magaalattii keessattis naannoo xixiqqootti miidhaan irra ga'uu, akkasumas awwaalchi namoota du'anii raawwatamaa akka jiru himaniiru.

Maddi hospitaalaa kan biraa sababa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafate akka jedhetti guyyoota sadan darban keessatti yoo xiqqaate daa'imman dabalatee namoonni 52 dhukaasa cimaatiin ajjeefamaniiru jedhaniiru.

Maddi hospitaalichaa itti dabaluudhaan namoota du'an keessaa muraasaaf gargaarsa yaalaa taasisaniiru.

Maddi kun BBC'tti akka himetti, daa'ima guyyaa sadii dabalatee namoota umuriin isaanii adda addaa du'e keessa akka jiran himeera.

Maddi kun itti dabaluudhaan, Fulbaana 28, 2026 Raayyaan Ittisa Itoophiyaa magaalaa Allaamaaxaa seenee naannoo sana guutummaatti to'achuu isaa ibseera.

Fulbaana 26 hanga 29, 2026tti Allaamaaxaa keessatti lola cimaan akka raawwatame kan ibse maddi kun, "bakkeewwan Ta'o, Gubagala, Marawaa, Raya mandar, Derayta, fi Bartaklayi jedhamanitti lola cimaan raawwatame" jechuun ibseera.

Itti dabaluunis Allaamaaxaa irraa hanga naannoo kiiloo meetira 18 hanga 20 fagaatutti hanga Kibxataatti lolli cimaan geggeeffamaa akka ture himaniiru.

"[Kibxata] osoo hin dabalatin, guyyaa kaleessaa irraa eegalee daa'ima guyyaa sadii fi nama ganna 68 dabalatee namoonni nagaan 52 du'aniiru," jechuun maddi hospitaalichaa kan dubbate yoo ta'u, namoota 52 du'an keessaa 12 haleellaa gabaa Allaamaaxaatti raawwatameen akka ta'e ibseera.

Namoonni miidhaa cimaa fi salphaan irra gahe hedduun gara dhaabbilee yaalaa akka fidaman kan himan ogeessi kun, "namoota 52 keessaa sagal qofatu gargaarsa yaalaa osoo argachaa jiruu du'e" jedheera.

Ogeessi fayyaa kun akka jedhetti, namoota miidhaman gara Hospitaala Allaamaaxaa, Hospitaala Juuniyaar Buree Tesfaa, fi Kilinika Olaanaa Asaffaa Shaaraw geeffamanii jiru.

Ogeessi kun BBC'tti akka himetti, namoota 52 du'an keessaa shan haleellaa ganda baadiyyaa Allaamaaxaan ala jiru irratti raawwatameen kan ajjeefaman yoo ta'u, inni kaan ammoo dhohinsa meeshaa waraanaa cimaa magaalattii keessatti mudateeni.

''Ummanni nagaa baay'ee hawwaa jira,'' kan jedhan ogeessi kun, hanga Kibxata galgalaatti naannoolee Allaamaaxaan alatti dhukaasni cimaan dhaga'amuu danda'a jedhan.

Itti dabaluudhaanis dubartoonni ulfaa, daa'imman, haadholiin fi maanguddoonni waraana jalaa baqatanii "sa'aatii tokkoo hanga lamaa miilaan" gara magaalattiitti dhufaa jiru jedhan.

Gareen Doctors Without Boarder (MSF) ibsa Wiixata darbe baaseen lakkoofsi dhukkubsattoota waraana kanaan miidhaman gara hospitaala Tigraay deeman dabaluu beeksiseera.

Fulbaana 25 deeggarsa dhaabbatichaatiin dhukkubsattoonni waraanaan madaa'an 300 ol Kaaba Lixa Tigraay magaalaa Shiree Hospitaala seenuu himeera.

Gareen kun itti dabaluudhaan ''haala amma jiruun walqabatee sochiin hospitaala Allaamaaxaa addaan citeera,'' jedheera.

Dhaabbatichi haalli amma Kaaba Itoophiyaa keessa jiru ''balaa guddaadha'' jechuun ibseera.

Gareen kun jiraattonni walitti bu'iinsa kana baqachaa akka jiraniifi haala buqqaatotaa hordofaa akka jiru ibseera.

Naannolee Tigraay, Amaaraa, fi Affaaritti "fedhii buqqaatota guutuuf" qophii taasisaa akka jirus ibsa kennaniin dubbataniiru.

Waldhabdeen kun hammaataa dhufuun nageenyi namoota nagaa fi tajaajila fayyaa argachuun ''balaarra akka jiru'' eereera.

Waraanni gaaga'aan Kaaba Itoophiyaa keessatti bara 2020 eegalame waggaa lamaaf kan ture yoo ta'u, waggaa afur dura giddu seentummaa Gamtaa Afriikaatiin dhaabbate.

Walitti bu'iinsi Mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduu jiru gadi fageeffachaa kan dhufe yoo ta'u, torbee darbe akka haaraatti eegaleera.

Jiraattonni BBC waliin dubbatan akka jedhanitti, Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaa fi intarneetiin addaan citee kan jiru yoo ta'u, balaliin gara naannoo Amaaraa iddoo seena qabeessa Lalibalaattis godhamu addaan citee jira.

Yunaayitid Isteetis, Yunaayitid Kingidam, Faransaay, fi Yunaayitid Arab Emireet haleellaa TPLF naannolee ollaa fi Kibba Tigraay keessatti raawwachaa jiru, akkasumas buufata xiyyaaraa naannoo Tigraay to'achuu balaaleffachuun, waldhabdeen kun hammaachaa dhufuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Waraana waggaa lamaaf Tigraay keessatti geggeeffamaa tureen namoonni kuma 600 ol akka du'an tilmaamama.