Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda cite

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Tigraay keessatti, Kamisa halkan irraa eegalee tajaajilli bilbilaa fi interneetii Itiyoo-Telekoom adda cituun gabaafame.

Dhaabbanni bilisummaa Interneetii fi tajaajila qunnamtii hordofu Neetbilooksi tajaajilli interneetii fi bilbilaa naannawa Tigraayitti gadi bu'uu fi adda ciccituu mul'isuu beeksiseera.

BBC'n sarara Itiyoo Telekoom fayyadamuun gara Magaalaa Maqalee fi Shiree bilbiluuf yaalee akka hin hojjanne mirkaneeffateera.

Haa ta'u malee, tajaajilli bilbilaa Safaariikoom hanga gabaasni kun qindaa'utti hojjechaa jira.

Odeeffannoo dabalataaf gara wajjira Itiyoo Telekoom bilbilluus ammatti deebii argachuu hin dandeenye.

Tajaajilli addaan cituu ilaalchisee BBC'n bilbilaa fi ergaa barreeffamaa irra deddeebiin hogganaa komunikeeshinii Itiyoo Telekoomitti ergus amatti deebii hin arganne.

Tajaajilli bilbilaa fi intarneetii Itiyoo Telekoomiin haa ta'uu, qaama biraan addaan cituu isaa BBC'n mirkaneessuu hin dandeenye

Jiraattonni Tigraay kaleessa BBC'tti akka himanitti, addaan citiinsi tajaajila bilbilaa kun dabarsa maallaqaa fi daldala meeshaalee irratti dhiibbaa guddaa uumuu akka danda'u yaaddoo qaban ibsaniiru.

Jiraatan har'a ganama BBC'n dubbise tokko uummanni naannichaa baay'inaan tajaajila Itiyoo Telekoom fayyadamu jedhe.

Akka inni jedhutti, yoo tajaajilli bilbilaa fi interneetii yeroo muraasa keessatti hin deebi'in, jiraattonni hedduun qunnamtii fi tajaajiloota barbaachisoo irraa addaan cituu danda'u.

Naannoo Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaa fi interneetii Itiyoo Telekoom addaan cituun kan dhaga'ame, Kaaba Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsi waraanaa deebi'ee itti fufuun booda.

Humnoonni TPLF Roobii darbe naannichatti argaman buufatawwan xiyyaaraa sadii to'achuu isaanii erga beeksisanii fi haleellaa isaan irratti baname jedhan ofirraa ittisuuf humnoonni isaanii tarkaanfii akka fudhatan ajajuun iusaanii gabaafameera.

Mootummaan Itoophiyaa garuu humnoonni Tigraay Kibba Walloo keessatti haleellaa banuu himuun, haleellaa kana qolachaa jiraachuu isaa Kamisa kaleessaa beeksise ture.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, humnoonni Tigraay halkan gaafa Kibxataa naannawa barii jala Iizii Kaaba Bahaatti haleellaa raawwachuu isaanii ibseera.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa haleellaa kana keessatti loltoota 500 ol booji'uu fi hedduu ajjeesuu isaa himus, BBC'n lakkoofsa kana qaama walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Humnoonni Tigraay gama isaaniin, tarkaanfii waraanaa kan fudhatan humnoonni mootummaa dursanii haleellaa erga isaan irratti raawwatanii booda ofirraa ittisuuf ta'uu ibsan.

Humnoonni Tigraay buufatawwan xiyyaaraa sadii Tigraay keessatti argaman to'achuu hordofees, balalliin xiyyaaraa gara naannichaatti taasifamu Roobii ganama irraa eegalee addaan citeera.

Naannoo Affaar fi Amaaraa keessattis walitti bu'iinsi itti fufuu isaa gabaasaaleen bahaa jiru.

Rooyitarsi jiraattota naannawa Laalllibelaa dubbisuun, naannoo isaaniitti waraanni gaggeeffamaa jiraachuu itti himuu gabaaseera.

Yeroo kanatti egaa tajaajilli interneetii fi bilbilaa addaan cituun kan gabaafame.

Dhaabbanni 'NetBlocks', Kaaba Itoophiyaa keessatti addaan citiinsi interneetii uumamuu mirkaneesseera.

Dhaabbatichi, addaan citiinsi kun yeroo walitti bu'iinsi humnoota Tigraay fi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gidduutti hammaachaa jirutti uumamuu ibseera.

Hanga ammaatti mootummaan federaalaa waa'ee walitti bu'iinsa Kaaba Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ifatti ibsa hin kennine.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaan Awurooppaa gama isaaniitiin, qaamoleen walitti bu'iinsa keessa jiran hundi waraana dhaabanii gara waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa akka deebi'an waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan federaalaa humnoonni TPLF haleellaa jalqabuu isaanii himuun isaan komateera.

Gorsaan Ministira Muummee dhimma Baha Afrikaa, Geetaachoo Raddaa, yeroo yaa'ii UN irratti hirmaachuuf Niyu Yoork jiru, hoggantoonni TPLF waraana haaraa jalqabuu isaanii himaniiru.

Akka isaan jedhanitti, humnoonni TPLF naannoo Amaaraa fi Affaaritti haleellaa bal'aa bananiiru.

Hoggantoonni TPLF garuu humnoonni isaanii ofirraa ittisuuf gara waraanaatti seenuu malee dursanii haleellaa raawwachuu ni haalu.

AFP, madda dhaabbata miti-mootummaa naannoo Affaaritti hojjetu tokko wabeeffachuun, Kamisa humnoonni Tigraay magaalaa Yaaloo, daangaa Tigraayitti dhihoo jirtu, to'achuuf haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa raawwachaa turan jechuun gabaaseera.

Walitti bu'iinsi haaraan kun mootummaa federaalaa fi hoggantoota TPLF gidduutti ji'ootaaf waldhabdeen siyaasaa fi atakaroon yeroo dheeraa itti fufu booda uumame.

Waraanni Tigraay waggaa lamaaf ture waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa bara 2022 mallatteeffameen erga dhaabbatee booda, mootummaa federaalaa fi TPLF waliigaltee sana cabsuudhan yeroo adda addaatti wal himachaa turaniiru.

TFLP'n Dilbata darbe mootummaa Abiy Ahimad diiguuf gareewwan hidhatan biroo jaha waliin tumsa uumuusaa beeksiseera.

Yeroo waraana Tigraay isa duraa, kan waggaa lamaaf ture, tajaajilli bilbilaa fi interneetiis haala wal fakkaatuun addaan citaa ture.