Jijjiiramoota hormooniifi amalaa dhiironni wayita abbaa ta'an keessa darban beektuu?

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC
Dhiironni daa'immnisaanii osoo hindhalatin dura eegalee jijjiiramoota hormonii amala isaaniirratti dhiibbaa fidan heddu keessummeessu. Jijjiiramoonni kunis fayyummaa daa'ima dhalatuurratti dhiibbaa qabaachuu danda'u.
Qorannoon daa'ima godhachuun qaama abbaarratti jijjiiramoota akkamii fida jedhu jijjiramoota bineensonni dhiiroliin wayita daa'ima godhatan keessa darban ka'umsa godhachuun eegalame.
Qorannoowwan dhuma jaarraa 20ffaarratti taasifamanis, bineensonni hoosiftonni isaan dhiiraa yemmuu daa'ima godhatanitti hormoniiwwansaanii jijjiiramoota akka keessummeessan agarsiisan.
Jijjiiramoonni kunis hormoniiwwan akka testostiroonii, vaasopiresiinii fi prolaaktiinii bineensota kunneenii ol ka'uufi gadi bu'uu isaaniiti.
Argannoowwan qorannoowwan yeroo dhiyoo
Jijjiramoonni amalaafi qaamaa abboonni wayita daa'ima argatan keessa darban qalbii qorattootaa hawwuu erga eegalee bubbuleera, qorannoonis irratti adeemsifameera.
Kunneen dhimmicha qoratan keessaa tokkommoo antiropolojistii lammii Ameerikaafi Yunivarsiitii Noter Daamitti daayrektara Laaboraatorii Hormonootaa, Fayyaa fi Amala Namaa kan ta'an Lii Getlari.
Isaanis bara 2005 keessa qorattoota biyya Filipiins magaalaa Seebuu keessatti qorannoo taasisaa turanitti dabalamuun samuuda hancufa dhiirolii 624 walitti qaban.
Giddugaleessi umrii dhiirolii kunneeniis waggaa 21yemmuu ta'u, hundisaanii haadha warraa hinqaban. Qorattoonnis samuuda walitti qaban kanaan hammeentaa testostiroonii dhiirolii kunneenii qoratan, deebisanii waggaa afur booda samuuda haaraa fudhachuun irra deebiin qorannoo adeemsisan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boodarras qorattoonni kun argannoosaanii yemmuu xiinxalanitti dhiiroliin yeroo waggoota afur sana gidduutti daa'ima godhatan hammi testostiroonii isaanii kunneen biroorraa xiqqaatee argame.
Kana malees abbootiin daa'immansaanii yeroo dheeraaf kunuunsan dhiirolii isaan biroo caalaatti hammeentaa testostiroonii gadi aanaa akka qaban argannichi mul'ise.
Dabalataan abbootiin daa'immansaanii walin siree tokkorra rafanis hammi hormonii testostiroonii isaanii gadi bu'aa ture.
"Qorannoowwan saayinsaawaa maxxanfaman keessatti ergaa 'dhiiroliin dandeettii abbummaaf qophaa'uu qabu' jedhu ifa godhee himuu keessatti kun qorannoo isa jalqabaa natti fakkaata" jedhan Lii Getlar.
Qorattoonni biroonis hormoniin testostiroonii abbootiin warraa haadholiin warraa isaanii ulfa ta'anii kunneen biroo walin yeroo madaalamu gadi bu'aa akka ta'e bira gahaniiru.
Dhiiroliin testestirooniin isaanii gadi bu'e kunis haati warraasaanii erga deessee booda daa'imasaanii kunuunuuf akka ifaajan, gahee abbummaasaanii bahachuuf akka tattaafatanfi abbummaa isaaniinis gammadoo akka ta'an qorattoonni kun ibsaniiru.
Qorannoon Lii Getlarfaas abbootiin hammi testestiroonii gadi aanaan irratti mul'ate daa'imasaanii kunuunsuurratti kunneen biroo caalaa akka hirmaatan agarsiisera.

Madda suuraa, Serenity Strull/ BBC
Dambalii hormonii jaalalaa
Qorannoowwan biyyoota addunyaa garagaraa keessatti adeemsifaman abbootiin daa'imman umrii waggaa tokkoo hanga lama gidduu qaban akkasumas kunneen daa'imman ji'a jahaa gadii waliin turan hammeentaa hormonii oksitoosinii olaanaa akka qaban agarsiisu.
Oksitoosiniin hormonii jaalalaa jedhamuun kan beekamu yemmuu ta'u, hanguma hormoniin kun dabalu hariiroon abbaafi daa'ima gidduu jiru dabala. Dabaluun hariiroo kanaammoo irra deebiin hammeentaan oksitoosinii akka dabalu taasisa.
Oksitoosinii malee hormoniiwwan abbootii kunneen biroos jijjiirama ni agarsiisu.
Fakkeenyaaf hormoniin vaasopireesin jedhamufi bineensota keessatti dhiiroliin bakka dhuunfaa isaanii akka daangeffatanii eeggatanfi dhiirolii biroo waliin miira morkii keessa akka seenan taasisus abbootii daa'ima argachuuf jedhanirratti hammeentaansaa gadi bu'ee mul'ateera.
Ga'eessummaa lammaffaa
Haadholiin dahumsa duras ta'e dahumsa booda qaamasaanii keessatti jijjiiramoota hoormonii heddu keessummeessu.
Lammii Ameerikaafi ogeettii xinsammuu kilinikaalaa kan ta'an Daarbii Saksibii waahillanshee biyya Ispeen waliin ta'uun sammuu dhiirolii daa'imasaanii jalqabaa argatan irratti qorannoo taasisan.
Qorannoon kun daa'imman abbootii kunneenii dhalachuusaaniin dura fi erga dhalatanii booda taasifame.
Haaluma kanaan qorattoonni kun sammuun abbootii kunneenii yeroo keessa yeroo jijjiiramufi haalota haaraa waliin of walsimsiisaa yeroo deemu argan.
Jijjiiramni kun jijjiirama sammuu namni gara ga'eessummaatti yeroo ce'u keessa darbu waliin kan walmadaalu akka ta'es Saaksibiin himteerti.
Jijjiiramoota hawaasummaa barbaachisan
Ogeeyyiin akkasumas qorannooleen adeemsifaman imaammatawwan dhimma maatii kanaan dura turan jijjiramoota hoormonii, amalaafi qaamaa dhiiroliin wayita daa'ima godhatan keessa darban bu'uura godhachuun fooyya'uu akka qaban akeeku.
"Abbootiin carraa daa'immansaanii waliin hariiroo cimaa uummachuu akka argatan taasisuun dhimma hawaasumaa dursi kennamuufii qabudha" jetti Saaksibiin.
Fakkeenyaafis iddoo hojiitti imaammata heeyyama yeroo dahumsaa maatii fooyya'aa ta'e hojiirra oolchuun hariiroo abbootiifi daa'imman gidduu jiru cimsuuf akka gumaachu himti.
Gama biraatiin qorannoowwan biyyoota akka Paakistaan, Keeniyaa fi US keessatti taasifaman haadholiin abbootiin warraasaanii mana keessatti hirmaannaa cimaa qaban fayyaa samuu fooyyee akka qaban agarsiisaniiru.
Kana malees qorannoon qorattoota US'n maatiiwwan 292 waggoota torbaaf hordofuun taasifames, daa'imman abbaansaaniirraa xiyyeeffannoo argatan kunneen biroo caalaa fayyaa onnee fooyyee akka qaban agarsiiseera.












