Sirna cufinsaa Marii Biyyaalessaarratti aanga'oonni maal jedhan?

Madda suuraa, EBC
Sirni cufinsaa Marii biyyaalessaa bakka hirmaattotni 4000 ta'aniifi keessummootni hedduun argamanitti yeroo gaggeeffamu mariin kun bu'ura badhaadhina Itoophiyaa ta'uun dubbatame.
Itoophiyaan muuxannoo marii haaraa kanarraa hedduu barachuufi bu'aa dhalootaaf ta'u argachuu dubbatan.
Pireezidantiin Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee haasaa godhaniin Komishinii mariin kun akka gaggeeffamu hojjetaa ture galateeffatan.
''Wal-amantaa, iftoominaa fi aadaa walkabajuun Itoophiyaan akka mariyattee milkooftu gootaniittu'' jedhan.
''Hirmaattootni waadaa wal-amantaa kana bakka uummata miliyoona 130 ta'uu buutanii raawwattaniittu'' jedhan.
''Mugguttaniittu, mormitaniittu, jalaalaanis mariyattaniittu jedhan. Yaada murtee kana qopheessuun keessan seenaa qabeessa. Ashaaraa dhaloota dhufuuf darbu lafa keessan'' jedhan Pirezidant Taayyeen.
Seenaa Itoophiyaa keessatti ija jabina marii akkasii gochuu hin qabaanne keessatti murannoo agarsiisaniif Ministira Muummee Abiy Ahimad galateeffatan.
Yaddoofi abdii samii Itoophiyaa jala jiru hundarratti yaadaan mugguttanii yaada murtee dhiyeessitaniittu jechuun fayidaa marii kanaa shan tarreessan.
Fayidaansaa jalqabaa hiree waloo akka qabaannu godha jedhan. Lamaffaarratti Itoophiyaanotni marii tasgabbiifi muddamaan ala ta'e gaggeessuu akka danda'an agarsiise. Sadaffaan siyaasni Itoophiyaa diinummaarraa bahee mariirratti kan xiyyeeffate akka ta'u taasisa.
Arfaffaan ''siyaasni keenya maraammartoo diddaa fi meeshaa waraanaan waldura dhaabachurraa akka baanu godha.'' jedhan
Shanaffaan ammoo walkabajuu fi mariyachuuf dandeettii qabaachuu keenya agarsiisa jedhan.
''Itoophiyaan kufuufi diigamuufi jedhamaa turtee jechuun sun daandii warra siyaasaa gaggeessuu malee daandii Itoophiyaa miti'' jechuun himan.
Mariin kun hirmaachisaa akka hin taane kaasuun busheessuuf tattaaffiin godhaamaa ture hedduun akka tures yaadachiisan.
Yaadni murtee dhiyaate sanada qophaayee dhumeef osoo hin taane jalqabbii gaarii bu'uura kaahuudha jedhaniiru.
''Mariyachuu akka dandeenyu agarsiisneerra. Mariyachaa biyya ijaarra, biyya ijaaraa mariyanna.''

Madda suuraa, EBC
Walitti qabaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Prof. Masfin Arayaa guyyoota 46 darbaniif ''uummatni 4000 dhuguma walgahee mariyataa jedhamee osoo shakkamuu milkoofne'' jedhan.
Murteen yaa'iin kun dabarse bakka dhimmi ilaalutti qajeelfamee deebi'ee naannooleefi bulchiinsota magaalaa bira gahaa jedhan.
Yaa'iin kun xumuramuuf guyyoota muraasni yeroo hafuufi dhimma Finfinneerratti muddamni cimuun wayita gabaafamaa turetti gara Ameerikaa deemuun isaanii akka baqatanitti dubbatamaa ture.
''Biyyaa baqatee isa jedhamuuf ani yeroon humna qabuyyuu biyyaa hin baqanne hin baqadhus'' jedhan komishinarichi.

Madda suuraa, EBC
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
''Mariin kun waraanni fala akka hin taane agarsiisa'' jedhan.
Itti aantuun komishinichaa Dr Hiruut Gabrasillaasee gama isaaniin ''mariin gaggeeffame salphaa miti. Garaagartummaan yaada bal'aan mul'ateera. Injifannoo guddaan garaagartummaa keessattis mariyachuu danda'uudha'' Hiruut.
''Marii kanarraa yaadni murtee Itoophiyaa rakkoo keessaa baasu burqeera'' jechuun kana raawwachiisuun gahee hunda keenyaa barbaada jedhan.
''Kuni aadaa haaraadha. Marii kaaniifis bu'ura kaaha. Gargaartummaan keenya kan hin furamne akka hin taane agarsiisa jedhaniiru.
Pireezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa hunda keessaniinuu ''baga gammadaniin jedha'' jechuun haasaa isaanii eegalan.
''Komishinichi dhibee Itoophiyaa duriifi ammaa ilaaluuf osoo hin saalfatiin murannoon hojjetuutti dinqisiifatan. Seenaan Itoophiyaa rakkoo keessoo fi alaan qoramee ammoo Itoophiyaan Afrikaaf waa gumachuu dandeesseetti jechuun dubbatan.
''Adawaan seenaa Itoophiyaati. Adawaan seenaa Afrikaatis jedhe.''
Injifannoon Adawaaf sabootni aarsaa kaffaluufi kunis saba ofiif osoo hin taane Itoophiyaa tokkoof akka ta'e yaadachiisan
1963 Finfinneen teessoo Afikaa taate, Afrikaanotaaf qe'ee taate jedhan.
Kutaalee Itoophiyaa adda addaa keessa hambaalee qaroomina Afrikaa hedduu qabdus tarreesse.
Miidhaginni Itoophiyaa walitti hidhaminsa sabaafisablammiileen tolfame jechuun waayee sabdaneessummaa Itoophiyaa himan. Garaagartummaa siyaasaa qofa osoo hin taane cimina biyyattii ta'uu himan.

Madda suuraa, EBC
Rakkoo Afrikaa Afrikaanoraan furuu yaadni jedhu sababa beekumsi gahaan dandeetti waan jiruufi jedhan.
Uhuuruun hawwiin Itoophiyaaf qaban biyya nagaa qabdu akka taatu, sabdaneessummaanshee madda waldura dhaabbannaa osoo hin taane madda ciminashee akka ta'u ta'uu dubbatan.
Mariin kun warra asitti hin argamne biras akka gahu, Afrikaa kaan biras akka gahu dhaame.
Pirezidantiin duraanii Naayiriyaa fi Ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa Oliseegoon Obasaanjoo ammoo rakkoo adda addaa kutaalee Itoophiyaa kaan keessa jiru kaasuun marii biyyaalessaa fi nagaan dhufu kana keessaa kan hafuu akka hin jiraanne fi hirmaachisaa ta'uun barbaachisa jedhan.
Ammoo mariin kun badhaanina Itoophiyaa dhufaa jiraachuun mul'atuuf bu'uura kaaha jedhan.
















