Kaaba lixa Naayijeeriyaatti bidiruun garagaluun hedduun dhuman

Madda suuraa, Reuters
Kaaba lixa Naayijeeriyaa kutaa bulchiinsa Sookotootti bidiruun garalgaluun yoo xiqqaate namoonni 46 dhuman.
Bidiruun tun nama 70 baattee akka turte tilmaamama, baay'een daa'imman ta'uufi barbaachi reeffa namoota dhumanii itti fufuu aangawoonni himan.
Dubbii himaan poolisii Ahmad Rufaayi BBC'tti akka himanitti Kamisa reeffi namoota 46 naannawa Goronii keessatti bakka Goraawu jedhamutti argame. Kanneen 16 ta'an immoo nagaan baraaramaniiru. Ammallee namoonni 15 achi buuteen isaanii hin beekamu.
Naannichi barbaachaf bakka tolu miti, qaamoleen nageenyaa fi tajaajila baraarsaa garas imaluu isaanii Rufaayi himan.
Namni ijaan arge tokko Rooytarsitti akka himetti daa'immanii fi hojjettoonni humnaa qonnaan bultoota waliin ta'uun oomisha ruuzii sassaabuuf imalaa turuu amana.
Kanneen ijaan argan reeffa namoota 50 arguu himu. Reeffi isaanii kanneen argame awwaalchaan dura afataa fi uffata aadaatiin maramee masjiida dura kaayameera.
Dubbii himaan waajjira ittisa balaa tasaa Naayijeeriyaa Izqeel Manzoo "Goraawu iddoo baay'ee fagoo dha" jedhe. Gareen baraarsaa garas socho'uu ibse.
Balaan bidiruu akkasii Naayijeeriyaa keessatti baramaadha. Bidiruuwwan humnaa ol fe'u, moofaa dha, seerotaa fi qajeelfama balaa tasaahin qaban jedhamuun qeeqamu.
Ji'a darbe sababa kanaan namoonni shan kutaa blchiinsa Jigaawaa keessatti dhumanii jiru.


