Yaa'iin Marii Biyyaalessaa Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa jedhamtee heera keessatti akka tumamu yaada murtoo dhiyeesse

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission/የኢትዮጵያ ሀገራዊ ምክክር ኮሚሽን
Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ji'a tokkoo oliif ajandaawwan biyyaalessaa garaagaaraa irratti mari'achaa turuun guyyaa har'aa yaadota murtoo ajandaawwan ijoo saddeet mariif dhiyaatanii dhiyeesseera.
Waltajjii har'aa kanaarratti ajandaawwan saddeet filataman irratti yaadni murtoo bakka hirmaattonni marii biyyaalessaa 4000 argamanitti dhiyaateera.
Ajandaa falmisiisaa kan turee fi ajandaa magaalota federaalaa jedhamu (ajandaa 7ffaa) jalatti mari'atamaa kan ture dhimma magaalaa Finfinnee irratti murtoon darbuu BBC'n hirmaattota irraa mirkaneeffateera.
Akka maddeen BBC himanitti Yaa'iin Marii Biyyaalessaa dhimma Finfinneerratti murtoo darbe hirmaattonni marii kanaa 4000 bakka argamanitti dhiyeesseera.
Haaluma kanaan, magaalaan Finfinnee itti waamamni ishee mootummaa federaalaaf tahee magaalaa guddoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa taate heera mootummaa keessatti akka tumamu yaada murtoo dhiyeesse.
Dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu kan heera keessatti tumame, dantaa walootiin akka bakka buufamu yaadi murtoo dhiyaachuus mirkaneeffanneerra.
Afaan hojii magaalichaa afaan hojii mootummaa federaalaa akka ta'us yaa'ii kanaan murtoon darbeera. Haa tahu malee gareen dhimma Afaan hojii irratti mari’ataa ture maal irratti akka wal tahan BBC’n odeeffannoo hin arganne.
Murtoon kun wayita dhiyaatu hirmaattonni naannoo Amaaraa murtaa'an waltajjii keessaa bahuu maddi keenya tokko himeera. " Boodarra gara waltajjii deebi'uudhaan komishanarootaan galateeffatamuu" himeera maddi keenya.
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa karaa miidyaa hawaasaa isaanii dhimma kana mirkaneessanii jiru.
"Mariin Biyyaalessaa guyyoota 37n darbaniif dhimmoota murteessoo biyyaalessaa irratti magaala Finfinneetti geggeeffamaa ture guyyaa har'aa yaadota murtoo addaa addaa dhiyessee jira.
Yaadota murtoo dhiyaatan keessaa Finfinneen Magaala Guddoo Oromiyaa ta'uun beekkamtii Heera Mootummaa akka argatu yaada murtoo dhiyeesseera," jedhan Obbo Hayiluun maxxansa isaaniin.
Yaadni murtoo komishinii marii biyyaalessaarratti darbu seera ta'ee tumamuu dura qaamolee sadan mootummaa : seera baastuu, seera raawwachiiftuu fi seera hiiktuu, akkasuma paartilee siyaasaa fi dhaabbilee mantaatiif akka dhiyaatu komishiniin marii biyyaalessaa himee ture.
Kana irra dhaabbachuun heerri biyyichaas ni fooyya’a.
![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)

















