Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Burkina Faassoon hariiroo dippilomasii Faransaay waliin qabdu adda kutte
Mootummaan juntaa Burkinaa Faassoo, Paaris yeroo hundaa faallaa faayidaa biyyaalessa keenyaa hojjachaa jirti jechuun, hariiroo dippilomaasii Faransaay waliin qabu addaan kuteera.
Hariiroon Burkinaa Faassoo fi koloneeffattuu ishee duraanii (Faransaay) gidduu jiru erga Kaapiteen Ibraahiim Tiraa'ooreen bara 2022 fonqolcha mootummaatiin aangoo qabatee fi imaammata warra Lixaa mormu hordofu eegalee as daran hammaateera.
Minstirri Kominikeeshinii Piingidwende Jiilbeert Weedraa'oogoo ibsa televizhinii irratti jimaata darbe kennaniin, Faransaay biyya isaanii irratti "sochii mormii walirraa hin citne" gaggeessuun himatan.
Akkasumas "abjuu koloneeffannaa haaraa" qabdi jechuun yakkaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Faransaay immoo murtee kana " murtee diinummaa fi bu'uura hin qabne" jechuun busheesse.
"Gocha yaaddessaa mootummaan Burkinaa Faassoo dhiphachaa jiraachuu jiru agarsiisus" jedheera.
Faransaay lammiileen ishee Burkinaa Faassoo jiraatan "of eeggannoo olaanaa akka taasisanis" akeekkachiifte.
Burkinaq Faassoon, akkuma biyya ollaa ishee Maalii, waggoota kurnaniif finxaalessummaa Islaamummaatiin qoramaa jirti.
Loltoonni Faransaay achitti bobba'uun duula finxaaleyyii kanneen irratti godhamurratti tumsa gochaa turan.
Kaapteen Tiraa'oreen akkuma aangootti dhufeen loltoota Faransaay ari'e. Mootummaan isaa Faransaay "ajandaa dhokataa" qabdi jechuun michummaa isaa gara Raashiyaa fi Chaayinaa deeffate.
Miilanammoo mootummaan Burkinaa Faassoo hariiroon biyyoota lamaanii wal kabajuurratti hundaaye adda cituu hime.
Faransaay "networkii diigumsaa deeggarti, akeeka Burkina Faasoo "waltajjii idil-addunyaarraa qoollessuu" qabdi jedhee himate.
Ibsichi dabaluudhaan, murteen hariiroo addaan kutuu kun "dhimma hariiroo dhaabbilee qofa kan ilaallatudha malee, "michummaa seenaa, namoomaa, aadaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa uummata Burkinaa Faasoo fi Faransaay walitti hidhu gonkumaa gaaffii keessa kan galchu miti" jedheera.
Juntaan Burkinaa Faasoo bara 2024tti dimookraasii bakkatti deebisuuf waadaa seenee ture, garuu waadaa isaan nyaachuun Amajjii dabre paartilee siyaasaa ni diige.
Amajjii 2025 immoo biyyoota ollaa ishee waraanaan bulan Maalii fi Niijer waliin ta'uun garee biyyoota Afrikaa Lixaa, Ecowas, keessaa bahanii garee haaraa The Alliance of the Sahel States jedhamu hundeeffatan.
Faransaay Amajjii 2023 kaasee Burkinaa Faasoo keessaa ambaasaaddara hin qabdu.
Bara 2024 keessa biyyattii dippiloomaatota Faransaay sadi "sochii diigumsaarratti hirmaatan" jechuun ariitee turte. Faransaay garuu haaltee jirti.