Olii Taammiraat : Nama muuziqaan Haacaaluu pilaatfoormii 150 oliin addunyaarratti akka dhaggeeffatamu gochuu duuba jiruun walbaraa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Hojiiwwan muuziqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaa qulqullinaa fi sadarkaa isaanii eeggatanii tooftaalee tamsaasaa bebbeekamoo akka Itunes, Amazon, apple music, spotify fi kaanirra kan bahan bara 2021 keessa ture.

Hojiiwwan muuziqaa isaa kanneen walitti qabuun bifa qindaa'een guutuu addunyaatti akka dhagahaman kan godhame yaadannoo Haacaaluu waggaa sababeeffachuun hojii hojjetameen ture.

Aalbamni sadaffaan Art. Haacaaluu Hundeessaa mata-duree ''Maal Mallisaa'' jedhu kan sirboota 14 of keessaa qabus yaadannoodhuma isaa waggaa tokkoffaa sababeeffachuun yeroos uummata bira gahe.

Walleewwan isaa kunneen istuudiyoowwan itti hojjechaa ture, maatii isaa, akkasumas hiriyoota isaa biraa walitti qabamuun kanneen sagalee qofa turan giraafiksiin dalagameefii vizhuwaal (viidiyootiin) karaa ta'een YouTube haaraa maqaa Haacaaluun banamerratti kan tamsaafamanis baruma kana keessa ture.

Baruma san keessa hojiiwwan Haacaaluu pilaatfoormiiwwan bebbeekamoo muuziqaa addunyaa Itunes, Amazon music, apple music, spotify dabalatee iddoowwanmuuziqaa itti dhaggeeffatan 150 caalanirratti gadhiifamuu BBC'n odeeffateera.

Dabalataanis baruma san keessa muuziqaawwan Haacaaluu torbaan tokkoof walitti aansee gabatee muuziqaawwan hedduu dhaggeeffatamanii Biilboordiirratti dursaa turan.

Ogeessi hojiiwwan Aartist Haacaaluu pilaatfoormiiwwan kanneen irratti akka bahan gumaacha olaanaa godhe BBC'n dubbiseera.

'Yeroo isa dhabnu sagaleen sun waan nu jalaa hatame natti fakkaatee ture, ammoo akkasuma'

Olii Taammiraat Olii jedhama. Hiriyaa Artist Haacaaluu Hundeessaati. Magaalaa tokkotti waliin dhalatanii akka guddatan hima. Ogeessa ICT yoo ta'uu, giraafik diizaayaraa fi ogummaa websaayitii tolchuu qaba.

Faawundeeshinii Haacaaluuf websaayitii hojjeteera. Akkanumas, websaayitii dorgommiin Badhaasa Haacaaluu (Hachalu Award) irratti qophaawu kan qopheessellee nama kana.

Hundaa ol nama muuziqaawwan Haacaaluu tooftaalee tamsaasaa muuziqaawwan addunyaa guutuutti irratti dhaggeeffatamaniratti sirboonni Haacaaluu akka bahanii fi mirga abbummaa (copy right) hojiiwwan isaa akka eegaman nama tolchedha.

Keessumaa, aalbama isaa xumuraa "Maal Mallisaa" gara dijitaalawaatti jijjiiranii uummataan gahuurratti hojjechaa turuu hima Oliin.

Hojii kanaaf maaltu akka isa kakaases akkanaan BBC'tti dubbata:

"Haacaaluun nama muuziqaa qofa hin turre, inni sagalee uummataa ture, sirboonni isaa seenaa baatu, madaa keenya, abdii keenyas turani, yeroo isa dhabnu sagaleen sun waan nu jalaa hatame natti fakkaatee ture, ammoo akkasuma.

Hariiroon, hiriyummaan isa waliin qabu hojiin isaa akka badee hin hafne gahee ogummaa kiyyaan, waanin beekuun sagalee isaa preserve gochuun (kunuunsuu) barbaachisaa dha jedhee waan itti amaneef hojii kana fudhadhe."

Obbo Oliin itti dabaluun sababa hojiiwwan Art. Haacaaluu kana itti dhimmuun akka ol kaa'uuf murteessan dubbata. "Dijital home (tooftaa dijtaalaa) ijaarree akka sagaleen isaa bara baraan jiraatu hojii guddaa hojjechuu dandeenya kan jedhu yaadnee haadha warraa isaa, maatii fi hiriyoota isaa faana waan baay'ee keessa deddeebinee hojjenne."

Carraaqqii kanaan sirboonni Haacaaluu biyya keessatti CD qofarratti osoo hin daanga'in addunyaa guutuutti plaatfoormiwwan muuziqaa 150 irratti akka dhagahamu gochuu keessatti gahee guddaa taphachuun akka milkaawan himeera.

"Pilaatfoormii 150 ol kan ta'ani. Isaan keessaa namni sirriitti kan beeku itunes, spotify, Amazon music, apple music dabalatee reediyoowwanii fi plaatfoormiiwwan muuziqaa adda addaa keessatti sagaleen isaa akka dhagahamu gooneerra jedha.

Kun immoo sirboonni Haacaaluu guyyoota torba walitti aananiif addunyaa gubbaatti sadarkaa duraatti sirba dhaggeeffataman godheera.

"Guyyoota 7 walitti aananiif top charts album ta'ee turu akka gooneerra."

'Hojii saffisaa fi qulqullina olaanaan hojjetamedha'

Hojiin kun ji'oota muraasa keessatti, garuu ammoo, qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggatee hojii hojjetame ta'uu yaadata Oliin.

"Yeroo hagamii akka fixe hin yaadadhu. Saffisa olaanaan hojjetame. ...hojiiwwan isaa iyyaafachuun tureera. Cover(fuullee) hojii aartii sanaa qopheessuun ni ture, sagalee isaa mana muuziqaatii final copy (maxxansa xumuraa) argachuunsaa, aappilood gochuu keessatti, lyrics (jechoota wallee) sana achirratti fe'uu, barreessuu, sirreessuu, hojii hedduu baay'ee muddaa ture. Ji'oota sadi fixe natti fakkaata."

Amansiisaa Ifaa sirboota isaa walitti qabuun akka hojiin maastaringii hojjetame qooda guddaa bahe jedha Oliin.

"Maatiisaa [Haacaaluu], Kiyyuu (Haadha warraa Haacaaluu), Amansiisaa fi hiriyoonni isaa artiistonni hojiiwwan isaa sassaabuu keessatti addatti immoo Amansiisaan hojii kana osoo sassaabuu baatee salphaa hin turre."

Boonii Nurgii, Yooseef Fiqree namoonn jedhaman tumsa jabaa warra hojii kana keessatti gumaachan jedheera.

"Beeksisa Award waggaa jalqabaa keessatti giraafiksii qophaaye keessatti asitti hojjetame. Namoonni nu gargaaran hedduu galateeffachuun barbaada.

Gaheen kiyya Dijital home (online presence) isaarratti hojii hojjechuu ture" jedha Olii Taammiraat. "

Hojiin kun yaadannoon waggaa tokkoffaaf ji'ootni yoo hafan eegalamee guyyicharratti ammoo qaqqabuu danda'eera.

Akka dhiphina yeroo keessatti hojjetamee osoo hin taane garuu hojii qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate ta'ee akka bahe hima.

"Albama "Maal Mallisaa" ammallee deebitee osoo laaltee qulqullinaa fi sadarkaa olaanaan dalagame. Asitti hiriyaan koo Biraas Yooseef kanarratti gargaarsa naa kenne."

Adeemsa muuziqaawwan Haacaaluu pilaatfoormiiwwan muuziqaa bebbeekamoorra baasuu bu'aa bayii baay'ellee kan hin qabne ta'us koppii raayit (mirga abbummaa) isaanii kabajchiisuuf murteessaa ta'uu eera.

"Plaatfoormiiwwan sanneen keessatti galmaa'anii waan isaan barbaadan guutuu dha. Lammaffaa waliigaltee abbummaa (copy right deal) wal qabatee namni bakka bu'u jira.

Kan biraa yoo waliigaltee gootu sirboonni asiin dura namoota dhuunfaan pilaatfoormii adda addaarratti maxxanfaman namni tokko dhuunfaan deemee mirga abbummaa (copy right ownership) akka nuuf kabajchiisan goone.

Bakka barbaaddetti muuziqaa Haacaaluu yoo dhagahu istiriimiingii dhagahurraa akka bu'aa argamu maatii fi hojiiwwan isaaf ooluu qabuuf mirga koppii raayitiis akkasiin waliigalle."

'Hojiin sun gabaa addunyaarratti guyyaa 7f dursee turuun seena-qabeessa'

Hojiiwwan muuziqaa Haacaaluu akkuma Itunes Apple music, Amazon, spotify fi kaan irratti maxxanfamaniin torbaan tokkoof welleewwan akka "Eessa Jirtaa", "Maal Mallisaa'' dhageettii baay'ee argachuun Biilboordii muuziqaa addunyaa dursaa turan.

Sun akka seenaatti waan yaadatamu dha jedha Oliin.

"Artiistii Itoophiyaa keessaa kan itunes, Apple music.. irratti hojiin isaa guyyaa torbaaf biilboord muuziqaan durse jira jedhee hin amanu…hojiin sun gabaaa addunyaa guutuurratti raabsamee guyyaa 7f tokkoffaa ta'ee akka turu gochuu milkaa'ina namoota hedduuti.

Kun akka seenaatti bara barabaraan waan yaadatamuu danda'uu dha. Hojii qindoominaan namoota baay'eeti."

Hojiin kun akka hojii kiyya qofaa jedhee ummanni yaadu hin fedhu kan jedhe Oliin. sagaleen akka bara baraan yaadatamu, dhaggeeffatamu gochuu keessatti namoonni gaheen isaanii hin himamne hedduutu jiranis dubbata.

Hojiin Haacaaluu akka addunyaarratti dhaggeeffatamu gahee kiyya xiqqaa bahuuf carraadhuma argachuunuu akka nama carroomettin of ilaala. Galateeffachuun fedhas jedha.

"Haacaaluun waa hunda nuu kenne. Kanaaf addunyaan sagalee isaa barabaraan osoo adda hin kunne akka dhageeffatamu gochuu qabna. Sirba (sagalee) kana ni beekna jedhee namni akka bira hin tarre kadhadha."

Artist Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 bara 2020 magaala Finfinnee keessatti erga ajjeefame.