Tiraamp ammas Iraan haleeluuf yoo dhaadatu, Iraan deebii kennuuf qophii jette

Madda suuraa, Reuters
Iraan fi US deebi'anii haleellaa walirratti raawwachuu wayita eegalanitti Pirezidant Doonaald Tiraamp jechoota hin taaneen Iraan arrabse.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ''dhumateeraaf'' kan jedhe Tiraamp, hooggantoonni Iraan ''saaphaphuu, simbira godoo simbirroota kaanii keessatti killee buustu (cuckoo)'' jechuun arrabse.
Walga'ii NATO irratti hirmaachuuf Turkii kan jiru Tiraamp, ammas akkuma Kibxata galgalaa Iraan irratti ''haleellaa hamaa'' raawwachuuf akka jiru gaazexeessitootatti hime.
Pirezidantiin Ameerikaa kun Iraan waliigaltee walhubannoo waraana kana dhaabuuf Waxabajjii darbe mallattaa'e sarbiteetti jechuun himate.
Hooggantoonni Iraan ''kijibdoota, hattoota,'' jechuun arrabse.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii akkas jechuun X irratti Tiraampiif deebii barreesse:
''Nuti arrabsoo badaa, naamusa hamaa jecha hin taaneen hin deebisnu. Garuu sodaa tokko malee gootummaadhaan, gochaan deebii kennina.''
US fi Iraan erga Waxabajjii 17 waliigaltee wal hubannoo waraana kana dhaabuuf hedame mallatteessisanii haleellaan Kibxata halkan Roobiitti bari'u walirratti raawwatan isa hamaadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee qabxii 14 of keessaa qabu sana keessatti dhukaasi guyyoota 60f akka dhaabbatu eerameera.
Yeroo dhukaasi dhaabbatu kana keessatti Ulaan Hormuuz banamuun dooniiwwan nagaadhaan keessa akka darban fi US qoqqobbii Iraan keessee turte akka kaastu akka qabxii ijootti taa'eera.
Tiraamp osoo kora NATO irra jiruu wayita waa'ee waliigaltee kanaa gaafatamu ''dhumateeraaf,'' jedhe.
''Kana booda jara waliin mari'achuu hin barbaadu. Isaan saaphaphuu...nagaa hin qaban, ni dhukkubsatu natti fakkaata. Namoota balaafamoo fi akkaan hammeenya qabaniidha,'' jechuun jibba Iraaniif qabu ibse Tiraamp.
''Nuti waliigaltee uumna, ni mari'anna, isaan ammoo miidiyaatti ba'anii homaa dhimma kanarratti hin dubbanne jedhu. Rakkoo wayii qabu. Simbira godoo simbirroota kaaniitti hanqaaqxu (cuckoo) dha. Gama kiyyaan, obba'eera.''
Tiraamp kora NATO dura dhimma marii Iraan fi US irratti wayita yaada kennu ''kanneen US bakka bu'an yoo barbaadan marii itti fufuu danda'u. Garuu akkanumaan yeroo gubuu ta'a,'' jedhee ture.
Sana booda ammoo wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennu waraanni Iraan deebi'ee akka hin eegallee fi ''wanti mudate [haleellaan eegale] hatattamaan akka dhaabbachuu danda'u,'' dubbate.
Yaada Tiraamp kanaaf aanga'oonni olaanoo Iraan hedduun deebii kennaniiru.
Gorsaa olaanaa hoogganaa olaanaa Iraan kan ta'e Alii Akbar Velayati haleellaa Ameerikaan raawwattuuf ''hatattamaan akka deebiin kennamu,'' ibse.
Ministirri Dhimma Alaa Itti Aanaa Iraan Kazem Garibabadi ''yaadi Tiraamp kennaa jiru jabinasaa osoo hin kufaatii imaammata isaa mul'isa. Imaammatisaa kan tarkaanfii humnaa, qoqqobbii fi doorsisa irratti hundaa'e waggootaaf turus amma kufaatii keessa galuu mul'iseera,'' jedhe.
''Imaammati kun hunduu Iraaniin hin jilbeenfachiisne,'' jedhe qondaalli Iraan kun.
Iraan bakka bu'uun kanneen US waliin mari'atan keessaa kan ta'e dubbi himaan paarlaamaa Iraan Mohammad Bagher Galibaaf, US qoqqobbii boba'aa Iraan irraa kaastee turte deebisuu fi dhimmoota kaan, kanneen akka haleellaa kibba Iraanitti raawwachuu fi haala Iraan Ulaa Hormuuz irratti mijeessaa jirtu gufachiisuun waliigaltee cabsiteetti jechuun himate.
''Barri doorsisaa fi humnaan cabsuuf yaaluu darbeera. Eessaanuu nama hin ga'u. Nuti of duuba hin deebinu,'' jechuun haleellaan US homaa akka hin buusne ibse.
Ajaji Giddugalaa US- Centcom, Kibxata halkan kan haleellaa raawwateef dooniiwwan Ulaa Hormuuz irratti rukutaman haaloo ba'uuf akka ta'e ibse.
Miidiyaan mootummaa Iraan humni waraanaa US magaalota handaara galaanaa ta'an, kanneen naannawa Hormuuz jiran, Bandar Abbas fi Busher keessatti haleellaa raawwachuu gabaasaniiru.
Ameerikaan qoqqobbii boba'aa Iraan irraa kaastee turtes bakkatti deebisteetti.
Iraan tarkaanfii US kana haaloo ba'uuf akkuma duraan gochaa turte buufataalee waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessa jiran irratti haleellaa raawwatteetti.
Centcom Roobii akka ibsetti dooniiwwan waraanaa US 20 ta'an galaana Baha Giddugaleessaa irratti ramadamuun oppireeshinii gaggeessaa jiru.
US fi Iraan erga Waxabajjii 17, 2026 waliigaltee walhubannoo mallatteessanii yeroo sadi wal haleelanii beeku.
Wacabajjii 26 Iraan Ulaa Hormuuz irratti doonii misaa'elaan haleelte sababa jedhuun US haleellaa hedduun Iraan irratti raawwatte.
Guyyaa itti aanu, Waxabajji 27 ammas Iraan dooniiwwan haleelte maqaa jedhuun US haleellaa hedduu Iraan irratti raawwatte.
Booda garuu biyyoonni lameen ji'uma sana keessa walitti dhukaasuu dhaaban.












