KALLATTIIN, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan waliin ture 'dhumateeraaf' - Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan gidduu jiru ''akkan yaadutti dhumateeraaf'' jedhan.

Guduunfaa

  • Ulaa Hormuuz irratti dooniiwwan haleelamuu booda US fi Iraan wal haleelan
  • US bidiruwwan Iraan 60 dabalatee qiyyaafannoowwan 80 caalan haleeluu himte
  • Iraan ammoo wiirtuuwwan waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo ba'uu himte
  • Biyyoonni lameen waliigaltee walhubannoo ji'a darbe irra ga'an booda marii eegalan sababa sirna awwaalchaa hoogganaa duraanii Iraan torbee tokkoof adda kutanii jiru
  • Haleellaan amma eegalame kun waliigaltee kana faallessa jechuun biyyoonni lameenuu himata dhiheessaa jiru
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook fi TikTok keenyaa argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% akka hin caalle murtaa'e

    -

    Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

    Ibsa waa'ee suuraa, Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% akka hin caalle murtaawe

    Magaalaa Finfinneetti daballiin kiraa manaa 11.5% murtaa'uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

    Haaromsi galmee waliigaltees kiraa manaas har'a Adoolessa 01, 2018 A.L.I kaasee gaggeeffama jedha waajjirri kantiibaa magaalichaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaa isaa maxxanseen.

    "Magaalaa Finfinnee dhiibbaa jireenyaa lammiileerraa hir'isuu fi gochaawwan seeraan alaa gabaa kiraa manaa keessatti mul'atan waaraadhaan ittisuuf tarkaanfii kana fudhachuu beeksise.

    Akka labsii to'annoo kiraa manaa kanaan dura baheetti, daballiin kiraa manaa haqa qabeessi waggaatti11.5% ta'ee kan bara bajataa 2019 A.L.I'tti hojiirra akka ragga'uu isaa Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii beeksiseera.

    Kanas hordofuun manneen jireenyaa dhuunfaa magaalattii guutuu keessatti argaman haaromsi galmee waliigaltee haaraa abbaa manaa fi kireeffataa har'a Adoolessa 01 bara 2018 (ALH) irraa jalqabee waajjira bulchiinsa manneenii kiflile magaalaa hundatti ragaadhaan hojiirra ooluu jalqaba.

    Murteen sirreeffama gatii kun tasuma kan murtaa'e osoo hin taane, magaalattiitti i qorannoo saayinsawaa bal'aa gaggeessuun dandeettii kaffaltii qabatamaa jiraattotaa tilmaama keessa kan galche ta'uus ni eera ibsi kun.

    "Hojmaanni kunis gama tokkoon kireessitoota galii haqa qabeessa waqtii fi haala diinagdee tilmaama keessa galche akka argatan kan dandeessisu yoo ta'u; gama biraatiin ammoo kireeffattonni kiraa galii isaanii waliin deemu kaffaluun yaaddoo jalaa oolanii jireenya tasgabbaa'aa akka jiraatan taasisa."

    Murteen kun dhibbaa qaalayiinsa jireenya magaalattii keessa jiru 'sadarkaa ol'aanaadhan hir'isuu' qaba jedha.

    Hariiroo kireessaa fi kireeffataa dawoo seeraan hogganuufis ni fayyada jedheera.

  2. MM Abiy 'waliin utuu hojjannee..' jechuun kan gaafatan Dr. Dassaalanyi Chaannee siyaasa keessa bahe jedhe

    Dr. Dassaalanyi Chaanne

    Madda suuraa, HOPR

    Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Dassaalanyi Chaanne

    Kaleessssa MM Abiyyi Ahimad mootumaan isaanii paartilee mormitootaa waliin hojjachuu akka barbaadu eeruun Dr. Dassaalanyi Chaannees mootummaa waliin akka hojjetu waamicha taasisaniifi ture. Haa ta’u malee, Dr. Dassaalanyi kana booda siyaasaa keessa of fo'eeraa jedhan

    Qondaalli siyaasaa kun waggoota shanan darban paarlamaa keessatti paartii ABN (Amhara National Movement) bakka bu’anii tajaajilaa turan.

    Murtii isaanii kanas walga’ii paarlamaa bara hojii xumuraa isaa booda miidiyaa hawaasummaa irratti ibsan.

    Dr. Dassaalanyi waggoota shanan mana maree keessatti dabarsan “ulfaataa fi qormaata kan guute” jechuun ibsan.

    Waggoota saddeet darban keessatti paartii hundeessuu irraa eegalee hoogganaa ta’uun, akkasumas miseensa mana maree ta’uun, “namoota sagalee hin qabneef sagalee ta’uun koo na gammachiisa” jedhan.

    Kanaan durallee filannoo marsaa 7ffaa keessatti akka hin hirmaanne beeksisanii turan.

    Filannoo mootummaa darbe keessatti paartiin Badhaadhinaa bakka filannoo muraasa irratti kaadhimamaa hin dhiyeessine. Kunis paartileen mormitootaa bakka mootummaa keessatti bakka akka argatan jedhuun taasifame.

    Walga’ii Paarlaamaa kaleessaa irratti Dr. Abiy paartiin isaanii bakka harka 15 ta'utti kaadhimamaa akka hin dhiyeessine fi kunis paartilee mormitootaf carraa kennuuf ta'uu eeran.

    Dr. Dassaalanyi duraan filannoon bilisaa, nagaa fi haqaa akka hin jeerre ibsuun dorgomuu akka hin barbannee ibsan.

    Kana booda ogummaa isaanii fayyadamuun biyya isaanii tajaajiluu, hojii dhuunfaa jalqabuu fi yeroo isaanii maatii isaanii waliin dabarsuuf karoora akka qaban ibsan.

  3. Tiraamp, Ameerikaan 'galgala kana Iraan akka hin taanetti haleelti' jechuun dhaadate

    Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pirezidanti Donaald Tiraamp kora NATO irratti Pirezidantii Yukireen Voloodimiir Zileenskii waliin dhaabbachuun miiidiyaaf ibsa kennaa jiru.

    Waa'ee Iraan gaafatamanii, Tiraamp 'halkan dabre akka malee isaaan halleellee jirra, jabeessinee,' jedhe.

    Itti fufuunis, US 'tarii galgala kanas akka hin taanetti isaan haleelti' jedhe.

    Tiraamp dabalataan: 'Akeekkachiisa xiqqoo isaaniif kenneera, halkan kanas jabeesinee isaan haleella,' jedhe.

    Tiraamp, dhimma Iraanitti "akka hin gammadin" ibsee, ejjennoo Ameerikaa kan Tehraan nukilara akka hin hidhanne ittisu irratti qabdu irra deebi'ee mirkaneesse.

    "Wanti ani hunda caalaa irratti xiyyeeffadhu mootummaa jijjiiruu miti," kan jedhe Tiraamp, US sagantaa nukilaraa biyyattii dhaabsisuuf "jijjiirama guddaa" gochuu ishee ibseera.

    Tiraamp, Iraan kana booda Giddu-gala Bahaatti "gooluu akka hin dandeenyes dubbate.

    Hoggansa Iraan irra deebiin Iraan "maraattuuwwan" jedheera.

    Ameerikaa fi Iraan deebi'anii waliigaluusaanii akka shakku hime.

    "Dhukaasa dhaabuun dhumateera" jedhe. Kanaanis waraanni guutuun US fi Iraan gidduutti deebi'ee ka'uu akka danda'u akeeke.

    Prezidantichi waraanni jalqabamuu isaa kallattiidhaan hin dubbanne. Garuu Iraan waliigaltee "guyyaa guyyaadhaan" cabsiteetti jechuun himata.

    Iraan "Sobduu dha, waliin dhooftuu dha" jedheen.

  4. 'Hormuz nutu bulcha, kanaan ala filannoon biraa hin jiru' Iraan

    Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaa Hormuuz

    Iraan 'sirna haaraa ulaa Hormuz bulchuuf baafatte irrattii beekamtiin akka kennamuuf gaafatte.

    Af-yaa'iin Mana Maree Iraan Mohammad Bagher Galibaf Ameerikaan waliigaltee dhukaasaa dhaabuu cabsuu himatte.

    Ameerikaan waligaltee kana ifatti cabsuun jijjiirama Iraan ulaa Hormuz keessatti taasifte kabajuu dhabuu mul'iftee jedhan qondaalli kun

    Miseensi mootummaa olaanaan Iraan Ebrahim Azizi gama isaanin "Tarsiimoon haaraan Iraan ulaa Hormuz keessatti diriirsite beekamuu qaba. Kanan ala filannoon biraa hin jiru." jedhan

    Ulaan Hormuz karaa doonii daldalaa addunyaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa ta'e keessaa tokko yoo ta'u dooniwaan akka ulaa kana qaxxaamuruu hin yaallee akeekkachiifni idiladdunyaa kennameera.

    Nageenyi naannawa ulaa kanaa waraanaatti deebi'uu Ameerikaa fi Iraanin ammas yaaddoo cimaa keessa galeera.

    Ameerikaan fi Iraan eenyutu karaa kana fayyadamuu danda'a, akkamitti akka fayyadaman irratti yaada garaagaraa qabu.

    Akka waliigaltee mootummaa Ameerikaa fi Iraan tibba darbe mallatteeffameetti, Iraan doonii daldalaa kaffaltii malee guyyoota 60f nagaan akka darbu gargaarsa guutuu ni taasisti jechuun walii galame.

    Garuu yeroo ammaa Iraan dooniin kamiyyuu ulaa Hormuz keessa darbu dura mootummaa Iraan waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban gaafatte.

  5. Hegseet haleellaa Hormuuz keessaa hordofee imala gara Israa'el haqe

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Giddu-galeessa Bahaatti muddamni hammaachaa dhufuu hordofee, Ministirri Ittisa US Piit Hegseet imala har'a gara Israa'elitti gochuuf ture akka haqe BBC'n mirkaneeffateera.

    Hegseet Prezdantii US Donaald Tiraamp wajjin kora NATO irratti hirmaachuuf Turkii ture.

    Karoorri daawwannaa Israa'el kun ifatti Ameerikaa ykn Israa'eliin hin ibsamne ture.

    Maddeen oduu garaagaraa akka gabaasanitti, daawwannaan kun yaaddoo Israa'el dhimma xiyyaarota waraanaa F35 gara Turkiitti gurguruu kan ilaallatuu fi kaan dabalata.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuu gurgurtaan xiyyaarota waraanaa F35 dogoggora akka ta'e dubbataniiru.

    Israa'elis ta'e Ameerikaan haqamuu imala Heegset kana irratti ifatti yaada hin kennine.

    Pirezdant Donaald Tiraamp Kibxata darbe, qoqqobbii Tarkiin misaayeloota Raashiyaa akka hin binne US irra keesse kaasuuf akka jiran dubbatee ture.

    Asumaanis biyya michuu NATO taatee tanaaf F-35 gurguruuf Ameerikaan fedhii akka qabdu agarsiiseera Tiraamp.

    Tarkaanfiin kun immoo Kongireesii keessatti mormii jabaan isa quunnamuu danda’a jedhameera.

  6. Diraamaa tapha Waancaa Addunyaa Masirii fi Arjantiinaa

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Yeroo yeroon idilee taphaa xumuramuuf daqiiqaan 12 hafu Masriin seenaa Waancaa Addunyaa keessatti sadarkaa gahanii hin beeknerra gahuu amananii ture.

  7. FIFA'n himannaa arrabsoo sanyummaa IShowSpeed irratti raawwatame jedhamu qorachuu jalqabu ibse.

    Ishowspeed

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ishowspeed

    Federeeshiniin kubbaa miilaa addunyaa, FIFA'n, dargaggeessa Ameerikaa miidiyaa hawaasaa irratti hojjatu Daaren Jaason Waatkins ykn maqaa IShowSpeedin beekamu irratti arrabsoo sanyummaa raawwatame jedhamu qorachuu jalqabuusaa beeksise.

    Taateen kun torban darbe yeroo taphni Arjentiinaa fi Keep Vardee gidduutti taphatamee turetti raawwate.

    IShowSpeed YouTube irratti hordoftoota miliyoona 57, TikTok irrattis miliyoona 53 qaba. Yeroo ammaa taphoota Waancaa Addunyaa Ameerikaa keessatti gaggeeffaman kallattiin tamsaasaa jira.

    Tapha Arjentiinaan Keep Vardeen 3–2n injifatte irratti uffata garee Cape Verde uffatee istaadiyeemicha keessa ture. Achis deeggara Arjentiinaa tokko waliin mormii keessa galan.

    Namni kun afaan Ispeeniin 'deemi daggala bineensotaa keessatti boo'i ("go cry to the zoo.")jechuun arrabsoo sanyummaa fayyadame jechuun himatame.

    Wal mormiin isaanii sun kallattiin miidiyaa hawaasaarratti tamsa'aa kan ture yoo ta'u, sana booda dubbichi bal'inaan mormii kaaseera.

    Kana irratti hundaa'uun FIFA ibsa baaseen taatee kana qorannoo saffisaa jalqabuusaa beeksise.

    FIFA'n ibsa isaa keessatti Waancaan Addunyaa tokkummaa, danoomaa fi wal kabajuu jajjabeessuuf qophaa'e malee bifa gogaatiin qoodinsi akka umaamuuf miti jechuun ibse.

    Himannaan IShowSpeed irratti dhiyaate kun kan dhaga'ame taphataan Faransaay Kylian Mbappé miseensa mana maree Paaraaguway tokko irratti himannaa walfakkaataa erga dhiyeesse booda ture.

  8. Ejensiin galaanarraa UN dooniiwwan imala Ulaa Hormuuz keessaa akka dhaaban gaafate

    -

    Madda suuraa, Anadolu/Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dooniiwwan imala Ulaa Hormuuz keessaa akka dhaaban gaafataman

    Imala galaanarraa kan to'atu dursaan Dhaabbata Galaanarraa Idil-addunyaa (IMO) haleellaa dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessaarratti guyyoota lamaan darban raawwatame balaaleffate. Dooniiwwan ulaa kana irra imaluu akka dhaabanis gaafate.

    "Haleellaan maal na dhibdee kunneen irra deebiin imaltoota galaanarraa nagaan socho'an balaarra buuse" jedhan Barreessaa Olaanaan IMO Arseeniyoo Doominguu'ez.

    "Hanga nageenyummaan tuuta imaltootaa hin mirkanoofnetti, alaabaa biyyootaa, abbootiin qabeenyaa doonii, hojjettoonni galaanarraa fi aangawoonni dhimmi kun isaanii ilaallatu imala dhaabuun saaxilamummaa ulaa galaanaa kanarratti mudatu akka hambisanin waamicha godha" jedhan.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu US fi Iraan hordofee taankaroota boba'aa dabalatee imalli dooniiwwanii ulaa kana keessaa itti fufee ture.

    Hanga Adoolessa 05, 2026 Ulaa Hormuz keessaa dooniiwwan 211 cehuu xiinxalli imala dooniiwwanii Lloyd’s ni agarsiisa. Ammallee garuu sochii waraanaan dura turee gadi. Waraanaan dura dhaqaa gala ulaa kana keessa guyyatti dooniwwan 138tu ceha ture.

    Gabaasni dabalataa Dursaa IMO Arseeniyoo Doominguu'ez irraa bahe akka ibsutti, imaltoonni 6,000 dooniiwwan dhibbaan lakkaawaman Ulaa Hormuuz keessatti danqamanii jiru.

    Haleellaan guyyoota dhiyoo as dooniiwwan irratti raawwatame imaltootarratti "sodaa, shakkii fi dhiibbaa qorqalbii" uumeera.

    Imaltoonnio 6,000 fi dooniiwwan sababa kanaaf ooniiwwan Galoogalaana Pershiyaa keessaa nagaan bahuuf rakkatan.

    Ji'a Bitootessaa keessa, osoo Ameerikaa fi Iraan waliigaltee karaan galaanaa kun akka banamu gargaaru hin mallatteessin dura, Doomingu'eez akka jedhanitti, daldaltoonni 20,000 ta'an danqamanii turan.

    "Haalli kun utuu hin turin saffisaan akka tasgabbaa'uu" fi dooniiwwan danqaman nagaadhaan akka ba'an akka heyyamamuuf qaamolee hundaaf waamicha dhiyeessan.

  9. Tiraamp waa'ee maree Iraan kanaan dura maal jedhe?

    Yeroo muraasa dura Donaaldi Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu ''xumurameera'' jechuun garuu gareen marii Teehraan waliin haasaa akka itti fufu hime.

    Tiraamp waa'ee waliigaltee kanaa waan goolabee dubbachuun haaraa miti- kanaan dura waan inni jedhe kunooti:

    • Ebla 8- Ameerikaa fi Iraan dhukaasa dhaabuu torbee lamaaf waliigaltee mallatteessaniiru
    • Ebla 21 - Tiraamp dhukaasa dhaabuu torbee lamaa dheeressuu hin barbaadu jedhee ture yeroo dhihootti ''boombiin haleelii mala'' jedha. Guyyuma sana yeroo muraasa booda ammoo gaaffii Paakistaaniin haqamuu hime.
    • Caamsaa 8- ''Dhohinsi guddaan'' Iraan keessaa gaafa dhagahamu addunyaan akka waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka raawwate bara jedhe.
    • Caamsaa 11- Guyyootaan booda ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni ''deeggarsa lubbuu baraaruun dhaabbatee jira,'' jedhe
    • Waxabajjii 11- Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu xumuramee akeekee Iraaniin ''akka malee'' haleella jechuun yeroo muraasa boodammoo haqe.
    • Waxabajjii 17- Waraana kana dhaabuuf Tiraamp waliigaltee jalqabaa mallatteessuun booda ''yoo amala hin qabaanne, boombiidhaan mataasaaniirra haleella,'' jedhe.
    • Adoolessa 8- Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ''xumurameera'' garuu marii'attoonni gama lamaa haasaa itti fufu jedhe
  10. Haleellaa US Iraan irratti raawwatte viidiyoon mul'ise

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Video captures strikes hitting Iran

    Yeroo Ameerikaan Iraan irratti haleellaa raawwattu viidiyoon mul'ise.

    Magaalaa Bandar Abbaas irratti yeroo haleellaan raawwatu viidiyoon waraabame ibiddi samiitti yeroo laboobu mul'isa.

    Viidiyoo kana irratti US maalirratti akka qiyyaafatte ifa miti.

  11. Ameerikaan waliigaltee 'cabsite' jechuun aangawaan Iraan himatan

    Af yaa'ii mana maree Iraan

    Madda suuraa, Rex/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Af yaa'ii mana maree Iraan

    Dubbii himaan parlaamaa Iraan akkasumas Iraan bakka bu'anii kan mari'atan Mohaammad Gaalibaaf Ameerikaan Waliigaltee Hubannoo biyyoota lamaan gidduu mallattaa'e ''cabsite'' jedhanii himatan.

    Aangawaan kuni Yunaayitid Isteet dhimma Ulaa Hormuziin wal qabsiisee akkasumas Iraan irratti haleellaa raawwachuuf doorsisuu fi qoqqobbii boba'aa deebisanii kaa'uuf dhaadatte jedhan.

    Gama Kibba Iraan haleellaan dabalataa raawwachuufi Israa'elis kibba Libaanositti ''weerara'' itti fufte jechuun himan.

    ''Barri doorsisaafi sodaachisoo darbeera. Eessayyuu nu hin geessu. Harka hin kenninu,'' jechuun X gubbaa kataban.

  12. Erga Tiraamp waliigalteen dhukaasaa dhaabuu 'dhumateef' jedhan booda gatiin boba'aa dabale

    Isa Pirezidant Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan ''dhumateef'' jedhan booda gatiin boba'aa dabale.

    Osoo Tiraamp dhimma kana ummataaf hin dubbatiin dura barmeelli tokko dolaara 76 ture.

    Eegasii dolaara 78 gahe, waan dabaluu hedu fakkaata.

  13. Amma nu gahe, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraan waliin ture 'dhumateeraaf' jedhan Tiraamp

    Pirezidant Donaald Tiraamp fi Barreessaa Olaanaa Nato Maark Ruut

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Donaald Tiraamp fi Barreessaa Olaanaa Nato Maark Ruut

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan ''akkan yaadutti dhumateeraaf'' jedhan.

    Yaa'ii Nato Turkiitti adeemaa jiruurratti akkana dubbatan.

    ''Isaan waliin ammaan achi walitti dhufuu hin fedhu, isaan waliin dhooftuudha.''

    ''Hangan beekutti, dhumateera,'' jechuun dabalan. ''Isaan waliin mari'achuun yeroo gubuudha, isaan sobdoota.''

    Biyyoota lamaanirraa jaarsoliin araaraa ''mari'achuu danda'u'' garuu ''yeroo isaanii gubaa jiru'' jedhan.

  14. Hogganoonni Iraan 'kaansarii' fi 'hamoodha' - Tiraamp

    Tiraamp gaafa Kibxataa yaa'ii Nato irratti hirmaachuuf Ankaaraa seenan

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp gaafa Kibxataa yaa'ii Nato irratti hirmaachuuf Ankaaraa seenan

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hogganoota Iraaniin cimsanii qeeqan.

    Yaa'ii Nato biyya Turkii keessatti adeemaa jiruun Tiraamp bulchiinsa Iraan amma jiruun ''ummata hamoo'' akkasumas bulchiinsicha ''maraatuu'' jechuun arrabsan.

    Dabaluunis, Tehiraan ammallee meeshaa niwukilaraa oomishuun hin eeyyamamuuf jechuun ejjennoo US irra deebiin ibsan.

    Haleellaa Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa akkasumas Kuweet fi Baahireen irratti raawwate akka fakkeenyaatti eeran.

    ''Kunneen ummata hamoo dhukkubsatoodha,'' jechuun itti fufan.

    ''Kunneen kaansariidha, waan gochuu qabdu beekta - kaansarii dursitee kuttee dhabamsiisuu qabda.''

  15. MM Abiy waa'ee TPLF, ABO maal jedhan?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    MM Abiy Raayyaa Ittisa Biyyaa ''ofii du'anii nu jiraachisan qeequun'' rakkoo guddaa tahuu himan.

    Magaala Finfinnee dabalatee Baahirdaarii fi Gondaritti boombii qabaa akka turan himan.

  16. Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti banan

    Dooniiwwan Ulaa Hormuuz irra dhaabbatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ajaji Giddugaleessaa US- Centcom, erga dooniiwwan sadi osoo boba'aa baatanii Ulaa Hormuuz keessa darbanii haleelamanii booda Iraan haleeluu ibse.

    US haleellaa kanaan qiyyaafannoowwan 80 caalan irratti xiyyeeffachuu himte.

    Bidiruuwwan Iraan Ulaa Hormuuz irratti bobbaaste 60 ta'an xiyyeeffannaa haleellaa US turan.

    Akkasumas wiirtuuwwan Iraan irraa misaa'ela dhukaastuu fi wiirtuun ajaja waraanaa biyyattii haleelamaniiru.

    Iraan ammoo buufataalee humna waraanaa US kanneen Bahreen fi Kuweet keessatti argaman haleeluun haaloo baate.

    Haala kanaan waliigalteen waraana Guraandhala 28 eegale dhaabsisa jedhamee yaadame yaaddoo keessa galeera.

  17. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii Roobii, Adoolessa 8, 2026 eegalleerra. Ji'a darbe dhukaasa dhaabuuf kan waliigalan US fi Iraan amma wal haleeluutti deebi'aniiru.

    Odeeffannoo kanarratti xiyyeeffachuun waan haaraa isin biraan geenya.

    Odeessaalee biyya keessaa fi biyyoota addunyaarra jiranis karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Nu hordofaa!