Tigraayitti 'kanneen humnaan waraanatti guuraman umrii 18 gadi'- Komishinii Mirga Namoomaa

Siidaa magaalaa Maqalee

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Duula dirqiin namoota waraanatti makuu Naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruun kanneen guuramaa jiran irra caalaan isaanii umriin isaanii waggaa 18 gadi ta'uu mirkaneeffachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Gochi "namoota humnaan waraanaaf filachuu ykn waraanaaf bobbaasuu" saamicha humna namaafi yakka waraanaa" jedhamee fudhatamuu akka danda'u akeekkachiiseera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kun Sambata kaleessaa, Adoolessa 4, 2026 ibsi baase, wayita viidiyoon dargaggootni yeroo waraanaaf guuramanii fi jiraattonni magaalaa Maqalee keessatti mormii dhageessisan jedhame miidiyaa hawaasaa irratti qoodamettidha.

Kaabineen naannichaa, Dura Taa'aa TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu, taatee ganda 05 keessatti raawwatame jedhame "ni qoranna" jechuu Televizhiniin Tigray gabaaseera.

Komishinichi ibsasaa Sambataa kanaan ''haala mirga namoomaa yaaddessaa'' Tigraay keessa jiru hordofaa jiraachuu beeksise.

Dabaluunis sochii waraanaa fi walitti bu'iinsaa naannoo ollaa keessatti adeemu yaaddessaa akka ta'e himeera.

Komishinichi balaa sanada murtii jedhamee labsii manni marii naannichaa raggaasee fi jiraattotni naannichaa dirqamaan waraanatti akka makaman gaafatu kanaa ibseera.

Labsiin kun torban darberraa eegalee hojiirra akka oolu kan godhame yoo ta'u Human Rights Watch dabalatee dhaabbilee mirgaaf dhaabatan biroon balaaleffatameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishinichi ibsa kaleessa baaseen saadichi bu'uura Waliigaltee Piritooriyaatiin "mana maree diigameen" akka ba'e hubachiiseera.

Tarkaanfiin kun waliigaltee waldhabdee deemaa jiru dhaabuuf godhame "kan cabsuu" fi heera biyyattii "kan faallessu" ta'uus ibseera.

Akka labsii kanaatti jiraattonni "waamicha loltummaa dirqamaa hin fudhanne maallaqaan adabamu, kanneen mormii dhageessisan hidhaa hanga waggaa 25 gahuun ni adabamu, seerri kun duubatti deebi'ee hojiirra oola.

Labsiin kun osoo hin ba'iin durallee gochi "dargaggoota, keessattuu daa'imman, buqqaatota, fi dhukkubsattoota fayyaa sammuu" hidhuu naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa akka ture "dargaggoota deebi'an, maatii isaanii, fi sanadoota adda addaa" irraa mirkaneessuu komishinichi himeera.

Barattoota, amantoota waldoota keessaa baasuun, akkasumas namoota biroo hedduu bakka gabaa, wiirtuuwwan dargaggootaa fi mana manarra naanna'uun waraanatti guuramuu gabaasichi eereera.

Komishinichi argannoo isaa ibseen "namoota humnaan guuraman irra caalaan isaanii umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'uu mirkaneessuu danda'eera" jedheera.

Mana barnootaa Abinatt jedhamurraa Kamisa darbe dargaggootni guuramuu maddi tokko BBCtti himeera.

Dirqamni waraanaaf guuramuu Tigraayitti raawwatamaa jiru yaaddoo uumuu isaatiin dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisuun naannolee Itoophiyaa birootti baqachaa kan jiran yoo ta'u kaan ammoo naannichuma keessatti dhokatanii akka jiran dubbatu.

Naannichatti sababa dargaggoonni waraanaaf adamsaman kanaaf sochiin danqamee akka jiru kan himan jiraattonni sodaan guddaan uumamuus himu.

Dirqiin waraanaaf adamsuu kana jiraattotni fi dhaabbileen mirga namoomaa balaaleffachaa kan jiran yoo ta'u, TPLF hojiin waraanaaf dargaggoota guuruu kun fedhiidhaan kan raawwatamu dha jechuun haaluu isaa Ejensiin Oduu Faransaay (AFP) gabaaseera.

Akka gabaasa AFP'tti, dirqiin waraanaaf guuruun kun dargaggoota sirna awwaalchaa irratti argaman dabalatee bakka hedduutti raawwatamaa jira, warri qabamanis dirqamaan gara kaampiiwwan leenjiitti geeffamu.

Gara Finfinneetti kan baqate namni waggaa 36 Kinfeen, Tigraay keessatti dirqamaan loltoota guuruun waan haaraa dhalate osoo hin taane, kanaan duras kan ture ta'uu isaa ibseera.

Waraana dhiyoo kana gaggeeffame irratti miseensonni TPLF mana irra deemuun, maatiin hundi yoo xiqqaate mucaa tokko waraanaaf kennuu fi dhiisuu isaa akka sakatta'an, kun ta'uu baannaan garuu maatiin akka dirqisiifaman gabaaseera.

Barattoota mana Barnootaa Abinnet jedhamuurraa kan fudhataman ilaalchisee ragaa qulqulluun jiraachuu baatus hanga 20 akka ta'aniifi kaampii geeffamuu maddi tokko BBCtti himaniiru.

Hoggonaan Kominikeeshinii bulchiinsa naannichaa Dr Mikaa'el Asgedom waa'ee kanaa gaafatamee odeeffannoo kun ''akka qulqullaa'u kallattiin kennameera'' jedhe.