Bu'aalee fayyaa jinjibilaa kudhan kunneen beektuu?

Madda suuraa, BBC GOOD FOOD
Jinjibilli maatii biqiltuu irdiifi kororimaa jalatti ramadamu dha.
Biqiltuun kuni jalqaba lafarratti kan marge Eeshiyaa kibbabahaa, Hindii fi Chaayinaa keessattii yoo tahu, naannoo kana dabalatee iddoowwan addunyaa garagaraattii nyaata mi'eessuu, foolii gaarii akka qabaatu gochuufi qorichummaan fayyada.
Itoophiyaatti qullubbii adii waliin lanqaxamee ittootti dabalama, yeroo garii ammoo shayeetti naqames dhugama.
Biyyoota kaanitti ammoo biskuutiin dhama gaarii akka kennuuf daakuu jinjibilaa waliin tolfama. Barootaaf ammoo qorichummaan tajaajilaa jira.
Qabiyyee jinjibilli reef hundeerraa buqqa'e qabu:
Jinjibilli giraamni afur:
• Pirootiinii giraamii 0.1
• Kaarboohaayidireetii giraamii 0.3
• Faayibarii giraamii 0.1
• Potaasiyeemii miili giraamii 17
Bu'aalee fayyaa jinjibilli qabu haa ilaallu:
1. Dhukkubbii qufaa wayyessuu
Qufaan akkuma si qabeen shayee jinjibila qabu dhuguun waan gaarii saayinsiin deeggaramu dha.
Akkaataa jinjibilli qaamni keenyi dafqu godhuun gubaa qaamaafi qufaa dabalatee dhukkuboota kan akka infuleenzaa wal'aanuuf oola.
Jinjibilli goggoge humna ittisa dhukkubaa qaamaa dabala, jinjibilli corqaan ammoo akka farra vaayirasiittis tajaajiluu danda'a.
2. Ol nama guuruufi dhukkubbii ganamaa hir'isa
Ol nama guuruu, lafaan nama maruu, hoqqisa, dafqa qorraa akkasumas dhukkubbii yeroo konkolaataan imalan namatti dhagahamu hir'isuuf jinjibilli akka gargaaru gabaasoti garagaraa ni himu.
Kunis namoota wal'aansa baqaqsanii hodhuu taasifatan, kiimooteeraappii yeroo fudhatan miira ol nama guuruun itti dhagahamu hir'isuuf akka gargaaru gabaasoti himanillee qorannoo dabalataa waan barbaadu dha.
Jinjibilli dubartoonni ulfaa dhukkubbii ganamaafi hoqqisaan rakkataniifis fala akka tahe himama garuu irra deddeebiin fayyadamuun dura ogeeyyii deesissummaan hojjetan waliin dubbachuun murteessaa dha.
3. Dhukkubbii hir'isuuf gogaa irratti fayyadamuu
Jinjibilli qabiyyeensaa gogaa namaa yoo miidhame akka akka-malee hin diimanneefi hin dhiitofneef gargaara.
Dhukkubbii buusaa qaama namaa miidhu artaraayitis jedhamu hir'isuufis fayyada.
Kana malees gogaa ofirratti jinjibila kaa'uun gubaa gogaa hir'isuu dabalataan dhiigni akka gaariitti akka socho'uuf dadammaqsa.
4. Qabiyyee qaamni akka hin dutne (hin dheekkamne) godhu
Hundeen jinjibilaa reef buqqaafame qabiyyee zayiitii si'aawaa jinjierool jedhamu qaba.
Qabiyyeen kuni qaamni keenya dhukkuba biraan miidhame akka hin dhiitofne, hin diimanneefi dhukkubbii jabaan hin dhagahamneef gargaara.
Namoonni dhukkuba artaraayitis jedhamu kan buusaa isaaniirratti dhukkubbiin akka itti dhagahamu godhu qaban jinjibila guyyuu fayyadamuun dhukkubbiifi sochiin isaanii akka wayyoo qabaatu godheeraafi.
5. Sirna nyaata bulleessuu qaamaa tasgabbeessuu

Madda suuraa, BBC GOOD FOOD
Jinjibilli sirni qaama keenyaa nyaata bulleessu keessaa qilleensa baasuun mar'immaan keenyi akka qabbanaa'u godha.
Nyaatni daakamuu dhiisuufi dhukkubbiin garaa jinjibilaan dafanii fayyu.
6. Fayyaa onnee
Hamma koleestiroolii to'achuu, yaa'a dhiigaa fooyyessuufi hojii onnee si'essuudhaan jinjibilli faayidaa guddaa qabaata.
7. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuu
Jinjibilli qaama namaafi horii keessatti dhiibbaa dhiigaa hir'isuun dabalataan guyyuu yoo sooratame dhukkuboota gosa kanaa biraa irraa nama eeguuf fayyada.
8. Sukkaara dhiiga keessaa hir'isuu
Qorannoon bara 2022tti taasifame akka agarsiisutti namoonni sukkaara gosa II qabaniifi jinjibila akka qorichaatti fudhatan sukkaarri qaama isaanii fi hamma HBA1c hir'ateetu argame- kunis dhiiga keessatti hamma gulukoosii guyyaa 90 keessatti jiru kan akeeku dha.
9. Fayyaa tiruu
Koompaawundoonni jinjarooliifi Shogaawools jedhaman kan jinjibila keessatti argaman qaamni akka hin madoofne gochuu dabalataan seelii miidhamaaafi summii alkooliirraa eegu. Kunimmoo fayyaa tiruus ni gargaara.
10. Dhukkubbii laguu
Guyyoota jalqabaa laguu jinjibila fudhachuun mallattoolee dhukkubbii laguu hir'isuu danda'a.
Akkuma qorichoota dhukkubbii laguu hir'isuuf fudhannu ayibuupiroofinii fa'itti hojjeta.
Tahus dhiigni baayyeen si dhangala'a taanaan sochii qaamaa gochuufi hakiima dubbisuun sirraa eegama.












