Liqeessitoonni mootummaa Itoophiyaa himanna jechaa turan akkamiin waliigalan?

Alaabaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dureeyyiin mootummaa Itoophiyaaf maallaqa liqeessan ji'a tokko dura mootummaa Itoophiyaa akka himatan beeksisanii turan.

Mariin mootummaa Itoophiyaafi dureeyyiin yuuroo boondii abbaa dolaara biiliyoona tokko bitan Waxabajjii keessa taasisan waliigaltee malee xumuramee ture.

Gaafa Wiixataa garuu Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa dureeyyii waliin waliigaltee marsaa duraarra gahuu beeksiseera.

Ibsi ministeerichaa akka beeksisutti, waliigalteen irra gahame qabxiilee kana dura mariif dhihaatan irrattidha.

Dureeyyiin amma akka waliigalan wanti isaan taasise dandamannaa haaraa Itoophiyaan dhiheessitedha.

Qabxiin waliigaltee mootummaan Itoophiyaa dhiheesse dureeyyiin Itoophiyaaf liqeessan fuula duratti gurgurtaa boondii mootummaan dhiheessu irratti mirga qooda bitachuu akka qabaatan godha.

Dhimmichi itti dhiheenyaan kan hordofan xinxalaan faayinaansii Dr Abdulmannaan Mohaammad dandamannaan amma dhihaate dureeyyiif ''waliigaltee gaariidha'' ilaalcha jedhu qabu.

Mootummaan Itoophiyaas ''filmaata biraa akka hin qabne'' dubbatu.

Akkamin as gahame?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan seenaa ishee keessatti boondii liqaa idil addunyaa jalqabaa kan ifa goote bara 2007'tti ture.

Mootummaan ADWUI'n durfamu boondii kana kan dhiheesse maallaqa argamuun paarkiiwwan indastirii ijaaruufidha.

Mootummaan Itoophiyaa qaamolee boondii bitanif dhala waggaa 6.625% kaffaluuf waadaa kan seene yoo ta'u waggoota kudhan boodammoo liqaa kana guutummaan guututti deebisuuf waliigaleera.

ALI Mudde 2016 eegalee garuu mootummaan dhala waggaatti si'a lama kaffaluu qabu hin kaffalle.

ALI Mudde 2017 liqaa kana guutummaan guututti deebisuu kan qabu ta'us kunis ta'uu hin dandeenye.

Itoophiyaan dhala idaa dolaara miiliyoona 33 raawwachuu dhabuun Itoophiyaan biyyoota sadii maallaqa irra jiru kaffaluu hin dandeenye keessaa tokko taateetti.

Akka mootummaan Itoophiyaa ibsutti liqaa kana kan hin kaffalle biyyattiin liqeessitoota kaan kanneen akka Chaayinaa irraa liqaa irra jiru achi buttee kaffaluuf marii gaggeessitu waliin waan wal darbuufi.

Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahimad Shidee

Madda suuraa, Ministry of Finance - Ethiopia

Qabxiilee Waliigalteen irra gahame

Ministeerri maallaqaa ibsa Wixata kaleessaa baaseen akka hubachiisetti koreen Itoophiyaa fi liqeessitootaa ALI Caamsaa 28 hanga Waxabajjii 28, 2018 mariirra turan.

Guyyoota kanneenitti mariin godhame "waliigaltee faayinaansii ijoo" irratti qajeeltoorratti waliigalamuu beeksise.

Haala waliigaltee marsaa duraa kanaan gatiin boondii dolaara biliyoona tokko ture 12%'n ni hir'ifama.

Kunis, abbootii qabeenyaaf dhumarra kan deebi'u dolaara miliyoona 880 akka ta'u godha.

Gatiin boondii inni kunis abbootii qabeenyaaf kan kaffalamu hanga Adoolessa 2021 A.L.I yeroo jiru keessatti marsaawwan kaffaltii afuriini.

Kan jalqabaa dolaara miliyoona 180 torban lama booda Adoolessa 08, 2021 raawwata.

Bara dhufu yeroo wal fakkaatutti inni lammaffaan dolaarri miliyoona 100 ni kaffalama.

Bara 2020 fi 2021 keessa si'a lama dolaarri miliyoona 300 kaffalamee ni xumurama.

Itoophiyaan Mudde 2016 A.L.I irraa eegalee kan hin kaffalin dhalli dolaara miliyoona 99.37 battaluma kaffalti.

Boondiichi kaffalamee hanga xumuramu 2021tti dhala 6.15 kaffaluu itti fufti.

Dabalataanis, mindaa koree abbootiin qabeenyaa (liqeessitoonni) bakka buufatanii dolaara miliyoona 10 dabalatee yeroon kaffaltii liqii dheerachuu isaatiin baasii koree sanaas ni baaftiif.

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, BBC/AMENSISA IFA

Adeemsa damdamannaa haaraa abbootiin qabeenyaa boondii bitan itti waliigalan

Xiinxalaan dhimmoota faayinaansii Dr Abdulmannaan akka ibsanitti gatii boondii irratti hir'inni kan godhamee fi kaffaltii guutuun hanga A.L.I bara 2021 abbootii qabeenyaa jalaa dheerate kan itti waliigalan, wabii maallaqaa (Money Warrant) mootummaan Itoophiyaa dhiyeesse kan jedhu adeemsa damdamannaa haaraa dha.

Ibsa ministeerri maallaqaa baasen, qaamolee lamaan gidduu garaagarummaa jiru dhiphisuuf jecha karoora koreen liqeessitootaa Caamsaa kuffise dabalatee filmaata haaraa dhiyeessuu beeksise.

Filmaanni kun Itoophiyaan gara fuulduraatti Yuurooboondii hanga biliyoona tokkoo gabaaf yoo dhiyeessitu abbootiin qabeenyaa kunneen sheerii akka bitatan mirga kan kennuufidha.

Abbootiin qabeenyaa kunneen boondii haaraa keessatti gaheen qabaatan kan murtaawu hanga maallaqaa boondii ammaa keessatti qabanirratti hundaa'a.

Akka Doktar Abdulmannaan jedhanitti, gara fuulduraatti boondii gabaaf dhiyaata jedhame kan abbootii qabeenyaaf mijataa godhe hangi dhala waggaa kan ammaatii ol ta'uusaati.

Akkaataa waliigalteetti hammi dhala boondichaa murtaayee hin kaayamne.

Hammi dhala boondichaa kan herregamu boondichi waggaa lama boodab bara 2018 wayita gabaaf dhiyaatu dhala sanada faayinaansii waggaa jahaaf turu kan mootummaan Ameerikaa kaffalu irratti hundaayeeti.

Dhalli boondii mootummaan Ameerikaa dhiyeessurratti immoo dhalli dabalataa 4.6% ni ni kaayama.

Dr Abdulmannaan, "fakkeenyaaf tireejarii boondii Ameerikaa amma yoo ilaalle, jiddugaleessaan 4%'n kan ol ka'e dha. Kana jechuun gara fuulduraatti mootummaan Itoophiyaa boondii yoo baase dhala 9%tu itti dhufa jechuu dha" jechuun ibsu.

Harka lama maallaqa lakkaawaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ammaaf boondiif dhalli waggaa 6.15%tu kaffalama kan jedhan ogeessi faayinaansii kun, abbootiin qabeenyaa waliigaltee haaraadhaan akka waadaa galameef dhalli kaffalamuuf "gabaadhaa ol baay'ee kan ol ka'e" ta'uu hubachiisan.

Haa ta'uu malee, waliigaltee kun mootummaa Itoophiyaa aara galfachiiseera. Mootummaan hanga Waxabajjii 2020 A.L.I yeroo jiru keessatti liqii boondii baasuu yoo hin feene abbootii qabeenyaatiif kaffaluudhaan filannoo kennameef hambisuu danda'a.

Mootummaan Itoophiyaa boondii gabaaf dhiyeessuu dhiisuu isaatiin maallaqa kaffaluu qabu kan murteessu, gatii waytaawaan "mirga bitachuu" abbootii qabeenyaaf kenne herregameeti.

Garuu, kaffaltiin raawwatamu dolaara miliyoona 90 akka hin caalle waliigalticha irratti eerameera.

Dr Abdulmannaan, mootummaan Itoophiyaa boondii gabaa osoo hin baasin filannoo kana ni hordofa jedhanii amanu.

Kunis ta'ee garuu, fiixeen dolaara miliyoonni 90 isaan argatan "baay'ee guddaa" ta'uu isaa himu.

Sababa waliigaltee kanaatiin abbootiin qabeenyaa "hamma danda'anitti kisaaraa isaanii hir'isuu danda'aniiru" kan jedhan Dr Abdulmannaan, "bittooni boondii faana mootummaan Itoophiyaa waliin mariyachuun waliigalteen argatan gaarii dha" jedhu.

Sababa kaffaltii boondii kanaatiin biyyoonni liqeessan faana guutuutti waliigalteerra kan gahamuun dadhabameef mootummaan Itoophiyaa, karaa akkasii fayyadamuu caalaa, "filannoo biraa" akka hin qabne himu. Kun "mootummaa Itoophiyaatiif gaariidha" jedhan.

Waliigalteen kun biyyoota liqeessaniin fudhatama argachuu danda'aa?

Ministeerri maallaqaa ibsa kaleessa baaseen akka beeksisetti, wabiin maallaqaa abbootii qabeenyaaf kenname Fandii Maallaqaa Idil-addunyaaf (IMF) dhiyaatee madaalameera.

IMF qabxiileen waliigaltee madaallii "galmoota waarayiinsa idaa fi madaalliiwwanii (Debt Sustainability Goals and Metrics) Itoophiyaaf kaayen kan wal simu ta'uu mirkaneessuun" isaa ibse.

Yeroo kaffaltii liqii dheeressuu kan dursu koreen biyyoota liqeesanii Faransaayii fi Chaayinaanis waliigalticharratti komii akka hin dhiyeessin ministeerichi hime. Itti aansees koreen biyyoota miseensota kaanii akka raggaasisan akka dhiyeessu eere.

Dr Abdulmannaan, waliigalteen miilanaa mootummaan Itoophiyaa biyyoota liqeessitoota faana dhimmi qabu dafee akka xumuramuuf gargaara" jedhan.

Mootummaan "amma [bittootaa boondii] waliin yoo fixe dhimmi yeroo liqii dheeressuu dhiyootti xumurama tilmaama."