Mootummaan Eertiraa lammiileen biyyattii maallaqa harka isaanii jiru hatattamaan akka baankii galchan ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Eertiraa lammiileen biyyattii maallaqa harka isaaniirra jiru hunda hanga xumura ji'a Adoolessaatti akka baankii galchan akeekkachiise.
Baankiin Gidduugaleessaa biyyattii ibsa kaleessa baaseen namoonni dhuunfaas tahe dhaabbileen maallaqa biyyichaa Naaqfaa harkaa qaban akka baankii galchan hime.
Baankichi ibsa baaseen lammiileen biyyattii hunduu Naaqfaa qofa bittaa gurgurtaaf akka fayyadamuu qaban beeksise.
Bittaa gurgurtaan kamuu maallaqa callaan qofa tahuu akka qabus himeera.
Kanaaf namoonni dhuunfaas tahe dhaabbileen kamiyyuu maallaqa of bira kaa'uu seeraan akka adabsiisu hime.
Kana qofa osoo hin taane namoonni herrega baankii hin qabne haaraa banachuun akka qusatan ibseera.
Dhaabbilee ykn namoota qajeelfama baankichaa cabsaniifi maallaqa of bira tursiisan irratti tarkaanfiin seeraa cimaan akka fudhatamu himeera.
Haa tahu malee, namoota yeroo jedhame keessatti maallaqa isaanii baankii hin galchine irratti tarkaanfiin seeraa fudhatama jedhame maal akka tahe garuu hi ibsine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qajeelfamni haaraan kun isa kana dura to'annoo cimaa mootummaan Eertiraa tilmaama sharafa maallaqa alaa, daddabarsa seeraan alaa maallaqaafi gatii meeshaaleefi oomishaalee baase irratti fudhataa ture waliin wal fakkaata.
Waggaa 10 dura mootummaan Eertiraa maallaqa haaraa maxxansuun hojiirra olchee ture.
Yeroo sana tarkaanfii kana fudhachuu isaan namoonni maallaqa harka isaanii ture akka gara baankiitti galchan godhee ture.
Yeroos mootummaan Ertiraa jijjiirama maallaqaa kan godhe ''daddabarsa maallaqa seeraan ala to'achuufi dinagdee biyyattii tasgabbeessuufi'' jechuun sababa eeree ture.
Adeemsa jijjiirama maallaqaan maallaqa baankii seene to'achuu kan danda'e mootummaan yeroosii eegalee lammiin Ertiraa kamuu maallaqa sochoosu irratti dhorkaa cimaa kaa'uu danda'eera.
Akkaataa kanaan baankii Ertiraa keessa jiru keessatti namoonni maallaqa qaban herreega isaanii keessaa ji'a tokko keessa maallaqa baasuu kan danda'an naaqifaa kuma shan qofa akka ta'u daanga'eera.
Ogeeyyiin dinagdee akka jedhanitti maallaqa lammiilee irratti daangaan kaa'ame sochii maallaqaafi jiruu guyyaa lammiilee irratti dhiibbaa gubbaa qaba, sochii dinagdees duubatti harkisa.
Hamma maallaqaa baankiilee keessaa bahuurratti daangaan kaa'ame jiruufi jireenya ummataarratti gama garagaraan dhiibbaa uumeera.
Bittaawwan maallaqni guddaa barbaachisuufi dhimmoota biroof lammiilee maallaqa barbaadaniif dhorkaa cimaa kaa'ameen ji'oota baay'eef maallaqa baankiidhaa baasanii walitti kuusuuf dirqamu.
Dabalataan, dhimmoota gurguddoo maallaqa guddaa gaafatan kanneen akka cidhaaf maallaqa yoo barbaadan ji'aan kuma shanii ol baasuuf aangawaa naannichaaf xalayaa deeggarsaa galchuu qabu.
Akeekkachiisi mootummaan Ertiraa amma baase kuni kan bahe waggoota muraasa darban naaqifaan harka namootaa kuufame caasaa maallaqaa mootummaatti deebisuu, akkasumas mootummaan to'annoo dinagdeefi daddabarsa maallaqaa cimsuuf kan kaayyeffate akka ta'e amanama.
Mootummoota Afrikaa sirni baankii isaanii to'annoo cimaa jala jiran keessaa tokko Ertiraadha.
Ertiraa keessatti daddabarsi maallaqaafi tajaajilli baankii waan hin jirreef daddabarsi maallaqaafi gurgurtaan gara caalu maallaqa callaan adeemsifama.














